< Genesis 45 >

1 Then Joseph could not refrain himself before all them that stood by him; and he cried: 'Cause every man to go out from me.' And there stood no man with him, while Joseph made himself known unto his brethren.
Kana irratti Yoosef namoota hunda duratti of qabuu dadhabee, “Namoota hunda fuula koo duraa gad yaasaa!” jedhee iyye. Kanaaf yommuu Yoosef obboloota isaatti of beeksisetti namni tokko iyyuu isa bira hin turre.
2 And he wept aloud; and the Egyptians heard, and the house of Pharaoh heard.
Sababii inni guddisee booʼeef warri Gibxi ni dhagaʼan; warra masaraa Faraʼoon birattis ni dhagaʼame.
3 And Joseph said unto his brethren: 'I am Joseph; doth my father yet live?' And his brethren could not answer him; for they were affrighted at his presence.
Yoosefis obboloota isaatiin, “Ani Yoosef; abbaan koo amma iyyuu jiraa?” jedhee gaafate. Obboloonni isaa garuu sababii fuula isaa duratti naʼanii turaniif deebii isaaf kennuu hin dandeenye.
4 And Joseph said unto his brethren: 'Come near to me, I pray you.' And they came near. And he said: 'I am Joseph your brother, whom ye sold into Egypt.
Yoosefis obboloota isaatiin, “Mee as natti dhiʼaadhaa” jedhe. Isaan isatti dhiʼaannaan inni akkana jedhe; “Ani Yoosef obboleessa keessan isa isin Gibxitti gurgurtan sanaa dha!
5 And now be not grieved, nor angry with yourselves, that ye sold me hither; for God did send me before you to preserve life.
Ammas sababii asitti na gurgurtaniif hin gaabbinaa; ofittis hin aarinaa. Waaqni lubbuu baraaruuf jedhee isin dura na ergeeraatii.
6 For these two years hath the famine been in the land; and there are yet five years, in which there shall be neither plowing nor harvest.
Waggoota lamaan kana beelatu biyyattii keessa ture; waggoota shanan dhufan keessas lafa qotachuu fi midhaan galfachuun hin jiru.
7 And God sent me before you to give you a remnant on the earth, and to save you alive for a great deliverance.
Waaqni lafa irratti sanyii isiniif hambisuu fi furii guddaadhaan lubbuu keessan oolchuuf jedhee isin dura na erge.
8 So now it was not you that sent me hither, but God; and He hath made me a father to Pharaoh, and lord of all his house, and ruler over all the land of Egypt.
“Waaqatu as na erge malee isin miti. Inni Faraʼooniif abbaa na godhe; warra mana isaa jiran hunda irratti gooftaa, biyya Gibxi hunda irratti immoo bulchaa na godhe.
9 Hasten ye, and go up to my father, and say unto him: Thus saith thy son Joseph: God hath made me lord of all Egypt; come down unto me, tarry not.
Ammas dafaa gara abbaa kootti deebiʼaatii akkana isaan jedhaa; ‘Ilmi kee Yoosef akkana jedha: Waaqni Gibxi hunda irratti gooftaa na godheera. Gara kootti gad buʼi; hin turinis.
10 And thou shalt dwell in the land of Goshen, and thou shalt be near unto me, thou, and thy children, and thy children's children, and thy flocks, and thy herds, and all that thou hast;
Ati biyya Gooshen keessa ni jiraatta; ati, ijoolleen keetii fi ijoolleen ijoollee keetii, bushaayeen kee, loon keetii fi wanni ati qabdu hundi natti dhiʼaattanii jiraatu.
11 and there will I sustain thee; for there are yet five years of famine; lest thou come to poverty, thou, and thy household, and all that thou hast.
Sababii amma iyyuu waggaan beelaa shan dhufaa jiruuf ani achitti sin soora; yoo kanaa achii atii fi warri mana kee jiraatan, wanni ati qabdu hundinuus ni rakkattu.’
12 And, behold, your eyes see, and the eyes of my brother Benjamin, that it is my mouth that speaketh unto you.
“Akka namni isinitti dubbachaa jiru kun anuma taʼe kunoo, iji keessan, iji obboleessa koo Beniyaamis ni arga.
13 And ye shall tell my father of all my glory in Egypt, and of all that ye have seen; and ye shall hasten and bring down my father hither.'
Ulfina Gibxi keessatti naa kenname hundaa fi waan argitan hunda abbaa kootti himaa. Abbaa koos dafaatii as fidaa.”
14 And he fell upon his brother Benjamin's neck, and wept; and Benjamin wept upon his neck.
Ergasiis morma obboleessa isaa Beniyaamitti marmee booʼe; Beniyaamis booʼaa isa hammate.
15 And he kissed all his brethren, and wept upon them; and after that his brethren talked with him.
Yoosefis obboloota isaa hunda dhungatee itti booʼe. Ergasii obboloonni isaa isa wajjin haasaʼan.
16 And the report thereof was heard in Pharaoh's house, saying: 'Joseph's brethren are come'; and it pleased Pharaoh well, and his servants.
Yommuu akka obboloonni Yoosef dhufan masaraa Faraʼoonitti dhagaʼametti, Faraʼoonii fi qondaaltonni isaa ni gammadan.
17 And Pharaoh said unto Joseph: 'Say unto thy brethren: This do ye: lade your beasts, and go, get you unto the land of Canaan;
Faraʼoonis Yoosefiin akkana jedhe; “Obboloota keetiin akkana jedhi; ‘Waan kana godhaa: Horii keessan feʼadhaa biyya Kanaʼaaniitti deebiʼaatii
18 and take your father and your households, and come unto me; and I will give you the good of the land of Egypt, and ye shall eat the fat of the land.
abbaan keessanii fi maatiiwwan keessan natti fidaa. Ani lafa biyya Gibxi keessaa lafa hunda caalu isiniif nan kenna. Isin cooma biyyattii ni nyaattu.’
19 Now thou art commanded, this do ye: take you wagons out of the land of Egypt for your little ones, and for your wives, and bring your father, and come.
“Akkasumas akkana jedhii isaanitti himi; ‘Waan kana godhaa: Ijoollee keessaniifis, niitota keessaniifis biyya Gibxiitii gaariiwwan fudhadhaa; abbaa keessanis fidaatii kottaa.
20 Also regard not your stuff; for the good things of all the land of Egypt are yours.'
Waaʼee qabeenya keessanii hin yaaddaʼinaa; wanni biyya Gibxi guutuu keessaa waan hunda caalu kan keessan taʼaatii.’”
21 And the sons of Israel did so; and Joseph gave them wagons, according to the commandment of Pharaoh, and gave them provision for the way.
Ilmaan Israaʼelis akkasuma godhan. Yoosefis akkuma Faraʼoon isa ajajetti gaariiwwan kenneefii karaa isaaniitiif illee galaa galaaseef.
22 To all of them he gave each man changes of raiment; but to Benjamin he gave three hundred shekels of silver, and five changes of raiment.
Tokkoo tokkoo isaaniitiif wayyaa kenne; Beniyaamiif garuu meetii saqilii dhibba sadiitii fi wayyaa irraa jalaa shan kenne.
23 And to his father he sent in like manner ten asses laden with the good things of Egypt, and ten she-asses laden with corn and bread and victual for his father by the way.
Abbaa isaatiif immoo harroota, wanni biyya Gibxi gaggaariin itti feʼame kudhan, akkasumas harroota dhaltuu midhaan, buddeenaa fi galaan biraa karaa isaatiif itti feʼame kudhan erge.
24 So he sent his brethren away, and they departed; and he said unto them: 'See that ye fall not out by the way.'
Innis akkasitti obboloota isaa erge; innis yeroo isaan qajeelanitti, “Karaatti wal hin lolinaa!” jedheen.
25 And they went up out of Egypt, and came into the land of Canaan unto Jacob their father.
Isaanis Gibxi keessaa ol baʼanii gara biyya Kanaʼaan abbaa isaanii Yaaqoob bira dhaqan.
26 And they told him, saying: 'Joseph is yet alive, and he is ruler over all the land of Egypt.' And his heart fainted, for he believed them not.
Isaanis, “Yoosef amma iyyuu jira! Biyya Gibxi guutuu iyyuu isumatu bulcha” jedhaniin. Yaaqoob immoo naasuudhaan of wallaale; jara amanuus hin dandeenya.
27 And they told him all the words of Joseph, which he had said unto them; and when he saw the wagons which Joseph had sent to carry him, the spirit of Jacob their father revived.
Garuu yeroo jarri waan Yoosef isaaniin jedhe hunda isatti himanii innis gaariiwwan Yoosef isa fichisiisuuf ergeef sana argetti lubbuun abbaa isaanii Yaaqoob ni bayyanatte.
28 And Israel said: 'It is enough; Joseph my son is yet alive; I will go and see him before I die.'
Israaʼelis, “Na gaʼa! Ilmi koo Yoosef amma iyyuu jira. Anis utuun hin duʼin dhaqee isa nan arga” jedhe.

< Genesis 45 >