< Deuteronomy 4 >

1 And now, O Israel, hearken unto the statutes and unto the ordinances, which I teach you, to do them; that ye may live, and go in and possess the land which the LORD, the God of your fathers, giveth you.
Yaa Israaʼel, ajajawwanii fi seerawwan ani isin barsiisu dhagaʼaa. Akka jiraattanii fi dhaqxanii biyya Waaqayyo Waaqni abbootii keessanii isiniif kennu dhaaltaniifis isaan duukaa buʼaa.
2 Ye shall not add unto the word which I command you, neither shall ye diminish from it, that ye may keep the commandments of the LORD your God which I command you.
Ajaja Waaqayyo Waaqa keessanii kan ani isiniif kennu eegaa malee waan tokko illee itti hin dabalinaa yookaan irraa hin hirʼisinaa.
3 Your eyes have seen what the LORD did in Baal-peor; for all the men that followed the Baal of Peor, the LORD thy God hath destroyed them from the midst of thee.
Isin waan Waaqayyo Baʼaal Pheʼooritti hojjete ijuma keessaniin argitaniirtu. Waaqayyo Waaqni keessan warra isin gidduudhaa Baʼaal Pheʼoor duukaa buʼan hunda balleesseera;
4 But ye that did cleave unto the LORD your God are alive every one of you this day.
isin warri Waaqayyo Waaqa keessan qabattan hundi garuu hamma harʼaatti lubbuudhaan jiraattan.
5 Behold, I have taught you statutes and ordinances, even as the LORD my God commanded me, that ye should do so in the midst of the land whither ye go in to possess it.
Kunoo, akka isin biyya dhaaluuf itti galuuf jirtanitti isaan duukaa buutaniif ani akkuma Waaqayyo Waaqni koo na ajajetti ajajawwanii fi seerawwan isin barsiiseera.
6 Observe therefore and do them; for this is your wisdom and your understanding in the sight of the peoples, that, when they hear all these statutes, shall say: 'Surely this great nation is a wise and understanding people.'
Kunis akka saboonni waaʼee ajajawwan kanaa hunda dhagaʼanii, “Dhugumaan sabni guddaan kun saba ogeessaa fi hubataa dha” jedhaniif ogummaa fi hubannaa keessan sabootatti argisiisaatii akka gaariitti isaan eegaa.
7 For what great nation is there, that hath God so nigh unto them, as the LORD our God is whensoever we call upon Him?
Sabni guddaan akka yeroo nu Waaqayyo Waaqa keenya waammannutti nutti dhiʼaatu sana waaqonni isaanii itti dhiʼaatan kan biraa kami?
8 And what great nation is there, that hath statutes and ordinances so righteous as all this law, which I set before you this day?
Sabni guddaan ajajawwanii fi seera qajeelaa akka seera ani harʼa fuula keessan dura kaaʼu kanaa qabu biraa kami?
9 Only take heed to thyself, and keep thy soul diligently, lest thou forget the things which thine eyes saw, and lest they depart from thy heart all the days of thy life; but make them known unto thy children and thy children's children;
Akka waan iji kee arge hin daganneef yookaan akka hamma ati lubbuudhaan jirtutti garaa keetii hin badneef ofuma eeggadhu; jabaadhuu of eeggadhu. Waan kanas ijoollee keetii fi ijoollee ijoollee ijoollee keetii barsiisi.
10 the day that thou stoodest before the LORD thy God in Horeb, when the LORD said unto me: 'Assemble Me the people, and I will make them hear My words that they may learn to fear Me all the days that they live upon the earth, and that they may teach their children.'
Gaafa isin Kooreebitti fuula Waaqayyo Waaqa keessanii dura dhaabattan, yeroo inni, “Akka isaan hamma lubbuudhaan lafa irra jiraatan hundatti na sodaachuu baratanii ijoollee ijoollee isaanii illee na sodaachuu barsiisaniif dubbii koo haa dhagaʼaniitii namoota walitti qabi” naan jedhe sana yaadadhaa.
11 And ye came near and stood under the mountain; and the mountain burned with fire unto the heart of heaven, with darkness, cloud, and thick darkness.
Isin utumaa tulluun sun bobaʼaa ibidda hamma wiirtuu samiitti ol baʼee duumessa gurraachaa fi dukkana limixiidhaan haguugamee jiruu itti dhiʼaattanii miilla tulluu sanaa jala dhadhaabattan.
12 And the LORD spoke unto you out of the midst of the fire; ye heard the voice of words, but ye saw no form; only a voice.
Ergasiis Waaqayyo ibidda keessaa isinitti dubbate. Isinis sagalee dubbii sanaa malee bifa tokko illee hin argine; sagalee tokko qofatu ture.
13 And He declared unto you His covenant, which He commanded you to perform, even the ten words; and He wrote them upon two tables of stone.
Innis kakuu isaa jechuunis Ajajawwan Kurnan akka isin isaan duukaa buutaniif isin ajaje sana isiniif labse. Ergasii immoo gabatee dhagaa lama irratti isaan barreesse.
14 And the LORD commanded me at that time to teach you statutes and ordinances, that ye might do them in the land whither ye go over to possess it.
Waaqayyos yeroo sanatti akka ani ajajawwanii fi seerawwan biyya isin Yordaanos ceetanii dhaaltan sana keessatti duukaa buʼuu qabdan isin barsiisu na ajaje.
15 Take ye therefore good heed unto yourselves — for ye saw no manner of form on the day that the LORD spoke unto you in Horeb out of the midst of the fire —
Gaafa Waaqayyo Kooreeb irratti ibidda keessaa isinitti dubbatetti isin bifa tokko illee hin argine. Kanaafuu jabeessaa of eeggadhaa;
16 lest ye deal corruptly, and make you a graven image, even the form of any figure, the likeness of male or female,
kunis akka isin hin xuroofne, akka Waaqa tolfamaa bifa dhiiraatiin yookaan dubartiitiin soofame kam iyyuu ofii keessaniif hin tolfanne
17 the likeness of any beast that is on the earth, the likeness of any winged fowl that flieth in the heaven,
yookaan horii lafa irra jiraatu yookaan simbira samii keessa barrisu kam iyyuu
18 the likeness of any thing that creepeth on the ground, the likeness of any fish that is in the water under the earth;
yookaan uumama lafa irra munyuuqu kam iyyuu yookaan qurxummii lafa jala bishaan keessa jiraatu kam iyyuu hin tolfanneef.
19 and lest thou lift up thine eyes unto heaven, and when thou seest the sun and the moon and the stars, even all the host of heaven, thou be drawn away and worship them, and serve them, which the LORD thy God hath allotted unto all the peoples under the whole heaven.
Ati yommuu samii ol ilaaltee aduu, jiʼa, urjiiwwanii fi raayyaa samii hunda argitutti gowwoomfamtee fuula waan Waaqayyo Waaqni kee saboota samiidhaa gadii hundaaf qoodee kennee duratti gad jettee hin sagadin.
20 But you hath the LORD taken and brought forth out of the iron furnace, out of Egypt, to be unto Him a people of inheritance, as ye are this day.
Waaqayyo garuu akka isin akkuma amma jirtan kana dhaala isaa taataniif badaa sibiila itti baqsan jechuunis biyya Gibxiitii baasee isin fide.
21 Now the LORD was angered with me for your sakes, and swore that I should not go over the Jordan, and that I should not go in unto that good land, which the LORD thy God giveth thee for an inheritance;
Waaqayyos sababii keessaniif natti dheekkamee akka ani laga Yordaanos ceʼee biyya gaarii kan Waaqayyo Waaqni keessan dhaala godhee isiniif kennu sana hin seenne kakate.
22 but I must die in this land, I must not go over the Jordan; but ye are to go over, and possess that good land.
Ani biyyuma kanatti nan duʼa; ani Yordaanosin hin ceʼu; isin garuu ceetanii biyya gaarii sana dhaaluuf jirtu.
23 Take heed unto yourselves, lest ye forget the covenant of the LORD your God, which He made with you, and make you a graven image, even the likeness of any thing which the LORD thy God hath forbidden thee.
Akka kakuu Waaqayyo Waaqni keessan isin wajjin gale sana hin daganne of eeggadhaa; waaqota tolfamoo Waaqayyo Waaqni keessan isin dhowwe bifa kamiin iyyuu ofii keessaniif hin tolfatinaa.
24 For the LORD thy God is a devouring fire, a jealous God.
Waaqayyo Waaqni keessan ibidda gubee balleessuudhaatii; Waaqa hinaafudhas.
25 When thou shalt beget children, and children's children, and ye shall have been long in the land, and shall deal corruptly, and make a graven image, even the form of any thing, and shall do that which is evil in the sight of the LORD thy God, to provoke Him;
Isin erga ijoollee fi ijoollee ijoollee keessanii hortanii biyya sana keessa bara dheeraa jiraattanii booddee, yoo xurooftanii fakkii waaqota tolfamoo bifa kamii iyyuu tolchitanii fuula Waaqayyo Waaqa keessanii duratti waan hamaa hojjettanii dheekkamsaaf isa kakaaftan,
26 I call heaven and earth to witness against you this day, that ye shall soon utterly perish from off the land whereunto ye go over the Jordan to possess it; ye shall not prolong your days upon it, but shall utterly be destroyed.
akka isin biyya Yordaanos ceetanii dhaaltan irraa ariitiidhaan dhabamtan ani guyyaa harʼaa samii fi lafa dhugaa baatota godhee isinitti nan waama. Iddoo sana yeroo dheeraa hin jiraattan; isin guutumaan guutuutti barbadooftu.
27 And the LORD shall scatter you among the peoples, and ye shall be left few in number among the nations, whither the LORD shall lead you away.
Waaqayyos saboota keessa isin faffacaasa; saboota warra Waaqayyo isaan gidduutti isin faffacaase keessattis muraasa taatanii haftu.
28 And there ye shall serve gods, the work of men's hands, wood and stone, which neither see, nor hear, nor eat, nor smell.
Isinis achitti waaqota harka namaatiin mukaa fi dhagaa irraa hojjetaman kanneen arguu yookaan dhagaʼuu yookaan nyaachuu yookaan fuunfachuu hin dandeenye waaqeffattu.
29 But from thence ye will seek the LORD thy God; and thou shalt find Him, if thou search after Him with all thy heart and with all thy soul.
Garuu yoo achittis Waaqayyo Waaqa keessan barbaaddan ni argattu; isin yoo garaa fi yaada keessan guutuudhaan isa barbaaddan ni argattu.
30 In thy distress, when all these things are come upon thee, in the end of days, thou wilt return to the LORD thy God, and hearken unto His voice;
Yommuu dhiphattee wanni kun hundi sitti dhufutti, baroota dhufuuf jiran keessa gara Waaqayyo Waaqa keetiitti ni deebita; isaafis ni ajajamta.
31 for the LORD thy God is a merciful God; He will not fail thee, neither destroy thee, nor forget the covenant of thy fathers which He swore unto them.
Waaqayyo Waaqni kee Waaqa araaraa ti; inni si hin gatu yookaan si hin balleessu yookaan kakuu abbootii keetiif kakate sana hin dagatu.
32 For ask now of the days past, which were before thee, since the day that God created man upon the earth, and from the one end of heaven unto the other, whether there hath been any such thing as this great thing is, or hath been heard like it?
Waaʼee baroota durii kan utuu ati hin dhalatin dura gaafa Waaqayyo lafa irratti nama uumee jalqabee ture sana iyyaafadhaa; daarii samii tokko irraa hamma daarii kaaniitti iyyaafadhaa. Wanni guddaan akkanaa takkumaa uumamee yookaan wanni akkanaa takkumaa dhagaʼamee beekaa?
33 Did ever a people hear the voice of God speaking out of the midst of the fire, as thou hast heard, and live?
Sabni akka keessan sagalee Waaqaa kan ibidda keessaa dubbatu dhagaʼee lubbuudhaan jiraate kan biraa takkumaa argameeraa?
34 Or hath God assayed to go and take Him a nation from the midst of another nation, by trials, by signs, and by wonders, and by war, and by a mighty hand, and by an outstretched arm, and by great terrors, according to all that the LORD your God did for you in Egypt before thine eyes?
Waaqni kam iyyuu takkumaa akka Waaqayyo Waaqni keessan utuma iji keessan arguu biyya Gibxitti isinii godhe sana saba tokko saba biraa keessaa qorumsaan, mallattoo fi dinqiidhaan, waraanaan, harka jabaa fi irree diriirfameen, yookaan hojii guddaa fi sodaachisaadhaan baasee kan ofii isaa godhachuu yaale jira?
35 Unto thee it was shown, that thou mightiest know that the LORD, He is God; there is none else beside Him.
Isinis Waaqayyo Waaqa taʼuu isaa akka beektaniif wantoonni kunneen isinitti argisiifaman; isa malees kan biraa hin jiru.
36 Out of heaven He made thee to hear His voice, that He might instruct thee; and upon earth He made thee to see His great fire; and thou didst hear His words out of the midst of the fire.
Inni si adabachuuf jedhee samiidhaa sagalee isaa si dhageessise. Lafa irratti ibidda isaa guddicha sitti argisiisee atis ibidda keessaa dubbii isaa dhageesse.
37 And because He loved thy fathers, and chose their seed after them, and brought thee out with His presence, with His great power, out of Egypt,
Inni waan abbootii kee jaallatee isaan booddees sanyiiwwan isaanii filateef ofii isaatiin humna isaa guddaadhaan biyya Gibxiitii baasee isin fide;
38 to drive out nations from before thee greater and mightier than thou, to bring thee in, to give thee their land for an inheritance, as it is this day;
kanas akka harʼa taʼee jiru kana saboota si caalaa gurguddaa fi jajjaboo si duraa ariʼee biyya isaanii dhaala godhee siif kennuuf itti si fide.
39 know this day, and lay it to thy heart, that the LORD, He is God in heaven above and upon the earth beneath; there is none else.
Harʼa akka Waaqayyo ol samii gubbaatti, gad lafa irrattis Waaqa taʼe beeki; garaa keettis qabadhu. Kan biraas hin jiru.
40 And thou shalt keep His statutes, and His commandments, which I command thee this day, that it may go well with thee, and with thy children after thee, and that thou mayest prolong thy days upon the land, which the LORD thy God giveth thee, for ever.
Akka sii fi ijoollee kee warra siʼiin duubaatiif toluu fi akka biyya Waaqayyo Waaqni kee bara baraan siif kennutti umuriin kee dheeratuuf qajeelchawwanii fi ajajawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu eegi.
41 Then Moses separated three cities beyond the Jordan toward the sunrising;
Yeroo sanatti Museen magaalaawwan baʼa Yordaanos sadii addaan baafate;
42 that the manslayer might flee thither, that slayeth his neighbour unawares, and hated him not in time past; and that fleeing unto one of these cities he might live:
kunis lafa namni nama ajjeese yoo utuu itti hin yaadin nama ajjeese itti baqatuu dha. Innis magaalaawwan kanneen keessaa tokkotti baqatee lubbuu isaa oolfachuu dandaʼa.
43 Bezer in the wilderness, in the table-land, for the Reubenites; and Ramoth in Gilead, for the Gadites; and Golan in Bashan, for the Manassites.
Magaalaawwan sunis kanneen turan: Bezer kan gammoojjii keessa tabba irra jirtu gosa Ruubeeniif, Raamooti kan Giliʼaaditti argamtu gosa Gaadiif, Goolaan kan Baashaanitti argamtu immoo gosa Minaaseef.
44 And this is the law which Moses set before the children of Israel;
Kun Seera Museen Israaʼeloota dura kaaʼee dha.
45 these are the testimonies, and the statutes, and the ordinances, which Moses spoke unto the children of Israel, when they came forth out of Egypt;
Qajeelchi, ajajnii fi seerri Museen yommuu isaan biyya Gibxii baʼanitti Israaʼelootaaf kenne kanaa dha;
46 beyond the Jordan, in the valley over against Beth-peor, in the land of Sihon king of the Amorites, who dwelt at Heshbon, whom Moses and the children of Israel smote, when they came forth out of Egypt;
kunis yeroo isaan Sulula Beet Pheʼoor biyya baʼa Yordaanositti argamtu keessa turanitti taʼe; biyyi kunis biyya Sihoon mootii Amoorotaa kan Heshboon keessa jiraachaa turee Musee fi Israaʼeloonni yeroo biyya Gibxii baʼanitti isa moʼatanii ti.
47 and they took his land in possession, and the land of Og king of Bashan, the two kings of the Amorites, who were beyond the Jordan toward the sunrising;
Isaanis biyya isaatii fi biyya Oogi mooticha Baashaan jechuunis biyyoota mootota Amoorii lamaan baʼa Yordaanositti argaman dhaala godhanii fudhatan.
48 from Aroer, which is on the edge of the valley of Arnon, even unto mount Sion — the same is Hermon —
Biyyi kunis Aroʼeer kan daarii Sulula Arnoonii jalqabee hamma Gaara Sihoonitti jechuunis hamma Hermooniitti balʼata;
49 and all the Arabah beyond the Jordan eastward, even unto the sea of the Arabah, under the slopes of Pisgah.
innis Arabbaa baʼa Yordaanosii hamma galaana Arabbaatti jiru kan tabba Phisgaatii gaditti argamu hunda dabalata.

< Deuteronomy 4 >