< 2 Samuel 12 >

1 And the LORD sent Nathan unto David. And he came unto him, and said unto him: 'There were two men in one city: the one rich, and the other poor.
Waaqayyos Naataanin gara Daawititti erge. Innis gara Daawit dhufee akkana jedhe; “Namoota lamatu magaalaa tokko keessa jiraata ture; inni tokko sooressa, kaan immoo hiyyeessa ture.
2 The rich man had exceeding many flocks and herds;
Namichi sooressi sun hoolotaa fi loon akka malee baayʼee qaba ture;
3 but the poor man had nothing save one little ewe lamb, which he had bought and reared; and it grew up together with him, and with his children; it did eat of his own morsel, and drank of his own cup, and lay in his bosom, and was unto him as a daughter.
namichi hiyyeessi sun garuu goromtii hoolaa kan bitate xinnoo tokko malee homaa hin qabu ture; innis goromtii hoolaa sana ni kunuunse; hoolaan sunis isaa fi ijoollee isaa biratti guddatte. Isheen nyaata isaa irraa nyaachaa, dhugaatii isaa irraa dhugaa, bobaa isaa jala ciisaa turte. Goromtiin hoolaa kun isaaf akkuma intala isaa turte.
4 And there came a traveller unto the rich man, and he spared to take of his own flock and of his own herd, to dress for the wayfaring man that was come unto him, but took the poor man's lamb, and dressed it for the man that was come to him.'
“Gaaf tokko keessummaan tokko mana namicha sooressa sanaa dhufe; namichi sooressi sunis hoolota yookaan loon ofii isaa keessaa tokko fuudhee keessummichaaf nyaata qopheessuu mararsiifate. Qooda kanaa ilmoo hoolaa namicha hiyyeessa sanaa fuudhee keessummaa mana isaa dhufe sanaaf qopheesse.”
5 And David's anger was greatly kindled against the man; and he said to Nathan: 'As the LORD liveth, the man that hath done this deserveth to die;
Daawitis namicha sanatti akka malee aaree Naataaniin akkana jedhe; “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, namichi waan kana godhe sun duʼuu qaba!
6 and he shall restore the lamb fourfold, because he did this thing, and because he had no pity.'
Namichi sun qooda hoolaa sanaa harka afur baasuu qaba; inni gara laafina malee waan kana godheeraatii.”
7 And Nathan said to David: 'Thou art the man. Thus saith the LORD, the God of Israel: I anointed thee king over Israel, and I delivered thee out of the hand of Saul;
Naataanis Daawitiin akkana jedhe; “Namichi sun suma! Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Ani Israaʼel irratti mootii godhee si dibeera; harka Saaʼol jalaas si baaseera.
8 and I gave thee thy master's house, and thy master's wives into thy bosom, and gave thee the house of Israel and of Judah; and if that were too little, then would I add unto thee so much more.
Ani mana gooftaa keetii siif kenneera; niitota gooftaa keetii illee bobaa keetti siif kenneera. Ani mana Israaʼelii fi mana Yihuudaa siif kenneera. Utuu kunneen hundi sitti xinnaatanii silaa kana caalaa iyyuu siifin kenna ture.
9 Wherefore hast thou despised the word of the LORD, to do that which is evil in My sight? Uriah the Hittite thou hast smitten with the sword, and his wife thou hast taken to be thy wife, and him thou hast slain with the sword of the children of Ammon.
Ati maaliif waan ija isaa duratti hamaa taʼe hojjechuudhaan dubbii Waaqayyoo tuffatte? Ati Uuriyaa namicha Heet sana goraadeen ajjeeftee niitii isaa fudhatteerta. Ati goraadee Amoonotaatiin isa ajjeefte.
10 Now therefore, the sword shall never depart from thy house; because thou hast despised Me, and hast taken the wife of Uriah the Hittite to be thy wife.
Kanaafuu amma sababii ati na tuffattee niitii Uuriyaa namicha Heet sana ofii keetiif fudhatteef goraadeen mana kee irraa hin fagaatu.’
11 Thus saith the LORD: Behold, I will raise up evil against thee out of thine own house, and I will take thy wives before thine eyes, and give them unto thy neighbour, and he shall lie with thy wives in the sight of this sun.
“Waaqayyo akkana jedha: ‘Kunoo, ani manuma kee keessaa waan hamaa sitti nan kaasa; utuma iji kee arguu niitota kee fuudhee fira sitti aanuuf nan kenna; innis guyyuma saafaadhaan isaan wajjin ni ciisa.
12 For thou didst it secretly; but I will do this thing before all Israel, and before the sun.'
Ati dhoksaatti akkas goote; ani garuu Israaʼeloota hunda duratti guyyuma saafaadhaan waan kana nan godha.’”
13 And David said unto Nathan: 'I have sinned against the LORD.' And Nathan said unto David: 'The LORD also hath put away thy sin; thou shalt not die.
Kana irratti Daawit Naataaniin, “Ani Waaqayyotti cubbuu hojjedheera” jedhe. Naataan immoo deebisee akkana jedhe; “Waaqayyo cubbuu kee sirraa haqeera; atis hin duutu.
14 Howbeit, because by this deed thou hast greatly blasphemed the enemies of the LORD, the child also that is born unto thee shall surely die.'
Taʼus sababii ati waan kana gochuudhaan Waaqayyoon tuffatteef daaʼimni siif dhalate sun ni duʼa.”
15 And Nathan departed unto his house. And the LORD struck the child that Uriah's wife bore unto David, and it was very sick.
Erga Naataan gara mana ofii isaa deemee booddee Waaqayyo daaʼima niitiin Uuriyaa Daawitiif deesse ni dhaʼe; mucichis ni dhibame.
16 David therefore besought God for the child; and David fasted, and as often as he went in, he lay all night upon the earth.
Daawitis daaʼima sanaaf Waaqa kadhate. Innis soomee mana isaatti galee halkan hunda lafa rafaa ture.
17 And the elders of his house arose, and stood beside him, to raise him up from the earth; but he would not, neither did he eat bread with them.
Maanguddoonni mana isaas lafaa isa kaasuuf isa bira dhadhaabatan; inni garuu ni dide; isaan wajjinis homaa hin nyaanne.
18 And it came to pass on the seventh day, that the child died. And the servants of David feared to tell him that the child was dead; for they said: 'Behold, while the child was yet alive, we spoke unto him, and he hearkened not unto our voice; how then shall we tell him that the child is dead, so that he do himself some harm?'
Daaʼimni sunis guyyaa torbaffaatti ni duʼe. Tajaajiltoonni Daawit akka daaʼimni sun duʼe isatti himuu sodaatan; isaan, “Nu yeroo daaʼimni sun lubbuun jirutti Daawititti dubbannee ture; inni garuu nu dhagaʼuu dide. Amma akkamiin daaʼimni sun duʼeera jennee itti himna? Yoo nu itti himne inni of miidha taʼa” jedhanii yaadanii turaniitii.
19 But when David saw that his servants whispered together, David perceived that the child was dead; and David said unto his servants: 'Is the child dead?' And they said: 'He is dead.'
Daawit akka tajaajiltoonni isaa walitti asaasaa jiran hubatee daaʼimni sun duʼuu isaa beeke. Innis, “Mucichi ni duʼee?” jedhee gaafate. Isaanis, “Eeyyee duʼeera” jedhanii deebisan.
20 Then David arose from the earth, and washed, and anointed himself, and changed his apparel; and he came into the house of the LORD, and worshipped; then he came to his own house; and when he required, they set bread before him, and he did eat.
Daawitis lafaa kaʼe. Erga dhagna isaa dhiqatee dibatee booddees uffata isaa geeddaratee mana Waaqayyoo seenee waaqeffate. Ergasii immoo gara mana ofii isaatti galee nyaata gaafannaan dhiʼeessaniif; innis ni nyaate.
21 Then said his servants unto him: 'What thing is this that thou hast done? thou didst fast and weep for the child, while it was alive; but when the child was dead, thou didst rise and eat bread.'
Tajaajiltoonni isaas, “Ati maaliif akkana goota? Yeroo mucichi lubbuun jirutti ni soomte; ni boosses. Amma garuu mucichi duʼeera; ati immoo kaatee nyaatta!” jedhanii isa gaafatan.
22 And he said: 'While the child was yet alive, I fasted and wept; for I said: Who knoweth whether the LORD will not be gracious to me, that the child may live?
Innis akkana jedhee deebise; “Ani yeroo mucichi lubbuun turetti nan soome; nan booʼes. Ani, ‘Eenyutu beeka? Waaqayyo garaa naa laafee mucichi ni fayya’ jedhee yaadeen ture.
23 But now he is dead, wherefore should I fast? can I bring him back again? I shall go to him, but he will not return to me.'
Amma garuu inni duʼeera; yoos ani maaliifin sooma? Ani isa deebisuu nan dandaʼaa? Anatu gara isaa dhaqa malee inni gara koo hin dhufu!”
24 And David comforted Bath-sheba his wife, and went in unto her, and lay with her; and she bore a son, and called his name Solomon. And the LORD loved him;
Ergasiis Daawit niitii isaa Batisheebaa ni jajjabeesse; dhaqees ishee wajjin ciise. Isheenis ilma deesseef; maqaa isaas Solomoon jedhanii moggaasan. Waaqayyos isa ni jaallate;
25 and He sent by the hand of Nathan the prophet, and he called his name Jedidiah, for the LORD'S sake.
Waaqayyo waan isa jaallateef akka inni Yidiidiyaa jedhamee waamamuuf karaa Naataan raajichaatiin dubbii erge.
26 Now Joab fought against Rabbah of the children of Ammon, and took the royal city.
Yeroo sanattis Yooʼaab magaalaa Amoonotaa kan Rabbaa jedhamu waraanee daʼannoo masaraa mootummaa qabate.
27 And Joab sent messengers to David, and said: 'I have fought against Rabbah, yea, I have taken the city of waters.
Yooʼaabis akkana jedhee Daawititti ergamoota erge; “Ani magaalaa Rabbaa waraanee madda bishaan ishee qabadheera.
28 Now therefore gather the rest of the people together, and encamp against the city, and take it; lest I take the city, and it be called after my name.'
Egaa ati loltoota hafan walitti qabadhuutii magaalattii marsii qabadhu. Yoo kanaa achii ani magaalattii nan fudhadha; isheenis maqaa kootiin moggaafamti.”
29 And David gathered all the people together, and went to Rabbah, and fought against it, and took it.
Kanaafuu Daawit loltoota hunda walitti qabatee dhaqee Rabbaa waraanee qabate.
30 And he took the crown of Malcam from off his head; and the weight thereof was a talent of gold, and in it were precious stones; and it was set on David's head. And he brought forth the spoil of the city, exceeding much.
Daawitis mataa mootii isaanii irraa gonfoo fudhate; Gonfichis mataa Daawit irra kaaʼame. Gonfoon sun hamma warqee taalaantii tokkoo ulfaatee dhagaawwan gati jabeeyyiis of irraa qaba ture. Daawitis magaalaa sana keessaa boojuu akka malee baayʼee fudhatee
31 And he brought forth the people that were therein, and put them under saws, and under harrows of iron, and under axes of iron, and made them pass through the brickkiln; and thus did he unto all the cities of the children of Ammon. And David and all the people returned unto Jerusalem.
namoota achi keessa turanis gad yaasee akka isaan magaaziidhaan, gasoo sibiilaatii fi qottoodhaan hojii hojjetan godhe; suphees isaan dhoofsise. Daawit magaalaawwan Amoonotaa hunda keessattis akkasuma godhe. Ergasii Daawitii fi loltoonni isaa hundinuu Yerusaalemitti ni deebiʼan.

< 2 Samuel 12 >