< 1 Chronicles 16 >

1 And they brought in the ark of God, and set it in the midst of the tent that David had pitched for it, and they offered burnt-offerings and peace-offerings before God.
Isaanis taabota Waaqaa fidanii dunkaana Daawit dhaabeef keessa ni kaaʼan; aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa fuula Waaqaa duratti ni dhiʼeessan.
2 And when David had made an end of offering the burnt-offering and the peace-offerings, he blessed the people in the name of the LORD.
Daawitis erga aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeessee booddee maqaa Waaqayyootiin namoota ni eebbise.
3 And he dealt to every one of Israel, both man and woman, to every one a loaf of bread, and a cake made in a pan, and a sweet cake.
Ergasiis inni tokkoo tokkoo nama Israaʼeliitiif, dhiiraa fi dubartiif buddeena tokko tokko, gumaa foonii tokko tokkoo fi bixxillee ija wayinii tokko tokko ni kenne.
4 And he appointed certain of the Levites to minister before the ark of the LORD, and to celebrate and to thank and praise the LORD, the God of Israel:
Innis akka isaan fuula taabota Waaqayyoo duratti tajaajilaniif, akka isaan Waaqayyo Waaqa Israaʼel waammataniif, akka isa galateeffatanii fi akka isa jajataniif Lewwota tokko tokko ni muuddate;
5 Asaph the chief, and second to him Zechariah, Jeiel, and Shemiramoth, and Jehiel, and Mattithiah, and Eliab, and Benaiah, and Obed-edom, and Jeiel, with psalteries and with harps; and Asaph with cymbals, sounding aloud;
isaanis Asaaf hangafticha, Zakkaariyaas itti aanaa isaa, itti fufees Yeʼiiʼeel, Shemiiraamoot, Yehiiʼeel, Matiitiyaa, Eliiyaab, Benaayaa, Oobeed Edoomii fi Yeʼiiʼeel faʼi turan. Jarri kunneen kiraaraa fi baganaa taphatu ture; Asaaf immoo kilillee dhageessisa ture;
6 and Benaiah and Jahaziel the priests with trumpets continually, before the ark of the covenant of God.
Benaayaa fi Yahiziiʼeel luboonni yeroo hunda fuula taabota kakuu Waaqaa duratti malakata afuufu turan.
7 Then on that day did David first ordain to give thanks unto the LORD, by the hand of Asaph and his brethren.
Daawitis gaafa sana akka Asaafii fi michoota isaa faarfannaa galataa kana Waaqayyoof faarfataniif jalqabatti ajaja kenne:
8 O give thanks unto the LORD, call upon His name; make known His doings among the peoples.
Waaqayyoof galata galchaa; maqaa isaas waammadhaa; waan inni hojjetes saboota gidduutti beeksisaa.
9 Sing unto Him, sing praises unto Him; speak ye of all His marvellous works.
Isaaf faarfadhaa; faarfannaadhaan isa galateeffadhaa; waaʼee hojii isaa isa dinqisiisaa hundaas odeessaa.
10 Glory ye in His holy name; let the heart of them rejoice that seek the LORD.
Maqaa isaa qulqulluu sanaan boonaa; garaan warra Waaqayyoon barbaadanii haa gammadu.
11 Seek ye the LORD and His strength; seek His face continually.
Waaqayyoo fi humna isaa barbaaddadhaa; yeroo hunda fuula isaa barbaadaa.
12 Remember His marvellous works that He hath done, His wonders, and the judgments of His mouth;
Dinqii inni hojjete, hojii isaa dinqii sanaa fi murtii inni labse yaadadhaa;
13 O ye seed of Israel His servant, ye children of Jacob, His chosen ones.
isin tajaajiltoonni isaa, warri sanyii Israaʼel taatan, isin filatamtoonni isaa, ilmaan Yaaqoobis kana yaadadhaa.
14 He is the LORD our God; His judgments are in all the earth.
Inni Waaqayyo Waaqa keenya; murtiin isaas lafa hunda irra jira.
15 Remember His covenant for ever, the word which He commanded to a thousand generations;
Inni kakuu isaa bara baraan, waadaa gale sanas dhaloota kumaaf ni yaadata;
16 The covenant which He made with Abraham, and His oath unto Isaac;
inni kakuu Abrahaam wajjin gale, kakuu Yisihaaqiif kakates ni yaadata.
17 And He established it unto Jacob for a statute, to Israel for an everlasting covenant;
Kanas Yaaqoobiif seera, Israaʼeliif immoo kakuu bara baraa godhee akkana jedhee mirkaneesseera; innis:
18 Saying: 'Unto thee will I give the land of Canaan, the lot of your inheritance.'
“Ani biyya Kanaʼaan qooda ati dhaaltu godhee, siif nan kenna” jedhe.
19 When ye were but a few men in number, yea, very few, and sojourners in it,
Isaan yeroo lakkoobsaan xinnoo turanitti, dhugumaanuu xinnoo fi biyyattii keessattis keessummoota turanitti,
20 And when they went about from nation to nation, and from one kingdom to another people,
sabaa gara sabaatti, mootummaa tokkoo gara mootummaa biraatti jooran.
21 He suffered no man to do them wrong, yea, for their sake He reproved kings:
Inni akka namni tokko iyyuu isaan cunqursu hin eeyyamne; sababii isaaniitiifis akkana jedhee mootota ifate:
22 'Touch not Mine anointed ones, and do My prophets no harm.'
“Dibamtoota koo hin tuqinaa; raajota koos hin miidhinaa.”
23 Sing unto the LORD, all the earth; proclaim His salvation from day to day.
Lafti hundinuu Waaqayyoon faarfadhaa; fayyisuu isaas guyyuma guyyaan labsaa.
24 Declare His glory among the nations, His marvellous works among all the peoples.
Ulfina isaa saboota gidduutti, hojii isaa dinqisiisaa sana immoo namoota hunda keessatti labsaa.
25 For great is the LORD, and highly to be praised; He also is to be feared above all gods.
Waaqayyo guddaadhaatii galanni baayʼeen isaaf ni mala; inni waaqota hundaa olittis sodaatamuu qaba.
26 For all the gods of the peoples are things of nought; but the LORD made the heavens.
Waaqonni saboota ormaa hundinuu waaqota tolfamoodhaatii; Waaqayyo garuu samiiwwan uume.
27 Honour and majesty are before Him; strength and gladness are in His place.
Miidhaginnii fi surraan fuula isaa dura jiru; jabinnii fi gammachuunis iddoo jireenya isaa jiru.
28 Ascribe unto the LORD, ye kindreds of the peoples, ascribe unto the LORD glory and strength.
Yaa maatiiwwan sabootaa, Waaqayyoof kennaa; ulfinaa fi jabina Waaqayyoof kennaa.
29 Ascribe unto the LORD the glory due unto His name; bring an offering, and come before Him; worship the LORD in the beauty of holiness.
Ulfina maqaa isaatiif malu Waaqayyoof kennaa. Aarsaa fidaatii fuula isaa duratti dhiʼaadhaa. bareedina qulqullummaa isaatiin Waaqayyoon waaqeffadhaa.
30 Tremble before Him, all the earth; the world also is established that it cannot be moved.
Isin lafti hundinuu fuula isaa duratti holladhaa! Addunyaan jabaattee dhaabatteerti; sochoofamuus hin dandeessu.
31 Let the heavens be glad, and let the earth rejoice; and let them say among the nations: 'The LORD reigneth.'
Samiiwwan haa ililchan; laftis haa gammaddu; isaan saboota gidduutti, “Waaqayyo moʼeera!” haa jedhan.
32 Let the sea roar, and the fulness thereof; let the field exult, and all that is therein;
Galaannii fi wanni isa keessa jiru hundinuu haa huursu; dirreewwanii fi wanni isaan irra jiran hundinuu haa gammadani!
33 Then shall the trees of the wood sing for joy, before the LORD, for He is come to judge the earth.
Mukkeen bosonaa haa faarfatan; isaan gammachuudhaan fuula Waaqayyoo duratti haa faarfatan; inni lafatti muruudhaaf ni dhufaatii.
34 O give thanks unto the LORD; for He is good; for His mercy endureth for ever.
Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii; jaalalli isaa bara baraan jiraata.
35 And say ye: 'Save us, O God of our salvation, and gather us together and deliver us from the nations, that we may give thanks unto Thy holy name, that we may triumph in Thy praise.'
Akkana jedhaatii iyyaa; “Yaa Waaqayyo, Fayyisaa keenya, ati nu baasi; akka nu maqaa kee qulqulluu sana galateeffannuuf, akka galata keetiin of jajnuufis, walitti nu qabiitii saboota ormaa jalaa nu oolchi.”
36 Blessed be the LORD, the God of Israel, from everlasting even to everlasting. And all the people said: 'Amen,' and praised the LORD.
Waaqayyo Waaqa Israaʼeliitiif bara baraa hamma bara baraatti galanni haa gaʼu. Kana irratti namni hundinuu, “Ameen; Waaqayyo haa galatoomu” jedhe.
37 So he left there, before the ark of the covenant of the LORD, Asaph and his brethren, to minister before the ark continually, as every day's work required;
Daawitis akka isaan fuula taabotaa dura yeroo hunda tajaajilaniif, Asaafii fi obboloota isaa achuma fuula taabota kakuu Waaqayyoo duratti isaan dhiise.
38 and Obed-edom with their brethren, threescore and eight; Obed-edom also the son of Jedithun and Hosah to be door-keepers;
Akkasumas Oobeed Edoomii fi warra isaan wajjin hojjetan jaatamii saddeettan akka isaan wajjin tajaajilaniif achitti dhiise. Oobeed Edoom ilmi Yeduutuuniitii fi Hoosaan eegdota balbalaa turan.
39 and Zadok the priest, and his brethren the priests, before the tabernacle of the LORD in the high place that was at Gibeon,
Daawit Zaadoq lubichaa fi luboota isa wajjin hojjetan kaan dunkaana Waaqayyoo qulqulluu kan Gibeʼoon keessatti gaara sagadaa irratti argamu biratti dhiise;
40 to offer burnt-offerings unto the LORD upon the altar of burnt-offering continually morning and evening, even according to all that is written in the Law of the LORD, which He commanded unto Israel;
kunis isaan akkuma waan Seera Waaqayyoo kan inni Israaʼeliif kenne hunda keessatti barreeffame sanaatti yeroo hunda galgalaa fi ganama iddoo aarsaa gubamuu irratti aarsaa gubamu Waaqayyoof akka dhiʼeessaniif.
41 and with them Heman and Jeduthun, and the rest that were chosen, who were mentioned by name, to give thanks to the LORD, because His mercy endureth for ever;
Isaan wajjinis Heemaanii fi Yeduutuun akkasumas warra akka, “Jaalalli isaa bara baraan jiraata” jedhanii Waaqayyoof galata galchaniif filatamanii maqaan isaanii beekame biraatu ture.
42 and with them Heman and Jeduthun, to sound aloud with trumpets and cymbals, and with instruments for the songs of God; and the sons of Jeduthun to be at the gate.
Heemaanii fi Yeduutuun sagalee malakataatiif kilillee dhageessisuu fi akkasumas meeshaa muuziiqaa kan Waaqaa irratti itti gaafatamtoota turan. Ilmaan Yeduutuun immoo karra eegan.
43 And all the people departed every man to his house; and David returned to bless his house.
Ergasii namoonni hundinuu achii kaʼanii tokkoon tokkoon isaanii gara mana ofii isaatti galan; Daawit immoo maatii ofii eebbisuuf gara manaatti ni deebiʼe.

< 1 Chronicles 16 >