< Job 33 >

1 Wherefore, Iob, I pray thee, heare my talke and hearken vnto all my wordes.
“Yaa Iyyoob amma garuu ati dubbii koo dhaggeeffadhu; waan ani jedhu hundas dhagaʼi.
2 Beholde now, I haue opened my mouth: my tongue hath spoken in my mouth.
Kunoo ani afaan koo nan banadha; dubbiin koos fiixee arraba kootii irra jira.
3 My words are in the vprightnesse of mine heart, and my lippes shall speake pure knowledge.
Dubbiin koo garaa qajeelaa keessaa baʼa; hidhiin koos waan ani beeku ifatti baasee dubbata.
4 The Spirite of God hath made me, and the breath of the Almightie hath giuen me life.
Hafuura Waaqaatu na uume; hafuurri Waaqni Waan Hunda Dandaʼu baafatus jireenya naa kenna.
5 If thou canst giue me answere, prepare thy selfe and stand before me.
Egaa yoo dandeesse deebii naa kenni; qophaaʼiitii fuula koo dura dhaabadhu.
6 Beholde, I am according to thy wish in Gods stead: I am also formed of the clay.
Ani fuula Waaqaa duratti namuma akka keetii ti; anis biyyoo irraan hojjetame.
7 Beholde, my terrour shall not feare thee, neither shall mine hand be heauie vpon thee.
Ati na sodaattee hin raafamin; harki koos sitti hin ulfaatin.
8 Doubtles thou hast spoken in mine eares, and I haue heard the voyce of thy wordes.
“Dhugumaan ati utuma ani dhagaʼuu dubbatteerta; anis dubbii kee dhagaʼeera.
9 I am cleane, without sinne: I am innocent, and there is none iniquitie in me.
Ati akkana jetta: ‘Ani qulqulluu dha; cubbuu illee hin qabu; ani balleessaa hin qabu; yakka illee hin hojjenne.
10 Lo, he hath found occasions against me, and counted me for his enemie.
Waaqni garuu balleessaa narratti argeera; akka diina isaattis na ilaaleera.
11 He hath put my feete in the stockes, and looketh narrowly vnto all my paths.
Miilla koo gudeelcha gidduu galchee hidha; karaa koo hundas ni eega.’
12 Behold, in this hast thou not done right: I will answere thee, that God is greater then man.
“Garuu ani sitti nan hima; kana irratti ati qajeelaa miti; Waaqni nama caalaa guddaadhaatii.
13 Why doest thou striue against him? for he doeth not giue account of all his matters.
Ati maaliif akka waan inni dubbii namaatiif deebii hin kennineetti isatti guungumta?
14 For God speaketh once or twise, and one seeth it not.
Namni hubachuu baattu iyyuu, Waaqni karaa tokkoonis, karaa biraatiinis ni dubbata.
15 In dreames and visions of the night, when sleepe falleth vpon men, and they sleepe vpon their beds,
Inni utuma isaan siree isaanii irra ciisanuu, yeroo hirribni cimaan isaan qabutti, abjuudhaan, mulʼata halkaniitiinis,
16 Then he openeth the eares of men, euen by their corrections, which he had sealed,
gurra isaaniitti ni dubbata; of eeggachiisaanis isaan rifachiisa;
17 That he might cause man to turne away from his enterprise, and that he might hide the pride of man,
jalʼina irraa nama deebisuuf, of jajuu irraas isa dhowwuuf,
18 And keepe backe his soule from the pit, and that his life should not passe by the sword.
lubbuu isaa boolla irraa, jireenya isaas goraadeedhaan baduu irraa oolchuudhaaf.
19 He is also striken with sorow vpon his bed, and the griefe of his bones is sore,
“Namni tokko dhiphina lafee isaa keessaa kan gargar hin cinneen, siree dhiphinaa irratti ni adabama taʼa;
20 So that his life causeth him to abhorre bread, and his soule daintie meate.
kanaafuu jireenyi isaa nyaata jibba; lubbuun isaas nyaata filatamaa balfiti.
21 His flesh faileth that it can not be seene, and his bones which were not seene, clatter.
Foon isaa nyaatamee dhuma; lafeen isaa kan duraan dhokatee ture sun alatti yaaʼa.
22 So his soule draweth to the graue, and his life to the buriers.
Lubbuun isaa gara boollaatti, jireenyi isaas ergamoota duʼaatti dhiʼaata.
23 If there be a messenger with him, or an interpreter, one of a thousand to declare vnto man his righteousnesse,
Taʼus yoo kuma keessaa ergamaan Waaqayyoo tokko akka itti qajeelaa taʼan isaanitti himuuf, ergamaan Waaqaa isaanii dhaabatee jiraate,
24 Then will he haue mercie vpon him, and will say, Deliuer him, that he go not downe into the pit: for I haue receiued a reconciliation.
yoo namichaaf garaa laafee ‘Boolla buʼuu irraa isa oolche; ani furii isaaf argeen jira’ jedhe,
25 Then shall his flesh be as fresh as a childes, and shall returne as in the dayes of his youth.
dhagni isaa akkuma dhagna daaʼimaatti haaromfama; akka bara dargaggummaa isaattis ni deebiʼa.
26 He shall pray vnto God, and he will be fauourable vnto him, and he shall see his face with ioy: for he will render vnto man his righteousnes.
Inni Waaqa ni kadhata; isa birattis fudhatama argata; fuula Waaqaa ni arga; ni ililchas; Waaqnis gara qajeelummaa isaa kan duriitti isa ni deebisa.
27 He looketh vpon men, and if one say, I haue sinned, and peruerted righteousnesse, and it did not profite me,
Ergasiis gara namootaa dhufee akkana jedha; ‘Ani cubbuu hojjedheera; waan qajeelaas jalʼiseera; garuu waan naa malu hin arganne.
28 He will deliuer his soule from going into the pit, and his life shall see the light.
Inni akka isheen boolla hin buuneef lubbuu koo fureera; anis jiraadhee ifa nan arga.’
29 Lo, all these things will God worke twise or thrise with a man,
“Waaqni waan kana hunda yeroo lama, yeroo sadii iyyuu namaaf ni godha.
30 That he may turne backe his soule from the pit, to be illuminate in the light of the liuing.
Kanas akka ifni jireenyaa isaaf ifuuf, lubbuu isaas boolla irraa deebisuuf godha.
31 Marke well, O Iob, and heare me: keepe silence, and I will speake.
“Yaa Iyyoob qalbeeffadhuutii na dhaggeeffadhu; ati calʼisi; ani nan dubbadhaa.
32 If there be matter, answere me, and speak: for I desire to iustifie thee.
Yoo waan jettu tokko illee qabaatte deebii naa kenni; dubbadhu, ani akka ati qajeelaa taate mirkaneessuu nan barbaadaatii.
33 If thou hast not, heare me: holde thy tongue, and I will teach thee wisedome.
Yoo akkas taʼuu baate garuu na dhaggeeffadhu; calʼisi, anis ogummaa sin barsiisaa.”

< Job 33 >