< Numbers 14 >
1 Then everybody there cried out loud all night.
Halkan sana namoonni waldaa sanaa hundinuu sagalee isaanii ol fudhatanii booʼan.
2 All the Israelites went and complained to Moses and Aaron, telling them, “If only we'd died in Egypt, or here in this desert!
Israaʼeloonni hundinuu Musee fi Aroonitti guunguman; waldaan guutuunis akkana isaaniin jedhe; “Nu utuu biyyuma Gibxitti dhumnee jiraannee! Yookaan utuu gammoojjii kana keessatti dhumnee jiraannee!
3 Why is the Lord taking us to this country only to get us killed? Our wives and children will be captured and taken away as slaves! Wouldn't we be better off going back to Egypt?”
Waaqayyo maaliif akka nu goraadeedhaan dhumnuuf jedhee biyya kanatti nu fida? Niitonni keenyaa fi ijoolleen keenya ni boojiʼamu. Biyya Gibxitti deebiʼuun nuu hin wayyuu?”
4 They said to one another, “Let's choose a new leader us and go back to Egypt.”
Isaanis, “Amma hoogganaa filannee biyya Gibxitti haa deebinu” waliin jedhan.
5 Moses and Aaron fellfacedown on the ground in front of all the assembled Israelites.
Kana irratti Musee fi Aroon fuula guutummaa yaaʼii Israaʼel kanneen achitti walitti qabamanii duratti addaan lafatti gombifaman.
6 Joshua, son of Nun, and Caleb, son of Jephunneh, were there. They had been part of the group who had gone to spy out the land. They ripped their clothes,
Jarreen biyyattii keessa deemanii basaasan keessaa Iyyaasuun ilmi Nuuniitii fi Kaaleb ilmi Yefunee uffata ofii tarsaasanii,
7 and told the Israelites, “The country we traveled through and explored has very good land.
guutummaa yaaʼii Israaʼelootaatiin akkana jedhan; “Biyyi nu keessa deemnee basaasne sun akka malee gaarii dha.
8 If the Lord is happy with us, he will take us there and give it to us, a land that's so productive it's like flowing with milk and honey.
Waaqayyo yoo nutti gammade biyya sanatti nu galchee biyyattii aannanii fi damma baaftu sana nuu kenna.
9 Don't rebel and fight against the Lord. You don't need to be afraid of the people living there in the country—we can take them easily! They're defenseless and the Lord is with us. Don't be frightened of them!”
Isin garuu Waaqayyotti hin fincilinaa. Waan nu isaan lilliqimsinuuf namoota biyya sanaa hin sodaatinaa. Gaaddisni isaan irraa kaʼeera; Waaqayyo nu wajjin jira. Isaan hin sodaatinaa.”
10 In reply all the people shouted out, “Stone them!” But the glory of the Lord suddenly appeared in the Tent of Meeting, right in the middle of the Israelites.
Waldaan guutuun garuu dhagaan isaan tumuudhaaf mariʼate. Ulfinni Waaqayyoos fuula dunkaana wal gaʼii duratti Israaʼeloota hundatti mulʼate.
11 The Lord told Moses, “How long are these people going to reject me? How long are these people going to refuse to trust in me despite all the miracles I have done right in front of them?
Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe; “Sabni kun hamma yoomiitti akkana na tuffata? Utuma ani mallattoowwan kanneen hunda gidduu isaaniitti hojjedhuu isaan hamma yoomiitti na amanuu didu?
12 I'm going to make them sick with a disease and kill them. Then I will make you into a nation that's greater and strong than them.”
Ani golfaadhaan dhaʼee isaan nan balleessa; siʼi garuu saba isaan caalaa guddaa fi jabaa sin godha.”
13 But Moses told the Lord, “The Egyptians will find out about it! It was by your power that you led the Israelites out from among them.
Museen Waaqayyoon akkana jedhe; “Warri Gibxi waaʼee waan kanaa ni dhagaʼu! Ati humna keetiin saba kana gidduu isaaniitii baaftee fiddeertaatii.
14 They will tell the people living in this country all about it. They've already heard that you, Lord, are with us Israelites, that you, Lord, are seen face to face, that your cloud stands guard over them, and that you lead them by a pillar of cloud during day and a pillar of fire at night.
Isaanis waaʼee waan kanaa saba biyya sana keessa jiraatutti ni odeessu. Yaa Waaqayyo, isaan akka ati saba kana gidduu jirtu dhagaʼaniiru; yaa Waaqayyo isaan akka ati fuuluma isaaniitti mulʼatu, akka duumassi kee isaaniin ol jiruu fi akka ati guyyaa utubaa duumessaatiin, halkan immoo utubaa ibiddaatiin isaan dura deemtu dhagaʼanii jiru.
15 If you kill all these people in one go, the nations who have heard about you will say,
Yoo ati saba kana yeruma tokkotti barbadeessite, saboonni oduu waaʼee keetii dhagaʼan,
16 ‘The Lord killed these people in the desert because he wasn't able to take them to the country he promised to give them. He's killed them all in desert!’
‘Waaqayyo biyya kakuudhaan waadaa isaaniif gale sanatti saba kana galchuu hin dandeenye; inni kanumaaf gammoojjii keessatti isaan gogorraʼe’ jedhu.
17 Now, Lord, please demonstrate the extent of your power just as you have said:
“Egaa akkuma ati akkana jettee dubbatte sanatti jabinni Gooftaa haa argisiifamu:
18 The Lord is slow to become angry and is full of trustworthy love, forgiving sin and rebellion. However, he will not allow the guilty to go unpunished, bringing the consequences of the parents' sin on their children, grandchildren, and great-grandchildren.
‘Waaqayyo dafee hin aaru; jaalalli isaa immoo guddaa dha; inni cubbuu fi fincila namaaf dhiisa. Taʼu illee inni nama yakka hojjetu adabu malee hin dhiisu; inni hamma dhaloota sadaffaa fi afuraffaatti sababii cubbuu abbootii isaaniitiif jedhee ijoollee ni adaba.’
19 Please forgive the sin of these people since your trustworthy love is so great, in the same way that you have forgiven them from the time they left Egypt until now.”
Akkuma yeroo isaan biyya Gibxii baʼanii jalqabdee hamma ammaatti dhiifama isaaniif goote sana akkuma jaalala kee guddaa sanaatti cubbuu saba kanaa dhiisiif.”
20 “I have forgiven them as you asked,” the Lord replied.
Waaqayyo akkana jedhee deebiseef; “Ani akkuma ati kadhatte sana isaaniif dhiiseera.
21 “But even so, as I live and as the whole earth is filled with the Lord's glory,
Taʼu illee akkuma ani dhugumaan jiraataa taʼee fi akkuma ulfinni Waaqayyoo dhugumaan lafa hunda guute sana,
22 not a single one of the those who saw my glory and the miracles I did in Egypt and in the desert—but provoked me and refused to obey me time and time again—
namoota ulfina koo arganii, mallattoowwan ani biyya Gibxiitii fi gammoojjii keessatti hojjedhe arganii garuu naa ajajamuu didanii yeroo kudhan na qoran sana keessaa namni tokko iyyuu,
23 not a single one of them is ever going to see the country I promised to give their forefathers. None of those who rejected me will see it.
tokkoon isaanii biyya ani kakuudhaan abbootii isaaniitiif waadaa gale sana hin argan. Namni na tuffate tokko biyya sana hin argu.
24 But because my servant Caleb has a totally different spirit and is fully committed to me, I will lead him to the country he visited, and his descendants will own it.
Garbicha koo Kaaleb garuu sababii inni hafuura addaa qabuu fi sababii garaa guutuudhaan na duukaa buʼaa jiruuf, ani biyya inni dhaqe sanatti isa galcha; sanyiin isaas biyya sana ni dhaala.
25 Since the Amalekites and Canaanites are living in the valleys, tomorrow you are to turn around and head back into the desert, taking the route towards the Red Sea.”
Sababii Amaaleqoonnii fi Kanaʼaanonni Sululoota keessa jiraataniif, isin bor deebiʼaatii karaa Galaana Diimaatiin gammoojjiitti qajeelaa.”
26 The Lord told Moses and Aaron,
Waaqayyo Musee fi Arooniin akkana jedhe:
27 “How much longer are these wicked people going to criticize me? I've heard what they're saying, making complaints against me.
“Waldaan hamaan kun hamma yoomiitti natti guunguma? Ani guungummii Israaʼeloota guungumtoota sanaa dhagaʼeera.
28 Go and tell them, ‘As I live, declares the Lord, I'll do just what I heard you say you wanted, believe me!
Akkana jedhii isaanitti himi; ‘Waaqayyo akkana jedha; ani jiraataadhaatii, akkuma isin gurra kootti dubbattan sana anis isinitti godha:
29 All of you will die in this desert, everyone who was registered in the census that counted those aged twenty or over, because you made complaints against me.
Reeffi keessan jechuunis reeffi warra umuriin isaanii waggaa digdamaa fi digdamaa olii kanneen lakkoobsa uummataa keessatti lakkaaʼamanii natti guunguman hundaa gammoojjii kana keessatti harcaʼee hafa.
30 Absolutely none of you will enter the country I promised to give you to live in, except for Caleb, son of Jephunneh, and Joshua, son of Nun.
Kaaleb ilma Yefuneetii fi Iyyaasuu ilma Nuuni malee tokkoon keessan iyyuu biyya ani keessa isin qubachiisuuf kakadhe sanatti hin galtan.
31 However, I will take your children—those you said would be taken away as plunder—into the country you rejected, and they will appreciate it.
Ani garuu ijoollee keessan warra isin ni boojiʼamu jettan sana itti nan galcha; isaanis biyya isin tuffattan sana ni beeku.
32 But you—you are all going to die in this desert.
Isin garuu, reeffi keessan gammoojjuma kana keessatti harcaʼa.
33 Your children will wander in the desert for forty years, suffering because of your lack of trust until all your bodies lie buried in the desert.
Ijoolleen keessan waggaa afurtama gammoojjii kana keessa ni jooru; hamma isin hundi gammoojjii keessatti dhumtanitti isaan sababii amanamummaa dhabuu keessaniitiif achitti rakkatu.
34 Just as you explored the country for forty days, so shall your punishment for your sins be forty years, a year for every day, and you will see what happens when I oppose you.
Isin akkuma bultii afurtama biyya sana basaastan, akkasuma bultiin tokko akka waggaa tokkootti lakkaaʼamee waggaa afurtama cubbuu keessaniif dhiphattu; yeroo sana isin akka ani isiniin mormu ni beektu.’
35 I, the Lord, have spoken! Just see if I won't do this to all these wicked Israelites who have got together to oppose me! They will end their lives in the desert—they will die there.’”
Ani Waaqayyo waan kana dubbadheen jira; ani dhugumaan waan kana waldaa hamaa naan mormuuf walitti gurmaaʼe kana guutuutti nan fida. Isaan gammoojjii kana keessatti dhumu; asumattis ni duʼu.”
36 The men that Moses had sent to explore the country—those who came back and because they gave a bad report they made all the Israelites complain against the Lord—
Namoonni Museen akka isaan biyyattii basaasaniif erge yommuu achii deebiʼanitti waaʼee biyya sanaa gabaasa hamaa waldaatti gabaasanii akka waldaan Museetti guungumu godhan jechuunis
37 those men who gave the bad report died before the Lord from plague.
namoonni waaʼee biyyattii gabaasa hamaa gabaasuutti gaafataman sun dhaʼichaan fuula Waaqayyoo duratti dhuman.
38 The only ones who lived were Joshua son of Nun and Caleb son of Jephunneh of those who went to explore the country.
Namoota biyyattii basaasuu dhaqan keessaa Iyyaasuu ilma Nuunitii fi Kaaleb ilma Yefunee qofatu duʼa oole.
39 When Moses told the Israelites what the Lord had said they were very, very sad.
Museen waan kana hunda Israaʼelootatti himnaan isaan akka malee booʼan.
40 They got up early the next morning planning to go into the hill country. “Yes we really did sin,” they said, “but now we're here and we'll go where the Lord told us.”
Isaanis guyyaa itti aanu ganamaan fiixee biyya gaaraatti ol baʼanii, “Nu cubbuu hojjenneerra; nu amma gara lafa Waaqayyo waadaa nuu gale sanaa dhaqna” jedhan.
41 But Moses objected. “Why are you disobeying the Lord's command? You won't succeed in your plan!
Museen garuu akkana jedhe; “Isin maaliif ajaja Waaqayyoo cabsitu? Wanni kun isiniif hin milkaaʼu!
42 Don't try and go, otherwise you will be killed by your enemies, because the Lord isn't with you.
Akka diinota keessaniin hin moʼatamneef ol hin baʼinaa; Waaqayyo isin wajjin hin jiruutii;
43 The Amalekites and Canaanites living there will attack you, and you will die by the sword. Because you rejected the Lord, he won't help you.”
Amaaleqoonnii fi Kanaʼaanonni achitti isinitti dhufuutii. Sababii isin Waaqayyo irraa garagaltaniif inni isin wajjin hin jiraatu; goraadeedhaan barbadeeffamtu.”
44 But they were arrogant and went up into the hill country, even though Moses and the Ark of the Lord's Agreement didn't move from the camp.
Isaan garuu utuu Musee fi taabonni kakuu Waaqayyoo qubata keessaa gad hin baʼin yaaduma isaaniitiin kaʼanii fiixee biyya gaaraatti ol baʼan.
45 The Amalekites and Canaanites who lived there in the hill country came down and attacked the Israelites and defeated them, and chased them all the way to Hormah.
Yommus Amaaleqoonnii fi Kanaʼaanonni gaara sana irra jiraatan gad buʼanii isaan dhaʼanii hamma Hormaatti isaan ariʼan.