< Job 6 >

1 Then Job responded:
Iyyoobis akkana jedhee deebise:
2 “If my grief could be weighed and my troubles placed on the scales
“Utuu gaddi koo safaramee dhiphinni koo hundis madaalii irra kaaʼamee jiraatee!
3 they would be heavier than the sand of the sea. That's why I spoke so rashly.
Waan inni cirracha galaanaa caalaa ulfaatuuf, ariitiin dubbachuun koo nama hin dinqisiisu ture.
4 For the arrows of the Almighty are in me; their poison saps my spirit. God's terrors are lined up against me.
Xiyyawwan Waaqa Waan Hunda Dandaʼuu na keessa jiru; hafuurri koo summii isaanii dhuga; sodaachisuun Waaqaa natti hiriireera.
5 Don't wild donkeys bray when their grass is gone? Don't cattle groan when they don't have food!
Harreen diidaa utuu marga qabuu halaakaa? Yookaan qotiyyoon utuu okaa qabuu baroodaa?
6 Can something that's tasteless be eaten without salt? Is there any taste in the white of an egg?
Nyaanni hin miʼoofne soogidda malee nyaatamaa? Yookaan bishaan hanqaaquu ni miʼaawaa?
7 I just can't touch any food—even the thought makes me feel sick!
Ani isa tuquu hin fedhu; nyaanni akkasii na dhukkubsa.
8 Oh, if only I could have what I really want, that God would give me what I most desire—
“Utuu kadhannaan koo deebii argatee, Waaqnis waan ani hawwu naa kennee jiraatee,
9 that God would be willing to crush me to death, that he would just let me die!
utuu na caccabsuun fedhii Waaqaa taʼee, utuu harki isaa hiikamee na galaafatee!
10 But it still comforts me to know, making me happy through the never-ending pain, that I have never rejected the words of God.
Silaa kun jajjabina naa taʼa ture; dhukkuba hamaa keessatti iyyuu nan gammada ture; ani dubbii Qulqullicha sanaa hin ganneetii.
11 Why should I go on waiting when I don't have the strength? Why should I keep going when I don't know what is going to happen to me?
“Ammas akkan abdadhuuf jabinni koo maali? Akkan obsuufis humni koo maali?
12 Am I as strong as rock? Am I made out of bronze?
Ani jabina dhagaa qabaa? Foon koos naasiidhaa?
13 How can I help myself now that any chance of success is ripped away from me?
Ani of gargaaruuf humna tokko illee qabaa? Ogummaan na keessaa badeera mitii?
14 Anyone who isn't kind to a friend has given up respecting the Almighty.
“Namni michuu isaatiif garaa hin laafne Waaqa Waan Hunda Dandaʼu iyyuu sodaachuu dhiiseera.
15 My brothers have acted as deceptively as a desert stream, rushing waters in the desert that vanish.
Obboloonni koo garuu akka doloolloo, akkuma laga yeroof guutee darbuu gowwoomsitoota;
16 The stream floods when it is full of dark ice and melting snow,
isaan laga cabbiidhaan booraʼee yommuu cabbiin sun baqutti immoo guutee irra yaaʼuu ti.
17 but in the heat it dries up and disappears, vanishing from where it once was.
Lageen yeroo bonni cimutti ni goggogu; yeroo hoʼaatti immoo iddoo isaaniitii badu.
18 Camel caravans turn aside to look for water, but don't find any and they die.
Warri gaalaan daldalan karaa isaanii irraa jalʼatu; gammoojjiitti namʼanii dhumu.
19 Caravans from Tema looked, travelers from Sheba were confident,
Daldaltoonni Teemaa kanneen gaalaan daldalan bishaan barbaadu; karaa adeemtonni Shebaa immoo isaan abdatu.
20 but their hopes were dashed—they came and found nothing.
Isaan waan abdatanii turaniif ni qaanaʼan; achi gaʼaniis waan jedhan wallaalan.
21 Now you are no help, just like that—you see my trouble and you're afraid.
Ammas isin akka waan faayidaa hin qabnee taatan; gidiraa koo argitanii sodaattan.
22 Have I asked you for anything? Have I told you to bribe anyone for me from your wealth?
Ani takkumaa, ‘Waa naaf kennaa’ yookaan ‘Qabeenya keessan furii naaf godhaa’ jedheeraa?
23 Have I asked you to rescue me from an enemy? Have I told you to save me from my oppressors?
Yookaan, ‘Harka diinaa jalaa na baasaa’ yookaan, ‘Harka cunqursitootaa jalaa na furaa’ jedheeraa?
24 Explain this to me, and I'll be quiet. Show me where I'm wrong.
“Na barsiisaa; ani nan calʼisa; iddoo ani itti dogoggores na argisiisaa.
25 Honest words are painful, but what do your arguments prove?
Dubbiin qajeelaan akkam ulfaataa dha! Falmiin keessan garuu maal mirkaneessa?
26 Are you going to argue over what I said, when the words of someone in despair should be left to blow away in the wind?
Isin waan ani jedhu qajeelchuu, dubbii nama abdii kutatees akka bubbeetti heduu barbaadduu?
27 You would play dice to win an orphan; you would bargain away your friend!
Isin ijoollee abbaa hin qabnetti ixaa buufattu; michoota keessaniifis boolla qottu.
28 Look me in the eye and see if I'm lying to your face!
“Amma garuu yoo fedhii keessan taʼe na ilaalaa. Ani fuula keessan duratti nan sobaa?
29 Don't talk like this! Don't be unjust! What I'm saying is right.
Deebiʼaa; murtiis hin jalʼisinaa; hubadhaa; ani nama qajeelaadhaatii.
30 I'm not telling lies—don't you think I wouldn't know if I was wrong?”
Jalʼinni arraba koo irra jiraa? Afaan koo daba addaan baasuu hin dandaʼuu?

< Job 6 >