< Job 26 >

1 Job replied,
Iyyoob akkana jedhee deebise:
2 “How helpful you have been to this feeble man that I am. How supportive you have been to the weak.
“Ati nama humna hin qabne hammam gargaarte! Irree laafes hammam jajjabeessite!
3 What good advice you have given to this ignorant man, demonstrating you have so much wisdom.
Nama ogummaa hin qabneef gorsa akkamii kennite! Beekumsa guddaa akkamiis argisiifte!
4 Who helped you speak these words? Who inspired you to say such things?
Akka ati dubbii kana dubbattuuf eenyutu si gargaare? Hafuura eenyuutu afaan kee keessaa dubbate?
5 The dead tremble, those beneath the waters.
“Warri duʼan, warri bishaanii gadiitii fi kanneen bishaan keessa jiraatan hundii ni hollatu.
6 Sheol lies naked before God, Abaddon is uncovered. (Sheol h7585)
Duuti fuula Waaqaa duratti qullaa jira; badiisnis waan isa dhoksu hin qabu. (Sheol h7585)
7 He stretches the northern sky over empty space; he hangs the world on nothing.
Waaqni iddoo duwwaa irra samii kaabaa diriirsa; lafas iddoo duwwaa irratti rarraasa.
8 He gathers the rain in his storm clouds which do not break under the weight.
Inni duumessa isaatiin bishaanota hidhee qaba; duumessi sunis bishaanota jalatti hin dhoʼu.
9 He veils his throne; covering it with his clouds.
Inni duumessoota isaa itti uffisuudhaan fuula jiʼaa ni haguuga.
10 On the surface of the waters he set a boundary; he set a limit dividing light from darkness.
Inni fuula bishaanotaa irratti, ifaa fi dukkana gidduu daarii dhaabe.
11 The pillars of heaven tremble; they shake with fear at his rebuke.
Utubaawwan samii ni hollatu; dheekkamsa isaatiinis ni rifatu.
12 He calmed the sea with his power; because he knew what to do he crushed Rahab.
Inni humna isaatiin galaana ni raasa; ogummaa isaatiinis Raʼaabin ni ciccira.
13 The breath of his voice made the heavens beautiful; with his hand he pierced the gliding serpent.
Hafuura baafatuun samiiwwan qulqulleesse; harki isaas bofa shawwisaa waraane.
14 This is just a little of all he does—what we hear of him is hardly a whisper, so who can understand his thunderous power?”
Wantoonni kunneen hojii isaa keessaa qarqaruma qofa; hasaasni nu waaʼee isaa dhageenyu hammam xinnaa dha! Yoos kakawwee humna isaa eenyutu hubachuu dandaʼa ree?”

< Job 26 >