< Genesis 31 >
1 Jacob found out that Laban's sons were saying, “Jacob has taken everything that belonged to our father. All the wealth he has actually came from our father.”
Yaaqoobis akka ilmaan Laabaa, “Yaaqoob waan abbaan keenya qabu hunda fudhateera; qabeenya kana hundas waanuma kan abbaa keenyaa ture irraa argate” jedhan dhagaʼe.
2 Jacob also noticed that Laban was treating him differently to the way he had before.
Yaaqoobis fuula Laabaa ilaale; kunoo fuulli isaa akka duraatti isatti hin tolle.
3 The Lord told Jacob, “Go back to the country of your forefathers, to your family home. I will be with you.”
Waaqayyos Yaaqoobiin, “Biyya abbaa keetii fi fira keetti deebiʼi; anis si wajjin nan taʼa” jedhe.
4 Jacob sent for Rachel and Leah, telling them to come and meet him out in the fields where he was with his flock.
Kanaafuu Yaaqoob akka isaan bakkeetti lafa bushaayeen isaa jiranitti gad baʼaniif gara Raahelii fi Liyaatti ergaa erge.
5 “I've noticed that your father is treating me differently to the way he did before,” he told them. “But the God of my father will be with me.
Innis akkana isaaniin jedhe; “Ani akka abbaan keessan akka kanaan duraa sana fuula natti hin tolle hubadheera; garuu Waaqni abbaa kootii na wajjin jira.
6 You both know very well how hard I worked for your father.
Akka ani humna koo guutuudhaan abbaa keessaniif hojjedhe isinuu beektu;
7 But he's been cheating me—he's reduced my wages ten times! However, God hasn't let him hurt me.
taʼus abbaan keessan mindaa koo yeroo kudhan geeddaruudhaan na gowwoomse. Waaqni garuu akka inni na miidhu hin eeyyamneef.
8 If he said, ‘You can have the speckled ones as your wages,’ then the whole flock had speckled young. If he said, ‘You can have the streaked ones as your wages,’ then the whole flock had streaked young.
Yeroo inni, ‘Bushaayeen cocorreen mindaa kee taʼu’ jedhetti, bushaayeen hundi ilmaan cocorree dhalan; yeroo inni, ‘warri halluu qaxxaamuroo qaban mindaa kee taʼu’ jedhetti immoo bushaayeen hundi ilmaan qaxxaamuroo qaban dhalan.
9 This is how God took your father's livestock and gave them to me.
Waaqni karaa kanaan horii abbaa keessanii fuudhee naa kenne.
10 During the time the flock was breeding I had a dream where I saw that the male goats mating with the flock were all streaked, speckled, or spotted.
“Anis gaaf tokko waqtii gaana bushaayeetti abjuu keessa ol ilaalee kunoo korbeeyyiin reʼootatti hobobsan akka halluu qaxxaamuroo qaban, cocorree fi buburree taʼan nan arge.
11 Then in the dream the angel of the Lord spoke to me and said, ‘Jacob!’ I replied, ‘I'm here.’
Ergamaan Waaqayyoos abjuu keessa, ‘Yaaqoob’ naan jedhe. Ani, ‘Kunoo asan jira’ jedheen deebise.
12 He told me, ‘Take a look and you'll see that all the male goats mating with the flock are streaked, speckled or spotted, for I've been watching everything that Laban has been doing to you.
Inni immoo akkana naan jedhe; ‘Akka korbeeyyiin reʼootaa kanneen bushaayeetti hobobsan hundinuu halluu qaxxaamuroo qaban, cocorree fi buburree taʼan ol jedhii ilaali. Ani waan Laabaan sitti hojjete hunda argeeraatii.
13 I am the God of Bethel, where you poured olive oil on the stone pillar and made a solemn promise to me. Now get ready to leave this land and go back to your homeland.’”
Ani Waaqa Beetʼeel lafa ati itti utubaa dibdee wareega naaf wareegde sanaa ti. Amma kaʼiitii biyya kana keessaa baʼiitii gara biyya fira keetiitti deebiʼi.’”
14 “There's nothing for us to inherit from our father's estate anyway,” Rachel and Leah replied.
Kana irratti Raahelii fi Liyaan akkana jedhanii deebisan; “Qoodni yookaan dhaalli mana abbaa keenyaatti nuu hafe jiraa?
15 “He treats us like foreigners because he sold us to you, and now he's spent all that money.
Inni akkuma ormaatti nu ilaala mitii? Inni nu gurgurateeraatii maallaqa sababii keenyaaf kenname nyaatee fixeera.
16 All the wealth that God has taken from him belongs to us and our children, so do whatever God has told you to do!”
Qabeenyi Waaqni abbaa keenya irraa fuudhe hundi kan keenyaa fi kan ijoollee keenyaa ti. Egaa waan Waaqni sitti hime hunda godhi.”
17 So Jacob got ready. He helped his children and his wives onto the camels,
Yaaqoobis ijoollee isaatii fi niitota isaa gaalawwan irra kaaʼate;
18 and drove all his livestock in front of him. He took with him all his possessions and livestock he'd gained during his time in Paddan-aram, and left to go back to his father in the country of Canaan.
horii fi qabeenya kaaba dhiʼa Phaadaan Arraamiitti horatte hunda of dura oofee gara biyya Kanaʼaan abbaa isaa Yisihaaq bira dhaquuf kaʼe.
19 While Laban was away from home shearing his sheep, Rachel stole the household idols that belonged to her father.
Laabaan hoolota isaa irraa rifeensa murmuruu dhaqe; Raahel immoo waaqota abbaa ishee hatte.
20 Jacob also deceived Laban the Aramean by not informing him that he was going to run away.
Yaaqoobis akka isa dhiisee baqachuu yaade isa dhoksuudhaan Laabaan namicha Arraam sana gowwoomse.
21 So Jacob left in a hurry with everything he had, crossed the Euphrates River, and headed towards the hill country of Gilead.
Innis waan qabu hunda fudhatee baqate; laga Efraaxiis ceʼee biyya gaara Giliʼaaditti qajeele.
22 Three days later Laban found out that Jacob had run away.
Akka Yaaqoob baqate guyyaa sadaffaatti Laabaatti himame.
23 Taking some of his relatives with him, he chased after Jacob and caught up with him seven days later in the hill country of Gilead.
Laabaanis firoota isaa fudhatee guyyaa torba Yaaqoob duukaa buʼee biyya gaara Giliʼaaditti isa qaqqabe.
24 But during the night God came to Laban in a dream and told him, “Watch what you say to Jacob. Don't try to persuade him to come back, and don't threaten him either.”
Waaqnis halkan abjuudhaan gara Laabaan namicha biyya Arraam sanaa dhufee, “Ati waan gaariis taʼu hamaa tokko iyyuu Yaaqoobitti akka hin dubbanne of eeggadhu” isaan jedhe.
25 Jacob had set up his tents in the hill country of Gilead when Laban caught up with him, so Laban and his relatives did the same.
Yaaqoob yeroo Laabaan isa qaqqabetti, biyya gaaraa Giliʼaad keessa dunkaana isaa dhaabbatee ture; Laabaa fi firoonni isaas achi qubatan.
26 “Why did you deceive me like this?” Laban asked Jacob. “You carried off my daughters as if they were some prisoners captured by the sword!
Laabaanis Yaaqoobiin akkana jedhe; “Ati na gowwoomsitee intallan koo akka boojiʼamtoota waraanaatti fudhattee deemuun kee maal gochuu kee ti?
27 Why did you run away in secret, trying to trick me? Why didn't you come and tell me? I would have given you a good send-off, a celebration with singing and the music of tambourines and lyres.
Ati maaliif dhoksaan baqatte? Maaliifis na gowwoomsite? Akka ani gammachuu fi faarfannaadhaan, dibbee fi baganaadhaan si geggeessuuf maaliif natti himuu didde?
28 You didn't even let me kiss my grandchildren and daughters goodbye! You've really acted stupidly!
Ati akka ani ijoollee ijoollee kootiitii fi intallan koo dhungadhee nagaatti jedhu naaf hin eeyyamne. Ati hojii gowwummaa hojjete.
29 I could really punish you badly, but the God of your father spoke to me last night and told me, ‘Watch what you say to Jacob. Don't try to persuade him to come back, and don't threaten him either.’
Ani isin miidhuuf humna qaba; garuu eda Waaqni abbaa keessanii, ‘Ati waan gaariis taʼu hamaa tokko illee Yaaqoobitti akka hin dubbanne of eeggadhu’ naan jedhe.
30 Clearly you wanted to leave and go back to your family home, but why did you have to steal my idols?”
Ati sababii mana abbaa keetiitti deebiʼuu akka malee hawwiteef deemteerta; garuu maaliif waaqota koo hatte?”
31 “I ran away because I was afraid,” Jacob explained to Laban. “I was worried that you would take your daughters from me by force.
Yaaqoobis akkana jedhee Laabaaf deebii kenne; “Ati intallan kee humnaan narraa fudhatta jedhee waanan sodaadheef nan deeme.
32 As for your idols, anyone you find who has them will die. You can search everything in the presence of our relatives, and if you find I have anything that belongs to you, you can take it.” (Jacob didn't know that Rachel had stolen the household idols.)
Namni ati waaqota kee isa biratti argattu jiraachuu hin qabu. Akka wanni kan kee taʼe na bira jiruu fi akka hin jirre atuu fuula firoota keenyaa duratti sakattaʼi; yoo jiraate immoo fudhadhu.” Yaaqoob Raahel waaqota sana hattuu ishee Yaaqoob hin beeku ture.
33 Laban searched the tents of Jacob, Leah, and the two personal maids, but didn't find anything. He left Leah's tent and went into Rachel's tent.
Laabaanis dunkaana Yaaqoob, dunkaana Liyaatii fi dunkaana xomboreewwan lamaanii seenee homaa dhabe. Erga dunkaana Liyaatii baʼee booddees dunkaana Raahel seene.
34 Rachel had put the household idols in a camel's saddlebag and was sitting on it. Laban carefully searched the whole tent but couldn't find them.
Raahel immoo waaqota mana keessaa hatte sana kooraa gaalawwan ishee jala keessee irra taaʼaa turte. Laabaanis waan dunkaanicha keessa jiru hunda keessa barbaade; garuu homaa hin arganne.
35 She said to her father, “Sir, please don't get upset with me for not standing up in your presence, but I have my period.” He looked everywhere but didn't find the idols.
Raahelis abbaa isheetiin, “Yaa gooftaa ko, sababii ani kaʼee fuula kee dura dhaabachuu dadhabeef hin aarin; ani xuriin of irraa qabaa” jette. Innis ni sakattaʼe malee waaqota sana hin arganne.
36 Jacob got angry with Laban and confronted him, saying, “What crime am I guilty of? What wrong have I done to you that you've come hunting me down?
Yaaqoobis Laabaatti aaree isatti dheekkame. Innis akkana jedhee gaafate; “Yakki koo maali? Wanni ati akkana na adamsituuf ani cubbuu maalii hojjedheeti?
37 You've searched through all my possessions. Did you find anything belonging to you? If you did, bring it out here before my relatives and yours so they can decide who's right!
Ati miʼa koo hunda sakattaateerta; egaa miʼa mana keetii keessaa maal argatte? Yoo jiraate firoota keetii fi firoota koo duratti dhiʼeessiitii isaan nu lamaan gidduutti murtii haa kennan.
38 I've worked for you for these past twenty years. During that time none of your sheep and goats miscarried, and I haven't eaten a single ram from your flock.
“Ani waggoota digdaman kana si wajjin jiraadheera. Hoolonnii fi reʼoonni kee tokko iyyuu hin gatanne; ani bushaayee kee keessaas korbeeyyii hin nyaanne.
39 If any of them were killed by wild animals, I never even brought you the carcass to prove the loss—I bore the loss myself. But you on the other hand always made me compensate you for any animals that were stolen, whether at night or in broad daylight.
Ani horii bineensi cabse gara keetti hin fidne; horii bades anatu kaffalaa ture. Waan guyyaas taʼu halkan hatame hundaaf ati na kaffalchiifatta turte.
40 Whether it was sweating in the heat of the day, or freezing in the cold of the night when I couldn't sleep, I went on working for you for twenty years in your home.
Haalli ani keessa jiraadhe kana ture; guyyaa hoʼa, halkan immoo dhaamochatu na waxala ture; hirribnis ija koo irraa bade.
41 I worked fourteen years for your two daughters, and six more years with your flocks. You reduced my wages ten times!
Akkasiin ani waggoota digdamman kana mana kee ture. Ani waggaa kudha afur intallan kee lamaaniif jedhee, waggaa jaʼa immoo bushaayee keetiif jedhee siif hojjedheera; ati immoo yeroo kudhan mindaa koo geeddarte.
42 If it weren't for the God of my father, the God of Abraham, the awesome God of Isaac, who took care of me, you would have dismissed me with nothing. But God saw my suffering, how hard I worked, and he condemned you last night.”
Waaqni abbaa ko, Waaqni Abrahaam, Sodaan Yisihaaq utuu na wajjin jiraachuu baate ati silaa harka duwwaa na baasta turte. Waaqni garuu rakkina koo fi dadhabbii koo argee eda sitti dheekkame.”
43 Laban replied, “These are my daughters and these are my children and these are my flocks! In fact, everything you see here is mine! However, what can I do now about my daughters and their children?
Laabaan akkana jedhee Yaaqoobiif deebise; “Dubartoonni kunneen intallan koo ti; ijoolleen kunneenis ijoolluma koo ti; bushaayeen kunneenis bushaayee koo ti. Wanni ati argitu hundi kanuma koo ti. Yoos ani waaʼee intallan koo kanneeniitii fi waaʼee ijoollee isaan daʼanii harʼa maal gochuun dandaʼa?
44 So let's make a solemn agreement between you and I, and it will be a witness to our mutual commitment.”
Kottu mee anii fi ati amma walii kakannaa; kakuun kunis anaa fi si gidduutti ragaa haa taʼu.”
45 Jacob took a stone and set it upright as a pillar.
Yaaqoobis dhagaa tokko fuudhee akka utubaatti dhaabe.
46 Then he told his relatives, “Go and collect some stones.” They all made a pile of stones and then sat beside it to eat a meal.
Innis firoota isaatiin, “Dhagaa walitti qabaa” jedhe. Isaanis dhagaa walitti qabanii tuulan; jarris tuullaa sana biratti nyaata nyaatan.
47 Laban called it Jegar-sahadutha, while Jacob called it Galeed.
Laabaan tuullaa sanaan “Yigaarsahaadutaa” jedhee moggaase; Yaaqoob immoo “Giliʼaad” jedheen.
48 Laban announced, “This pile of stone serves as a witness between me and you.” This is why it was called Galeed.
Laabaanis, “Tuullaan kun anaa fi si gidduutti ragaa dha” jedhe. Gaalaʼaad jedhamuun isaa kanumaaf.
49 It was also called Mizpah, for as Laban said, “May the Lord keep a close eye on both of us when we're not together.
Akkasumas Miisphaa jedhame; Laabaan akkana jedhee tureetii; “Yeroo nu gargar baanutti Waaqayyo sii fi ana gidduutti eegduu haa taʼu.
50 If you treat my daughters badly or marry more wives in addition to them, God will see what you do even if no one else finds out!”
Yoo ati intallan koo rakkifte yookaan yoo ati intallan koo irratti niitota biraa fuute, yoo namni tokko iyyuu nu bira hin jirre kunoo Waaqni anaa fi siʼi gidduutti ragaa dha.”
51 Then Laban told Jacob, “Look at this pile of stones and this pillar that I have set up as a memorial of the agreement between you and me.
Laabaan ammas Yaaqoobiin akkana jedhe; “Tuullaa kanaa fi utubaa ani sii fi ana gidduu dhaabe kana ilaali.
52 They also act as a witness to our solemn promises to each other: I will not come past them to attack you; and you will not come past them to attack me.
Akka ani si miidhuuf jedhee tuullaa kana darbee gara keetti hin ceene, akka atis na miidhuuf jettee tuullaa kanaa fi utubaa kana dabartee gara kootti hin ceene tuullaan kun ragaa dha; utubaan kunis ragaa dha.
53 May the God of Abraham and the God of Nahor—the God of our forefathers—be the one to judge between us in any dispute.” Jacob in turn made his solemn promise in the name of the awesome God of his father Isaac.
Waaqni Abrahaam, Waaqni Naahoor, Waaqni abbootii isaanii nu gidduutti murtii haa kennu.” Yaaqoobis akkasitti maqaa Sodaa abbaa isaa Yisihaaqiin kakate.
54 Then he offered a sacrifice on the mountain and invited all his relatives to eat a meal there. They spent the night on the mountain.
Innis biyya gaaraa sanatti aarsaa dhiʼeessee firoota isaa nyaatatti waame. Isaanis erga nyaatanii booddee achuma bulan.
55 Laban got up early in the morning and kissed his grandchildren and his daughters goodbye. He blessed them, and then left to go back home.
Laabaanis guyyaa itti aanu ganama bariidhaan kaʼee ijoollee ijoollee isaatii fi intallan isaa dhungatee isaan eebbise. Ergasiis achii kaʼee gara iddoo isaatti deebiʼe.