< Numbers 9 >
1 The Lord spoke to Moses in the desert of Sinai, the second year after they were come out of the land of Egypt, in the first month, saying:
Waaqayyo erga isaan Gibxii baʼanii booddee jiʼa jalqabaa kan waggaa lammaffaatti Gammoojjii Siinaa keessatti akkana jedhee Museetti dubbate;
2 Let the children of Israel make the phase in its due time,
“Israaʼeloonni yeroo murtaaʼetti Faasiikaa haa ayyaaneffatan.
3 The fourteenth day of this month in the evening, according to all the ceremonies and justifications thereof.
Isin akkuma seeraa fi dambii ayyaana kanaa hundaatti yeroo murtaaʼetti jiʼa sana keessa, dimimmisa galgala guyyaa kudha afuraffaatti ayyaaneffadhaa.”
4 And Moses commanded the children of Israel that they should make the phase.
Museen akka isaan Faasiikaa ayyaaneffatan Israaʼelootatti hime;
5 And they made it in its proper time: the fourteenth day of the month at evening, in mount Sinai. The children of Israel did according to all things that the Lord had commanded Moses.
isaanis jiʼa jalqabaa keessa dimimmisa galgala guyyaa kudha afuraffaatti Gammoojjii Siinaa keessatti ayyaaneffatan. Sabni Israaʼel akkuma Waaqayyo Musee ajajetti waan hunda godhe.
6 But behold some who were unclean by occasion of the soul of a man, who could not make the phase on that day, coming to Moses and Aaron,
Isaan keessaa namoonni tokko tokko sababii reeffa tuqanii xuraaʼaniif guyyaa sana Faasiikaa ayyaaneffachuu hin dandeenye. Isaan guyyuma sana gara Musee fi Aroonii dhufanii,
7 Said to them: We are unclean by occasion of the soul of a man. Why are we kept back that we may not offer in its season the offering to the Lord among the children of Israel?
Museedhaan akkana jedhan; “Nu sababii reeffa namaa tuqneef xuroofneerra; garuu maaliif yeroo murtaaʼe sanatti Israaʼeloota kaan wajjin aarsaa Waaqayyoo dhiʼeessuu dhowwamne?”
8 And Moses answered them: Stay that I may consult the Lord what he will ordain concerning you.
Museenis, “Hamma ani waan Waaqayyo waaʼee keessan ajaju dhagaʼutti turaa” jedheen.
9 And the Lord spoke to Moses, saying:
Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe;
10 Say to the children of Israel: The man that shall be unclean by occasion of one that is dead, or shall be in a journey afar off in your nation, let him make the phase to the Lord.
“Israaʼelootaan akkana jedhi: ‘Isin keessaa yookaan ilmaan keessan keessaa namni tokko yoo reeffa tuqee xuraaʼe yookaan karaa fagoo deeme, inni amma iyyuu Faasiikaa Waaqayyoo ayyaaneffachuu ni dandaʼa.
11 In the second month, on the fourteenth day of the month in the evening, they shall eat it with unleavened bread and wild lettuce:
Isaanis jiʼa lammaffaa keessa guyyaa kudha afuraffaa dimimmisa galgala Faasiikaa haa ayyaaneffatan. Faasiikaa sanas Maxinoo fi baala hadhaaʼaa wajjin haa nyaatan.
12 They shall not leave any thing thereof until morning, a nor break a bone thereof, they shall observe all the ceremonies of the phase.
Isaanis wantoota kanneen keessaa tokko iyyuu hamma ganamaatti hambisuu yookaan lafee isaa keessaa tokko iyyuu cabsuu hin qaban. Isaan yommuu Faasiikaa ayyaaneffatanitti dambiiwwan hunda duukaa buʼuu qabu.
13 But if any man is clean, and was not on a journey, and did not make the phase, that soul shall be cut off from among his people, because he offered not sacrifice to the Lord in due season: he shall bear his sin.
Garuu namni qulqulluu taʼee karaa hin deemin yoo Faasiikaa ayyaaneffachuu baate inni sababii yeroo murtaaʼetti aarsaa Waaqayyoo hin dhiʼeessiniif saba isaa keessaa haa balleeffamu. Namichi sun gatii cubbuu isaa ni argata.
14 The sojourner also and the stranger if they be among you, shall make the phase to the Lord according to the ceremonies and justifications thereof. The same ordinance shall be with you both for the stranger, and for him that was born in the land.
“‘Alagaan isin gidduu jiraatu kan Faasiikaa Waaqayyoo ayyaaneffachuu fedhu tokko akkuma seeraa fi dambii Faasiikaatti haa ayyaaneffatu. Isinis alagaa fi dhalataa biyyaatiif seeruma tokkicha qabaadhaa.’”
15 Now on the day that the tabernacle was reared up, a cloud covered it. But from the evening there was over the tabernacle, as it were, the appearance of fire until the morning.
Gaafa dunkaanni qulqulluun dhaabame sana duumessi dunkaana sana jechuunis dunkaana dhuga baʼumsaa haguuge. Duumessi dunkaana qulqulluudhaan olii sunis galgalaa hamma ganamaatti ibidda fakkaata ture.
16 So it was always: by day the cloud covered it, and by night as it were the appearance of fire.
Wanni kunis yeroo hunda akkanuma ture; guyyaa duumessi isa haguuga ture; halkan immoo duumessi sun ibidda fakkaata ture.
17 And when the cloud that covered the tabernacle was taken up, then the children of Israel marched forward: and in the place where the cloud stood still, there they camped.
Yeroo duumessi sun dunkaana irraa kaʼu Israaʼeloonni kaʼanii deemu turan; lafa duumessi buʼu immoo Israaʼeloonni ni qubatu.
18 At the commandment of the Lord they marched, and at his commandment they pitched the tabernacle. All the days that the cloud abode over the tabernacle, they remained in the same place:
Israaʼeloonni ajaja Waaqayyootiin kaʼanii deemu; ajajuma isaatiinis qubatu. Yeroo duumessi dunkaana qulqulluun ol jiru isaanis qubata keessa turan.
19 And if it was so that it continued over it a long time, the children of Israel kept the watches of the Lord, and marched not,
Yoo duumessi sun guyyaa hedduu dunkaana gubbaa tures Israaʼeloonni seera Waaqayyootiif waan ajajamaniif iddoo sanaa kaʼanii hin deeman ture.
20 For as many days soever as the cloud stayed over the tabernacle. At the commandment of the Lord they pitched their tents, and at his commandment they took them down.
Yeroo tokko tokko duumessi sun guyyaa xinnaadhaaf dunkaana qulqulluu gubbaa oolee bula ture; isaanis ajaja Waaqayyootiin qubatu; ajajuma isaatiinis kaʼanii deemu.
21 If the cloud tarried from evening until morning, and immediately at break of day left the tabernacle, they marched forward: and if it departed after a day and a night, they took down their tents.
Yeroo tokko tokko duumessi sun galgalaa hamma ganamaatti jiraata ture; yommuu duumessi ganamaan kaʼu isaanis kaʼanii deemu. Guyyaas taʼu halkan, yeroo duumessi kaʼu isaanis kaʼanii deemu.
22 But if it remained over the tabernacle for two days or a month or a longer time, the children of Israel remained in the same place, and marched not: but immediately as soon as it departed, they removed the camp.
Yeroo duumessi sun guyyaa lamas taʼu jiʼa tokko yookaan waggaa tokko dunkaana qulqulluu irra turutti Israaʼeloonni qubatuma keessa turu malee kaʼanii hin deeman ture; yeroo duumessichi kaʼutti garuu kaʼanii deemu.
23 By the word of the Lord they pitched their tents, and by his word they marched: and kept the watches of the Lord according to his commandment by the hand of Moses.
Isaan ajaja Waaqayyootiin qubatu; ajajuma Waaqayyootiinis kaʼanii deemu. Akkuma ajaja Waaqayyo karaa Museetiin kenne sanaattis seera isaatiif ajajamu.