< Genesis 22 >

1 After these things, God tempted Abraham, and said to him: Abraham, Abraham. And he answered: Here I am.
Yeroo muraasa booddee Waaqni Abrahaamin qore. Innis, “Abrahaam!” jedhee isa waame. Abrahaamis, “Kunoo asan jira” jedhee deebise.
2 He said to him: Take thy only begotten son Isaac, whom thou lovest, and go into the land of vision: and there thou shalt offer him for an holocaust upon one of the mountains which I will show thee.
Waaqnis akkana jedheen; “Ilma kee Yisihaaq, ilma kee tokkicha isa jaallattu sana fudhiitii biyya Mooriyaa dhaqi. Tulluu ani sitti himu irratti qalma gubamu godhiitii isa dhiʼeessi.”
3 So Abraham rising up in the night, saddled his ass: and took with him two young men, and Isaac his son: and when he had cut wood for the holocaust he went his way to the place which God had commanded him.
Abrahaamis guyyaa itti aanu ganama barraaqaan kaʼee harree isaa feʼate. Innis hojjettoota isaa keessaa nama lamaa fi ilma isaa Yisihaaqin fudhatee qoraan qalma gubamuuf gaʼu cabsatee gara iddoo Waaqni isatti hime sanaatti qajeele.
4 And on the third day, lifting up his eyes, he saw the place afar off.
Guyyaa sadaffaattis Abrahaam ol ilaalee iddoo sana fagootti arge.
5 And he said to his young men: Stay you here with the ass: I and the boy will go with speed as far as yonder, and after we have worshipped, will return to you.
Innis hojjettoota isaatiin, “Isin harree wajjin asuma turaa. Anii fi mucichi duuba sana dhaqnaa; achittis waaqeffannee gara keessanitti deebinaa” jedhe.
6 And he took the wood for the holocaust, and laid it upon Isaac his son: and he himself carried in his hands fire and a sword. And as they two went on together,
Abrahaamis qoraan aarsaa gubamuuf taʼu fuudhee ilma isaa Yisihaaqin baachise; ofii isaatii immoo ibiddaa fi billaa harkatti qabate. Isaan lamaan utuu walumaan deemaa jiranuu,
7 Isaac said to his father: My father. And he answered: What wilt thou, son? Behold, saith he, fire and wood: where is the victim for the holocaust?
Yisihaaq, “Yaa abbaa koo” jedhee abbaa isaa Abrahaamitti dubbate. Abrahaamis, “Asan jira ilma koo” jedhee deebise. Yisihaaqis deebisee, “Ibiddii fi qoraan kunoo ti; hoolaan qalma gubamuuf taʼu immoo eessa jira?” jedhe.
8 And Abraham said: God will provide himself a victim for an holocaust, my son. So they went on together.
Abrahaamis deebisee, “Yaa ilma ko, Waaqni mataan isaa hoolaa qalma gubamuuf taʼu ni kenna” jedhe. Isaan lamaanis walumaan karaa isaanii itti fufan.
9 And they came to the place which God had shown him, where he built an altar, and laid the wood in order upon it: and when he had bound Isaac his son, he laid him on the altar upon the pile of wood.
Yeroo iddoo Waaqni isatti hime sana gaʼanitti, Abrahaam iddoo aarsaa achitti ijaaree iddoo aarsaa sana irra qoraan naqe; ilma isaa Yisihaaqin hidhees iddoo aarsaa sana irra qoraan gubbaa ciibse.
10 And he put forth his hand and took the sword, to sacrifice his son.
Ergasii inni ilma isaa qaluuf jedhee harka isaa hiixatee billaa fudhate.
11 And behold an angel of the Lord from heaven called to him, saying: Abraham, Abraham. And he answered: Here I am.
Ergamaan Waaqayyoo garuu, “Abrahaam! Abrahaam!” jedhee samii keessaa isa waame. Abrahaamis, “Kunoo asan jira” jedhee deebise.
12 And he said to him: Lay not thy hand upon the boy, neither do thou any thing to him: now I know that thou fearest God, and hast not spared thy only begotten son for my sake.
Innis, “Ati harka keetiin gurbicha hin tuqin; waan tokko illee isa hin godhin. Waan ati ilma kee, ilmuma tokkicha anaaf jettee hin mararfatiniif, ani akka ati Waaqa sodaattu amma beekeera” jedhe.
13 Abraham lifted up his eyes, and saw behind his back a ram amongst the briers sticking fast by the horns, which he took and offered for a holocaust instead of his son.
Abrahaamis ol ilaalee kunoo korbeessa hoolaa kan gaanfi isaa daggala keessatti qabamee jiru tokko arge; innis dhaqee hoolaa sana fuudhee qooda ilma isaa qalma gubamu godhee dhiʼeesse.
14 And he called the name of that place, The Lord seeth. Whereupon even to this day it is said: In the mountain the Lord will see.
Kanaafuu Abrahaam iddoo sana “Waaqayyo ni kenna” jedhee moggaase; hamma harʼaatti illee, “Tulluu Waaqayyoo irratti, ni kennama” jedhama.
15 And the angel of the Lord called to Abraham a second time from heaven, saying:
Ergamaan Waaqayyoo sunis samii keessaa lammata Abrahaamin waamee
16 By my own self have I sworn, saith the Lord: because thou hast done this thing, and hast not spared thy only begotten son for my sake:
akkana jedheen; “Waaqayyo akkana jedha; sababii ati waan kana gootee fi ilma kee, ilmuma kee tokkicha illee na hin dhowwatiniif ani maqaa kootiin nan kakadha;
17 I will bless thee, and I will multiply thy seed as the stars of heaven, and as the sand that is by the sea shore: thy seed shall possess the gates of their enemies.
ani dhugumaan eebba, sin eebbisa; sanyii kees akkuma urjii samiitii fi akkuma cirracha qarqara galaanaa nan baayʼisa. Sanyiiwwan kees magaalaawwan diina isaanii ni dhuunfatu.
18 And in thy seed shall all the nations of the earth be blessed, because thou hast obeyed my voice.
Waan ati naa ajajamteef sabni lafa irraa hundinuu karaa sanyii keetiin eebbifama.”
19 Abraham returned to his young men, and they went to Bersabee together, and he dwelt there.
Ergasii Abrahaam tajaajiltoota isaatti deebiʼe; isaanis walumaan Bersheebaatti qajeelan; Abrahaamis Bersheebaa keessa jiraate.
20 After these things, it was told Abraham that Melcha also had borne children to Nachor his brother.
Yeroo muraasa booddee akkana jedhamee Abrahaamitti himame; “Kunoo, Miilkaan obboleessa kee Naahooriif ilmaan deesseerti;
21 Hus the firstborn, and Buz his brother, and Camuel the father of the Syrians,
ilmaan isheen deesses inni hangafni Uuzi, obboleessi isaa Buuz, abbaan Arraam immoo Qamuʼeel,
22 And Cased, and Azau, and Pheldas, and Jedlaph,
Keseedi, Hazoo, Fiildaas, Yiidlaafii fi Betuuʼeel jedhamu.”
23 And Bathuel, of whom was born Rebecca: These eight did Melcha bear to Nachor Abraham’s brother.
Betuuʼeel Ribqaa dhalche. Miilkaan isaan kana saddeettan Naahoor obboleessa Abrahaamiif deesse.
24 And his concubine, named Roma, bore Tabee, and Gaham, and Tahas, and Maacha.
Naahor saajjatoo Reʼuumaa jedhamtu tokko qaba ture; isheen ilmaan Xebaa, Gaham, Tahaashii fi Maʼakaa jedhaman deesseef.

< Genesis 22 >