< Daniel 5 >
1 Baltasar the king made a great feast for a thousand of his nobles: and every one drank according to his age.
Beelshaazaar mootichi qondaaltota isaa kuma tokkoof dhangaa guddaa qopheessee fuula isaanii duratti daadhii wayinii dhuge.
2 And being now drunk he commanded that they should bring the vessels of gold and silver which Nabuchodonosor his father had brought away out of the temple, that was in Jerusalem, that the king and his nobles, and his wives and his concubines, might drink in them.
Beelshaazaaris utuu daadhii wayinii dhugaa jiruu akka innii fi qondaaltonni isaa, niitonnii fi saajjatoowwan isaa ittiin dhuganiif akka isaan xoofoo warqeetii fi meetii kan abbaan isaa Nebukadnezar mana qulqullummaa Yerusaalemii fide sana fidan ajaje.
3 Then were the golden and silver vessels brought, which he had brought away out of the temple that was in Jerusalem: and the king and his nobles, his wives and his concubines, drank in them.
Kanaafuu isaan xoofoo warqee kan mana qulqullummaa Waaqaa kan Yerusaalemii fudhataman sana fidan; mootichi, qondaaltonni, niitonnii fi saajjatoowwan isaa ittiin dhugan.
4 They drank wine, and praised their gods of gold, and of silver, of brass, of iron, and of wood, and of stone.
Isaan utuma daadhii wayinii sana dhugaa jiranuu, waaqota warqeetii fi meetii, kan naasiitii fi sibiilaa, kan mukaatii fi dhagaa galateeffatan.
5 In the same hour there appeared fingers, as it were of the hand of a man, writing over against the candlestick upon the surface of the wall of the king’s palace: and the king beheld the joints of the hand that wrote.
Akkuma tasaa qubni harka namaa mulʼatee keenyan manaa kan masaraa mootii keessa baattuu ibsaa bira jiru irratti barreesse. Mootichis harka sana utuu inni barreessuu arge.
6 Then was the king’s countenance changed, and his thoughts troubled him: and the joints of his loins were loosed, and his knees struck one against the other.
Fuulli mootichaa ni geeddaramee; innis sodaadhaan guutamee jilbii isaa hollatee waldhaʼe; miilli isaas ni laafe.
7 And the king cried out aloud to bring in the wise men, the Chaldeans, and the soothsayers. And the king spoke, and said to the wise men of Babylon: Whosoever shall read this writing, and shall make known to me the interpretation thereof, shall be clothed with purple, and shall have a golden chain on his neck, and shall be the third man in my kingdom.
Mootichis sagalee isaa ol fuudhee akka mortoota, warra urjii ilaalanii fi ilaaltota ol isaaf galchan ajaje. Ogeeyyii Baabiloniinis akkana jedhe; “Nama katabbii kana dubbisee hiikkaa isaa natti himu kamitti iyyuu uffanni diimaan dhiilgeen uffifamee morma isaatti faayi warqee ni kaaʼamaaf; mootummaa koo keessattis bulchaa ol aanaa sadaffaa taʼa.”
8 Then came in all the king’s wise men, but they could neither read the writing, nor declare the interpretation to the king.
Ergasiis ogeeyyiin mootichaa hundi ol seenan; isaan keessaa garuu namni katabbii sana dubbisuu yookaan hiikkaa isaa mootichatti himuu dandaʼu tokko iyyuu hin argamne.
9 Wherewith king Baltasar was much troubled, and his countenance was changed: and his nobles also were troubled.
Kana irratti Beelshaazaar mootichi kan duraa caalaa sodaatee fuulli isaa geeddarame; qondaaltonni isaas waan godhan wallaalan.
10 Then the queen, on occasion of what had happened to the king, and his nobles, came into the banquet house: and she spoke and said: O king, live for ever: let not thy thoughts trouble thee, neither let thy countenance be changed.
Mootittiinis waca mootichaatii fi qondaaltota isaa dhageessee galma cidha sanaa ol seente. Isheenis akkana jette; “Yaa mootii, bara baraan jiraadhu! Hin rifatin; fuulli kees hin geeddaramin!
11 There is a man in thy kingdom that hath the spirit of the holy gods in him: and in the days of thy father knowledge and wisdom were found in him: for king Nabuchodonosor thy father appointed him prince of the wise men, enchanters, Chaldeans, and soothsayers, thy father, I say, O king:
Mootummaa kee keessa namichi hafuurri waaqota qulqullootaa keessa jiru tokko jira. Namichi kun bara abbaa keetii keessa nama hubannaa, beekumsaa fi ogummaa akkuma waaqotaa qabu taʼee argame. Abbaan kee Nebukadnezar Mootichi, itti gaafatamaa tolchitootaa, mortootaa, kan warra urjii ilaalaniitii fi ilaaltotaa godhee isa muudee ture.
12 Because a greater spirit, and knowledge, and understanding, and interpretation of dreams, and shewing of secrets, and resolving of difficult things, were found in him, that is, in Daniel: whom the king named Baltassar. Now therefore let Daniel be called for, and he will tell the interpretation.
Daaniʼel namichi mootichi Beelxishaazaari jedhee waamu kun nama hafuurri gaariin, beekumsii fi hubannaan keessa jiru taʼee argame; innis abjuu, hibboo fi rakkoo hiikuuf dandeettii addaa qaba ture. Daaniʼelin waami; innis hiikkaa katabbii kanaa sitti himaatii.”
13 Then Daniel was brought in before the king. And the king spoke, and said to him: Art thou Daniel of the children of the captivity of Juda, whom my father the king brought out of Judea?
Kanaafuu Daaniʼel fuula mootichaa duratti dhiʼeeffame; mootichis akkana jedheen; “Warra abbaan koo mootichi boojiʼee Yihuudaadhaa fide keessaa kan Daaniʼel jedhamu siʼii?
14 I have heard of thee, that thou hast the spirit of the gods, and excellent knowledge, and understanding, and wisdom are found in thee.
Ani akka hafuurri waaqotaa si keessa jiruu fi akka ati hubannaa, beekumsaa fi ogummaa addaa qabdu dhagaʼeera.
15 And now the wise men the magicians have come in before me, to read this writing, and shew me the interpretation thereof: and they could not declare to me the meaning of this writing.
Ogeeyyiinii fi mortoonni akka katabbii kana dubbisanii hiikkaa isaa natti himaniif fuula koo duratti fidamanii turan; isaan garuu ibsuu hin dandeenye.
16 But I have heard of thee, that thou canst interpret obscure things, and resolve difficult things: now if thou art able to read the writing, and to shew me the interpretation thereof, thou shalt be clothed with purple, and shalt have a chain of gold about thy neck, and shalt be the third prince in my kingdom.
Ani akka ati hiikkaa kennitee rakkoofis fala kennuu dandeessu dhagaʼeera. Yoo ati katabbii kana dubbiftee hiikkaa isaa natti himuu dandeesse, uffata diimaa dhiilgeetu sitti uffifama; faayi warqees morma keetti siif kaaʼama; mootummaa koo keessattis bulchaa ol aanaa sadaffaa taata.”
17 To which Daniel made answer, and said before the king: Thy rewards be to thyself, and the gifts of thy house give to another: but the writing I will read to thee, O king, and shew thee the interpretation thereof.
Kana irratti Daaniʼel deebisee mootichaan akkana jedhe; “Kennaan kee sumaaf haa hafu; badhaasni kee immoo nama biraatiif haa kennamu. Taʼu iyyuu ani katabbicha dubbisee hiikkaa isaa mootichatti nan hima.
18 O king, the most high God gave to Nabuchodonosor thy father a kingdom, and greatness, and glory, and honour.
“Yaa mootii, Waaqni Waan Hundaa Olii abbaa kee Nebukadnezariif surraa fi guddina, ulfinaa fi kabaja kenne.
19 And for the greatness that he gave to him, all people, tribes, and languages trembled, and were afraid of him: whom he would, he slew: and whom he would, he destroyed: and whom he would, he set up: and whom he would, he brought down.
Sababii ol aantummaa inni isaaf kenneef saboonnii fi mootummoonni hundi, namoonni afaan garaa garaa dubbatan ni hollataniif; isa sodaatanis. Mootichis warra ajjeesuu barbaade ni ajjeesa; warra oolchuu barbaade ni oolcha, kan muuduu barbaade ni muuda, kan salphisuu barbaades ni salphisa ture.
20 But when his heart was lifted up, and his spirit hardened unto pride, he was put down from the throne of his kingdom, and his glory was taken away.
Gaafa garaan isaa of tuulee mataa jabaatetti garuu inni teessoo isaa irraa kaafamee ulfinni isaas isa irraa fudhatame.
21 And he was driven out from the sons of men, and his heart was made like the beasts, and his dwelling was with the wild asses, and he did eat grass like an ox, and his body was wet with the dew of heaven: till he knew that the most High ruled in the kingdom of men, and that he will set over it whomsoever it shall please him.
Inni uummata keessaa ariʼamee qalbiin horii kennameef; harroota diidaa wajjin jiraatee akka loonii marga nyaate; inni hamma akka Waaqni Waan Hundaa Olii mootummoota namootaa irratti bulchaa taʼee fi akka inni abbaa fedhe isaan irratti muudu beekutti dhagni isaa fixeensa samiitiin jiidhe.
22 Thou also his son, O Baltasar, hast not humbled thy heart, whereas thou knewest all these things:
“Yaa Beelshaazaar, ati ilmi isaa utuma waan kana hunda beektuu mataa kee gad hin qabanne.
23 But hast lifted thyself up against the Lord of heaven: and the vessels of his house have been brought before thee: and thou, and thy nobles, and thy wives, and thy concubines have drunk wine in them: and thou hast praised the gods of silver, and of gold, and of brass, of iron, and of wood, and of stone, that neither see, nor hear, nor feel: but the God who hath thy breath in his hand, and all thy ways, thou hast not glorified.
Qooda kanaa ati Gooftaa samii irratti mataa ol qabatte. Ati xoofoowwan mana qulqullummaa isaatii fichisiiftee atii fi qondaaltonni kee, niitonnii fi saajjatoowwan kee isaan keessaa dhugdan. Ati waaqota meetii, warqee, naasii, sibiilaa, mukaatii fi kan dhagaa kanneen arguu yookaan dhagaʼuu yookaan hubachuu hin dandeenye jajatte. Waaqa lubbuu keetii fi karaa kee hunda harka isaatti qabatee jiru garuu hin ulfeessine.
24 Wherefore he hath sent the part of the hand which hath written this that is set down.
Kanaafuu inni harka katabbii sana barreesse erge.
25 And this is the writing that is written: MANE, THECEL, PHARES.
“Katabbiin barreeffamee tures kana: Maanee, Maanee, Teeqeel, Faares.
26 And this is the interpretation of the word. MANE: God hath numbered thy kingdom, and hath finished it.
“Hiikkaan isaas kana: “Maanee jechuun Waaqni bara kee murteessee gara dhumaatti fide jechuu dha.
27 THECEL: thou art weighed in the balance, and art found wanting.
“Teeqeel jechuun ati madaalliidhaan madaalamtee salphattee argamte jechuu dha.
28 PHARES: thy kingdom is divided, and is given to the Medes and Persians.
“Faares jechuun mootummaan kee qoodamee namoota Meedeetii fi Faaresiitiif kenname jechuu dha.”
29 Then by the king’s command Daniel was clothed with purple, and a chain of gold was put about his neck: and it was proclaimed of him that he had power as the third man in the kingdom.
Ergasii ajaja Beelshaazaariin Daaniʼelitti uffata diimaa dhiilgee uffisan; morma isaattis faaya warqee kaaʼaniif; mootummaa sana irrattis bulchaa ol aanaa sadaffaa taʼee muudame.
30 The same night Baltasar the Chaldean king was slain.
Halkanuma sana Beelshaazaar mootiin Baabilonotaa ajjeefame;
31 And Darius the Mede succeeded to the kingdom, being threescore and two years old.
Daariyoos namichi Meedee umurii isaa jaatamii lammaffaatti mootummaa sana fudhate.