< 2 Samuel 11 >
1 And it came to pass at the return of the year, at the time when kings go forth to war, that David sent Joab and his servants with him, and all Israel, and they spoiled the children of Ammon, and besieged Rabba: but David remained in Jerusalem.
Birraa keessa yeroo mootonni waraanaaf baʼanitti, Daawit tajaajiltoota isaatii fi loltoota Israaʼel hunda wajjin Yooʼaabin erge. Isaanis Amoonota barbadeessanii magaalaa Rabbaa jedhamtu marsan. Daawit garuu Yerusaalemitti hafe.
2 In the mean time it happened that David arose from his bed after noon, and walked upon the roof of the king’s house: and he saw from the roof of his house a woman washing herself, over against him: and the woman was very beautiful.
Gaaf tokko galgala Daawit siree isaa irraa kaʼee bantii masaraa mootummaa irra asii fi achi deddeebiʼaa ture. Innis bantii gubbaa dhaabatee dubartii dhagna ishee dhiqattu tokko arge. Dubartiin sun baayʼee bareedduu turte;
3 And the king sent, and inquired who the woman was. And it was told him, that she was Bethsabee the daughter of Eliam, the wife of Urias the Hethite.
Daawitis waaʼee ishee beekuuf nama itti erge. Namichi sunis, “Isheen Batisheebaa intala Eliʼaam, niitii Uuriyaa namicha gosa Heet sanaatii mitii?” jedhe.
4 And David sent messengers, and took her, and she came in to him, and he slept with her: and presently she was purified from her uncleanness:
Daawitis nama itti ergee ishee fichisiise. Isheenis gara isaa dhufte; innis ishee wajjin ciise. Isheen xuraaʼummaa ishee irraa qulqullooftee turte. Ergasii gara mana isheetti deebite.
5 And she returned to her house having conceived. And she sent and told David, and said: I have conceived.
Dubartiin sun ulfooftee, “Ani ulfaaʼeera” jettee Daawititti ergaa ergite.
6 And David sent to Joab, saying: Send me Urias the Hethite. And Joab sent Urias to David.
Kanaafuu Daawit, “Uuriyaa namicha gosa Heet sana naa ergi” jedhee Yooʼaabitti dhaamsa erge. Yooʼaabis gara Daawititti isa erge.
7 And Urias came to David. And David asked how Joab did, and the people, and how the war was carried on.
Daawitis yommuu Uuriyaan gara isaa dhufetti waaʼee Yooʼaab, waaʼee loltootaatii fi haala waraanni keessa jiru isa gaafate.
8 And David said to Urias: Go into thy house, and wash thy feet. And Urias went out from the king’s house, and there went out after him a mess of meat from the king.
Ergasii immoo Daawit Uuriyaan, “Gara mana keetiitti gad buʼiitii miilla kee dhiqadhu” jedhe. Kanaafuu Uuriyaan masaraa mootiitii baʼee deeme; kennaan mootichaas isa faana ergame.
9 But Urias slept before the gate of the king’s house, with the other servants of his lord, and went not down to his own house.
Uuriyaan garuu tajaajiltoota gooftaa isaa hunda wajjin karra masaraa mootii dura ciise malee gara mana ofii isaatti gad hin buune.
10 And it was told David by some that said: Urias went not to his house. And David said to Urias: Didst thou not come from thy journey? why didst thou not go down to thy house?
Daawitis yommuu akka Uuriyaan gara mana isaa hin deemin itti himametti, “Ati reefuu karaadhaa dhufte mitii? Maaliif gara mana keetii hin deemne?” jedhee isa gaafate.
11 And Urias said to David: The ark of God and Israel and Juda dwell in tents, and my lord Joab and the servants of my lord abide upon the face of the earth: and shall I go into my house, to eat and to drink, and to sleep with my wife? By thy welfare and by the welfare of thy soul I will not do this thing.
Uuriyaan immoo Daawitiin, “Taabonnii fi Israaʼel, Yihuudaanis dunkaana keessa jiru; gooftaan koo Yooʼaabii fi namoonni gooftaa koo dirree irra bulu. Egaa ani akkamitti nyaachuu fi dhuguuf, niitii koo wajjinis rafuuf jedhee gara mana koo deema? Duʼa kee ti; ani waan akkasii hin godhu!”
12 Then David said to Urias: Tarry here today, and tomorrow I will send thee away. Urias tarried in Jerusalem that day and the next.
Daawit, “Ati harʼas as buliitii ani bor sin geggeessaa” jedheen. Kanaafuu Uuriyaan gaafa sanaa fi guyyaa itti aanu Yerusaalem keessa ture.
13 And David called him to eat and to drink before him, and he made him drunk: and he went out in the evening, and slept on his couch with the servants of his lord, and went not down into his house.
Daawitis isa affeere; innis fuula isaa duratti nyaatee dhuge; Daawitis isa macheesse. Uuriyaan garuu halkan sana afata isaa irra tajaajiltoota gooftaa isaa gidduu ciisuuf gad baʼe malee gara mana ofii isaa hin deemne.
14 And when the morning was come, David wrote a letter to Joab: and sent it by the hand of Urias,
Daawitis lafti bariinaan xalayaa barreessee harkuma Uuriyaatiin Yooʼaabitti erge.
15 Writing in the letter: Set ye Urias in the front of the battle, where the fight is strongest: and leave ye him, that he may be wounded and die.
Xalayicha keessattis, “Iddoo waraanni itti cimetti Uuriyaa ramadi. Akka inni achitti dhaʼamee duʼuufis isa dhiisaa duubatti deebiʼaa” jedhee barreesse.
16 Wherefore as Joab was besieging the city, he put Urias in the place where he knew the bravest men were.
Kanaafuu Yooʼaab utuu magaalattii marsaa jiruu iddoo akka loltoonni ciccimoon jiran beeketti Uuriyaa ramade.
17 And the men coming out of the city, fought against Joab, and there fell some of the people of the servants of David, and Urias the Hethite was killed also.
Yommuu namoonni magaalaa sanaa itti gad baʼanii Yooʼaabin lolanitti, loltoota Daawit keessaa namoonni tokko tokko duʼan; Uuriyaan namichi gosa Heet sunis ni ajjeefame.
18 Then Joab sent, and told David all things concerning the battle.
Yooʼaabis guutummaa oduu waaʼee lola sanaa Daawitiif erge.
19 And he charged the messenger, saying: When thou hast told all the words of the battle to the king,
Akkana jedhees ergamaa sana ajaje; “Yommuu ati waaʼee waraana kanaa mootichatti himtee fixxutti,
20 If thou see him to be angry, and he shall say: Why did you approach so near to the wall to fight? knew you not that many darts are thrown from above off the wall?
aariin mootichaa ni bobaʼa; innis akkana jedhee si gaafachuu dandaʼa; ‘Isin maaliif loluuf akkas magaalaa sanatti dhiʼaattan? Isin akka isaan dallaa irraa xiyya isinitti darbatan hin beeknee?
21 Who killed Abimelech the son of Jerobaal? did not a woman cast a piece of a millstone upon him from the wall, and slew him in Thebes? Why did you go near the wall? Thou shalt say: Thy servant Urias the Hethite is also slain.
Eenyutu Abiimelek ilma Yirubesheet sana ajjeese? Dubartiin tokko dallaa irraa majii dhagaa daakuu itti gad dhiiftee Tebeesitti isa hin ajjeefnee? Isin maaliif akkas dallaa sanatti dhiʼaattan?’ Yoo inni waan kana si gaafate, ‘Tajaajilaan kee Uuriyaan namichi gosa Heet sunis duʼeera’ jedhii itti himi.”
22 So the messenger departed, and came and told David all that Joab had commanded him.
Ergamaan sunis kaʼee deemee yommuu achi gaʼetti waan Yooʼaab akka inni itti himu isa ajaje hunda Daawititti hime.
23 And the messenger said to David: The men prevailed against us, and they came out to us into the field: and we vigorously charged and pursued them even to the gate of the city.
Ergamaan sun Daawitiin akkana jedhe; “Namoonni nutti jabaatanii dirreetti gad nutti baʼan; nus ariinee gara karra magaalattiitti isaan deebifne.
24 And the archers shot their arrows at thy servants from off the wall above: and some of the king’s servants are slain, and thy servant Urias the Hethite is also dead.
Ergasiis warri xiyya darbatan dallaa irraa tajaajiltoota keetti darbatan; namoonni mootii tokko tokkos ni duʼan. Tajaajilaan kee Uuriyaan namichi Heet sunis ni duʼe.”
25 And David said to the messenger: Thus shalt thou say to Joab: Let not this thing discourage thee: for various is the event of war: and sometimes one, sometimes another is consumed by the sword: encourage thy warriors against The city, and exhort them that thou mayest overthrow it.
Daawitis ergamaa sanaan, “Egaa akkana jedhii Yooʼaabitti himi; ‘Wanni kun abdii si hin kutachiisin; goraadeen yeroo tokko isa tokko, yeroo kaan immoo kan biraa nyaata. Cimsii magaalattii dhaʼiitii balleessi.’ Waan kanas Yooʼaabin jajjabeessuuf jedhi” jedhe.
26 And the wife of Urias heard that Urias her husband was dead, and she mourned for him.
Niitiin Uuriyaa yommuu akka dhirsi ishee duʼe dhageessetti ni boosseef.
27 And the mourning being over, David sent and brought her into his house, and she became his wife, and she bore him a son: and this thing which David had done, was displeasing to the Lord.
Erga yeroon booʼichaa darbee booddee Daawit mana ofii isaatti ishee fudhate; isheenis niitii isaa taatee ilma deesseef. Garuu wanni Daawit hojjete sun Waaqayyo hin gammachiisne.