< 2 Kings 1 >

1 And Moab rebelled against Israel, after the death of Achab.
Erga Ahaab duʼee booddee Moʼaab Israaʼelitti fincile.
2 And Ochozias fell through the lattices of his upper chamber which he had in Samaria, and was sick: and he sent messengers, saying to them: Go, consult Beelzebub, the god of Accaron, whether I shall recover of this my illness.
Ahaaziyaanis qaawwa darbii mana isaa kan Samaariyaa keessaan kufee miidhamee ture. Kanaafuu inni, “Akka ani miidhaa kana irraa fayyuu fi fayyuu baachuu koo beekuuf dhaqaatii Baʼaal Zebuul waaqicha Eqroon sana naaf gaafadhaa” jedhee ergamoota erge.
3 And an angel of the Lord spoke to Elias the Thesbite, saying: Arise, and go up to meet the messengers of the king of Samaria, and say to them: Is there not a God in Israel, that ye go to consult Beelzebub the god of Accaron?
Ergamaan Waaqayyoo garuu Eeliyaas namicha gosa Tishbii sanaan akkana jedhe; “Kaʼiitii gara ergamoota mooticha Samaariyaa sanaatti ol baʼiitii akkana jedhii isaan gaafadhu; ‘Wanni isin Baʼaal Zebuul waaqicha Eqroon sana gorsa gaafachuu dhaqxaniif Israaʼel keessaa Waaqni dhabameetii?’
4 Wherefore thus saith the Lord: From the bed, on which thou art gone up, thou shalt not come down, but thou shalt surely die. And Elias went away.
Kanaafuu Waaqayyo, ‘Ati siree amma irra ciiftu kana irraa hin kaatu. Ati dhugumaan ni duuta!’ jedha.” Kana irratti Eeliyaas kaʼee deeme.
5 And the messengers turned back to Ochozias. And he said to them: Why are you come back?
Mootichis yommuu ergamoonni gara isaatti deebiʼanitti, “Isin maaliif deebitan?” jedhee isaan gaafate.
6 But they answered him: A man met us, and said to us: Go, and return to the king, that sent you, and you shall say to him: Thus saith the Lord: Is it because there was no God in Israel that thou sendest to Beelzebub the god of Accaron? Therefore thou shalt not come down from the bed, on which thou art gone up, but then shalt surely die.
Isaanis akkana jedhanii deebisan; “Namicha tokkotu karaatti nutti dhufee, ‘Gara mooticha isin erge sanaatti deebiʼaatii akkana jedhaanii’ nuun jedhe; ‘Waaqayyo akkana jedha: Wanni ati Baʼaal Zebuul waaqicha Eqroon sana gorsa gaafachuuf namoota ergituuf Israaʼel keessaa Waaqni dhabameetii? Kanaafuu ati siree irra ciiftu kana irraa hin kaatu. Ati dhugumaan ni duuta!’”
7 And he said to them: What manner of man was he who met you, and spoke these words?
Mootichi, “Namichi karaatti isinitti dhufee waan kana isinitti hime sun nama akkamii ti?” jedhee isaan gaafate.
8 But they said: A hairy man with a girdle of leather about his loins. And he said: It is Elias the Thesbite.
Isaanis, “Inni nama uffata rifeensa irraa hojjetame uffatee sabbata gogaa mudhii isaatti hidhatu tokkoo dha” jedhanii deebisaniif. Mootichis, “Inni Eeliyaas namicha Tishbii sanaa dha” jedhe.
9 And he sent to him a captain of fifty, and the fifty men that were under him. And he went up to him, and as he was sitting on the top of a hill, said to him: Man of God, the king hath commanded that thou come down.
Kana irratti mootichi ajajaa waraanaa tokko namoota shantama wajjin Eeliyaasitti erge. Ajajaan sunis fiixee gaara inni irra taaʼaa ture tokkootti Eeliyaasitti ol baʼee, “Yaa nama Waaqaa, mootichi ‘Gad kottu!’ siin jedha” jedheen.
10 And Elias answering, said to the captain of fifty: If I be a man of God, let fire come down from heaven, and consume thee, and thy fifty. And there came down fire from heaven, and consumed him, and the fifty that were with him.
Eeliyaas immoo ajajaa sanaan, “Yoo ani nama Waaqaa taʼe, ibiddi samii irraa gad buʼee siʼii fi namoota kee shantamman haa fixu!” jedhe. Ergasii ibiddi samii irraa gad buʼee ajajaa sanaa fi namoota isaa hunda fixe.
11 And again he sent to him another captain of fifty men, and his fifty with him. And he said to him: Man of God, thus saith the king: Make haste and come down.
Kana irratti mootichi amma illee ajajaa biraa namoota shantama wajjin Eeliyaasitti erge. Ajajaan sunis, “Yaa nama Waaqaa, mootichi, ‘Dafii gad buʼiitii kottu!’ siin jedha” jedheen.
12 Elias answering, said: If I be a man of God, let fire come down from heaven, and consume thee and thy fifty. And fire came down from heaven, and consumed him and his fifty.
Eeliyaas garuu, “Yoo ani nama Waaqaa taʼe, ibiddi samii irraa gad buʼee siʼii fi namoota kee shantammanuu haa fixu!” jedhee deebiseef. Ibiddi Waaqaas samii irraa gad buʼee isaa fi namoota isaa shantammanuu ni fixe.
13 Again he sent a third captain of fifty men, and the fifty that were with him. And when he was come, he fell upon his knees, before Elias, and besought him and said: Man of God, despise not my life, and the lives of thy servants that are with me.
Kanaafuu mootichi ammas ajajaa sadaffaa namoota shantama wajjin ni erge. Ajajaan sadaffaan kun ol baʼee jilba ofii isaatiin Eeliyaas duratti jilbeenfatee akkana jedhee isa ni kadhate; “Yaa nama Waaqaa, maaloo lubbuun koo fi lubbuun garboota kee shantamman kanneenii gatii hin dhabin!
14 Behold fire came down from heaven, and consumed the two first captains of fifty men, and the fifties that were with them: but now I beseech thee to spare my life.
Kunoo, ibiddi samii irraa gad buʼee ajajjuuwwan duraa lamaanii fi namoota isaanii hunda fixeera. Amma garuu lubbuun koo fuula kee duratti gatii haa qabaattu!”
15 And the angel of the Lord spoke to Elias, saying: Go down with him, fear not. He arose therefore, and went down with him to the king,
Ergamaan Waaqayyoos Eeliyaasiin, “Isa wajjin gad buʼi; isa hin sodaatin” jedhe. Kanaafuu Eeliyaas kaʼee isa wajjin gara mootichaatti gad buʼe.
16 And said to him: Thus saith the Lord: Because thou hast sent messengers to consult Beelzebub the god of Accaron, as though there were not a God in Israel, of whom thou mightest inquire the word; therefore from the bed on which thou art gone up, thou shalt not come down, but thou shalt surely die.
Innis akkana jedhee mootichatti hime; “Waaqayyo akkana jedha: Wanni ati Baʼaal Zebuul waaqicha Eqroon gorsa gaafachuudhaaf ergamoota ergiteef Israaʼel keessaa Waaqni gorsa gaafatamu dhabameetii? Ati sababii waan kana hojjetteef siree irra ciiftu kana irraa hin kaatu. Ati dhugumaan ni duuta!”
17 So he died according to the word of the Lord which Elias spoke, and Joram his brother reigned in his stead, in the second year of Joram the son of Josaphat king of Juda: because he had no son.
Kanaafuu inni akkuma dubbii Waaqayyoo kan Eeliyaas dubbate sanaatti duʼe. Sababii Ahaaziyaan ilma hin qabneef obboleessi isaa Yehooraam iddoo isaa buʼee mootii taʼe; kunis bara Yehooraam ilmi Yehooshaafaax mootii Yihuudaa ture keessa waggaa lammaffaatti taʼe.
18 But the rest of the acts of Ochozias which he did, are they not written in the book of the words of the days of the kings of Israel?
Wantoonni bara mootummaa Ahaaziyaa keessa hojjetaman kan biraa hundii fi wanti inni hojjete kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?

< 2 Kings 1 >