< 1 Kings 21 >
1 And it came to pass after these things, [that] Naboth the Jizreelite had a vineyard, which was in Jizreel, by the side of the palace of Ahab king of Samaria.
Naabot namichi Yizriʼeel tokko Yizriʼeel keessaa, masaraa mootummaa Ahaab mooticha Samaariyaa biraa iddoo dhaabaa wayinii qaba ture.
2 And Ahab spoke to Naboth saying, Give me thy vineyard, that I may have it for a garden of herbs, for it is near, by the side of my house; and I will give thee for it a better vineyard than it; if it seem good to thee, I will give thee its value in money.
Ahaabis Naabotiin akkana jedhe; “Sababii inni masaraa mootummaa kootti dhiʼaatuuf akka ani achi irra biqiltuu dhaabbadhuuf iddoo dhaabaa wayinii keetii naaf kenni. Qooda isaa ani iddoo dhaabaa wayinii kan isa caalu yookaan yoo ati feete gatii isaa maallaqa siifin kennaa.”
3 And Naboth said to Ahab, Jehovah forbid it me, that I should give the inheritance of my fathers to thee!
Naabot garuu, “Dhaala abbootii koo siif kennuu irraa Waaqayyo na haa eegu” jedhee deebise.
4 And Ahab came into his house sullen and vexed because of the word that Naboth the Jizreelite had spoken to him; for he had said, I will not give thee the inheritance of my fathers. And he lay down on his bed, and turned away his face, and ate no bread.
Kanaafuu sababii Naabot namichi Yizriʼeel sun “Ani dhaala abbootii koo siif hin kennu” jedheef Ahaab akka malee aaree dheekkamaa gara mana isaatti gale. Innis fuula isaa garagalfatee siree isaa irra ciise; waa nyaachuus ni dide.
5 And Jezebel his wife came to him, and said to him, Why is thy spirit sullen, and thou eatest no bread?
Iizaabel niitiin isaas ol seentee, “Ati maaliif akkana aarta? Maaliif waa hin nyaanne?” jettee isa gaafatte.
6 And he said to her, Because I spoke to Naboth the Jizreelite and said to him, Give me thy vineyard for money; or else, if it please thee, I will give thee a vineyard for it; and he said, I will not give thee my vineyard.
Innis akkana jedhee deebiseef; “Sababii Naabot namichi Yizriʼeel sun, ani, ‘Iddoo dhaabaa wayinii keetii natti gurguri, yookaan yoo ati feete qooda isaa iddoo dhaabaa wayinii biraa siifin kenna’ jennaaniin inni immoo, ‘Ani iddoo dhaabaa wayinii koo siif hin kennu’ naan jedheef.”
7 And Jezebel his wife said to him, Dost thou now exercise sovereignty over Israel? arise, eat bread, and let thy heart be glad: I will give thee the vineyard of Naboth the Jizreelite.
Niitiin isaa Iizaabelis, “Ati amma mootii Israaʼelii? Kaʼii buddeena nyaadhu! Gammadis. Ani iddoo dhaabaa wayinii Naabot namicha Yizriʼeel sanaa siifin kennaa” jetteen.
8 And she wrote a letter in Ahab's name, and sealed it with his seal, and sent the letter to the elders and to the nobles that were in his city, dwelling with Naboth.
Kanaafuu isheen maqaa Ahaabiin xalayoota barreessitee chaappaa isaatiin chaappeessitee maanguddootaa fi namoota bebeekamoo magaalaa Naabot keessa isa wajjin jiraatanitti ergite.
9 And she wrote in the letter saying, Proclaim a fast, and set Naboth at the head of the people;
Xalayoota sana keessattis akkana jettee barreessite: “Guyyaa soomaa tokko labsaatii akka Naabot waldaa keessa iddoo ol aanu taaʼu godhaa.
10 and set two men, sons of Belial, before him, and they shall bear witness against him saying, Thou didst curse God and the king; and carry him out, and stone him, that he may die.
Namoota kashlabboota lama fuula isaa dura teessisaatii akka isaan akka inni Waaqaa fi mooticha abaare itti rageessan godhaa. Ergasiis gad baasaatii dhagaadhaan tumaa isa ajjeesaa.”
11 And the men of his city, the elders and the nobles that dwelt in his city, did as Jezebel had sent to them, as it was written in the letter that she had sent to them:
Kanaafuu maanguddoonnii fi namoonni bebbeekamoon magaalaa Naabot keessa jiraatan akkuma Iizaabel xalayoota barreessiteef keessatti isaan ajajje sana godhan.
12 they proclaimed a fast, and set Naboth at the head of the people.
Isaanis sooma labsanii akka Naabot waldaa keessa iddoo ol aanu taaʼu godhan.
13 And there came the two men, sons of Belial, and sat before him; and the men of Belial witnessed against him, against Naboth, in the presence of the people, saying, Naboth blasphemed God and the king. And they carried him forth out of the city, and stoned him with stones, that he died.
Ergasii Kashlabboonni lama dhufanii fuula isaa dura tataaʼanii, “Naabot Waaqaa fi mooticha abaareera” jedhanii namoota duratti itti rageessan. Kanaafis magaalaa keessaa gad baasanii dhagaadhaan tumanii isa ajjeesan.
14 And they sent to Jezebel saying, Naboth is stoned, and is dead.
Ergasii isaan, “Naabot dhagaan tumamee duʼeera” jedhanii Iizaabelitti ergaa ergan.
15 And it came to pass when Jezebel heard that Naboth was stoned and was dead, that Jezebel said to Ahab, Arise, take possession of the vineyard of Naboth the Jizreelite, which he refused to give thee for money; for Naboth is not alive, but dead.
Iizaabelis akkuma akka Naabot dhagaan tumamee duʼe dhageesseen Ahaabiin, “Kaʼiitii iddoo dhaabaa wayinii Naabot namichi Yizriʼeel sitti gurguruu dide sana dhaali. Inni lubbuun hin jiru; duʼeeraa” jette.
16 And it came to pass when Ahab heard that Naboth was dead, that Ahab rose up to go down to the vineyard of Naboth the Jizreelite, to take possession of it.
Ahaabis akka Naabot duʼe dhageenyaan iddoo dhaabaa wayinii Naabot sana dhaaluuf kaʼee gad buʼe.
17 And the word of Jehovah came to Elijah the Tishbite, saying,
Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Eeliyaas namicha Tishbii sanaa dhufe;
18 Arise, go down to meet Ahab king of Israel, who is in Samaria: behold, he is in the vineyard of Naboth, whither he is gone down to take possession of it.
“Ahaab mooticha Israaʼel kan Samaariyaa keessa taaʼee bulchu sana arguuf gad buʼi. Inni amma lafa qotiisaa sana dhaaluuf gad buʼee iddoo dhaabaa wayinii Naabot keessa jira.
19 And thou shalt speak unto him saying, Thus saith Jehovah: Hast thou killed, and also taken possession? And thou shalt speak unto him saying, Thus saith Jehovah: In the place where the dogs licked the blood of Naboth shall the dogs lick thy blood, even thine.
Atis akkana jedhiin: ‘Waaqayyo akkana jedha; ati nama tokko ajjeeftee qabeenya isaa hin dhaallee?’ Ergasiis akkana jedhiin; ‘Waaqayyo akkana jedha: Iddoo sareen dhiiga Naabot arraabde sanatti sareen dhiiga kees ni arraabdi; eeyyee dhugumaan dhiiga kees ni arraabdi!’”
20 And Ahab said to Elijah, Hast thou found me, mine enemy? And he said, I have found [thee]; because thou hast sold thyself to do evil in the sight of Jehovah.
Ahaabis Eeliyaasiin, “Yaa diina ko, ati na argatteerta!” jedhe. Innis deebisee akkana jedheen; “Sababii ati fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjechuuf of gurgurteef ani si argadheera.
21 Behold, I will bring evil upon thee, and will take away thy posterity, and will cut off from Ahab every male, and him that is shut up and left in Israel;
‘Ani badiisa sitti nan fida. Sanyii kee illee nan balleessa; dhiira mana Ahaab, garbas taʼu birmaduu hunda Israaʼel keessaa nan balleessa.
22 and I will make thy house like the house of Jeroboam the son of Nebat, and like the house of Baasha the son of Ahijah, for the provocation wherewith thou hast provoked me to anger, and made Israel to sin.
Sababii ati aariif na kakaaftee fi akka Israaʼel cubbuu hojjetu gooteef ani mana kee akkuma mana Yerobiʼaam ilma Nebaat sanaatii fi akkuma mana Baʼishaan ilma Ahiiyaa sanaa nan godha.’
23 And of Jezebel also spoke Jehovah saying, The dogs shall eat Jezebel by the moat of Jizreel.
“Waaʼee Iizaabelis Waaqayyo akkana jedha: ‘Dallaa dhagaa Yizriʼeel biratti saroonni Iizaabelin ni nyaatu.’
24 Him that dieth of Ahab in the city shall the dogs eat, and him that dieth in the field shall the fowl of the heavens eat.
“Nama Ahaab kan magaalaa keessatti duʼu kam iyyuu sareetu nyaata; kan baadiyyaatti duʼu immoo allaattii samiitu nyaata.”
25 (Surely there was none like to Ahab, who did sell himself to do evil in the sight of Jehovah, Jezebel his wife urging him on.
Namni akka Ahaab isa niitii ofii isaa Iizaabeliin kakaafamee fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjechuudhaaf of gurgure sanaa gonkumaa hin jiru.
26 And he did very abominably in following idols, according to all that the Amorites did, whom Jehovah had dispossessed before the children of Israel.)
Inni akkuma Amoorota kanneen Waaqayyo saba Israaʼel duraa ariʼee baase sanaa waaqota tolfamoo duukaa buʼuudhaan waan akka malee jibbisiisaa taʼe hojjete.
27 And it came to pass when Ahab heard these words, that he rent his garments, and put sackcloth upon his flesh, and fasted, and lay in sackcloth, and went softly.
Ahaab yommuu dubbii kana dhagaʼetti uffata isaa tarsaasee, wayyaa gaddaa uffatee soome. Innis wayyaa gaddaatiin ciisaa, mataa buusees deemaa ture.
28 And the word of Jehovah came to Elijah the Tishbite, saying,
Dubbiin Waaqayyoos akkana jedhee gara Eeliyaas namicha Tishbii sanaa dhufe:
29 Seest thou how Ahab humbleth himself before me? because he humbleth himself before me, I will not bring the evil in his days: in his son's days will I bring the evil upon his house.
“Ati akka Ahaab fuula koo duratti gad of qabe argitee? Sababii inni gad of qabeef ani balaa kana bara isaa keessa hin fidu; garuu bara ilma isaa keessa mana isaatti nan fida.”