< Numbers 13 >

1 And the Lord spoke to Moses, saying,
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
2 Send for you men, and let them spy the land of the Chananites, which I give to the sons of Israel for a possession; one man for a tribe, you shall send them away according to their families, every one of them a prince.
“Akka isaan dhaqanii biyya Kanaʼaan ishee ani Israaʼelootaaf kennuuf jiru sana basaasaniif namoota ergi. Tokkoo tokkoo abbootii gosaa keessaa hoogganaa tokko ergi.”
3 And Moses sent them out of the wilderness of Pharan by the word of the Lord; all these [were] the princes of the sons of Israel.
Museen ajaja Waaqayyootiin Gammoojjii Phaaraan keessaa isaan erge. Hundi isaanii hooggantoota Israaʼelootaa turan.
4 And these [are] their names: of the tribe of Ruben, Samuel the son of Zachur.
Maqaan isaanii kanneenii dha: Gosa Ruubeen keessaa Shamuuʼaa ilma Zakuur;
5 Of the tribe of Symeon, Saphat the son of Suri.
gosa Simiʼoon keessaa Shaafaaxi ilma Hoorii;
6 Of the tribe of Judah, Chaleb the son of Jephonne.
gosa Yihuudaa keessaa Kaaleb ilma Yefunee;
7 Of the tribe of Issachar, Ilaal the son of Joseph.
gosa Yisaakor keessaa Yigiʼaal ilma Yoosef;
8 Of the tribe of Ephraim, Ause the son of Naue.
gosa Efreem keessaa Hoosheeʼaa ilma Nuuni;
9 Of the tribe of Benjamin, Phalti the son of Raphu.
gosa Beniyaam keessaa Phaaltii ilma Raaphuu;
10 Of the tribe of Zabulon, Gudiel the son of Sudi.
gosa Zebuuloon keessaa Gadiiʼeel ilma Soodii;
11 Of the tribe of Joseph of the sons of Manasse, Gaddi the son of Susi.
gosa Minaasee jechuunis gosa Yoosef keessaa Gadii ilma Suus;
12 Of the tribe of Dan, Amiel the son of Gamali.
gosa Daan keessaa Amiiʼeel ilma Gemaal;
13 Of the tribe of Aser, Sathur the son of Michael.
gosa Aasheer keessaa Sexuur ilma Miikaaʼel;
14 Of the tribe of Nephthali, Nabi the son of Sabi.
gosa Niftaalem keessaa Naahibii ilma Wofsii;
15 Of the tribe of Gad, Gudiel the son of Macchi.
gosa Gaad keessaa Geʼuuʼeel ilma Maakii ti.
16 These [are] the names of the men whom Moses sent to spy out the land; and Moses called Ause the son of Naue, Joshua.
Egaa maqaawwan kunneen maqaawwan namoota akka isaan biyya sana basaasaniif jedhee Museen ergee dha. Museenis Hoosheeʼaa ilma Nuuni sana, “Iyyaasuu” jedhee moggaase.
17 And Moses sent them to spy out the land of Chanaan, and said to them, Go up by this wilderness; and you shall go up to the mountain,
Museen yommuu akka isaan biyya Kanaʼaanii basaasaniif isaan ergetti akkana jedheen; “Karaa Negeeb darbaatii gara biyya gaaraatti ol baʼaa.
18 and you shall see the land, what it is, and the people that dwells on it, whether it is strong or weak, or [whether] they are few or many.
Biyyi sun maal akka fakkaattu, namoonni achi jiraatanis jajjaboo yookaan dadhaboo, muraasa yookaan hedduu taʼuu isaanii ilaalaa.
19 And what the land is on which they dwell, [whether] it is good or bad; and what the cities are wherein these dwell, whether they dwell in walled [cities] or unwalled.
Isaan biyya akkamii keessa jiraatu? Gaarii yookaan gadhee? Magaalaawwan akkamii keessa jiraatu? Dallaa dhagaa hin qaban moo daʼoo jabaa qabu?
20 And what the land is, whether rich or poor; whether there are trees in it or no: and you shall persevere and take of the fruits of the land: and the days [were] the days of spring, the forerunners of the grape.
Lafti isaa gabbataa dha moo gabbataa miti? Muka qaba moo hin qabu. Jabaadhaatii ija biyyattii keessaa muraasa fidaa.” Waqtiin sun yeroo iji wayinii kan jalqabaa itti bilchaatu ture.
21 And they went up and surveyed the land from the wilderness of Sin to Rhoob, as men go in to Aemath.
Isaan ol baʼanii Gammoojjii Siin irraa jalqabanii hamma Rehoobitti gara Leeboo Hamaatitti biyyattii basaasan.
22 And they went up by the wilderness, and departed as far as Chebron; and there [was] Achiman, and Sessi, and Thelami, the progeny of Enach. Now Chebron was built seven years before Tanin of Egypt.
Isaanis karaa Negeeb ol baʼanii gara Kebroon lafa Ahiiman, Sheeshaayii fi Talmaayi ilmaan Anaaq sun jiraataniitti dhufan. Kebroon kunis utuu Zooʼaan isheen biyya Gibxi sun hin ijaaramin waggaa torbaan dura ijaaramte.
23 And they came to the valley of the cluster and surveyed it; and they cut down thence a bough and one cluster of grapes upon it, and bore it on staves, and [they took] of the pomegranates and the figs.
Isaanis yommuu Sulula Eshkool gaʼanitti hurbuu ija wayinii tokko kutan. Wayinii sanas roomaanii fi harbuu wajjin nama lama taʼanii danqaraadhaan baatan.
24 And they called that place, The valley of the cluster, because of the cluster which the children of Israel cut down from thence.
Iddoon sun sababii hurbuu ija wayinii kan warri Israaʼel kutan sanaatiif Sulula Eshkool jedhame.
25 And they returned from thence, having surveyed the land, after forty days.
Jarris dhuma bultii afurtamaatti biyya sana basaasanii deebiʼan.
26 And they proceeded and came to Moses and Aaron and all the congregation of the children of Israel, to the wilderness of Pharan Cades; and they brought word to them and to all the congregation, and they showed the fruit of the land:
Isaanis gara Qaadesh ishee Gammoojjii Phaaraan keessaa gara Musee fi Aroon, gara waldaa Israaʼel guutuu deebiʼanii dhufan. Achittis gabaasa isaaniif dhiʼeessan; ija biyyattiis isaan argisiisan.
27 and they reported to him, and said, We came into the land into which you sent us, a land flowing with milk and honey; and this is the fruit of it.
Isaanis akkana jedhanii Museetti himan: “Nu gara biyya ati itti nu ergite sanaa dhaqneerra; biyyattiin aannanii fi damma baafti! Iji ishees kunoo kana.
28 Only the nation that dwells upon it is bold, and they have very great and strong walled towns, and we saw there the children of Enach.
Garuu namoonni achi jiraatan jajjaboo dha; magaalaawwan ishee dallaa jabaa qabu; gurguddaa dhas. Nu sanyii Anaaq iyyuu achitti argineerra.
29 And Amalec dwells in the land towards the south: and the Chettite and the Evite, and the Jebusite, and the Amorite dwells in the hill country: and the Chananite dwells by the sea, and by the river Jordan.
Amaaleqoonni Negeeb keessa jiraatu; Heetonni, Yebuusonnii fi Amooronni biyya gaaraa keessa jiraatu; Kanaʼaanonni immoo galaana biraa fi qarqara Yordaanos jiraatu.”
30 And Chaleb stayed the people from speaking before Moses, and said to him, Nay, but we will go up by all means, and will inherit it, for we shall surely prevail against them.
Kaalebis fuula Musee duratti saba calʼisiisee, “Nu dafnee ol baanee biyyattii haa dhaallu; moʼachuu ni dandeenyaatii” jedhe.
31 But the men that went up together with him said, We will not go up, for we shall not by any means be able to go up against the nation, for it is much stronger than we.
Namoonni isa wajjin ol baʼanii turan garuu, “Nu warra sana dhaʼuu hin dandeenyu; isaan nurra jajjaboo dha” jedhan.
32 And they brought a horror of that land which they surveyed upon the children of Israel, saying, The land which we passed by to survey it, is a land that eats up its inhabitants; and all the people whom we saw in it are men of extraordinary stature.
Isaanis waaʼee biyya basaasan sanaa saba Israaʼel gidduutti oduu gadhee tamsaasan. Akkanas jedhan; “Biyyi nu basaasne sun biyya warra ishee keessa jiraatu iyyuu nyaattuu dha. Namoonni nu achitti argine hundinuu dhedheeroo dha.
33 And there we saw the giants; and we were before them as locusts, yes even so were we before them.
Achitti Nefiiliimota argine; ilmaan Anaaq Nefiiliimota irraa dhufan. Nu ofuma keenyatti iyyuu korophisa fakkaanne; fuula isaanii durattis akkasuma taane.”

< Numbers 13 >