< Exodus 32 >

1 And when the people saw that Moses was a long time coming down from the mountain, they all came to Aaron and said to him, Come, make us a god to go before us: as for this Moses, who took us up out of the land of Egypt, we have no idea what has become of him.
Sabni sunis yommuu akka Museen tulluu irra ture argetti Aroonin marsee, “Musee namicha biyya Gibxiitii baasee nu fide sana waan inni taʼe hin beeknuutii kaʼii waaqota nu dura deeman nuu tolchi” jedhe.
2 Then Aaron said to them, Take off the gold rings which are in the ears of your wives and your sons and your daughters, and give them to me.
Aroon immoo, “Warqee gurraa kan niitonni keessan, ilmaan keessanii fi intallan keessan keeyyatan irraa baasaatii natti fidaa” jedhee deebiseef.
3 And all the people took the gold rings from their ears and gave them to Aaron.
Namoonni hundinuu warqee gurra isaanii of irraa baasanii Aroonitti fidan.
4 And he took the gold from them and, hammering it with an instrument, he made it into the metal image of a young ox: and they said, This is your god, O Israel, who took you out of the land of Egypt.
Innis warqee sana isaan harkaa fuudhee miʼa ittiin hojjetaniin baqsee Waaqa tolfamaa bifa jabbiitiin hojjetame tokko tolche; isaanis, “Yaa Israaʼel isaan kunneen waaqota kee warra biyya Gibxiitii si baasanii dha” jedhan.
5 And when Aaron saw this, he made an altar before it, and made a public statement, saying, Tomorrow there will be a feast to the Lord.
Aroonis yommuu waan kana argetti fuula jabbii sanaa duratti iddoo aarsaa ijaaree, “Bori Waaqayyoof ayyaanni ni ayyaaneffama” jedhee labse.
6 So early on the day after they got up and made burned offerings and peace-offerings; and took their seats at the feast, and then gave themselves to pleasure.
Isaanis guyyaa itti aanu ganama bariin kaʼanii, aarsaa gubamu dhiʼeessanii aarsaa nagaas fidan. Kana irratti nyaachuu fi dhuguuf tataaʼan; sirbuufis kaʼan.
7 And the Lord said to Moses, Go down quickly; for your people, whom you took out of the land of Egypt, are turned to evil ways;
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Sabni kee kan ati biyya Gibxiitii baaftee fidde sun xuraaʼeeraatii gad buʼi.
8 Even now they are turned away from the rule I gave them, and have made themselves a metal ox and given worship to it and offerings, saying, This is your god, O Israel, who took you up out of the land of Egypt.
Isaan dafanii karaa ani isaan ajaje irraa jalʼataniiru; Waaqa tolfamaa bifa jabbiitiin baqfamee qopheeffame illee ofii isaaniitiif tolfatanii aarsaa dhiʼeessaniifii, ‘Yaa Israaʼel isaan kunneen waaqota kee warra biyya Gibxiitii si baasanii dha’ jedhanii isa waaqeffataniiru.
9 And the Lord said to Moses, I have been watching this people, and I see that they are a stiff-necked people.
“Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; ‘Kunoo, ani akka sabni kun mata jabeessa taʼe argeera.
10 Now do not get in my way, for my wrath is burning against them; I will send destruction on them, but of you I will make a great nation.
Kanaafuu akka aariin koo isaanitti bobaʼuu fi akka ani isaan balleessuuf na dhiisi. Yommus ani saba guddaa si taasisa.’”
11 But Moses made prayer to God, saying, Lord, why is your wrath burning against your people whom you took out of the land of Egypt, with great power and with the strength of your hand?
Museen garuu fuula gargaarsa Waaqayyo Waaqa isaa barbaaddate; akkanas jedhe; “Yaa Waaqayyo, dheekkamsi kee maaliif saba kee warra ati humna guddaa fi irree jabaadhaan biyya Gibxiitii baafte sanatti bobaʼa?
12 Why let the Egyptians say, He took them out to an evil fate, to put them to death on the mountains, cutting them off from the earth? Let your wrath be turned away from them, and send not this evil on your people.
Warri Gibxii maaliif, ‘Inni duruma iyyuu yaada hamaadhaan tulluuwwan irratti isaan fixuu fi lafa irraa isaan balleessuuf Gibxii isaan baasee?’ jedhu. Aarii kee bobaʼaa sana irraa deebiʼi; obsis; saba keettis badiisa hin fidin.
13 Have in mind Abraham, Isaac, and Israel, your servants, to whom you gave your oath, saying, I will make your seed like the stars of heaven in number, and all this land will I give to your seed, as I said, to be their heritage for ever.
Garboota kee Abrahaam, Yisihaaqii fi Israaʼelin warra, ‘Ani sanyii kee akka urjiiwwan samii irraa nan baayʼisa; lafa ani waadaa isaaniif seene kana hundas sanyii keessaniif nan kenna; isaanis bara baraan lafa sana ni dhaalu’ jettee maqaa keetiin kakatteef sana yaadadhu.”
14 So the Lord let himself be turned from his purpose of sending punishment on his people.
Kana irratti Waaqayyo yaada geeddaratee badiisa saba isaatti fiduuf ture sana dhiise.
15 Then Moses came down the mountain with the two stones of the law in his hand; the stones had writing on their two sides, on the front and on the back.
Museenis gabateewwan kakuu lamaan sana harkatti qabatee deebiʼee tulluu irraa gad buʼe. Gabatee sana irrattis karaa lachuu, duraa duubaan barreeffamee ture.
16 The stones were the work of God, and the writing was the writing of God, cut on the stones.
Gabateewwan sanas Waaqatu hojjete; katabbiin sunis katabbii Waaqaa kan gabateewwan sana irratti soofamee barreeffamee dha.
17 Now when the noise and the voices of the people came to the ears of Joshua, he said to Moses, There is a noise of war in the tents.
Iyyaasuunis yommuu waca namootaa dhagaʼetti Museedhaan, “Iddoo buufataa keessa sagalee waraanaatu jira” jedhe.
18 And Moses said, It is not the voice of men who are overcoming in the fight, or the cry of those who have been overcome; it is the sound of songs which comes to my ear.
Museen immoo akkana jedhee deebise: “Sagaleen ani dhagaʼu kun sagalee sirbaati malee sagalee mooʼuu, yookaan sagalee moʼatamuu miti.”
19 And when he came near the tents he saw the image of the ox, and the people dancing; and in his wrath Moses let the stones go from his hands, and they were broken at the foot of the mountain.
Museenis akkuma iddoo qubataatti dhiʼaatee jabbii fi shuubbisa sana argeen aaree gubate; gabateewwan sana harka isaa irraa darbatee tulluu sana jalatti caccabse.
20 And he took the ox which they had made, burning it in the fire and crushing it to powder, and he put it in the water and made the children of Israel take a drink of it.
Innis jabbii jarri tolchan sana fuudhee ibiddaan gube; daakee bulleessees bishaanitti firfirsee Israaʼeloota obaase.
21 And Moses said to Aaron, What did the people do to you that you let this great sin come on them?
Museenis Arooniin, “Sabni kun maal si goonaan ati cubbuu guddaa akkasii keessa isaan buufte?” jedhe.
22 And Aaron said, Let not my lord be angry; you have seen how the purposes of this people are evil.
Aroon immoo deebisee akkana jedhe; “Yaa gooftaa ko, aartee hin gubatin; akka sabni kun gara hamminaatti jalʼatu atuu beekta.
23 For they said to me, Make us a god to go before us: as for this Moses, who took us up out of the land of Egypt, we have no idea what has come to him.
Isaan, ‘Musee namicha Gibxii baasee nu fide sana waan inni taʼe hin beeknuutii waaqota nu dura deeman nuu tolchi’ naan jedhan.
24 Then I said to them, Whoever has any gold, let him take it off; so they gave it to me, and I put it in the fire, and this image of an ox came out.
Anis, ‘Namni warqee qabu of irraa haa baasu’ jedheen; isaanis warqee sana natti kennan; anis ibidda keessa nan buuse; inni immoo jabbii taʼee baʼe!”
25 And Moses saw that the people were out of control, for Aaron had let them loose to their shame before their haters:
Museen akka sabni sun gad dhiisiitti jiraate, Aroonis akka isaan toʼannaadhaan ala taʼan akka godhee fi akka isaan diinota isaanii birattis waan kolfaa taʼan arge.
26 Then Moses took his place at the way into the tents, and said, Whoever is on the Lord's side, let him come to me. And all the sons of Levi came together to him.
Kanaafuu Museen karra qubataa dura dhaabatee, “Mee warri gara Waaqayyo gortan hundi gara koo kottaa” jedhe. Lewwonni hundis isa biratti walitti qabaman.
27 And he said to them, This is the word of the Lord, the God of Israel: Let every man take his sword at his side, and go from one end of the tents to the other, putting to death his brother and his friend and his neighbour.
Ergasii inni akkana isaaniin jedhe; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha; ‘Tokkoon tokkoon namaa mudhii isaatti goraadee haa hidhatu; tokkoon tokkoon namaas qubata sana keessa karra tokko irraa gara karra kaaniitti asii fi achi deemee obboloota isaa, michoota isaatii fi ollaa isaa haa ajjeesu.’”
28 And the sons of Levi did as Moses said; and about three thousand of the people were put to death that day.
Lewwonnis akkuma Museen isaan ajaje godhan; guyyaa sana saba sana keessaa nama gara kuma sadiitu duʼe.
29 And Moses said, You have made yourselves priests to the Lord this day; for every one of you has made the offering of his son and his brother; the blessing of the Lord is on you this day.
Museenis, “Isin waan ilmaan keessanii fi obboloota keessanitti kaataniif harʼa Waaqayyoof addaan baafamtaniirtu; innis guyyaa harʼaa isin eebbiseera” jedhe.
30 And on the day after, Moses said to the people, Great has been your sin: but I will go up to the Lord, and see if I may get forgiveness for your sin.
Museen guyyaa itti aanutti saba sanaan, “Isin cubbuu guddaa hojjettaniirtu. Garuu ani amma gara Waaqayyootti ol nan baʼa; tarii ani cubbuu keessaniif araara nan buusa taʼa” jedhe.
31 Then Moses went back to the Lord and said, This people has done a great sin, making themselves a god of gold;
Museenis deebiʼee gara Waaqayyoo dhaqee akkana jedhe; “Wayyoo! Sabni kun cubbuu akkam guddaa hojjete! Isaan ofii isaaniitiif waaqota warqee tolfataniiru.
32 But now, if you will give them forgiveness — but if not, let my name be taken out of your book.
Taʼus maaloo amma cubbuu isaanii dhiisiif; yoo kanaa achi kitaaba barreessite sana keessaa maqaa koo haqi.”
33 And the Lord said to Moses, Whoever has done evil against me will be taken out of my book.
Waaqayyo immoo Museedhaan akkana jedhe; “Ani nama cubbuu natti hojjete kitaaba koo irraa nan haqa.
34 But now, go, take the people into that place of which I have given you word; see, my angel will go before you: but when the time of my judging has come, I will send punishment on them for their sin.
Amma kaʼiitii gara lafa ani sitti hime sanaatti saba kana qajeelchi; kunoo ergamaan koos fuula kee dura ni deema. Garuu gaafa yeroon ani isaan adabu gaʼutti ani cubbuu isaaniitiif isaan nan adaba.”
35 And the Lord sent punishment on the people because they gave worship to the ox which Aaron made.
Sababii balleessaa isaan jabbii Aroon tolche sanaan hojjetaniitiif Waaqayyo balaadhaan saba sana dhaʼe.

< Exodus 32 >