< 1 Samuel 18 >

1 Now after David's talk with Saul was ended, the soul of Jonathan was joined with the soul of David, and David became as dear to him as his very life.
Erga Daawit Saaʼol wajjin haasaʼee fixatee booddee, lubbuun Yoonaataan lubbuu Daawititti maxxante; Yoonaataanis akkuma lubbuu ofii isaatti isa jaallate.
2 And that day Saul took David and would not let him go back to his father's house.
Saaʼolis gaafa sanaa jalqabee Daawitin ofitti fudhate; akka inni gara mana abbaa isaatti deebiʼus hin eeyyamneef.
3 Then Jonathan and David made an agreement together, because of Jonathan's love for David.
Yoonaataan sababii akka mataa isaatti isa jaallateef Daawit wajjin kakuu seene.
4 And Jonathan took off the robe he had on and gave it to David, with all his military dress, even to his sword and his bow and the band round his body.
Yoonaataanis qoloo uffatee ture of irraa baasee kittaa isaa, goraadee isaa, iddaa isaatii fi sabbata isaa dabalee Daawitiif kenne.
5 And David went wherever Saul sent him, and did wisely: and Saul put him at the head of his men of war, and this was pleasing to all the people as well as to Saul's servants.
Daawit iddoo Saaʼol itti isa erge hunda dhaqee ni milkaaʼa ture. Saaʼolis namoota waraanaa irratti isa sadarkaa ol aanaa kenneef. Wanni kunis saba hundaa fi tajaajiltoota Saaʼol hunda gammachiise.
6 Now on their way, when David came back after the destruction of the Philistine, the women came out of all the towns of Israel, with songs and dances, meeting David with melody and joy and instruments of music.
Dubartoonnis erga Daawit Filisxeemicha ajjeesee booddee yommuu namoonni gara mana ofii isaaniitti deebiʼanitti magaalaawwan Israaʼel hunda keessaa masiinqoo fi dibbee qabatanii faarfannaa gammachuutiin faarfachaa fi shuubbisaa Saaʼol mooticha simachuuf baʼan.
7 And the women, answering one another in their song, said, Saul has put to death his thousands and David his tens of thousands.
Dubartoonni sunis wal jalaa qabanii: “Saaʼol kumaatama ajjeese; Daawit immoo kuma kumaatamaa ajjeese” jedhanii faarfatan.
8 And Saul was very angry and this saying was unpleasing to him; and he said, They have given David credit for tens of thousands, and to me for only thousands: what more is there for him but the kingdom?
Saaʼol akka malee aare; jechi kunis isa hin gammachiifne. Innis, “Isaan Daawitiif kuma kumaatama kennan; anaaf garuu kumaatama qofa kennan. Mootummaa fudhachuu malee maaltu isa hafe?” jedhee yaade.
9 And from that day Saul was looking with envy on David.
Gaafasii jalqabee Saaʼol ija hinaaffaatiin Daawitin ilaala ture.
10 Now on the day after, an evil spirit from God came on Saul with great force and he was acting like a prophet among the men of his house, while David was making music for him, as he did day by day: and Saul had his spear in his hand.
Guyyaa itti aanutti hafuurri hamaan Waaqa biraa humnaan Saaʼolitti dhufe. Innis mana isaa keessatti raajii dubbachaa ture; Daawit immoo akkuma duraan godhu sana baganaa taphachaa ture. Saaʼolis eeboo harkatti qabatee ture;
11 And Saul, balancing the spear in his hand, said, I will give David a blow, pinning him to the wall. And David got away from him twice.
innis, “Ani Daawitin keenyanittan hodha” jedhee waan yaadeef eeboo itti darbate. Daawit garuu yeroo lama isa duraa miliqe.
12 And Saul went in fear of David, because the Lord was with David and had gone away from Saul.
Saaʼolis Daawitin sodaate; Waaqayyo Saaʼolin dhiisee Daawit wajjin tureetii.
13 So Saul sent him away, and made him a captain over a thousand; and he went about his business before the people.
Kanaafuu Saaʼol Daawitin fuula ofii isaa duraa fageessee ajajaa kumaa isa godhe; Daawitis loltoota hoogganee ni baʼa; ni galas ture.
14 And in all his undertakings David did wisely; and the Lord was with him.
Sababii Waaqayyo isa wajjin tureef inni waan hojjetu hundumaan ni milkaaʼa ture.
15 And when Saul saw how wisely he did, he was in fear of him.
Saaʼolis yeroo akka inni milkaaʼe argetti isa ni sodaate.
16 But David was loved by all Israel and Judah, for he went out and came in before them.
Israaʼelii fi Yihuudaan hundi garuu Daawitin ni jaallatan; inni fuula isaanii dura ni baʼa; ni galas tureetii.
17 And Saul said to David, Here is my oldest daughter Merab, whom I will give you for your wife: only be strong for me, fighting in the Lord's wars. For Saul said, Let it not be through me that his fate comes to him, but through the Philistines.
Saaʼolis Daawitiin, “Meerab intalli koo hangafti kunoo ti; ati jagnummaan lola Waaqayyoo loli malee ani ishee sitti nan heerumsiisa” jedhe. Saaʼol, “Harki Filisxeemotaa isa irratti haa kaʼu malee ani harka koo isa irratti hin kaasu” jedhee yaadaa tureetii.
18 And David said to Saul, Who am I, and what is my father's family in Israel, that I am to be son-in-law to the king?
Daawit garuu Saaʼoliin, “Soddaa mootii taʼuuf ani eenyu? Maatiin koo yookaan gosti abbaa koo Israaʼel keessatti maali?” jedhe.
19 But when the time came to give Merab, Saul's daughter, to David, she was given to Adriel of Meholath.
Kanaafuu yommuu yeroon itti Meerab intalli Saaʼol Daawititti heerumtu dhiʼaatetti isheen Adriiʼeel nama biyya Mehoolaatitti heerumte.
20 And Saul's daughter Michal was in love with David: and Saul had word of it and was pleased.
Miikaal intalli Saaʼolis Daawitin jaallattee turte; Saaʼolis yeroo waaʼee kanaa dhagaʼetti ni gammade.
21 And Saul said, I will give her to him, so that she may be a cause of danger to him, and so that the hands of the Philistines may be against him. So Saul said to David, Today you are to become my son-in-law for the second time.
Innis, “Akka isheen kiyyoo isatti taatuu fi akka harki Filisxeemotaa isa argatuuf ani ishee isatti nan heerumsiisa” jedhee yaade. Kanaafuu Saaʼol Daawitiin, “Ati amma soddaa koo taʼuuf carraa lammaffaa qabda” jedhe.
22 And Saul gave his servants orders saying, Have talk with David secretly and say to him, See how the king has delight in you, and how you are loved by all his servants: then be the king's son-in-law.
Ergasiis Saaʼol, “‘Kunoo mootiin sitti gammada; tajaajiltoonni isaa hundinuus si jaallatu; ati amma soddaa isaa taʼi’ jedhaatii dhoksaadhaan Daawititti himaa” jedhee tajaajiltoota isaa ajaje.
23 And Saul's servants said these things to David. And David said, Does it seem to you a small thing to be the king's son-in-law, seeing that I am a poor man, of no great name?
Isaanis irra deebiʼanii waan kana Daawititti himan; Daawit garuu, “Soddaa mootii taʼuun waanuma salphaa seetanii? Ani hiyyeessa; nama hamma kanatti beekamus miti” jedhe.
24 And the servants of Saul gave him an account of what David had said.
Tajaajiltoonni Saaʼol waan Daawit jedhe isatti himan;
25 And Saul said, Then say to David, The king has no desire for any bride-price, but only for the private parts of a hundred Philistines so that the king may get the better of his haters. But it was in Saul's mind that David might come to his end by the hands of the Philistines.
Saaʼol immoo, “‘Mootichi diinota isaa haaloo baʼuuf misaa Filisxeemotaa dhibba tokko malee gabbara biraa tokko illee sirraa hin barbaadu’ jedhaatii Daawititti himaa” jedhe. Karoorri Saaʼol akka Daawit harka Filisxeemotaatti kufu ture.
26 And when his servants said these words to David, he was well pleased to be the son-in-law of the king. And the days were still not past.
Yommuu tajaajiltoonni sun waan kana Daawititti himanitti, Daawit soddaa mootii taʼuuf ni gammade. Kanaafuu utuu yeroon isaa hin gaʼin,
27 So David and his men got up and went, and put to death two hundred of the Philistines; and David took their private parts and gave the full number of them to the king, so that he might be the king's son-in-law. And Saul gave him his daughter Michal for his wife.
Daawitii fi namoonni isaa dhaqanii Filisxeemota dhibba lama ajjeesan. Daawitis soddaa mootii taʼuuf jedhee misaa Filisxeemota ajjeefamanii hunda fidee mootichatti kenne. Kana irratti Saaʼol intala isaa Miikaalin isatti heerumsiise.
28 And it was clear to Saul that the Lord was with David; and he was loved by all Israel.
Saaʼol yommuu akka Waaqayyo Daawit wajjin jiruu fi akka Miikaal isa jaallate hubatetti,
29 And Saul's fear of David became all the greater, and he went on hating him, day by day.
ammas akka malee isa sodaate; bara jireenya isaa kan hafe hundas diina isaa taʼee jiraate.
30 Then the rulers of the Philistines went out to war: and whenever they went out, David did more wisely than all the other servants of Saul, so that his name became greatly honoured.
Ajajjoonni waraana Filisxeemotaas yeroo hedduu waraanaaf ni baʼu turan; yeroo isaan waraanaaf baʼan hundas Daawit qondaaltota Saaʼol kaan caalaa moʼannaa argata ture; maqaan isaas baayʼee beekame.

< 1 Samuel 18 >