< Psalms 96 >
1 Sing to the LORD a new song; sing to the LORD, all the earth.
Faarfannaa haaraa Waaqayyoof faarfadhaa; lafti hundinuu Waaqayyoon faarfadhaa.
2 Sing to the LORD, bless His name; proclaim His salvation day after day.
Waaqayyoon faarfadhaa; maqaa isaa eebbisaa; fayyisuu isaas guyyuma guyyaan labsaa.
3 Declare His glory among the nations, His wonderful deeds among all peoples.
Ulfina isaa saboota gidduutti, hojii isaa dinqisiisaa sana immoo namoota hunda keessatti labsaa.
4 For great is the LORD, and greatly to be praised; He is to be feared above all gods.
Waaqayyo guddaadhaatii galanni baayʼeen isaaf ni mala; inni waaqota hundaa olittis sodaatamuu qaba.
5 For all the gods of the nations are idols, but it is the LORD who made the heavens.
Waaqonni saboota ormaa hundinuu waaqota tolfamoodhaatii; Waaqayyo garuu samiiwwan uume.
6 Splendor and majesty are before Him; strength and beauty fill His sanctuary.
Miidhaginnii fi surraan fuula isaa dura jiru; jabinnii fi ulfinni iddoo qulqullummaa isaa keessa jiru.
7 Ascribe to the LORD, O families of the nations, ascribe to the LORD glory and strength.
Yaa maatiiwwan sabootaa Waaqayyoof kennaa; ulfinaa fi jabina Waaqayyoof kennaa.
8 Ascribe to the LORD the glory due His name; bring an offering and enter His courts.
Ulfina maqaa isaatiif malu Waaqayyoof kennaa; aarsaa fidaatii oobdii isaa seenaa.
9 Worship the LORD in the splendor of His holiness; tremble before Him, all the earth.
Bareedina qulqullummaa isaatiin Waaqayyoon waaqeffadhaa; isin lafti hundinuu fuula isaa duratti holladhaa.
10 Declare among the nations: “The LORD reigns!” The world is firmly established; it cannot be moved; He will judge the peoples with equity.
Saboota gidduutti, “Waaqayyo mootii dha” jedhaa; addunyaan jabaattee dhaabatteerti; sochoofamuus hin dandeessu. Inni qajeelummaadhaan sabootaaf murtii kenna.
11 Let the heavens be glad and the earth rejoice; let the sea resound, and all that fills it.
Samiiwwan haa ililchan; laftis haa gammaddu; galaannii fi wanni isa keessa jiru hundinuu haa huursu.
12 Let the fields exult, and all that is in them. Then all the trees of the forest will sing for joy
Dirreewwanii fi wanni isaan irra jiran hundinuu haa gammadan. Mukkeen bosonaa hundinuus gammachuudhaan haa faarfatan.
13 before the LORD, for He is coming— He is coming to judge the earth. He will judge the world in righteousness and the peoples in His faithfulness.
Uumamni hundi fuula Waaqayyoo duratti haa faarfatu; inni ni dhufaatii; inni lafatti murteessuuf ni dhufa. Addunyaatti qajeelummaadhaan, sabootatti immoo dhugaa isaatiin ni mura.