< Psalms 73 >

1 A Psalm of Asaph. Surely God is good to Israel, to those who are pure in heart.
Faarfannaa Asaaf. Dhugumaan Waaqni Israaʼeliif, warra garaan isaanii qulqulluu taʼeef gaarii dha.
2 But as for me, my feet had almost stumbled; my steps had nearly slipped.
Ani garuu miilli koo gufachuu gaʼee, faanni koos mucucaachuu gaʼee ture.
3 For I envied the arrogant when I saw the prosperity of the wicked.
Ani yommuun badhaadhummaa hamootaa argetti, of tuultotatti hinaafeen tureetii.
4 They have no struggle in their death; their bodies are well-fed.
Isaan hin dhiphatan; dhagni isaaniis fayyaa dha; cimaa dhas.
5 They are free of the burdens others carry; they are not afflicted like other men.
Rakkinni nama biraatti dhufu isaanitti hin dhufu; isaan akka namoota kaanii dhukkubaan hin dhaʼaman.
6 Therefore pride is their necklace; a garment of violence covers them.
Kanaafuu of tuulummaan faaya morma isaanii ti; fincilas akka wayyaatti uffatu.
7 From their prosperity proceeds iniquity; the imaginations of their hearts run wild.
Iji isaanii coomee alatti dhiibama; hamminni isaan garaatti yaadan dhuma hin qabu.
8 They mock and speak with malice; with arrogance they threaten oppression.
Isaan ni qoosu; hamminas ni dubbatu; of tuulaa cunqursaadhaan nama doorsisu.
9 They set their mouths against the heavens, and their tongues strut across the earth.
Afaan isaanii samii falmata; arrabni isaaniis lafa dhaala.
10 So their people return to this place and drink up waters in abundance.
Kanaafuu sabni gara isaaniitti dachaʼee bishaan baayʼee dhuga.
11 The wicked say, “How can God know? Does the Most High have knowledge?”
Isaanis, “Waaqni akkamitti beekuu dandaʼaa? Waaqni Waan Hundaa Olii beekumsa qabaa?” jedhu.
12 Behold, these are the wicked— always carefree as they increase their wealth.
Egaa namoonni hamoon akkana; isaan yeroo hunda yaaddoo malee jiraatu; badhaadhummaanis guddachaa deemu.
13 Surely in vain I have kept my heart pure; in innocence I have washed my hands.
Yoos ani akkasumaan garaa koo qulqullinaan eeggadhee harka koos akkasumaan dhiqadhe kaa!
14 For I am afflicted all day long and punished every morning.
Ani guyyaa guutuu dhaʼameera; ganama ganamas adabameera.
15 If I had said, “I will speak this way,” then I would have betrayed Your children.
Ani utuu, “Akkana nan dubbadha” jedhee jiraadhee silaa ijoollee kee nan yakkan ture.
16 When I tried to understand all this, it was troublesome in my sight
Garuu yommuu ani waan kana hunda hubachuu yaaletti, wanni kun hojii dadhabsiisaa natti taʼe.
17 until I entered God’s sanctuary; then I discerned their end.
Kunis hamma ani iddoo qulqullummaa Waaqaa seenutti ture; ergasiis ani galgala isaanii nan hubadhe.
18 Surely You set them on slick ground; You cast them down into ruin.
Dhugumaan ati iddoo mucucaataa irra isaan dhaabde; akka isaan kufanii caccabaniifis gad isaan darbatte.
19 How suddenly they are laid waste, completely swept away by terrors!
Isaan akkamiin guutumaan guutuutti sodaadhaan fudhatamanii akkuma tasaa barbadaaʼan!
20 Like one waking from a dream, so You, O Lord, awaken and despise their form.
Akkuma abjuun yeroo namni hirribaa dammaqutti taʼu sana, atis yaa Gooftaa, akkasuma yommuu ol kaatu, hawwii garaa isaanii ni busheessita.
21 When my heart was grieved and I was pierced within,
Yommuu lubbuun koo gadditee onneen koos waraanamtetti,
22 I was senseless and ignorant; I was a brute beast before You.
ani gowwaa fi wallaalaan ture; fuula kee durattis akka horii nan taʼe.
23 Yet I am always with You; You hold my right hand.
Taʼus ani yeroo hunda si wajjinan jira; atis harka koo mirgaa ni qabda.
24 You guide me with Your counsel, and later receive me in glory.
Ati gorsa keetiin na qajeelchita; ergasii immoo ulfinatti na galchita.
25 Whom have I in heaven but You? And on earth I desire no one besides You.
Ani samii keessaa eenyunan qaba? Lafa irraas si malee homaa hin fedhu.
26 My flesh and my heart may fail, but God is the strength of my heart and my portion forever.
Foon koo fi onneen koo dadhabuu dandaʼu; Waaqni garuu jabina garaa koo ti; bara baraanis inni qooda koo.
27 Those far from You will surely perish; You destroy all who are unfaithful to You.
Warri sirraa fagoo jiran ni badu; atis warra siif hin amanamne hunda ni balleessita.
28 But as for me, it is good to draw near to God. I have made the Lord GOD my refuge, that I may proclaim all Your works.
Akka ani yaadutti garuu Waaqatti dhiʼaachuun gaarii dha; Waaqayyo Gooftaa daʼoo koo godhadheera; ani hojii kee hunda nan labsa.

< Psalms 73 >