< Nehemiah 8 >

1 At that time all the people gathered together in the square before the Water Gate, and they asked Ezra the scribe to bring out the Book of the Law of Moses, which the LORD had commanded for Israel.
Yeroo jiʼi torbaffaan gaʼee Israaʼeloonni magaalaawwan ofii isaanii keessa qubatanitti, uummanni hundinuu akkuma nama tokkootti oobdii Karra Bishaanii duratti walitti qabame. Isaanis akka inni Kitaaba Seera Musee kan Waaqayyo Israaʼeliif ajaje sana fiduuf Izraa barsiisaa seeraa sanatti himan.
2 On the first day of the seventh month, Ezra the priest brought the Law before the assembly of men and women and all who could listen and understand.
Kanaafuu Izraan lubichi guyyaa jalqaba jiʼa torbaffaatti fuula waldaa dhiiraa fi dubartii warra waa hubachuu dandaʼan hundaa duratti Seera sana fide.
3 So Ezra read it aloud from daybreak until noon as he faced the square before the Water Gate, in front of the men and women and those who could understand. And all the people listened attentively to the Book of the Law.
Innis barii ganamaa jalqabee hamma saafaatti gara oobdii Karra Bishaaniin duratti garagalee fuula dhiirotaa, dubartootaa fi namoota waa hubachuu dandaʼan kaanii duratti sagalee isaa ol fudhatee seera sana dubbise. Uummanni hundis kitaaba Seeraa sana qalbeeffatee dhaggeeffate.
4 Ezra the scribe stood on a high wooden platform built for this occasion. At his right side stood Mattithiah, Shema, Anaiah, Uriah, Hilkiah, and Maaseiah, and at his left were Pedaiah, Mishael, Malchijah, Hashum, Hash-baddanah, Zechariah, and Meshullam.
Izraan barsiisaan seeraa sun waltajjii mukaa kan kaayyoo kanaaf hojjetame irra dhaabate. Isa biras karaa mirga isaa Matiitiyaa, Shemaa, Anaayaa, Uuriyaa, Hilqiyaa fi Maʼaseyaatu dhaabate; karaa bitaa isaa immoo Phedaayaa, Miishaaʼeel, Malkiyaa, Haashum, Hashbadaanaa, Zakkaariyaasii fi Meshulaamitu dhaabatee ture.
5 Ezra opened the book in full view of all the people, since he was standing above them all, and as he opened it, all the people stood up.
Izraan Kitaabicha bane. Sababii inni isaanii ol dhaabachaa tureef namoonni hundi isa arguu dandaʼan; akkuma inni kitaabicha baneenis sabni hundi kaʼee dhaabate.
6 Then Ezra blessed the LORD, the great God, and with their hands uplifted, all the people said, “Amen, Amen!” Then they bowed down and worshiped the LORD with their faces to the ground.
Izraanis Waaqayyo Waaqa guddicha galateeffate; namoonni hundinuus harka ol qabatanii, “Ameen! Ameen!” jedhanii jalaa qaban. Ergasiis gad jedhanii addaan lafatti gombifamanii Waaqayyoof sagadan.
7 The Levites—Jeshua, Bani, Sherebiah, Jamin, Akkub, Shabbethai, Hodiah, Maaseiah, Kelita, Azariah, Jozabad, Hanan, and Pelaiah—instructed the people in the Law as they stood in their places.
Lewwonni jechuunis Yeeshuuʼaan, Baaniin, Sheereebiyaan, Yaamiin, Aquub, Shaabetaayi, Hoodiyaa, Maʼaseyaan, Qeliixaa, Azaariyaa, Yoozaabaad, Haanaanii fi Phelaayaan utuma waldaan achi dhaabatee jiruu seera sana ibsaniif.
8 So they read from the Book of the Law of God, explaining it and giving insight, so that the people could understand what was being read.
Isaanis akka sabni waan dubbifame sana hubatuuf Kitaaba Seera Waaqaa keessaa dubbisanii ibsuudhaan hiikkaa isaa kennaa turan.
9 Nehemiah the governor, Ezra the priest and scribe, and the Levites who were instructing the people said to all of them, “This day is holy to the LORD your God. Do not mourn or weep.” For all the people were weeping as they heard the words of the Law.
Achii immoo Nahimiyaan bulchaan biyyaa, Izraan lubichi barsiisaan seeraa sunii fi Lewwonni uummataaf ibsa kennaa turan sun hunda isaaniitiin, “Guyyaan kun guyyaa Waaqayyo Waaqa keessaniif qulqulleeffamee dha. Hin gaddinaa yookaan hin booʼinaa” jedhan. Sabni hundi yeroo dubbii seera sanaa dhagaʼetti booʼaa tureetii.
10 Then Nehemiah told them, “Go and eat what is rich, drink what is sweet, and send out portions to those who have nothing prepared, since today is holy to our Lord. Do not grieve, for the joy of the LORD is your strength.”
Kana irratti Nahimiyaan akkana jedhe; “Dhaqaatii nyaata filatamaa nyaadhaa; dhugaatii miʼaawaas dhugaa; warra waan qophaaʼe tokko illee hin qabneefis waa ergaa. Guyyaan kun guyyaa Gooftaa keenyaaf qulqulleeffamee dha. Sababii gammachuun Waaqayyoo jabina keessan taʼeef hin gaddinaa.”
11 And the Levites calmed all the people, saying, “Be still, since today is holy. Do not grieve.”
Lewwonnis, “Calʼisaa; guyyaan kun guyyaa qulqulluudhaatii hin gaddinaa” jedhanii uummata hunda ni tasgabbeessan.
12 Then all the people began to eat and drink, to send out portions, and to rejoice greatly, because they understood the words that had been made known to them.
Ergasiis sabni hundi sababii dubbii itti himame sana hubateef nyaatee dhuguuf, nyaata isaa irraa qoodee warra kaaniif illee erguu fi gammachuu guddaan ayyaaneffachuudhaaf kaʼee deeme.
13 On the second day of the month, the heads of all the families, along with the priests and Levites, gathered around Ezra the scribe to study the words of the Law.
Bultii lammaffaa jiʼa sanaatti abbootiin maatiiwwanii hundinuu dubbii Seera sanaa qalbeeffachuuf lubootaa fi Lewwota wajjin Izraa barsiisaa sana biratti walitti qabaman.
14 And they found written in the Law, which the LORD had commanded through Moses, that the Israelites were to dwell in booths during the feast of the seventh month.
Isaanis akka ajajni Waaqayyo karaa Museen kenne kan, Israaʼeloonni yeroo ayyaana jiʼa torbaffaatti daasii keessa turuu qabu jedhu sun seera keessatti barreeffamee jiru argatan;
15 So they proclaimed this message and spread it throughout their towns and in Jerusalem, saying, “Go out to the hill country and bring back branches of olive, wild olive, myrtle, palm, and other leafy trees, to make booths, as it is written.”
akkasumas akka isaan akkuma barreeffamee jirutti, “Daasii ijaaruudhaaf biyya gaaraatti ol baʼaatii damee ejersaa fi damee ejersa bosonaa, damee kusaayee, damee meexxii fi damee mukkeen baala qabanii fidaa” jedhanii magaalaawwan isaanii fi Yerusaalem keessatti labsuu qaban ni argatan.
16 And the people went out, brought back branches, and made booths on their own rooftops, in their courtyards, in the court of the house of God, and in the squares by the Water Gate and by the Gate of Ephraim.
Kanaafuu uummanni sun gad baʼee dameelee fidee tokkoon tokkoon isaanii bantii mana ofii isaanii irratti, oobdii ofii isaanii irratti, oobdii mana Waaqaa irratti, oobdii Karra Bishaanii fi oobdii Karra Efreem bira jiru irratti daasii ijaarratan.
17 The whole assembly who had returned from exile made booths and lived in them. From the days of Joshua son of Nun until that day, the Israelites had not celebrated like this. And there was great rejoicing.
Waldaan boojuudhaa deebiʼe hundi daasii ijaarratee keessa jiraate. Bara Iyyaasuu ilma Nuuniitii jalqabee hamma gaafasitti Israaʼeloonni akkasitti hin ayyaaneffanne. Gammachuun isaaniis akka malee guddaa ture.
18 Day after day, from the first day to the last, Ezra read from the Book of the Law of God. The Israelites kept the feast for seven days, and on the eighth day they held an assembly, according to the ordinance.
Izraanis guyyaa jalqabaatii hamma guyyaa dhumaatti guyyuma guyyaan Kitaaba Seera Waaqaa keessaa dubbise. Isaanis guyyaa torba ayyaana sana ayyaaneffatanii guyyaa saddeettaffaatti immoo akkuma seeraatti yaaʼii guddaa godhatan.

< Nehemiah 8 >