< Luke 23 >

1 Then the whole council rose and led Jesus away to Pilate.
Ergasii yaaʼiin sun guutuun kaʼee Yesuusin gara Phiilaaxoositti geesse.
2 And they began to accuse Him, saying, “We found this man subverting our nation, forbidding payment of taxes to Caesar, and proclaiming Himself to be Christ, a King.”
Isaanis, “Nu utuu namichi kun saba keenya karaa irraa jalʼisuu, utuu inni akka Gibirri Qeesaariif hin baafamne godhuu, akkasumas utuu inni akka mataan isaa Kiristoos mooticha taʼe dubbatuu argineerra” jedhanii isa himachuu jalqaban.
3 So Pilate asked Him, “Are You the King of the Jews?” “You have said so,” Jesus replied.
Kanaafuu Phiilaaxoos, “Ati mootii Yihuudootaatii?” jedhee Yesuusin gaafate. Yesuus immoo, “Atuu jette kaa!” jedhee deebise.
4 Then Pilate said to the chief priests and the crowds, “I find no basis for a charge against this man.”
Phiilaaxoosis luboota hangafootaa fi tuuta namootaatiin, “Ani namicha kana irratti yakka tokko illee hin arganne” jedhe.
5 But they kept insisting, “He stirs up the people all over Judea with His teaching. He began in Galilee and has come all the way here.”
Isaan garuu ittuma caalchisanii, “Inni Galiilaa irraa jalqabee Yihuudaa hunda keessatti barsiisa isaatiin saba jeeqaa hamma asiitti illee dhufeera” jedhan.
6 When Pilate heard this, he asked if the man was a Galilean.
Phiilaaxoosis yommuu waan kana dhagaʼetti, “Namichi kun nama Galiilaatii?” jedhee gaafate.
7 And learning that Jesus was under Herod’s jurisdiction, he sent Him to Herod, who himself was in Jerusalem at that time.
Innis yommuu akka Yesuus nama kutaa Heroodis bulchuu taʼe beeketti Heroodisitti isa erge; Heroodisis yeroo sana Yerusaalem keessa ture.
8 When Herod saw Jesus, he was greatly pleased. He had wanted to see Him for a long time, because he had heard about Him and was hoping to see Him perform a miracle.
Heroodis yommuu Yesuusin argetti akka malee gammade; inni sababii waaʼee Yesuus dhagaʼaa fi hojii dinqii kan inni hojjetu tokko tokko akka arguu abdachaa tureef yeroo dheeraaf isa arguu barbaadaa ture.
9 Herod questioned Jesus at great length, but He gave no answer.
Innis Gaaffii baayʼee isa gaafate; Yesuus garuu deebii tokko illee hin kennineef.
10 Meanwhile, the chief priests and scribes stood there, vehemently accusing Him.
Luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa achi dhadhaabatanii cimsanii isa himachaa turan.
11 And even Herod and his soldiers ridiculed and mocked Him. Dressing Him in a fine robe, they sent Him back to Pilate.
Heroodisii fi loltoonni isaa isa tuffatan; isatti qoosanis. Isaanis uffata miidhagaa isatti uffisanii deebisanii Phiilaaxoositti isa ergan.
12 That day Herod and Pilate became friends; before this time they had been enemies.
Guyyuma sana Heroodisii fi Phiilaaxoos walitti michooman; isaan duraan diina walii turaniitii.
13 Then Pilate called together the chief priests, the rulers, and the people,
Phiilaaxoosis luboota hangafoota, bulchitootaa fi saba walitti waamee,
14 and said to them, “You brought me this man as one who was inciting the people to rebellion. I have examined Him here in your presence and found Him not guilty of your charges against Him.
akkana isaaniin jedhe; “Isin namichi kun, ‘karaa irraa saba jalʼisa’ jettanii isa natti fiddan; anis fuuluma keessan duratti isa qoree akka inni waan isin ittiin isa himattan sana keessaa tokko illee hojjete hin argine.
15 Neither has Herod, for he sent Him back to us. As you can see, He has done nothing deserving of death.
Heroodisis waan tokko illee isa irratti hin argine; inni deebisee isa nutti ergeeraatii. Akkuma isin argitan kana namichi kun waan duʼaan isa gaʼu tokko illee hin hojjenne.
16 Therefore I will punish Him and release Him.”
Kanaafuu ani namicha kana adabeen gad isa dhiisa.” [
Phiilaaxoosis guyyaa ayyaanaatiin nama tokko mana hidhaatii gad isaanii dhiisuun dirqama ture.]
18 But they all cried out in unison: “Away with this man! Release Barabbas to us!”
Isaan garuu sagalee tokkoon iyyanii, “Namicha kana balleessi! Barabbaasin gad nuu dhiisi!” jedhan.
19 (Barabbas had been imprisoned for an insurrection in the city, and for murder.)
Barabbaas sababii fincila magaalaa keessatti kaʼeetii fi ajjeechaa namaatiin mana hidhaa keessa buufamee ture.
20 Wanting to release Jesus, Pilate addressed them again,
Phiilaaxoosis Yesuusin gad dhiisuu barbaadee amma illee isaanitti dubbate.
21 but they kept shouting, “Crucify Him! Crucify Him!”
Isaan garuu, “Isa fannisi! Isa fannisi!” jedhanii iyyaa turan.
22 A third time he said to them, “What evil has this man done? I have found in Him no offense worthy of death. So after I punish Him, I will release Him.”
Innis yeroo sadaffaa, “Maaliif? Namichi kun yakka maalii hojjete? Ani yakka duʼaan isa gaʼu isa irratti hin arganne. Kanaafuu ani isa adabeen gad isa dhiisa” isaaniin jedhe.
23 But they were insistent, demanding with loud voices for Jesus to be crucified. And their clamor prevailed.
Isaan garuu akka inni fannifamuuf sagalee guddaadhaan ittuma cichanii gaafatan; iyyi isaaniis ittuma jabaate.
24 So Pilate sentenced that their demand be met.
Kanaaf Phiilaaxoos waan isaan kadhatan sana isaaniif kennuu murteesse.
25 As they had requested, he released the one imprisoned for insurrection and murder, and handed Jesus over to their will.
Innis namicha sababii fincilaatii fi sababii ajjeechaa namaatiin mana hidhaa keessa buufame kan isaan akka inni hiikamuuf kadhatan sana gad dhiise; Yesuusin immoo dabarsee fedhii isaaniitti kenne.
26 As the soldiers led Him away, they seized Simon of Cyrene on his way in from the country, and put the cross on him to carry behind Jesus.
Isaanis utuu Yesuusin geessaa jiranuu Simoon namicha Qareenaa tokko utuu inni baadiyyaadhaa dhufaa jiruu qaban; fannoo sanas isa irra kaaʼanii akka inni baatee Yesuus duubaan deemu isa dirqisiisan.
27 A great number of people followed Him, including women who kept mourning and wailing for Him.
Namoonni baayʼeen, dubartoota keessaas warri isaaf gaddaa fi booʼaa turan isa duukaa buʼan.
28 But Jesus turned to them and said, “Daughters of Jerusalem, do not weep for Me, but weep for yourselves and for your children.
Yesuusis isaanitti garagalee akkana jedhe; “Yaa durboota Yerusaalem, ofii keessanii fi ijoollee keessaniif booʼaa malee naaf hin booʼinaa.
29 Look, the days are coming when people will say, ‘Blessed are the barren women, the wombs that never bore, and breasts that never nursed!’
Kunoo guyyoonni itti namoonni, ‘dubartoonni dhabdoonni, garaan takkumaa ulfa hin baatinii fi harmi takkumaa hin hoosisin eebbifamoo dha’ jedhan ni dhufuutii.
30 At that time ‘they will say to the mountains, “Fall on us!” and to the hills, “Cover us!”’
Yeroo sana, “‘Namoonni gaarraniin, “Nurratti jigaa!” tulluuwwaniin immoo, “Nu dhoksaa!”ni jedhu.’
31 For if men do these things while the tree is green, what will happen when it is dry?”
Isaan erga muka jiidhaa akkana godhanii muka gogaa immoo akkam haa godhan?”
32 Two others, who were criminals, were also led away to be executed with Jesus.
Namoonni biraa kanneen yakkitoota turan lamas isa wajjin ajjeefamuuf geeffaman.
33 When they came to the place called The Skull, they crucified Him there, along with the criminals, one on His right and the other on His left.
Yommuu iddoo Buqqee Mataa jedhamu gaʼanitti achitti isa fannisan; yakkitoota sanas, isa tokko mirga isaatiin, kaan immoo bitaa isaatiin fannisan.
34 Then Jesus said, “Father, forgive them, for they do not know what they are doing.” And they divided up His garments by casting lots.
Yesuusis, “Yaa Abbaa, isaan waan hojjetan hin beekaniitii isaaniif dhiisi” jedhe. Isaanis ixaa buufatanii uffata isaa gargar qooddatan.
35 The people stood watching, and the rulers sneered at Him, saying, “He saved others; let Him save Himself if He is the Christ of God, the Chosen One.”
Namoonnis achi dhadhaabatanii ilaalaa turan; bulchitoonni garuu, “Inni warra kaan oolcheera. Inni yoo dhuguma Kiristoos Waaqaa isa Filatamaa sana taʼe mee of haa oolchuu!” jedhanii isatti qoosan.
36 The soldiers also mocked Him and came up to offer Him sour wine.
Loltoonnis isatti dhiʼaatanii itti qoosaa daadhii wayinii dhangaggaaʼaa kennaniifii,
37 “If You are the King of the Jews,” they said, “save Yourself!”
“Ati yoo mootii Yihuudootaa taate mee of oolchi” jedhan.
38 Above Him was posted an inscription: THIS IS THE KING OF THE JEWS.
Katabbiin, Kun Mooticha Yihuudootaa ti, jedhu tokkos mataa isaatii ol ture.
39 One of the criminals who hung there heaped abuse on Him. “Are You not the Christ?” he said. “Save Yourself and us!”
Yakkitoota achitti fannifaman keessaa tokko, “Ati Kiristoos mitii? Mee of oolchi; nu illee oolchi!” jedhee isa arrabse.
40 But the other one rebuked him, saying, “Do you not even fear God, since you are under the same judgment?
Yakkituun kaan garuu akkana jedhee isa ifate; “Atis waan murtii wal fakkaatu jala jirtuuf, Waaqa illee hin sodaattuu?
41 We are punished justly, for we are receiving what our actions deserve. But this man has done nothing wrong.”
Nu adabbii sirrii adabamaa jirra; gatii hojii keenyaaf malu argachaa jirraatii. Namichi kun garuu yakka tokko illee hin hojjenne.”
42 Then he said, “Jesus, remember me when You come into Your kingdom!”
Yesuusiinis, “Yaa Yesuus, yeroo mootummaa keetiin dhuftutti na yaadadhu” jedhe.
43 And Jesus said to him, “Truly I tell you, today you will be with Me in Paradise.”
Yesuusis deebisee, “Ani dhuguman sitti hima; ati harʼa na wajjin jannatatti ni galta” jedheen.
44 It was now about the sixth hour, and darkness came over all the land until the ninth hour.
Yeroon sun gara saʼaatii jaʼaa ture; hamma saʼaatii sagaliitti dukkanni lafa hunda irra buʼe;
45 The sun was darkened, and the veil of the temple was torn down the middle.
aduun ifa dhowwatteetii. Golgaan mana qulqullummaas iddoo lamatti ni tarsaʼe.
46 Then Jesus called out in a loud voice, “Father, into Your hands I commit My Spirit.” And when He had said this, He breathed His last.
Yesuusis sagalee guddaadhaan iyyee, “Yaa Abbaa, ani hafuura koo dabarsee harka keettin kennadha” jedhe. Kana jedhees hafuura dhumaa baafate.
47 When the centurion saw what had happened, he gave glory to God, saying, “Surely this was a righteous man.”
Ajajaan dhibbaa sunis yommuu waan taʼe sana argetti Waaqaaf ulfina kennee, “Dhugumaanuu namichi kun nama qajeelaa ture” jedhe.
48 And when all the people who had gathered for this spectacle saw what had happened, they returned home beating their breasts.
Namoonni waan kana ilaaluuf iddoo sanatti walitti qabaman hundi yommuu waan taʼe sana arganitti qoma isaanii rurrukutaa achii deeman.
49 But all those who knew Jesus, including the women who had followed Him from Galilee, stood at a distance watching these things.
Warri isa beekan hundi, dubartoonni Galiilaadhaa isa duukaa buʼanis fagoo dhaabatanii waan kana ilaalaa turan.
50 Now there was a Council member named Joseph, a good and righteous man,
Kunoo namicha miseensa waldaa Yihuudootaa kan Yoosef jedhamu tokkotu ture; inni nama gaarii fi qajeelaa ture;
51 who had not consented to their decision or action. He was from the Judean town of Arimathea, and was waiting for the kingdom of God.
innis murtii fi hojii isaanii irratti jaraan walii hin galle. Yoosef magaalaa Yihuudaa kan Armaatiyaa jedhamtuu dhufe; innis mootummaa Waaqaa eeggachaa ture.
52 He went to Pilate to ask for the body of Jesus.
Namichi kun gara Phiilaaxoos dhaqee reeffa Yesuus kadhate.
53 Then he took it down, wrapped it in a linen cloth, and placed it in a tomb cut into the rock, where no one had yet been laid.
Reeffa sanas gad buusee huccuu quncee talbaa irraa hojjetameen kafanee awwaala garaa kattaa keessatti qotame kan namni tokko iyyuu duraan itti hin awwaalamin tokko keessa kaaʼe.
54 It was Preparation Day, and the Sabbath was beginning.
Guyyaan sun Guyyaa qophii ture; Sanbannis seenuu gaʼeera.
55 The women who had come with Jesus from Galilee followed, and they saw the tomb and how His body was placed.
Dubartoonni Yesuus wajjin Galiilaadhaa dhufanis Yoosef duukaa buʼanii awwaala sanaa fi akka itti reeffi Yesuus awwaala keessa kaaʼame argan.
56 Then they returned to prepare spices and perfumes. And they rested on the Sabbath, according to the commandment.
Achii deebiʼaniis qayyaa fi shittoo qopheessan. Guyyaa Sanbataa garuu seeraaf ajajamuuf jedhanii boqotan.

< Luke 23 >