< Job 25 >
1 Then Bildad the Shuhite replied:
Bildaad Shuhaahichi akkana jedhee deebise:
2 “Dominion and awe belong to God; He establishes harmony in the heights of heaven.
“Mootummaa fi sodaatamuun kan Waaqaa ti; inni samiiwwan ol fagoo keessatti nagaa buusa.
3 Can His troops be numbered? On whom does His light not rise?
Loltoonni isaa lakkaaʼamuu dandaʼuu? Ifni isaa eenyu irratti utuu hin baʼin hafa?
4 How then can a man be just before God? How can one born of woman be pure?
Yoos namni akkamitti fuula Waaqaa duratti qajeelaa taʼuu dandaʼa ree? Namni dubartii irraa dhalate akkamitti qulqulluu taʼuu dandaʼa?
5 If even the moon does not shine, and the stars are not pure in His sight,
Yoo jiʼi illee fuula isaa duratti hin ifne, yoo urjiiwwanis ija isaa duratti qulqulluu taʼuu baatan,
6 how much less man, who is but a maggot, and the son of man, who is but a worm!”
namni raammoo foonii taʼe, ilmi namaa kan raammoo taʼe sun hammam kanaa gad haa taʼu ree!”