< Jeremiah 25 >

1 This is the word that came to Jeremiah concerning all the people of Judah in the fourth year of Jehoiakim son of Josiah king of Judah, which was the first year of Nebuchadnezzar king of Babylon.
Bara Yehooyaaqiim ilmi Yosiyaas mootii Yihuudaa ture keessaa waggaa afuraffaatti jechuunis bara mootummaa Nebukadnezar mooticha Baabilon keessa waggaa tokkoffaatti dubbiin waaʼee saba Yihuudaa hundaatiif gara Ermiyaas dhufe kanaa dha.
2 So the prophet Jeremiah spoke to all the people of Judah and all the residents of Jerusalem as follows:
Kanaafuu Ermiyaas raajichi saba Yihuudaa hundaa fi warra Yerusaalem keessa jiraatan hundaan akkana jedhe:
3 “From the thirteenth year of Josiah son of Amon king of Judah until this very day—twenty-three years—the word of the LORD has come to me, and I have spoken to you again and again, but you have not listened.
Waggaa kudha sadaffaa bara mootummaa Yosiyaas ilma Aamoon mooticha Yihuudaatii jalqabee hamma guyyaa harʼaatti jechuunis waggaa digdamii sadii guutuu dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufeera; anis irra deddeebiʼee isinitti himeera; isin garuu hin dhaggeeffanne.
4 And the LORD has sent all His servants the prophets to you again and again, but you have not listened or inclined your ear to hear.
Yoo Waaqayyo raajota isaa tajaajiltoota hunda ammumaa amma isinitti erge iyyuu, isin hin dhaggeeffanne yookaan xiyyeeffannaa tokko iyyuu hin kennineef.
5 The prophets told you, ‘Turn now, each of you, from your evil ways and deeds, and you can dwell in the land that the LORD has given to you and your fathers forever and ever.
Isaanis akkana jedhan; “Egaa tokkoon tokkoon keessan karaa keessan jalʼaa fi hojii keessan hamaa sana irraa deebiʼaa; yoos isin biyya Waaqayyo isinii fi abbootii keessaniif bara baraan kenne keessa jiraachuu ni dandeessu.
6 Do not follow other gods to serve and worship them, and do not provoke Me to anger with the works of your hands. Then I will do you no harm.’
Isaan tajaajiluu fi isaan waaqeffachuuf jettanii waaqota biraa duukaa hin buʼinaa; waanuma harki keessan hojjeteen dheekkamsaaf na hin kakaasinaa. Yoos ani isin hin miidhu.”
7 ‘But to your own harm, you have not listened to Me,’ declares the LORD, ‘so you have provoked Me to anger with the works of your hands.’
“Isin garuu na hin dhaggeeffanne; waanuma harki keessan hojjeteen dheekkamsaaf na kakaaftan; mataa keessanittis miidhaa fiddan” jedha Waaqayyo.
8 Therefore this is what the LORD of Hosts says: ‘Because you have not obeyed My words,
Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedhe: “Sababii isin dubbii kootiif hin ajajaminiif,
9 behold, I will summon all the families of the north, declares the LORD, and I will send for My servant Nebuchadnezzar king of Babylon, whom I will bring against this land, against its residents, and against all the surrounding nations. So I will devote them to destruction and make them an object of horror and contempt, an everlasting desolation.
ani saboota biyya kaabaa hundaa fi garbicha koo Nebukadnezar mooticha Baabilon walitti qabee biyya kanatti, jiraattota isheettii fi saboota naannoo ishee jiraatan hundatti nan kaasa; guutumaan guutuutti isaan nan balleessa; waan qaanii, waan tuffiitii fi waan bara baraan one isaan nan godha” jedha Waaqayyo.
10 Moreover, I will banish from them the sounds of joy and gladness, the voices of the bride and bridegroom, the sound of the millstones, and the light of the lamp.
“Ani sagalee ililleetii fi gammachuu, sagalee misirrittiitii fi misirrichaa sagalee dhagaa daakuutii fi ifa ibsaa isaan keessaa nan balleessa.
11 And this whole land will become a desolate wasteland, and these nations will serve the king of Babylon for seventy years.
Biyyi kun guutuun barbadooftee onti; saboonni kunneenis waggaa torbaatama mooticha Baabiloniitiif garboomu.
12 But when seventy years are complete, I will punish the king of Babylon and that nation, the land of the Chaldeans, for their guilt, declares the LORD, and I will make it an everlasting desolation.
“Garuu erga waggaan torbaatamni sun dhumee booddee ani mooticha Baabiloniitii fi saba isaa, biyya Baabilonotaas sababii yakka isaaniitiif nan adaba; biyyattiis bara baraan nan onsa” jedha Waaqayyo.
13 I will bring upon that land all the words I have pronounced against it, all that is written in this book, which Jeremiah has prophesied against all the nations.
“Ani waanan biyyattii irratti dubbadhe hunda, waan kitaaba kana keessatti barreeffamee fi waan Ermiyaas saboota hundatti raajii dubbate hunda biyya sanatti nan fida.
14 For many nations and great kings will enslave them, and I will repay them according to their deeds and according to the work of their hands.’”
Isaan mataan isaanii iyyuu saboota hedduu fi mootota gurguddoof ni garboomu; anis akkuma hojii isaaniittii fi akkuma hojii harka isaaniitti gatii isaaniif malu nan kennaaf.”
15 This is what the LORD, the God of Israel, said to me: “Take from My hand this cup of the wine of wrath, and make all the nations to whom I send you drink from it.
Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana naan jedhe: “Xoofoo daadhii wayinii dheekkamsa kootiitiin guutame kana ana harkaa fuudhiitii saboota ani itti si ergu hunda obaasi.
16 And they will drink and stagger and go out of their minds, because of the sword that I will send among them.”
Isaanis yeroo isa dhuganitti ni gatantaru; sababii goraadee ani isaan gidduutti ergu sanaatiifis ni maraatu.”
17 So I took the cup from the LORD’s hand and made all the nations drink from it, each one to whom the LORD had sent me,
Kanaafuu ani xoofoo sana harka Waaqayyootii fuudhee akka saboonni inni itti na erge hundi dhugan nan godhe:
18 to make them a ruin, an object of horror and contempt and cursing, as they are to this day—Jerusalem and the cities of Judah, its kings and officials;
Kunis akka Yerusaalemii fi magaalaawwan Yihuudaa, mootonnii fi qondaaltonni ishee akkuma harʼa taʼanii jiran kana barbadeeffamanii waan salphinaa, waan tuffiitii fi waan abaarsaa taʼaniifii dha;
19 Pharaoh king of Egypt, his officials, his leaders, and all his people;
Faraʼoon mootichi Gibxi, tajaajiltoonni isaa, qondaaltonni isaatii fi sabni isaa hundi,
20 all the mixed tribes; all the kings of Uz; all the kings of the Philistines: Ashkelon, Gaza, Ekron, and the remnant of Ashdod;
namoonni biyya ormaa kanneen achi jiran hundi, mootonni Uuzi hundi, mootonni Filisxeemotaa hundi jechuunis warri Eqroon, warri Gaazaa, warri Ashqaloonii fi sabni Ashdooditti hafee hundi,
21 Edom, Moab, and the Ammonites;
Edoom, Moʼaabii fi Amoon,
22 all the kings of Tyre and Sidon; the kings of the coastlands across the sea;
mootonni Xiiroosii fi Siidoonaa hundi, mootonni biyyoota qarqara galaanaa warri galaana gama jiraatan,
23 Dedan, Tema, Buz, and all who cut the corners of their hair;
Dedaan, Teemaan, Buuzii fi warri biyya fagoo jiraatan hundi,
24 all the kings of Arabia, and all the kings of the mixed tribes who dwell in the desert;
mootonni Arabaa hundii fi mootonni Namoota Ormaa kanneen gammoojjii keessa jiraatan hundi,
25 all the kings of Zimri, Elam, and Media;
mootonni Zimrii, kan Eelaamii fi kan Meedee hundi,
26 all the kings of the north, both near and far, one after another—all the kingdoms on the face of the earth. And after all of them, the king of Sheshach will drink it too.
mootonni biyyoota Kaabaa kanneen dhiʼoo fi fagoo, wal duraa duubaan jechuunis mootonni lafa irra jiran hundi daadhii sana dhuganiiru. Hunda isaanii booddee immoo mootiin Sheeshaakiis ni dhuga.
27 “Then you are to tell them that this is what the LORD of Hosts, the God of Israel, says: ‘Drink, get drunk, and vomit. Fall down and never get up again, because of the sword I will send among you.’
“Ergasii akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel sun akkana jedha: Sababii goraadee ani isin gidduutti erguu sanaatiifis dhugaa, machaaʼaa, hoqqisaa; akka lammata ol hin kaaneefis kukkufaa.’
28 If they refuse to take the cup from your hand and drink it, you are to tell them that this is what the LORD of Hosts says: ‘You most certainly must drink it!
Yoo isaan xoofoo kana si harkaa fuudhanii dhuguu didan garuu akkana jedhiin; ‘Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: Isin dhuguu qabdu!
29 For behold, I am beginning to bring disaster on the city that bears My Name, so how could you possibly go unpunished? You will not go unpunished, for I am calling down a sword upon all the inhabitants of the earth, declares the LORD of Hosts.’
Kunoo, ani magaalaa Maqaa kootiin waamamutti balaa buusuu jalqabeera; isin immoo utuu hin adabamin haftuu ree? Isin utuu hin adabamin hin haftan; ani warra lafa irra jiraatan hundatti goraadee nan waamaatii, jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.’
30 So you are to prophesy all these words against them and say to them: ‘The LORD will roar from on high; He will raise His voice from His holy habitation. He will roar loudly over His pasture; like those who tread the grapes, He will call out with a shout against all the inhabitants of the earth.
“Kanaafuu dubbii kana hunda isaanitti raajiitii akkana jedhiin: “‘Waaqayyo ol gubbaadhaa guunguma; iddoo jireenya isaa qulqulluu sanaa qaqawweessaʼee biyya isaattis guddisee ni guunguma. Inni akkuma warra ija wayinii dhidhiitaniitti warra lafa irra jiraatan hundatti ni lallaba.
31 The tumult will resound to the ends of the earth because the LORD brings a charge against the nations. He brings judgment on all mankind and puts the wicked to the sword,’”
Wacni hamma daarii lafaatti ni dhagaʼama; Waaqayyo sabootatti ni muraatii; inni sanyii namaa hundatti murtii fida; hamoota immoo goraadeedhaan fixa’” jedha Waaqayyo.
32 This is what the LORD of Hosts says: “Behold! Disaster is spreading from nation to nation; a mighty storm is rising from the ends of the earth.”
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Ilaa! Sabaa gara sabaatti balaan babalʼachaa jira; bubbeen hamaan jabaan tokko daarii lafaatii kaʼaa jira.”
33 Those slain by the LORD on that day will be spread from one end of the earth to the other. They will not be mourned, gathered, or buried. They will be like dung lying on the ground.
Gaafas warri Waaqayyo fixe handaara lafaa tokkoo hamma kaaniitti firfirfamanii argamu. Isaan akkuma kosii lafatti gatamu malee booʼicha hin argatan yookaan walitti hin qabaman yookaan hin awwaalaman.
34 Wail, you shepherds, and cry out; roll in the dust, you leaders of the flock. For the days of your slaughter have come; you will fall and be shattered like fine pottery.
Yaa tiksoota, booʼaa, wawwaadhaas; eegdonni bushaayees daaraa irra gangaladhaa. Yeroon isin itti gorraʼamtan dhufeeraatii; isin kuftanii akkuma miʼa suphee miidhagaa caccabdu.
35 Flight will evade the shepherds, and escape will elude the leaders of the flock.
Tiksoonni iddoo itti baqatan, eegdonni bushaayee immoo iddoo itti miliqan hin qaban.
36 Hear the cry of the shepherds, the wailing of the leaders of the flock, for the LORD is destroying their pasture.
Iyya tiksootaatii fi wawwaannaa eegdota bushaayee dhagaʼaa! Waaqayyo lafa dheeda isaanii balleessaa jiraatii.
37 The peaceful meadows have been silenced because of the LORD’s burning anger.
Sababii dheekkamsa Waaqayyoo jabaa sanaatiif, lafti nagaa qabu ni ona.
38 He has left His den like a lion, for their land has been made a desolation by the sword of the oppressor, and because of the fierce anger of the LORD.
Sababii goraadee cunqursitootaatii fi sababii dheekkamsa Waaqayyoo hamaa sanaatiif, inni akkuma leencaa manʼee isaatii ni baʼa; biyyi isaaniis ni onti.

< Jeremiah 25 >