< Isaiah 19 >
1 This is the burden against Egypt: Behold, the LORD rides on a swift cloud; He is coming to Egypt. The idols of Egypt will tremble before Him, and the hearts of the Egyptians will melt within them.
Raajii Gibxiin mormu: kunoo Waaqayyo duumessa saffisaa yaabbatee gara Gibxi dhufaa jira. Waaqonni Gibxi tolfamoon fuula isaa duratti hollatu; garaan warra Gibxis isaan keessatti baqa.
2 “So I will incite Egyptian against Egyptian; brother will fight against brother, neighbor against neighbor, city against city, and kingdom against kingdom.
“Ani warra Gibxi walitti nan naqa; obboleessi obboleessa isaa, ollaan ollaa isaa, magaalaan tokko magaalaa kaan, mootummaanis mootummaa kaan lola.
3 Then the spirit of the Egyptians will be emptied out from among them, and I will frustrate their plans, so that they will resort to idols and spirits of the dead, to mediums and spiritists.
Hafuurri warra Gibxi isaan keessatti jeeqama; anis karoora isaanii nan fashaleessa; isaanis waaqota tolfamoo fi hafuurota warra duʼanii, ilaaltotaa fi eker dubbistoota gorsa gaafatu.
4 I will deliver the Egyptians into the hands of harsh masters, and a fierce king will rule over them,”
Anis dabarsee warra Gibxi humna gooftaa garaa jabaatu tokkootti nan kenna; mootiin hamaan tokkos isaan ni bulcha” jedha Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.
5 The waters of the Nile will dry up, and the riverbed will be parched and empty.
Bishaanonni galaanaa ni gogu; lagni isaas ni hirʼata; ni gogas.
6 The canals will stink; the streams of Egypt will trickle and dry up; the reeds and rushes will wither.
Burqaawwan isaa ni ajaaʼu; lageen Gibxiis qalʼatanii gogu. Shambaqqoo fi dhallaadduun ni coollagu;
7 The bulrushes by the Nile, by the mouth of the river, and all the fields sown along the Nile, will wither, blow away, and be no more.
biqiltuuwwan ededa Abbayyaa, kanneen qarqara lagichaa jiranis ni coollagu. Wanni laga Abbayyaa biratti facaafame hundi ni goga; bubbeedhaan fudhatama; deebiʼees hin argamu.
8 Then the fishermen will mourn, all who cast a hook into the Nile will lament, and those who spread nets on the waters will pine away.
Qurxummii qabdoonni, warri hokkoo Abbayyaa keessa buusan hundi aadanii booʼu; warri kiyyoo bishaanitti darbatanis ni dadhabu.
9 The workers in flax will be dismayed, and the weavers of fine linen will turn pale.
Warri quncee talbaa iddame qopheessan, wayyaa dhooftonnis abdii kutatu.
10 The workers in cloth will be dejected, and all the hired workers will be sick at heart.
Warri wayyaa dhaʼan mataa buusu; warri mindaadhaan hojjetan hundis ni gaddu.
11 The princes of Zoan are mere fools; Pharaoh’s wise counselors give senseless advice. How can you say to Pharaoh, “I am one of the wise, a son of eastern kings”?
Qondaaltonni Zooʼaan gowwoota; gorsitoonni Faraʼoon ogeeyyiinis gorsa faayidaa hin qabne kennu. Isin akkamitti Faraʼooniin, “Ani namoota ogeeyyii keessaa tokkoo dha; ani barataa mootota durii ti” jechuu dandeessu?
12 Where are your wise men now? Let them tell you and reveal what the LORD of Hosts has planned against Egypt.
Namoonni keessan ogeeyyiin amma eessa jiru? Mee isaan waan Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu Gibxiin mormuudhaan karoorfate; isinitti haa himan; haa beeksisanis.
13 The princes of Zoan have become fools; the princes of Memphis are deceived. The cornerstones of her tribes have led Egypt astray.
Qondaaltonni Zooʼaan gowwoota taʼaniiru; bulchitoonni Memfiis gowwoomfamaniiru; gurguddoonni saba ishee Gibxiin karaa irraa jalʼisaniiru.
14 The LORD has poured into her a spirit of confusion. Egypt has been led astray in all she does, as a drunkard staggers through his own vomit.
Waaqayyo hafuura nama hadoochu isaanitti dhangalaaseera; isaan akkuma machaaʼaan tokko hoqqisaa gatantaru sana biyya Gibxi waan isheen hojjettu hunda keessatti gatantarsan.
15 There is nothing Egypt can do— head or tail, palm or reed.
Wanni mataan yookaan eegeen, dameen meexxii yookaan shambaqqoon, Gibxiif gochuu dandaʼan tokko iyyuu hin jiru.
16 In that day the Egyptians will be like women. They will tremble with fear beneath the uplifted hand of the LORD of Hosts, when He brandishes it against them.
Bara sana warri Gibxi akka dubartii taʼu. Harka ol kaʼe kan Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu isaanitti ol fudhatu sana arganii sodaan ni hollatu.
17 The land of Judah will bring terror to Egypt; whenever Judah is mentioned, Egypt will tremble over what the LORD of Hosts has planned against it.
Biyyi Yihuudaas warra Gibxi ni naasisa; namni maqaan Yihuudaa biratti dhaʼamu hundinuu sababii waan Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu isaanitti karoorfachaa jiru sanaatiif ni naʼa.
18 In that day five cities in the land of Egypt will speak the language of Canaan and swear allegiance to the LORD of Hosts. One of them will be called the City of the Sun.
Gaafas biyya Gibxi keessatti magaalaawwan shan afaan Kanaʼaan dubbatu; isaanis Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuuf amanamoo taʼuuf ni kakatu. Isaan keessaa tokko Magaalaa Badiisaa jedhamti.
19 In that day there will be an altar to the LORD in the center of the land of Egypt, and a pillar to the LORD near her border.
Gaafas wiirtuu Gibxi keessatti iddoon aarsaa tokko Waaqayyoof ni hojjetama; daangaa biyyattii irrattis siidaan tokkoo Waaqayyoof ni dhaabama.
20 It will be a sign and a witness to the LORD of Hosts in the land of Egypt. When they cry out to the LORD because of their oppressors, He will send them a savior and defender to rescue them.
Kunis biyya Gibxi keessatti Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuuf mallattoo fi dhuga baʼumsa taʼa. Yeroo isaan sababii cunqursitoota isaaniitiif gara Waaqayyootti iyyatanitti, inni fayyisaa fi baraaraa tokko ergeefii isaan oolcha.
21 The LORD will make Himself known to Egypt, and on that day Egypt will acknowledge the LORD. They will worship with sacrifices and offerings; they will make vows to the LORD and fulfill them.
Kanaafuu Waaqayyo warra Gibxitti of beeksisa; isaanis gaafas Waaqayyoon ni beeku. Isaanis qalmaa fi kennaa midhaaniitiin waaqeffatu; Waaqayyoofis ni wareegu; wareega sanas ni baafatu.
22 And the LORD will strike Egypt with a plague; He will strike them but heal them. They will turn to the LORD, and He will hear their prayers and heal them.
Waaqayyo biyya Gibxi ni rukuta; rukutees ni fayyisa. Isaan gara Waaqayyootti ni deebiʼu; innis kadhannaa isaaniitiif deebii kennee isaan fayyisa.
23 In that day there will be a highway from Egypt to Assyria. The Assyrians will go to Egypt, and the Egyptians to Assyria. The Egyptians and Assyrians will worship together.
Gaafas Gibxii hamma Asooritti karaa guddaa tokkotu jiraata. Warri Asoor gara Gibxi, warri Gibxis gara Asoor ni dhaqu. Warri Gibxii fi warri Asoor walii wajjin ni waaqeffatu.
24 In that day Israel will join a three-party alliance with Egypt and Assyria—a blessing upon the earth.
Israaʼel bara sana keessa Gibxii fi Asooritti dabalamtee sadaffaa taati; kunis lafa irratti eebba taʼa.
25 The LORD of Hosts will bless them, saying, “Blessed be Egypt My people, Assyria My handiwork, and Israel My inheritance.”
Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼus, “Gibxi sabni koo, Asoor hojiin harka kootii fi Israaʼel dhaalli koo haa eebbifaman” jedhee isaan eebbisa.