< Genesis 5 >

1 This is the book of the generations of Adam. In the day that God created man, He made him in His own likeness.
Kun galmee sanyii Addaam. Waaqni yeroo nama uumetti akka fakkeenya Waaqaatti isa tolche.
2 Male and female He created them, and He blessed them. And in the day they were created, He called them “man.”
Innis dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume; isaan eebbises. Yeroo uumamanis “Nama” jedhee isaan waame.
3 When Adam was 130 years old, he had a son in his own likeness, after his own image; and he named him Seth.
Addaam waggaa 130 jiraate; innis akka fakkaattii isaatti, akka bifa isaattis ilma dhalchee Seeti jedhee maqaa baaseef.
4 And after he had become the father of Seth, Adam lived 800 years and had other sons and daughters.
Addaam erga Seeti dhalatee booddee waggaa 800 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
5 So Adam lived a total of 930 years, and then he died.
Walumatti Addaam waggaa 930 jiraatee duʼe.
6 When Seth was 105 years old, he became the father of Enosh.
Seeti waggaa 105 jiraatee Enooshin dhalche.
7 And after he had become the father of Enosh, Seth lived 807 years and had other sons and daughters.
Erga Enooshin dhalchee booddees Seeti waggaa 807 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
8 So Seth lived a total of 912 years, and then he died.
Walumatti Seeti waggaa 912 jiraatee duʼe.
9 When Enosh was 90 years old, he became the father of Kenan.
Enoosh waggaa 90 jiraatee Qeenaanin dhalche.
10 And after he had become the father of Kenan, Enosh lived 815 years and had other sons and daughters.
Erga Qeenaanin dhalchee booddees Enoosh waggaa 815 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
11 So Enosh lived a total of 905 years, and then he died.
Walumatti Enoosh waggaa 905 jiraatee duʼe.
12 When Kenan was 70 years old, he became the father of Mahalalel.
Qeenaan waggaa 70 jiraatee Mahalaleelin dhalche.
13 And after he had become the father of Mahalalel, Kenan lived 840 years and had other sons and daughters.
Erga Mahalaleeliin dhalchee booddee Qeenaan waggaa 840 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
14 So Kenan lived a total of 910 years, and then he died.
Walumatti Qeenaan waggaa 910 jiraatee duʼe.
15 When Mahalalel was 65 years old, he became the father of Jared.
Mahalaleel waggaa 65 jiraatee Yaaredin dhalche.
16 And after he had become the father of Jared, Mahalalel lived 830 years and had other sons and daughters.
Erga Yaaredin dhalchee booddee Mahalaleel waggaa 830 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
17 So Mahalalel lived a total of 895 years, and then he died.
Walumatti Mahalaleel waggaa 895 jiraatee duʼe.
18 When Jared was 162 years old, he became the father of Enoch.
Yaared waggaa 162 jiraatee Henookin dhalche.
19 And after he had become the father of Enoch, Jared lived 800 years and had other sons and daughters.
Erga Henookin dhalchee booddee Yaared waggaa 800 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa qaba ture.
20 So Jared lived a total of 962 years, and then he died.
Walumatti Yaared waggaa 962 jiraatee duʼe.
21 When Enoch was 65 years old, he became the father of Methuselah.
Henook waggaa 65 jiraatee Matuuselaa dhalche.
22 And after he had become the father of Methuselah, Enoch walked with God 300 years and had other sons and daughters.
Henook erga Matuuselaa dhalchee booddee waggaa 300 Waaqa wajjin deddeebiʼe; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
23 So Enoch lived a total of 365 years.
Walumatti Henook waggaa 365 jiraate.
24 Enoch walked with God, and then he was no more, because God had taken him away.
Henook Waaqa wajjin deddeebiʼe; waan Waaqni isa fudhateef inni deebiʼee hin argamne.
25 When Methuselah was 187 years old, he became the father of Lamech.
Matuuselaan waggaa 187 jiraatee Laamehin dhalche.
26 And after he had become the father of Lamech, Methuselah lived 782 years and had other sons and daughters.
Erga Laamehin dhalchee booddee Matuuselaan waggaa 782 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
27 So Methuselah lived a total of 969 years, and then he died.
Walumatti Matuuselaan waggaa 969 jiraatee duʼe.
28 When Lamech was 182 years old, he had a son.
Laameh waggaa 182 jiraatee ilma dhalche.
29 And he named him Noah, saying, “May this one comfort us in the labor and toil of our hands caused by the ground that the LORD has cursed.”
Innis, “Hojii nu lafa Waaqayyo abaare kana irratti hojjennuu fi dadhabbii harka keenyaa kana keessatti nu jajjabeessa” jechuudhaan maqaa isaa Nohi jedhee moggaase.
30 And after he had become the father of Noah, Lamech lived 595 years and had other sons and daughters.
Laameh erga Nohin dhalchee booddee waggaa 595 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
31 So Lamech lived a total of 777 years, and then he died.
Walumatti Laameh 777 jiraatee duʼe.
32 After Noah was 500 years old, he became the father of Shem, Ham, and Japheth.
Nohi erga waggaa 500 jiraatee booddee Seem, Haamii fi Yaafetin dhalche.

< Genesis 5 >