< Galatians 6 >
1 Brothers, if someone is caught in a trespass, you who are spiritual should restore him with a spirit of gentleness. But watch yourself, or you also may be tempted.
Yaa obboloota, yoo namni tokko cubbuu keessa seene, isin warri hafuuraan jiraattan garraamummaan isa deebisuu qabdu. Garuu atis akka hin qoramneef of eeggadhu.
2 Carry one another’s burdens, and in this way you will fulfill the law of Christ.
Isin baʼaa walii baadhaa; akkasiin isin seera Kiristoos ni eegdu.
3 If anyone thinks he is something when he is nothing, he deceives himself.
Namni tokko utuu waan tokko iyyuu hin taʼin, waan waa tokko taʼe yoo of seʼe, inni of gowwoomsa.
4 Each one should test his own work. Then he will have reason to boast in himself alone, and not in someone else.
Tokkoon tokkoon namaa hojii mataa isaa haa qoru. Ergasiis utuu nama kaanitti of hin madaalin of qofa jajuu ni dandaʼa;
5 For each one should carry his own load.
tokkoon tokkoon namaa baʼaa ofii isaa baadhachuu qabaatii.
6 Nevertheless, the one who receives instruction in the word must share in all good things with his instructor.
Namni dubbicha baratu kam iyyuu waan gaarii hundumaa barsiisaa isaa wajjin haa qoodatu.
7 Do not be deceived: God is not to be mocked. Whatever a man sows, he will reap in return.
Hin gowwoominaa; Waaqaatti qoosuun hin dandaʼamu. Namni waanuma facaafate haammataatii.
8 The one who sows to please his flesh, from the flesh will reap destruction; but the one who sows to please the Spirit, from the Spirit will reap eternal life. (aiōnios )
Namni foonitti facaasu foon irraa badiisa galfata; namni Hafuuratti facaasu immoo Hafuura irraa jireenya bara baraa haammata. (aiōnios )
9 Let us not grow weary in well-doing, for in due time we will reap a harvest if we do not give up.
Kottaa waan gaarii hojjechuu hin dadhabnu; yoo abdii kutachuu baanne gaafa yeroon isaa gaʼe midhaan isaa ni haammannaatii.
10 Therefore, as we have opportunity, let us do good to everyone, and especially to the family of faith.
Kanaaf kottaa, carraa qabnuun nama hundaaf, keessumattuu warra maatii amantootaa taʼaniif waan gaarii goonaa.
11 See what large letters I am using to write to you with my own hand!
Akka ani harkuma kootiin qubee gurguddaa hammam gaʼuun isinii barreesse mee ilaalaa!
12 Those who want to make a good impression outwardly are trying to compel you to be circumcised. They only do this to avoid persecution for the cross of Christ.
Warri fooniin gaarii taʼanii mulʼachuu barbaadan akka isin dhagna qabattan isin dirqisiisuu yaalu. Isaanis fannoo Kiristoosiif jedhanii akka hin ariʼatamne qofaaf waan kana godhu.
13 For the circumcised do not even keep the law themselves, yet they want you to be circumcised that they may boast in your flesh.
Warri dhagna qabatan mataan isaanii iyyuu seera hin eegan; taʼus isaan dhagna qabaa keessan kan fooniitiin boonuuf jedhanii akka isin dhagna qabattan barbaadu.
14 But as for me, may I never boast, except in the cross of our Lord Jesus Christ, through which the world has been crucified to me, and I to the world.
Fannoo Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos kan ittiin addunyaan naaf fannifame, kan anis ittiin addunyaaf fannifame sana malee waan biraatiin of jajuun narraa haa fagaatu.
15 For neither circumcision nor uncircumcision means anything. What counts is a new creation.
Uumama haaraa taʼuutu faayidaa qaba malee dhagna qabachuun yookaan qabachuu baachuun faayidaa hin qabu.
16 Peace and mercy to all who walk by this rule, even to the Israel of God.
Nagaa fi araarri warra seera kana duukaa buʼan hundaaf, Israaʼel Waaqaatiifis haa taʼu.
17 From now on let no one cause me trouble, for I bear on my body the marks of Jesus.
Ani dhagna koo irraa godaannisa Yesuus qabaatii siʼachi namni tokko iyyuu na hin rakkisin.
18 The grace of our Lord Jesus Christ be with your spirit, brothers. Amen.
Yaa obboloota, ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos hafuura keessan wajjin haa taʼu. Ameen.