< Ezra 9 >
1 After these things had been accomplished, the leaders approached me and said, “The people of Israel, including the priests and Levites, have not kept themselves separate from the surrounding peoples whose abominations are like those of the Canaanites, Hittites, Perizzites, Jebusites, Ammonites, Moabites, Egyptians, and Amorites.
Erga wanni kun hojjetamee booddee hooggantoonni gara koo dhufanii akkana jedhan; “Sabni Israaʼel lubootaa fi Lewwota illee dabalatee saboota ollaa isaanii kanneen hojii jibbisiisaa hojjetan jechuunis Kanaʼaanota, Heetota, Feerzota, Yebuusota, Amoonota, Moʼaabota, warra Gibxii fi Amoorota irraa addaan baʼanii hin jiraanne.
2 Indeed, the Israelites have taken some of their daughters as wives for themselves and their sons, so that the holy seed has been mixed with the people of the land. And the leaders and officials have taken the lead in this unfaithfulness!”
Isaanis intallan jaraa ofii isaaniitiif fuudhanii ilmaan isaaniis fuusisanii sanyii qulqulluu sana saboota naannoo isaaniitti makan. Hooggantoonnii fi qondaaltonnis balleessaa kana hojjechuu keessatti dura aantota turan.”
3 When I heard this report, I tore my tunic and cloak, pulled out some hair from my head and beard, and sat down in horror.
Ani yeroon waan kana dhagaʼetti qomee koo fi uffata koo nan tarsaasee, rifeensa mataa koo fi areeda koo of irraa buqqisee akka malee rifadheen taaʼe.
4 Then everyone who trembled at the words of the God of Israel gathered around me because of the unfaithfulness of the exiles, while I sat there in horror until the evening offering.
Kana irratti namoonni dubbii Waaqa Israaʼeliin hollatan hundi sababii balleessaa warra boojuudhaa deebiʼan kanaaf naannoo kootti walitti qabaman. Anis akka malee rifadhee hamma aarsaa galgalaatti achuman taaʼe.
5 At the evening offering, I got up from my humiliation with my tunic and cloak torn, and I fell on my knees, spread out my hands to the LORD my God,
Anis yeroo aarsaa galgalaatti akkuma qomee fi uffanni koo tarsaʼee jirutti lafan gaddee taaʼaa turee kaʼee jilbeenfadhee harka koo gara Waaqayyo Waaqa kootti balʼisee
6 and said: “O my God, I am ashamed and embarrassed to lift up my face to You, my God, because our iniquities are higher than our heads, and our guilt has reached the heavens.
akkana jedheen kadhadhe: “Yaa Waaqa ko, sababii cubbuun keenya mataa keenya bira ol darbee yakki keenyas samii gaʼeef, yaa Waaqa koo ani fuula koo gara keetti deebiffachuu akka malee qaanaʼeera; saalfadheeras.
7 From the days of our fathers to this day, our guilt has been great. Because of our iniquities, we and our kings and priests have been delivered into the hands of the kings of the earth and put to the sword and captivity, to pillage and humiliation, as we are this day.
Bara abbootii keenyaatii jalqabee hamma ammaatti balleessaan keenya guddaa dha. Sababii cubbuu keenyaaf nu, mootonni keenyaa fi luboonni keenya akkuma harʼaa kana harka mootota ormaa jalatti goraadee fi boojuutti, saamichaa fi salphinatti dabarfamnee kennamneerra.
8 But now, for a brief moment, grace has come from the LORD our God to preserve for us a remnant and to give us a stake in His holy place. Even in our bondage, our God has given us new life and light to our eyes.
“Amma garuu Waaqayyo Waaqni keenya hambaa nuu hambisee iddoo isaa qulqulluu sana keessatti iddoo amansiisaa nuuf kennuudhaan yeroo gabaabaadhaaf garaa nuuf laafeera; akkasiinis Waaqni keenya ija keenyaaf ifa kenneera; garbummaa keenya keessattis xinnoo nu boqochiiseera.
9 Though we are slaves, our God has not forsaken us in our bondage, but He has extended to us grace in the sight of the kings of Persia, giving us new life to rebuild the house of our God and repair its ruins, and giving us a wall of protection in Judah and Jerusalem.
Nu garboota taanu illee Waaqni keenya garbummaa keessatti nu hin ganne. Inni fuula mootota Faares duratti jaalala isaa kan hin geeddaramne sana nu argisiiseera. Inni akka nu mana Waaqa keenyaa deebifnee ijaarruu fi akka diigamaa isaa illee iddootti deebifnuuf jireenya haaraa nuuf kenneera; Yihuudaa fi Yerusaalem keessattis dallaa daʼannoo nuu kenneera.
10 And now, our God, what can we say after this? For we have forsaken the commandments
“Amma garuu yaa Waaqa keenya nu kana booddee maal jechuu dandeenya? Nu ajaja
11 that You gave through Your servants the prophets, saying: ‘The land that you are entering to possess is a land polluted by the impurity of its peoples and the abominations with which they have filled it from end to end.
ati karaa garboota kee raajotaan kennite sanaaf hin ajajamneetii; innis akkana jedha: ‘Biyyi isin dhaaluudhaaf seenuutti jirtan xuraaʼummaa saba biyya sanaan xuroofteerti. Isaan hojii jibbisiisaa isaaniitiin handaara tokkoo hamma handaara kaanitti xuraaʼummaa isaaniitiin biyyattii guutaniiru.
12 Now, therefore, do not give your daughters in marriage to their sons or take their daughters for your sons. Never seek their peace or prosperity, so that you may be strong and may eat the good things of the land, leaving it as an inheritance to your sons forever.’
Kanaafuu intallan keessan ilmaan isaanitti hin heerumsiisinaa yookaan ilmaan keessan intallan isaanii hin fuusisinaa. Akka jabaattaniif, akka waan gaarii biyya sanaa nyaattanii biyyatti illee dhaala bara baraa gootanii ijoollee keessanitti dabarsitaniif yoom iyyuu isaan wajjin walii galtee michummaa hin barbaadinaa.’
13 After all that has come upon us because of our evil deeds and our great guilt (though You, our God, have punished us less than our iniquities deserve and have given us such a remnant as this),
“Wanni nurra gaʼe kun gatii gochawwan hammina keenyaa fi yakka keenya guddaa sanaa ti; haa taʼuutii ati Waaqni keenya adaba cubbuu keenyaaf maluun gad nu adabdee hambaa akkanaa nuu kenniteerta.
14 shall we again break Your commandments and intermarry with the peoples who commit these abominations? Would You not become so angry with us as to wipe us out, leaving no remnant or survivor?
Nu amma illee ajaja kee cabsinee saba hojiiwwan jibbisiisoo hojjetu kanaan wal haa fuunuu? Yoos ati akka malee nutti dheekkamtee hamma hambaan tokko iyyuu hin hafnetti nu hin balleessituu ree?
15 O LORD, God of Israel, You are righteous! For we remain this day as a remnant. Here we are before You in our guilt, though because of it no one can stand before You.”
Yaa Waaqayyo Waaqa Israaʼel, ati qajeelaa dha! Nu harʼa hambaa taanee jiraanneerra. Tokkoon keenya iyyuu sababii yakka keenyaaf fuula kee dura dhaabachuu dadhabnu illee nu kunoo yakkuma keenya wajjin fuula kee dura jirra.”