< Ezra 6 >

1 Thus King Darius ordered a search of the archives stored in the treasury of Babylon.
Kana irratti Daariyoos Mootichi ajaja kenne; isaanis galmeewwan mana galmee Baabilon keessatti kuufaman sana ni sakattaʼan.
2 And a scroll was found in the fortress of Ecbatana, in the province of Media, with the following written on it: Memorandum:
Kitaabni maramaan tokkos Ahimetaa magaalaa guddaa kutaa biyyaa Meedee keessatti argame; kitaaba sana irrattis akkana jedhamee barreeffamee ture: Yaadachiisa:
3 In the first year of King Cyrus, he issued a decree concerning the house of God in Jerusalem: Let the house be rebuilt as a place for offering sacrifices, and let its foundations be firmly laid. It is to be sixty cubits high and sixty cubits wide,
Waggaa tokkoffaa bara mootummaa Qiiros Mootichaa keessa mootichi waaʼee mana qulqullummaa Waaqaa kan Yerusaalem keessa jiru sanaa akkana jedhee labsii baase: Manni qulqullummaa kun iddoo aarsaan itti dhiʼeeffamu taʼee deebifamee haa ijaaramu; hundeen isaas haa buufamu. Manni kunis ol dheerina dhundhuma jaatamaa fi balʼina dhundhuma jaatama qabaatee
4 with three layers of cut stones and one of timbers. The costs are to be paid from the royal treasury.
dhagaa gurguddaa toora sadii sadii fi muka toora tokko tokkoon haa ijaaramu. Baasiin hundinuus qabeenya mootummaa keessaa baafamuu qaba.
5 Furthermore, the gold and silver articles of the house of God, which Nebuchadnezzar took from the temple in Jerusalem and carried to Babylon, must also be returned to the temple in Jerusalem and deposited in the house of God.
Akkasumas miʼi warqee fi meetii mana Waaqaa kan Nebukadnezar mana qulqullummaa kan Yerusaalem keessaatii Baabilonitti fide sun iddoo isaanitti jechuunis mana qulqullummaa kan Yerusaalemitti deebifamanii mana Waaqaa keessa kuufamu qabu.
6 Therefore Darius decreed: To Tattenai governor of the region west of the Euphrates, Shethar-bozenai, and your associates and officials in the region: You must stay away from that place!
Egaa ati Taatenaayi bulchaan Gama Laga Efraaxiis, Satarbuznaayii fi isin michoota isaanii qondaaltonni kutaa biyya sanaa achii fagaadhaa.
7 Leave this work on the house of God alone. Let the governor and elders of the Jews rebuild this house of God on its original site.
Isin hojii mana qulqullummaa Waaqaa kana keessa hin seeninaa. Bulchaan Yihuudootaa fi maanguddoonni Yihuudootaa mana Waaqaa kana iddoo isaatti deebisanii haa ijaaran.
8 I hereby decree what you must do for these elders of the Jews who are rebuilding this house of God: The cost is to be paid in full to these men from the royal treasury out of the taxes of the provinces west of the Euphrates, so that the work will not be hindered.
Kana irratti ani waan isin ijaarsa mana Waaqaa kana keessatti maanguddoota Yihuudootaa kanneeniif gochuu qabdan kunoo nan labsa: Akka hojiin hin dhaabanneef baasiin namoota kanaa guutumaan guutuutti qabeenya mootummaa irraa jechuunis gibira Gama Laga Efraaxiisii walitti qabamu keessaa haa baafamu.
9 Whatever is needed—young bulls, rams, and lambs for burnt offerings to the God of heaven, as well as wheat, salt, wine, and oil, as requested by the priests in Jerusalem—must be given to them daily without fail.
Wanni barbaachisu kam iyyuu jechuunis jiboonni, korbeeyyiinii fi xobbaallaawwan hoolaa Waaqa samiitiif aarsaa gubamu taʼanii dhiʼeeffaman, akkasumas qamadiin, soogiddi, daadhiin wayinii fi zayitiin akkuma luboonni Yerusaalem keessa jiraatan barbaadanitti utuu gargar hin citin guyyaa guyyaadhaan isaaniif kennamuu qabu;
10 Then they will be able to offer sacrifices of a sweet aroma to the God of heaven and to pray for the lives of the king and his sons.
kunis akka isaan aarsaa Waaqa samiitti tolu dhiʼeessanii fi akka isaan jireenya mootichaa fi ilmaan isaatiif Waaqa kadhataniifii dha.
11 I also decree that if any man interferes with this directive, a beam is to be torn from his house and raised up, and he is to be impaled on it. And his own house shall be made a pile of rubble for this offense.
Kana caalaa iyyuu yoo namni kam iyyuu ajaja kana dide, ani akka utubaan mana isaa keessaa buqqifamee inni irratti fannifamu labsii kana labseera. Sababii yakka kanaatiif manni isaa tuulaa kosii ni taʼa.
12 May God, who has caused His Name to dwell there, overthrow any king or people who lifts a hand to alter this decree or to destroy this house of God in Jerusalem. I, Darius, have issued the decree. Let it be carried out with diligence.
Waaqni inni akka Maqaan isaa achi jiraatu godhe sun mootii yookaan saba labsii kana geeddaruuf yookaan mana qulqullummaa kan Yerusaalem keessaa barbadeessuuf harka ol fudhatu kam iyyuu haa balleessu. Ani Daariyoos labsii kana labseera. Wanni kunis ariitiidhaan hojii irra haa oolu.
13 In response, Tattenai the governor of the region west of the Euphrates, Shethar-bozenai, and their associates diligently carried out what King Darius had decreed.
Ergasii Taatenaayi bulchaan biyya Gama Laga Efraaxiis, Satarbuznaayii fi michoonni isaanii akkuma Daariyoos Mootichi labsetti labsii sana ariitiidhaan hojii irra ni oolchan.
14 So the Jewish elders built and prospered through the prophesying of Haggai the prophet and Zechariah son of Iddo. They finished building according to the command of the God of Israel and the decrees of Cyrus, Darius, and Artaxerxes, kings of Persia.
Kanaafuu maanguddoonni Yihuudootaa lallaba Haagee raajichaatii fi Zakkaariyaas ilma Iddootiin ijaarsa itti fufan; hojiinis ni milkaaʼeef. Isaanis akkuma ajaja Waaqa Israaʼelii fi akkuma labsiiwwan Qiiros, Daariyoosii fi Arxeksis mootota Faaresitti ijaarsa mana qulqullummaa sana ni xumuran.
15 And this temple was completed on the third day of the month of Adar, in the sixth year of the reign of King Darius.
Manni qulqullummaa sunis waggaa jaʼaffaa bara Daariyoos Mootichaa keessa, bultii sadaffaa jiʼa Adaaritti ijaaramee dhume.
16 Then the people of Israel—the priests, the Levites, and the rest of the exiles—celebrated the dedication of the house of God with joy.
Ergasii sabni Israaʼel jechuunis luboonni, Lewwonnii fi boojiʼamtoonni hafan ayyaana eebba mana Waaqaa gammachuudhaan ayyaaneffatan.
17 For the dedication of the house of God they offered a hundred bulls, two hundred rams, four hundred lambs, and a sin offering for all Israel of twelve male goats, one for each tribe of Israel.
Eebba mana Waaqaa kanaafis jiboota dhibba tokko, korbeeyyii hoolaa dhibba lamaa fi xobbaallaa hoolaa dhibba afur kennan; sababii cubbuu Israaʼel hundaaf immoo korbeeyyii reʼee kudha lama jechuunis tokkoo tokkoo gosa Israaʼeliif reʼee tokko tokko dhiʼeessan.
18 They also appointed the priests by their divisions and the Levites by their groups to the service of God in Jerusalem, according to what is written in the Book of Moses.
Ergasii immoo akkuma Kitaaba Musee keessatti barreeffametti tajaajila mana Waaqaa kan Yerusaalem keessaa sanaaf luboota kutaa kutaa isaanitti, Lewwota immoo garee garee isaaniitti ramadan.
19 On the fourteenth day of the first month, the exiles kept the Passover.
Boojiʼamtoonnis guyyaa kudha afuraffaa jiʼa jalqabaatti Faasiikaa ni ayyaaneffatan.
20 All the priests and Levites had purified themselves and were ceremonially clean. And the Levites slaughtered the Passover lamb for all the exiles, for their priestly brothers, and for themselves.
Luboonnii fi Lewwonni of qulqulleessanii hundi isaanii akka seeraatti ni qulqullaaʼan. Lewwonni warra boojiʼaman hundaaf, obboloota isaanii lubootaa fi ofii isaaniif hoolaa Faasiikaa qalan.
21 The Israelites who had returned from exile ate it, together with all who had separated themselves from the uncleanness of the peoples of the land to seek the LORD, the God of Israel.
Kanaafuu Israaʼeloonni boojuudhaa deebiʼan namoota Waaqayyo Waaqa Israaʼel barbaaduudhaaf hojii xuraaʼummaa kan Namoota Ormaa kanneen ollaa isaanii jiraatan sanaa lagatan hunda wajjin Faasiikaa sana ni nyaatan.
22 For seven days they kept the Feast of Unleavened Bread with joy, because the LORD had made them joyful and turned the heart of the king of Assyria toward them to strengthen their hands in the work on the house of the God of Israel.
Sababii Waaqayyo akka inni hojii ijaarsa mana Waaqayyo Waaqa Israaʼel keessatti isaan gargaaruudhaaf yaada mootii Asoor geeddaruudhaan gammachuudhaan isaan guuteef isaan bultii torba guutuu Ayyaana Maxinoo Buddeena gammachuudhaan ayyaaneffatan.

< Ezra 6 >