< Ecclesiastes 1 >

1 These are the words of the Teacher, the son of David, king in Jerusalem:
Dubbii lallabaa ilma Daawit, isa Yerusaalem keessaatti mootii taʼe sanaa:
2 “Futility of futilities,” says the Teacher, “futility of futilities! Everything is futile!”
Lallabichi, “Faayidaa hin qabu! Faayidaa hin qabu! Guutumaan guutuutti faayidaa hin qabu! Wanni hundinuu faayidaa hin qabu” jedha.
3 What does a man gain from all his labor, at which he toils under the sun?
Namni hojii isaa kan aduudhaa gaditti itti dadhabu hunda keessaa, buʼaa maalii argata?
4 Generations come and generations go, but the earth remains forever.
Dhaloonni ni dhufa; dhaloonni ni darba; lafti garuu bara baraan jiraatti.
5 The sun rises and the sun sets; it hurries back to where it rises.
Biiftuun ni baati; biiftuun ni lixxi; gara baate sanatti deebiʼuufis ni ariifatti.
6 The wind blows southward, then turns northward; round and round it swirls, ever returning on its course.
Bubbeen gara kibbaatti bubbisa; gara kaabaattis ni deebiʼa; innis naannaʼuma naannaʼee deema; karaa isaa irras deddeebiʼa.
7 All the rivers flow into the sea, yet the sea is never full; to the place from which the streams come, there again they flow.
Lagni hundi galaanatti yaaʼa; galaanni garuu hin guutu. Lageen garuma dhufanitti deebiʼanii yaaʼu.
8 All things are wearisome, more than one can describe; the eye is not satisfied with seeing, nor the ear content with hearing.
Wanni hundinuu hamma namni tokko dubbachuu dandaʼu caalaa dadhabsiisaa dha. Iji argee hin quufu; yookaan gurri dhagaʼee hin guutu.
9 What has been will be again, and what has been done will be done again; there is nothing new under the sun.
Wanni duraan ture ammas ni taʼa; wanni duraan hojjetame ammas ni hojjetama; aduudhaa gaditti wanni haaraan tokko iyyuu hin jiru.
10 Is there a case where one can say, “Look, this is new”? It has already existed in the ages before us.
Wanni namni tokko, “Ilaa! Wanni kun haaraa dha” jechuu dandaʼu kam iyyuu jiraa? Wanni kun duraanuu bara dheeraan dura as ture; bara keenyaan dura iyyuu asuma ture.
11 There is no remembrance of those who came before, and those yet to come will not be remembered by those who follow after.
Namoonni bara durii hin yaadataman; kanneen dhufuuf jiranis warra isaan duubaan dhufaniin hin yaadataman.
12 I, the Teacher, was king over Israel in Jerusalem.
Ani Lallabaan, Yerusaalem keessatti mootii Israaʼelin ture.
13 And I set my mind to seek and explore by wisdom all that is done under heaven. What a heavy burden God has laid upon the sons of men to occupy them!
Ani waan samii gaditti hojjetame hunda ogummaadhaan quʼadhee qoradhee bira gaʼuuf of kenneen ture. Waaqni baʼaa ulfaataa akkamii nama irra kaaʼe!
14 I have seen all the things that are done under the sun, and have found them all to be futile, a pursuit of the wind.
Ani waan aduudhaa gaditti hojjetame hunda argeera; hundi isaanii iyyuu faayidaa hin qaban; kun akkuma nama bubbee ariʼuu ti.
15 What is crooked cannot be straightened, and what is lacking cannot be counted.
Wanni jalʼifame tokko deebiʼee hin qajeelfamu; wanni hin jirres lakkaaʼamuu hin dandaʼu.
16 I said to myself, “Behold, I have grown and increased in wisdom beyond all those before me who were over Jerusalem, and my mind has observed a wealth of wisdom and knowledge.”
Anis akkana jedheen yaade; “Kunoo, ani nama anaan dura Yerusaalemin bulchaa ture kam iyyuu caalaa guddadhee ogummaas dabaladheera; ani muuxannoo ogummaatii fi beekumsaa guddaa argadheera.”
17 So I set my mind to know wisdom and madness and folly; I learned that this, too, is a pursuit of the wind.
Kanaafuu ani ogummaa, maraatummaa fi gowwummaa hubachuufin of kenne; garuu ani akka wanni kunis bubbee ariʼuu taʼe nan baradhe.
18 For with much wisdom comes much sorrow, and as knowledge grows, grief increases.
Ogummaa guddaa keessa gadda baayʼeetu jiraatii; akkuma beekumsi dabalamuun gaddis dabalama.

< Ecclesiastes 1 >