< 2 Samuel 15 >

1 Some time later, Absalom provided for himself a chariot with horses and fifty men to run ahead of him.
Kana irratti Abesaaloom gaarii lolaatii fi fardeen akkasumas namoota fuula isaa dura fiigan shantama ofii isaatiif qopheeffate.
2 He would get up early and stand beside the road leading to the city gate. Whenever anyone had a grievance to bring before the king for a decision, Absalom would call out and ask, “What city are you from?” And if he replied, “Your servant is from one of the tribes of Israel,”
Innis ganamaan kaʼee daandii gara karra magaalaatti nama geessu irra dhaabata ture. Yeroo namni kam iyyuu iyyata isaa mootii duratti dhiʼeeffatee murtii argachuuf dhufutti, Abesaaloom ofitti isa waamee, “Ati magaalaa kamii dhufte?” jedhee gaafata. Namni sunis, “Garbichi kee gosoota Israaʼel keessaa gosa tokko keessaa dhufa” jedhee deebisaaf.
3 Absalom would say, “Look, your claims are good and right, but the king has no deputy to hear you.”
Ergasiis Abesaaloom, “Kunoo iyyanni kee dhugaa fi qajeelaa dha; garuu akka inni si dhagaʼuuf namni mootiin iddoo buufate tokko iyyuu hin jiru” jedhaan.
4 And he would add, “If only someone would appoint me judge in the land, then everyone with a grievance or dispute could come to me, and I would give him justice.”
Abesaaloomis itti dabalee, “Maal qaba, utuu ani biyya kanatti abbaa murtii taʼee! Silaa namni iyyata yookaan himata qabu kam iyyuu na bira dhufee anis murtii qajeelaa isaaf nan kennan ture” jedha.
5 Also, when anyone approached to bow down to him, Absalom would reach out his hand, take hold of him, and kiss him.
Akkasumas yeroo namni tokko fuula isaa duratti jilbeenfachuuf gara isaa dhufutti Abesaaloom harka diriirfatee ol isa qabuudhaan isa dhungata.
6 Absalom did this to all the Israelites who came to the king for justice. In this way he stole the hearts of the men of Israel.
Abesaaloom akkasiin Israaʼeloota murtii qajeelaa argachuuf gara mootii dhufan hunda simachuudhaan garaa namoota Israaʼel hate.
7 After four years had passed, Absalom said to the king, “Please let me go to Hebron to fulfill a vow I have made to the LORD.
Abesaaloomis gara dhuma waggaa afuraffaatti mootichaan akkana jedhe; “Akka ani Kebroon dhaqee wareega Waaqayyoof wareegee ture tokko dhiʼeessuuf naaf eeyyami.
8 For your servant made a vow while dwelling in Geshur of Aram, saying: ‘If indeed the LORD brings me back to Jerusalem, I will worship the LORD in Hebron.’”
Ani garbichi kee yeroon biyya Sooriyaa keessa Geshuur jiraachaa turetti, ‘Yoo Waaqayyo gara Yerusaalemitti na deebise, ani Kebroonitti Waaqayyoof nan sagada’ jedhee wareega kana wareegeen ture.”
9 “Go in peace,” said the king. So Absalom got up and went to Hebron.
Mootichis, “Nagaan deemi” jedheen. Kanaafuu Abesaaloom gara Kebroon deeme.
10 Then Absalom sent spies throughout the tribes of Israel with this message: “When you hear the sound of the horn, you are to say, ‘Absalom reigns in Hebron!’”
Abesaaloom garuu akka isaan, “Isin akkuma sagalee malakataa dhageessaniin, ‘Abesaaloom Kebroonitti mootii taʼeera’ jedhaa” jedhaniif guutummaa gosoota Israaʼel keessa dhoksaadhaan ergamoota bobbaase.
11 Two hundred men from Jerusalem accompanied Absalom. They had been invited as guests and they went along innocently, for they knew nothing about the matter.
Namoonni dhibbi lama Yerusaalemii baʼanii Abesaaloom faana buʼan. Isaan akka keessummaatti affeeramanii calʼisaniituma deeman malee waaʼee dhimma sanaa waan tokko illee quba hin qaban ture.
12 While Absalom was offering the sacrifices, he sent for Ahithophel the Gilonite, David’s counselor, to come from his hometown of Giloh. So the conspiracy gained strength, and Absalom’s following kept increasing.
Abesaaloom yeroo aarsaa dhiʼeessutti namichi gosa Giiloo kan Ahiitofel jedhamu, gorsaan Daawit akka magaalaa isaa Giiloodhaa dhufuuf waamsise. Kanaafuu fincilli sun jabaatee duukaa buutonni Abesaaloomis baayʼachaa dhufan.
13 Then a messenger came to David and reported, “The hearts of the men of Israel are with Absalom.”
Ergamaan tokkos Daawit bira dhufee, “Garaan namoota Israaʼel gara Abesaaloom itti deebiʼee jira” jedhee itti hime.
14 And David said to all the servants with him in Jerusalem, “Arise and let us flee, or we will not escape from Absalom! We must leave quickly, or he will soon overtake us, heap disaster on us, and put the city to the sword.”
Ergasiis Daawit qondaaltota isaa warra isa wajjin Yerusaalem keessa turaniin akkana jedhe; “Kaʼaa ni baqannaa! Yoo kanaa achii tokkoon keenya iyyuu Abesaaloom jalaa hin baanu. Dafnee asii deemuu qabna; yoo kanaa achii inni ariitiidhaan dhufee nu qaqqabee nu balleessaatii; magaalattii illee goraadeedhaan dhaʼa.”
15 The king’s servants replied, “Whatever our lord the king decides, we are your servants.”
Qondaaltonni mootichaas, “Nu tajaajiltoonni kee waan gooftaan keenya mootichi murteesse kam iyyuu gochuuf qophaaʼoo dha” isaan jedhan.
16 Then the king set out, and his entire household followed him. But he left behind ten concubines to take care of the palace.
Kanaafuu mootichi warra mana isaa jiraatan hunda of faana fudhatee qajeele; saajjatoowwan isaa kudha garuu akka isaan masaraa mootii eeganiif achumatti dhiise.
17 So the king set out with all the people following him. He stopped at the last house,
Mootichis akkasiin namoota hunda of faana fudhatee baʼe; isaanis xinnoo achi fagaatanii iddoo tokko dhadhaabatan.
18 and all his servants marched past him—all the Cherethites and Pelethites, and six hundred Gittites who had followed him from Gath.
Namoonni isaa hundinuu Kereetotaa fi Pheletota hunda wajjin mooticha dura qajeelan; akkasumas Gaatonni dhibba jaʼa kanneen Gitii isa faana baʼanis fuula mootichaa dura darban.
19 Then the king said to Ittai the Gittite, “Why should you also go with us? Go back and stay with the new king, since you are both a foreigner and an exile from your homeland.
Mootichis Itaayi namicha Gitii sanaan akkana jedhe; “Ati maaliif nu faana dhufta? Deebiʼiitii Abesaaloom mooticha wajjin turi. Ati keessummaa biyya keetii boojiʼamtee dhuftee dha.
20 In fact, you arrived only yesterday; should I make you wander around with us today while I do not know where I am going? Go back and take your brothers with you. May the LORD show you loving devotion and faithfulness.”
Ati kaleessuma dhufte. Egaa ani utuun ofii kootiifuu garan dhaqu hin beekin akka ati nu faana joortun si godhaa? Amma beenuu namoota biyya keetii fudhadhuutii deebiʼi. Gara laafinnii fi amanamummaan si wajjin haa taʼan.”
21 But Ittai answered the king, “As surely as the LORD lives, and as my lord the king lives, wherever my lord the king may be, whether it means life or death, there will your servant be!”
Itaayi garuu deebisee mootichaan, “Dhugaa Waaqayyo jiraataatii fi duʼa gooftaa koo mootichaa, jireenyas taʼu duʼa taanaan ani tajaajilaan kee gara gooftaan koo mootichi deemu kam iyyuu nan deema” jedhe.
22 “March on then,” said David to Ittai. So Ittai the Gittite marched past with all his men and all the little ones who were with him.
Daawit immoo Itaayiin, “Yoos darbii fuula duratti deemi” jedhe. Kanaafuu Itaayi namichi Gitii sun namoota isaatii fi maatii isaa kanneen isa wajjin turan hunda fudhatee deeme.
23 Everyone in the countryside was weeping loudly as all the people passed by. And as the king crossed the Kidron Valley, all the people also passed toward the way of the wilderness.
Yeroo namoonni sun hundi darbanittis warri baadiyyaa jiraatan hundi sagalee ol fudhatanii booʼan. Mootichis Sulula Qeedroon ceʼee deeme; namoonni hundinuus ceʼanii gara gammoojjiitti qajeelan.
24 Zadok was also there, and all the Levites with him were carrying the ark of the covenant of God. And they set down the ark of God, and Abiathar offered sacrifices until the people had passed out of the city.
Zaadoqis achi ture; Lewwonni isa wajjin turan hundinuu taabota kakuu Waaqaa baatanii turan; isaanis taabota Waaqaa lafa kaaʼan; Abiyaataar immoo hamma namoonni hundi magaalaa keessaa baʼanitti aarsaa dhiʼeesse.
25 Then the king said to Zadok, “Return the ark of God to the city. If I find favor in the eyes of the LORD, He will bring me back and let me see both it and His dwelling place again.
Ergasii mootichi Zaadoqiin akkana jedhe; “Ati taabota Waaqaa fuudhiitii gara magaalaatti deebiʼi. Yoo ani fuula Waaqayyoo duratti surraa argadhee jiraadhe, inni deebisee na fidee taabota sanaa fi lafa ofii jiraatu na argisiisa.
26 But if He should say, ‘I do not delight in you,’ then here I am; let Him do to me whatever seems good to Him.”
Garuu yoo inni, ‘Ani sitti hin gammanne’ naan jedhe, ani qophaaʼaa dha; inni waan fedhe na haa godhu.”
27 The king also said to Zadok the priest, “Are you not a seer? Return to the city in peace—you with your son Ahimaaz, and Abiathar with his son Jonathan.
Mootichis Zaadoq lubichaan, “Ati nama mulʼataan waa argu mitii? Egaa ilma kee Ahiimaʼazin akkasumas Yoonaataan ilma Abiyaataar fudhadhuutii nagaan gara magaalaatti deebiʼi. Atii fi Abiyaataar ilmaan keessan lamaan fudhadhaatii deemaa.
28 See, I will wait at the fords of the wilderness until word comes from you to inform me.”
Ani immoo hamman dhaamsa kee dhagaʼutti malkaa gammoojjii keessaa bira nan tura.”
29 So Zadok and Abiathar returned the ark of God to Jerusalem and stayed there.
Kanaafuu Zaadoqii fi Abiyaataar taabota Waaqaa sana fuudhanii Yerusaalemitti deebiʼanii achuma turan.
30 But David continued up the Mount of Olives, weeping as he went up. His head was covered, and he was walking barefoot. And all the people with him covered their heads and went up, weeping as they went.
Daawit garuu Gaara Ejersaatti ol baʼe; yeroo ol baʼuttis booʼaa deemaa ture; innis mataa isaa haguuggatee kophee malee deema ture. Namoonni isa wajjin turan hundinuus mataa isaanii haguuggatanii booʼaa deemu turan.
31 Now someone told David: “Ahithophel is among the conspirators with Absalom.” So David pleaded, “O LORD, please turn the counsel of Ahithophel into foolishness!”
Yeroo kanatti, “Ahiitofelis warra Abesaaloom wajjin fincilan keessaa tokkoo dha” jedhamee Daawititti himame. Kanaafuu Daawit, “Yaa Waaqayyo, gorsa Ahiitofel sana jalaa busheessi” jedhee Waaqa kadhate.
32 When David came to the summit, where he used to worship God, Hushai the Archite was there to meet him with his robe torn and dust on his head.
Yeroo Daawit iddoo wal gaʼii iddoo itti namoonni Waaqa waaqeffatan gaʼettis Huushaayi namichi gosa Arkii sun wandaboo ofii tarsaasee daaraa mataatti firfirfatee isa simachuuf baʼe.
33 David said to him, “If you go on with me, you will be a burden to me.
Daawitis akkana jedheen, “Ati yoo na wajjin deemte baʼaa natti taata.
34 But you can thwart the counsel of Ahithophel for me if you return to the city and say to Absalom: ‘I will be your servant, my king; in the past I was your father’s servant, but now I will be your servant.’
Garuu yoo gara magaalaatti deebitee Abesaaloomiin, ‘Yaa mootii, ani duraan garbicha abbaa keetiin ture; amma garuu garbicha kee nan taʼa’ jettee gorsa Ahiitofel busheessite na gargaaruu dandeessa.
35 Will not Zadok and Abiathar the priests be there with you? Report to them everything you hear from the king’s palace.
Zaadoqii fi Abiyaataar luboonni suma wajjin achi jiraatu mitii? Ati waan masaraa mootiitii dhageessu hunda isaanitti himi.
36 Indeed, their two sons, Ahimaaz son of Zadok and Jonathan son of Abiathar, are there with them. Send them to me with everything you hear.”
Ilmaan isaanii lamaan Ahiimaʼaz ilmi Zaadoqii fi Yoonaataan ilmi Abiyaataar isaanuma wajjin achi jiraatan. Ati waan dhageessu hunda harka isaaniitiin naa ergi.”
37 So David’s friend Hushai arrived in Jerusalem just as Absalom was entering the city.
Kanaafuu Huushaayi michuun Daawit utuma Abesaaloom Yerusaalem seenaa jiruu achi gaʼe.

< 2 Samuel 15 >