< Matthew 19 >
1 And it came to pass when Jesus had finished these discourses, that he departed from Galilee, and came into the borders of Judea, beyond the Jordan.
Yesuus erga dubbii kana dubbatee fixatee booddee, Galiilaadhaa kaʼee gama Yordaanos gara biyya Yihuudaa dhaqe.
2 And many multitudes followed him; and he cured them there.
Namoonni baayʼeenis isa duukaa buʼan; innis achitti isaan fayyise.
3 And the Pharisees came to him to tempt him, and said to him: Is it lawful for a man to put away his wife for every cause?
Fariisonni tokko tokkos isa qoruuf gara isaa dhufanii, “Namni tokko waanuma argeen niitii isaa hiikuun ni eeyyamamaa?” jedhanii gaafatan.
4 He answered and said to them: Have you not read that the Creator, at the beginning, created them male and female,
Yesuusis akkana jedhee deebise; “Isin akka inni jalqabatti isaan uume sun, ‘dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume’hin dubbifnee?
5 and said, For this cause shall a man leave his father and his mother, and shall cleave to his wife, and the two shall be one flesh?
Inni akkana jedhe; ‘Sababii kanaaf namni abbaa fi haadha isaa dhiisee niitii isaatti maxxana; lamaan isaanii iyyuu foon tokko taʼu.’
6 So then, they are no longer two, but one flesh. Therefore, what God has joined together, let not man put asunder.
Egaa isaan siʼachi foon tokko malee lama miti. Kanaafuu waan Waaqni tokko taasise namni gargar hin baasin.”
7 They said to him: Why, then, did Moses command us to give a bill of divorce and put her away?
Isaanis, “Yoos Museen maaliif akka namni tokko waraqaa ragaa hiikkaa kenneefii niitii isaa of irraa geggeessu ajaje ree?” jedhanii isa gaafatan.
8 He said to them: Moses, on account of the hardness of your hearts, permitted you to put away your wives; but from the beginning it was not so.
Yesuusis akkana jedhee deebise; “Museen sababii mata jabina keessaniitiif jedhee akka isin niitota keessan hiiktan isiniif eeyyame. Jalqabatti garuu akkana hin turre.
9 But I say to you, That whoever puts away his wife, unless for lewdness, and marries another, commits adultery; and he that marries her that is put away, commits adultery.
Ani isinittin hima; namni utuu isheen halalummaa hin hojjetin niitii isaa hiikee dubartii biraa fuudhu kam iyyuu ejja raawwata.”
10 His disciples said to him: If the relation of man and wife be such, it is not good to marry.
Barattoonni isaas, “Haalli dhirsaa fi niitii akkana taanaan fuudhuu dhiisuu wayya” jedhaniin.
11 But he said to them: All can not accept this saying; only those to whom it is given.
Yesuusis akkana jedheen; “Waan kana warra isaaniif kenname qofa malee namni hundi fudhachuu hin dandaʼu.
12 For there are eunuchs that were born such from their mother’s womb; and there are eunuchs that have been made eunuchs by men; and there are eunuchs that have made themselves eunuchs for the sake of the kingdom of heaven. Let him accept it that is able to accept it.
Warri xuʼaashii taʼanii gadameessa haadha isaaniitii dhalatan jiruutii; warri harka namaatiin xuʼaashii taʼanis jiru; kanneen mootummaa samiitiif jedhanii xuʼaashii of taasisanis jiru; namni kana fudhachuu dandaʼu haa fudhatu.”
13 Then little children were brought to him, that he might lay his hands on them and pray. And the disciples rebuked them.
Ergasii akka inni harka isaan irra kaaʼee isaaniif kadhatuuf ijoollee xixinnoo Yesuusitti fidan. Barattoonni garuu isaan ifatan.
14 But Jesus said: Let the little children come to me, and forbid them not: for of such is the kingdom of heaven.
Yesuusis, “Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan samii kan warra akkanaatii” jedhe.
15 And he laid his hands on them, and departed from that place.
Innis erga harka isaa isaan irra kaaʼee booddee achii deeme.
16 And behold, one came and said to him: Good teacher, what good thing must I do that I may have eternal life? He said to him: (aiōnios )
Kunoo namichi tokko gara Yesuus dhufee, “Yaa barsiisaa, jireenya bara baraa argachuuf wanni gaariin ani gochuu qabu maali?” jedhee gaafate. (aiōnios )
17 Why do you call me good? There is none good but one, that is God. But if you desire to enter into life, keep the commandments.
Yesuus immoo, “Ati maaliif waaʼee waan gaarii na gaafatta? Gaariin Isa Tokkicha qofatu jira. Ati yoo jireenyatti galuu barbaadde ajajawwan eegi” jedhee deebise.
18 He said to him: Which? Jesus replied: You shall not kill; You shall not commit adultery; You shall not steal; You shall not give false testimony;
Namichis, “Ajajawwan kami?” jedhee gaafate. Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “‘Hin ajjeesin; hin ejjin; hin hatin; sobaan dhugaa hin baʼin;
19 Honor your father and your mother; and, You shall love your neighbor as yourself.
abbaa keetii fi haadha kee kabaji; ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu.’”
20 The young man said to him: All these have I kept from my youth, what do I lack?
Dargaggeessi sunis, “Ani ajajawwan kanneen hunda eegeera. Yoos maaltu amma iyyuu na duraa hirʼata ree?” jedheen.
21 Jesus said to him: If you would be perfect, go, sell your possessions, and give to the poor, and you shall have treasure in heaven; and come, follow me.
Yesuusis, “Ati yoo nama hirʼina hin qabne taʼuu barbaadde, dhaqiitii waan qabdu gurgurii hiyyeeyyiif kenni; samii keessatti badhaadhummaa ni qabaattaa. Ergasii kottuu na duukaa buʼi” jedhee deebiseef.
22 When the young man heard that saying, he went away grieved; for he had great possessions.
Dargaggeessi sunis yommuu waan kana dhagaʼetti gaddee achii deeme; inni qabeenya guddaa qaba tureetii.
23 Jesus said to his disciples: Verily I say to you, A rich man will with difficulty enter into the kingdom of heaven.
Yesuusis barattoota isaatiin akkana jedhe; “Ani dhuguma isinittin hima; mootummaa samiitti galuun nama sooressaaf rakkisaa dha.
24 And again I say to you: It is easier for a camel to go through the eye of a needle, than for a rich man to enter into the kingdom of God.
Ammas isinittin hima; namni sooressi mootummaa Waaqaatti galuu irra qaawwa lilmoo keessa baʼuutu gaalaaf salphata.”
25 When the disciples heard it, they were greatly amazed, and said: Who, then, can be saved?
Barattoonni yommuu waan kana dhagaʼanitti akka malee raajeffatanii, “Yoos eenyutu fayyuu dandaʼa ree?” jedhanii gaafatan.
26 But Jesus looked on them, and said to them: With men, this is impossible; but with God, all things are possible.
Yesuusis isaan ilaalee, “Kun namaaf hin dandaʼamu; Waaqaaf garuu wanni hundinuu ni dandaʼama” jedhe.
27 Then Peter answered and said to him: Behold, we have left all and followed thee; what, then, shall we have?
Kana irratti Phexros, “Kunoo, nu waan hunda dhiifnee si duukaa buuneerra! Egaa maal arganna ree?” jedhee deebise.
28 Jesus said to them: Verily I say to you, That, in the restoration, when the Son of man shall sit on his glorious throne, you also who have followed me shall sit on twelve thrones, judging the twelve tribes of Israel.
Yesuus immoo akkana isaaniin jedhe; “Ani dhuguma isinittin hima; addunyaa haaraa keessatti, yeroo Ilmi Namaa teessoo isaa ulfina qabeessa sana irra taaʼutti, isin warri na duukaa buutanis akkasuma teessoowwan kudha lama irra teessanii gosoota Israaʼel kudha lamaanitti murtu.
29 And every one that has left houses, or brothers, or sisters, or father, or mother, or wife, or children, or lands, for my name’s sake, shall receive a hundred-fold, and shall inherit eternal life. (aiōnios )
Namni maqaa kootiif jedhee manneen yookaan obboloota yookaan obboleettota yookaan abbaa yookaan haadha yookaan niitii yookaan ijoollee yookaan lafa qotiisaa dhiise hundi dachaa dhibba ni argata; jireenya bara baraas ni dhaala. (aiōnios )
30 But many that are first shall be last; and the last first.
Garuu warri jalqabaa hedduun warra dhumaa ni taʼu; warri dhumaa hedduun immoo warra jalqabaa ni taʼu.