< Exodus 10 >

1 The LORD said to Moses, “Go in to Pharaoh, for I have hardened his heart and the heart of his servants, that I may show these my signs among them;
Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe; “Faraʼoonitti ol seeni; ani akka mallattoowwan koo kanneen isaan gidduutti hojjedhuuf jedhee Faraʼoonii fi qondaaltota isaa mata jabeeyyii godheera;
2 and that you may tell in the hearing of your son, and of your son’s son, what things I have done to Egypt, and my signs which I have done among them; that you may know that I am the LORD.”
kunis akka ati waan ani warra Gibxi godhe, mallattoo ani isaan gidduutti argisiises ijoollee keetii fi ijoollee ijoollee keetiitti himtee akka ani Waaqayyo taʼe akka beektaniif taʼe.”
3 Moses and Aaron went in to Pharaoh, and said to him, “This is what the LORD, the God of the Hebrews, says: ‘How long will you refuse to humble yourself before me? Let my people go, that they may serve me.
Musee fi Aroonis Faraʼoon bira dhaqanii akkana jedhaniin; “Waaqayyo Waaqni Ibrootaa akkana jedha: ‘Ati hamma yoomiitti fuula koo duratti gad of qabuu didda? Akka isaan na tajaajilaniif saba koo gad dhiisi.
4 Or else, if you refuse to let my people go, behold, tomorrow I will bring locusts into your country,
Yoo ati gad isaan dhiisuu didde, kunoo ani bori biyya keetti hawwaannisa nan fida.
5 and they shall cover the surface of the earth, so that one will not be able to see the earth. They shall eat the residue of that which has escaped, which remains to you from the hail, and shall eat every tree which grows for you out of the field.
Hawwaannisni kunis hamma namni tokko iyyuu arguu dadhabutti lafa haguuga. Innis waanuma cabbii irraa isinii hafe illee ni fixa; mukkeen alatti isinii guddachaa jiranis nyaatee fixa.
6 Your houses shall be filled, and the houses of all your servants, and the houses of all the Egyptians, as neither your fathers nor your fathers’ fathers have seen, since the day that they were on the earth to this day.’” He turned, and went out from Pharaoh.
Inni mana kee, mana qondaaltota keetii hundaa fi mana warra Gibxi hundumaa guuta; kunis waan abbootiin keetii fi abbootiin abbootii keetii gaafa biyya kana qubatanii jalqabanii hamma harʼaatti hin arginii dha.’” Kana booddee Museen garagalee Faraʼoon biraa baʼe.
7 Pharaoh’s servants said to him, “How long will this man be a snare to us? Let the men go, that they may serve the LORD, their God. Do not you yet know that Egypt is destroyed?”
Qondaaltonni Faraʼoonis, “Namichi kun hamma yoomiitti kiyyoo nutti taʼa? Namoonni kun akka Waaqayyo Waaqa isaanii tajaajilaniif gad dhiisi. Akka Gibxi badde ati amma illee hin hubannee?” jedhaniin.
8 Moses and Aaron were brought again to Pharaoh, and he said to them, “Go, serve the LORD your God; but who are those who will go?”
Musee fi Aroonin deebisanii Faraʼoonitti geessan; Faraʼoonis, “Dhaqaatii Waaqayyo Waaqa keessan waaqeffadhaa! Garuu eenyutu deema?” jedheen.
9 Moses said, “We will go with our young and with our old. We will go with our sons and with our daughters, with our flocks and with our herds; for we must hold a feast to the LORD.”
Museenis, “Nu sababii ayyaana Waaqayyoo ayyaaneffannuuf dargaggoota keenyaa fi maanguddoota keenya, ilmaanii fi intallan keenya, bushaayee fi loon keenya qabannee deemna” jedhee deebise.
10 He said to them, “The LORD be with you if I let you go with your little ones! See, evil is clearly before your faces.
Faraʼoonis akkana jedhe; “Yoo ani dubartoota keessanii fi ijoollee keessan isin wajjin gad dhiise, mee Waaqayyo isin wajjin haa taʼu! Kunoo waan hamaatu isin dura jira.
11 Not so! Go now you who are men, and serve the LORD; for that is what you desire!” Then they were driven out from Pharaoh’s presence.
Kun hin taʼu! Akka warri dhiiraa qofti dhaqanii Waaqayyo waaqeffatan godhaa; isin kanuma barbaaddaniitii.” Isaanis fuula Faraʼoon duraa gad baafaman.
12 The LORD said to Moses, “Stretch out your hand over the land of Egypt for the locusts, that they may come up on the land of Egypt, and eat every herb of the land, even all that the hail has left.”
Waaqayyos Museedhaan, “Akka hawwaannisni biyya Gibxitti buʼee biqiltuu lafa qotiisaa hunda, waan cabbii irraa hafe hundas nyaatuuf harka kee Gibxi irratti diriirsi” jedhe.
13 Moses stretched out his rod over the land of Egypt, and the LORD brought an east wind on the land all that day, and all night; and when it was morning, the east wind brought the locusts.
Museenis ulee isaa Gibxi irratti diriirsinaan Waaqayyo guyyaa sana guutuu fi halkan sana guutuu akka bubbeen baʼa biiftuu biyyattii keessatti bubbisu godhe; ganama itti aanus bubbeen sun hawwaannisa fidee dhufe;
14 The locusts went up over all the land of Egypt, and rested in all the borders of Egypt. They were very grievous. Before them there were no such locusts as they, nor will there ever be again.
hawwaannisni sunis Gibxi guutuu weerare; biyya hunda keessas baayʼinaan qubate. Dhaʼichi hawwaannisaa kan akkasii duraan takkumaa buʼee hin beeku; ergasiis takkumaa deebiʼee hin buune.
15 For they covered the surface of the whole earth, so that the land was darkened, and they ate every herb of the land, and all the fruit of the trees which the hail had left. There remained nothing green, either tree or herb of the field, through all the land of Egypt.
Hawwaannisni sunis hamma lafti gurraachaʼutti lafa hunda haguuge; innis waan cabbii irraa hafe hunda, waan alatti biqile hunda, ija mukaa illee ni nyaate. Biyya Gibxi hunda keessatti wanni lalisaan tokko iyyuu muka irratti yookaan biqiltuu irratti hin hafne.
16 Then Pharaoh called for Moses and Aaron in haste, and he said, “I have sinned against the LORD your God, and against you.
Faraʼoonis dafee Musee fi Aroonin waamee akkana jedheen; “Ani Waaqayyo Waaqa keessanii fi isinitti cubbuu hojjedheera.
17 Now therefore please forgive my sin again, and pray to the LORD your God, that he may also take away from me this death.”
Egaa mee cubbuu koo naa dhiisaa; akka inni dhaʼicha nama ajjeesu kana narraa fuudhuufis Waaqayyo Waaqa keessan naa kadhadhaa.”
18 Moses went out from Pharaoh, and prayed to the LORD.
Museenis Faraʼoon biraa gad baʼee Waaqayyo kadhate.
19 The LORD sent an exceedingly strong west wind, which took up the locusts, and drove them into the Red Sea. There remained not one locust in all the borders of Egypt.
Waaqayyos bubbee sana gara bubbee lixa biiftuu jabaatti geeddare; bubbeen sunis hawwaannisa sana fuudhee Galaana Diimaatti naqe. Gibxi keessatti hawwaannisni tokko iyyuu hin hafne.
20 But the LORD hardened Pharaoh’s heart, and he did not let the children of Israel go.
Waaqayyo garuu Faraʼoonin mata jabeessa godhe; Faraʼoonis Israaʼeloota gad hin dhiifne.
21 The LORD said to Moses, “Stretch out your hand toward the sky, that there may be darkness over the land of Egypt, even darkness which may be felt.”
Waaqayyo immoo Museedhaan, “Akka dukkanni Gibxi irra buʼuuf harka kee gara samiitti diriirsi” jedhe.
22 Moses stretched out his hand toward the sky, and there was a thick darkness in all the land of Egypt for three days.
Museen harka isaa gara samiitti diriirse; dukkanni limixiin isaa guyyaa sadii Gibxi guutuu haguuge.
23 They did not see one another, and nobody rose from his place for three days; but all the children of Israel had light in their dwellings.
Guyyaa sadan sana namni wal hin argu ture; lafa jiruus hin sochoʼu ture. Israaʼeloonni hundi garuu iddoo jiraatanitti ifa qabu turan.
24 Pharaoh called to Moses, and said, “Go, serve the LORD. Only let your flocks and your herds stay behind. Let your little ones also go with you.”
Faraʼoonis Musee ofitti waamee, “Dhaqaatii Waaqayyo waaqeffadhaa. Dubartoonnii fi ijoolleen keessanis isin wajjin haa deemani; bushaayee fi loon keessan qofa dhiisaa deemaa” jedheen.
25 Moses said, “You must also give into our hand sacrifices and burnt offerings, that we may sacrifice to the LORD our God.
Museen garuu akkana jedhe; “Ati akka nu Waaqayyo Waaqa keenyaaf aarsaa fi qalma gubamu dhiʼeessinuuf nuu eeyyamuu qabda.
26 Our livestock also shall go with us. Not a hoof shall be left behind, for of it we must take to serve the LORD our God; and we do not know with what we must serve the LORD, until we come there.”
Horiin keenyas nu wajjin dhaquu qaba; kotteen tokko iyyuu hin hafu. Waaqayyo Waaqa keenya waaqeffachuuf isaan keessaa tokko tokkotti fayyadamna; hamma achi geenyutti Waaqayyo waaqeffachuuf maalitti akka fayyadamnu hin beeknu.”
27 But the LORD hardened Pharaoh’s heart, and he would not let them go.
Waaqayyo garuu Faraʼoonin mata jabeessa godhe; innis gad isaan dhiisuu dide.
28 Pharaoh said to him, “Get away from me! Be careful to see my face no more; for in the day you see my face you shall die!”
Faraʼoonis Museedhaan, “Fuula koo duraa badi! Lammata fuula koo akka hin argine beekkadhu; ati gaafa fuula koo argite ni duuta!” jedhe.
29 Moses said, “You have spoken well. I will see your face again no more.”
Museenis deebisee, “Akkuma ati jette, ani lammata fuula keetti hin mulʼadhu” jedhe.

< Exodus 10 >