< Ruth 1 >

1 And it came to pass in the days when the judges judged, that there was a famine in the land. And a certain man of Bethlehem-judah went to sojourn in the country of Moab, he, and his wife, and his two sons.
Bara abbootiin murtii bulchaa turanitti beelli biyyatti buʼe; namichi Beetlihem Yihuudaa keessa jiraatu tokko niitii isaatii fi ilmaan isaa lamaan fudhatee biyya Moʼaab jiraachuu dhaqe.
2 And the name of the man was Elimelech, and the name of his wife Naomi, and the name of his two sons Mahlon and Chilion, Ephrathites of Bethlehem-judah. And they came into the country of Moab, and continued there.
Maqaan namichaa Eliimelek, maqaan niitii isaa Naaʼomiin, maqaan ilmaan isaa lamaanii immoo Mahiloonii fi Kiliiyoon jedhama ture. Isaanis namoota Efraataa kan biyya Yihuudaa Beetlihem keessa jiraatan turan. Jarris biyya Moʼaab dhaqanii achi jiraatan.
3 And Elimelech, Naomi's husband, died, and she was left, and her two sons.
Eliimelek dhirsi Naaʼomiin ni duʼe; isheenis ilmaan ishee lamaan wajjin hafte.
4 And they took wives for them of the women of Moab. The name of the one was Orpah, and the name of the other Ruth, and they dwelt there about ten years.
Isaanis dubartoota Moʼaab fuudhan; isheen tokko Orphaa kaan immoo Ruut jedhamti. Erga isaan waggaa kudhan achi jiraatanii booddee,
5 And Mahlon and Chilion died, both of them, and the woman was left of her two children and of her husband.
Mahiloonii fi Kiliiyoon ni duʼan. Naaʼomiinis ilmaan ishee lamaanii fi dhirsa ishee dhabdee kophaa hafte.
6 Then she arose with her daughters-in-law that she might return from the country of Moab, for she had heard in the country of Moab how that Jehovah had visited his people in giving them bread.
Isheenis utuu Moʼaab jirtuu akka Waaqayyo saba isaa yaadatee nyaata kenneef dhageesse; Naaʼomiinii fi Niitonni ilmaan ishees gara biyya isheetti deebiʼuuf qophaaʼan.
7 And she went forth out of the place where she was, and her two daughters-in-law with her, and they went on the way to return to the land of Judah.
Isheenis iddoo jiraachaa turtee kaatee niitota ilmaan ishee wajjin gara biyya Yihuudaatti deebiʼuuf karaa qabatte.
8 And Naomi said to her two daughters-in-law, Go, return each of you to her mother's house. Jehovah deal kindly with you, as ye have dealt with the dead, and with me.
Ergasiis Naaʼomiin niitota ilmaan ishee lamaaniin akkana jette; “Tokkoon tokkoon keessan gara mana haadhota keessaniitti deebiʼaa. Akkuma dhirsoota keessan kanneen duʼanii fi anaafis arjoomtan sana Waaqayyo isiniif haa arjoomu.
9 Jehovah grant you that ye may find rest, each of you in the house of her husband. Then she kissed them, and they lifted up their voices, and wept.
Waaqayyo tokkoo tokkoo keessaniifis mana dhirsa itti heerumtaniitti boqonnaa isinii haa kennu.” Isheenis ergasii isaan dhungate; isaanis sagalee ol fudhatanii booʼanii
10 And they said to her, No, but we will return with thee to thy people.
“Waawuu, nu si wajjin gara saba keetiitti deebina” jedhaniin.
11 And Naomi said, Turn again, my daughters. Why will ye go with me? Have I yet sons in my womb, that they may be your husbands?
Naaʼomiin garuu akkana jette; “Yaa intallan ko, gara mana keessaniitti deebiʼaa. Maaliif na wajjin deemtu? Ani siʼachi ilmaan dhirsa isiniif taʼuu dandaʼan daʼaa?
12 Turn again, my daughters. Go your way, for I am too old to have a husband. If I should say, I have hope. If I should even have a husband tonight, and should also bear sons,
Yaa intallan koo gara mana keessaniitti deebiʼaa; ani dhirsa biraatti heerumuudhaaf dulloomeera. Yoo ani abdii qaba jedhee halkanuma kana heerumee ilmaan daʼe illee,
13 would ye therefore delay till they were grown? Would ye therefore stay from having husbands? No, my daughters, for it grieves me much for your sakes, for the hand of Jehovah has gone forth against me.
isin hamma isaan guddatanitti ni eeggattuu? Isaan eeggachuuf jettanii utuu hin heerumin haftuu ree? Lakkii yaa intallan koo. Kun isin caalaa natti ulfaata; harki Waaqayyoo natti garagaleeraatii!”
14 And they lifted up their voices, and wept again. And Orpah kissed her mother-in-law, but Ruth clung to her.
Isaan amma illee sagalee isaanii ol fudhatanii booʼan. Kana irratti Orphaan haadha dhirsa ishee dhungattee nagaatti jetteen; Ruut garuu isheetti marmite.
15 And she said, Behold, thy sister-in-law has gone back to her people, and to her god. Return thou after thy sister-in-law.
Naaʼomiinis, “Kunoo, waarsaan kee gara saba isheetii fi waaqota isheetti deebiʼaa jirti. Atis ishee wajjin deebiʼi” jetteen.
16 And Ruth said, Entreat me not to leave thee, and to return from following after thee, for where thou go, I will go, and where thou lodge, I will lodge. Thy people shall be my people, and thy God my God.
Ruut garuu akkana jettee deebifte; “Akka ani si dhiisu yookaan si biraa deebiʼu na hin dirqisiisin. Iddoo ati deemtu nan deema; iddoo ati jiraattus nan jiraadha. Sabni kee saba koo ni taʼa; Waaqni kees Waaqa koo ni taʼa.
17 Where thou die, I will die, and there I will be buried. Jehovah do so to me, and more also, if anything but death parts thee and me.
Iddoo ati itti duututti anis nan duʼa; achittis nan awwaalama. Siʼachi yoo duuti gargari nu baase malee yoo ani si dhiisee deeme Waaqayyo na haa adabu; adabbiin sunis akka malee haa cimu.”
18 And when she saw that she was steadfastly minded to go with her, she left off speaking to her.
Naaʼomiinis yeroo akka Ruut ishee wajjin deemuuf murteessite hubattetti ishee dirqisiisuu dhiifte.
19 So those two went until they came to Bethlehem. And it came to pass, when they came to Bethlehem, that all the city was moved about them, and the women said, Is this Naomi?
Kanaafuu dubartoonni lachuu hamma Beetlihemitti deeman. Yommuu isaan Beetlihem gaʼanittis sababii isaaniitiif guutummaan magaalattii raafamte; dubartoonnis, “Isheen kun Naaʼomiinii?” jedhan.
20 And she said to them, Call me not Naomi. Call me Mara, for the Almighty has dealt very bitterly with me.
Isheenis akkana isaaniin jette; “Naaʼomiin jettanii na hin waaminaa! Sababii Waaqni Waan Hunda Dandaʼu jireenya koo hadheesseef Maaraa jedhaatii na waamaa.
21 I went out full, and Jehovah has brought me home again empty. Why do ye call me Naomi, seeing Jehovah has testified against me, and the Almighty has afflicted me?
Ani harka guutuudhaan baʼe; Waaqayyo garuu harka duwwaa na deebise. Isin maaliif Naaʼomiin naan jettu? Waaqayyo na dhiphiseera; Waaqni Waan Hunda Dandaʼu rakkina natti fideeraatii.”
22 So Naomi returned, and Ruth the Moabitess, her daughter-in-law, with her, who returned out of the country of Moab. And they came to Bethlehem in the beginning of barley harvest.
Kanaafuu Naaʼomiin, niitii ilma ishee Ruut Moʼaabittii wajjin yeroo garbuun haamamuu jalqabutti Moʼaabii gara Beetlihemitti deebite.

< Ruth 1 >