< Psalms 51 >

1 Have mercy upon me, O God, according to thy loving kindness. According to the multitude of thy tender mercies blot out my transgressions.
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Faarfannaa kanas inni erga Batisheebaa bira gaʼee booddee yeroo Naataan raajichi gara isaa dhufetti faarfate. Yaa Waaqayyo, akkuma jaalala kee kan hin geeddaramne sanaatti na maari; akkuma baayʼina araara keetiitti, yakka koo narraa haqi.
2 Wash me thoroughly from my iniquity, and cleanse me from my sin.
Yakka koo hundumaa narraa dhiqi; cubbuu koo irraas na qulqulleessi.
3 For I know my transgressions, and my sin is ever before me.
Ani yakka koo beekaatii; cubbuun koos yeroo hunda fuula koo dura jira.
4 Against thee, thee only, I have sinned, and done that which is evil in thy sight, that thou may be justified when thou speak, and may prevail when thou are criticized.
Ani sitti, suma qofatti cubbuu hojjedheera; waan fuula kee duratti hamaa taʼes hojjedheera; kanaafuu ati murtii keetiin qajeelaa dha; yommuu murtii kennituttis hin dogoggortu.
5 Behold, I was brought forth in iniquity, and in sin my mother conceived me.
Dhuguma iyyuu ani cubbuudhaanan dhaladhe; yeroo haati koo na ulfooftee jalqabees cubbamaan ture.
6 Behold, thou desire truth in the inward parts, and in the hidden part thou will make me to know wisdom.
Ati keessa namaatti dhugaa hawwita; kanaafuu keessa kootti ogummaa na barsiisi.
7 Purify me with hyssop, and I shall be clean. Wash me, and I shall be whiter than snow.
Hiisophiidhaan cubbuu irraa na qulqulleessi; anis nan qulqullaaʼa; na dhiqi; anis cabbii caalaatti nan addaadha.
8 Make me to hear joy and gladness, that the bones which thou have broken may rejoice.
Gammachuu fi ilillee na dhageessisi; lafeen ati caccabsites haa ililchu.
9 Hide thy face from my sins, and blot out all my iniquities.
Fuula kee cubbuu koo irraa deebifadhu; yakka koo hundas narraa haqi.
10 Create in me a clean heart, O God, and renew a right spirit within me.
Yaa Waaqayyo, garaa qulqulluu na keessatti uumi; Hafuura qajeelaas na keessatti haaromsi.
11 Cast me not away from thy presence, and take not thy holy Spirit from me.
Fuula kee duraa na hin balleessin; Hafuura kee Qulqulluus narraa hin fudhatin.
12 Restore to me the joy of thy salvation, and uphold me with a willing spirit.
Gammachuu fayyina keetii naa deebisi; na jiraachisuudhaafis hafuura sarmu naa kenni.
13 Then I will teach transgressors thy ways, and sinners shall be converted to thee.
Anis warra karaa kee irraa jalʼatan nan barsiisa; cubbamoonnis gara kee ni deebiʼu.
14 Deliver me from blood guiltiness, O God, thou God of my salvation. And my tongue shall sing aloud of thy righteousness.
Yaa Waaqi, Waaqa na Fayyiftu, ati dhiiga dhangalaasuu irraa na oolchi; arrabni koos qajeelummaa kee ni faarfata.
15 O Lord, open thou my lips, and my mouth shall show forth thy praise.
Yaa Gooftaa, hidhii koo naa bani; afaan koos galata kee labsa.
16 For thou delight not in sacrifice, else I would give it. Thou have no pleasure in burnt offering.
Ati aarsaatti hin gammaddu malee silaa nan dhiʼeessa ture; aarsaa gubamuttis hin gammaddu.
17 The sacrifices of God are a broken spirit. A broken and contrite heart, O God, thou will not despise.
Aarsaan Waaqni fudhatu hafuura cabaa dha; Yaa Waaqi, ati garaa cabaa fi kan gaabbu hin tuffatu.
18 Do good in thy good pleasure to Zion. Build thou the walls of Jerusalem.
Jaalala keetiin Xiyooniif waan gaarii godhi; dallaa Yerusaalem ijaari.
19 Then thou will delight in the sacrifices of righteousness, in burnt offering and in whole burnt offering. Then they will offer bullocks upon thine altar.
Yoos ati aarsaa qajeelaatti, qalma gubamuu fi qalma akkuma jirutti gubamutti ni gammadda; korommiinis iddoo aarsaa kee irratti ni dhiʼeeffaman.

< Psalms 51 >