< Psalms 131 >
1 Jehovah, my heart is not haughty, nor my eyes lofty. Neither do I exercise myself in grand matters, or in things too wonderful for me.
Faarfannaa ol baʼuu. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, garaan koo of hin jaju; iji koos of hin tuulu; ani waan guddaa fi waan humna kootii ol taʼe keessa hin seenu.
2 Surely I have stilled and quieted my soul like a weaned child with his mother. Like a weaned child is my soul within me.
Ani garuu lubbuu koo afaan qabachiiseera; calʼisiiseeras; akkuma daaʼimni harma haadha isaa guusan tokko haadhatti irkatee boqotu sana, akkuma daaʼima harma haadha isaa guusanii lubbuun koo na keessatti calʼiste.
3 O Israel, hope in Jehovah from this time forth and for evermore.
Yaa Israaʼel, ammaa fi bara baraaf, Waaqayyoon abdadhu.