< Matthew 6 >
1 Be careful not to do your charity before men in order to be seen by them, otherwise ye have no reward from your Father in the heavens.
“Akka isaan isin arganiif jettanii ‘Hojii qajeelummaa’ keessan fuula namootaa duratti akka hin hojjenneef of eeggadhaa. Yoo akkas gootan abbaa keessan kan samii irraa biraa gatii hin qabaattaniitii.
2 When therefore thou do charity, do not sound a trumpet before thee, as the hypocrites do in the synagogues and in the streets, so that they may have glory by men. Truly I say to you, they have their reward.
“Kanaafuu ati yommuu warra rakkataniif waa kennitutti akka fakkeessitoonni namoota biratti jajamuuf jedhanii manneen sagadaa keessattii fi karaa irratti godhan sana malakataan hin labsatin. Ani dhuguman isinitti hima; isaan gatii isaanii argataniiru.
3 But when thou do charity, let not thy left hand know what thy right hand does,
Yeroo ati rakkattootaaf waa kennitutti garuu waan harki kee mirgaa godhu, harki kee bitaa hin beekin;
4 so that thy charity may be in secret. And thy Father who sees in secret will himself reward thee in the open.
kunis akka kennaan kee dhoksaan taʼuuf. Abbaan kee inni waan dhoksaatti hojjetamu argu sun ifaan ifatti gatii siif kenna.
5 And when thou pray, thou shall not be as the hypocrites, because they love to pray having stood in the synagogues and in the corners of the thoroughfares, so that they may be seen by men. Truly I say to you, they have their reward.
“Isin yommuu kadhattan akka fakkeessitootaa hin taʼinaa; isaan namatti mulʼachuuf jedhanii manneen sagadaa keessaa fi golee karaa irra dhaabatanii kadhachuu jaallatuutii. Ani dhuguman isinitti hima; isaan gatii isaanii argataniiru.
6 But thou, when thou pray, enter into thy private room, and having shut thy door, pray to thy Father in secret, and thy Father who sees in secret will reward thee in the open.
Ati garuu yeroo kadhattu mana keetti ol gali; balbala cufadhuutii Abbaa kee isa hin mulʼanne sana kadhadhu. Abbaan kee inni waan dhoksaatti hojjetamu argu sun ifaan ifatti gatii siif kenna.
7 And while praying do not use vain repetitions as the heathen do, for they think that they will be heard by their much speaking.
Isinis yommuu kadhattan akka ormootaa dubbii faayidaa hin qabne irra hin deddeebiʼinaa; isaan baayʼina dubbii isaaniitiin waan isaaniif dhagaʼamu seʼu.
8 Be not therefore like them, for your Father knows what things ye have need of before ye ask him.
Isin akka isaanii hin taʼinaa; abbaan keessan utuma isin hin kadhatin iyyuu waan isin barbaachisu ni beekaatii.
9 Pray ye therefore this way: Our Father in the heavens, hallowed be thy name.
“Egaa akkana jedhaa kadhadhaa: “‘Yaa Abbaa keenya kan samii irra jirtu, maqaan kee haa qulqullaaʼu;
10 May thy kingdom come. May thy will happen on the earth as also in heaven.
mootummaan kee haa dhufu; fedhiin kee akkuma samii irratti taʼe sana, lafa irrattis haa taʼu.
11 Give us this day the bread sufficient for us.
Buddeena keenya kan guyyuma guyyaa harʼa nuu kenni.
12 And forgive us our debts as we also forgive our debtors.
Akkuma nu warra yakka nutti hojjetaniif dhiifnu sana, atis yakka keenya nuuf dhiisi.
13 And bring us not into temptation, but deliver us from evil, because from thee is the kingdom and the power and the glory into the ages. Truly.
Isa hamaa jalaa nu baasi malee qoramatti nu hin galchin.’ Mootummaan, humni, ulfinnis bara baraan kan kee ti.
14 For if ye forgive men their trespasses, your heavenly Father will also forgive you.
Yoo isin namootaaf cubbuu isaanii dhiiftan, Abbaan keessan inni samii irraas akkasuma isiniif dhiisaatii.
15 But if ye forgive not men their trespasses, neither will your Father forgive your trespasses.
Yoo isin namootaaf cubbuu isaanii dhiisuu baattan garuu, Abbaan keessanis akkasuma cubbuu keessan isiniif hin dhiisu.
16 And when ye fast, become not like the gloomy looking hypocrites, for they make their faces unsightly, so that they may appear fasting to men. Truly I say to you, they have their reward.
“Isin yommuu soomtanitti akka fakkeessitootaa fuula hin dukkaneeffatinaa; isaan akka soomuutti jiran argisiifachuuf jedhanii fuula isaanii hammeessu. Ani dhuguman isinitti hima; isaan gatii isaanii argataniiru.
17 But when thou fast, anoint thy head, and wash thy face,
Ati garuu yeroo soomtu mataa kee dibadhu; fuula kees dhiqadhu.
18 so that thou may not appear fasting to men, but to thy Father in secret. And thy Father, who sees in secret, will reward thee.
Kunis akka sooma kee sana abbaa kee isa namatti hin mulʼanne malee namni hin beekneefii dha. Abbaan kee inni waan dhoksaatti hojjetamu argu sun gatii kee ifaan ifatti siif kenna.
19 Lay not up for yourselves treasures upon the earth, where moth and rust deteriorates, and where thieves break through and steal,
“Isin iddoo itti bilii fi daanaʼoon balleessituu fi iddoo itti hattuun cabsitee hattu lafa irratti badhaadhummaa ofii keessaniif hin kuufatinaa.
20 but lay up for yourselves treasures in heaven, where neither moth nor rust deteriorates, and where thieves do not break through nor steal.
Garuu iddoo itti bilii fi daanaʼoon nyaattee hin balleessinee fi iddoo itti hattuun cabsitee hin hanne samii irratti badhaadhummaa ofii keessaniif kuufadhaa.
21 For where your treasure is, there will your heart be also.
Idduma badhaadhummaan kee jiru sana garaan kees jiraatii.
22 The light of the body is the eye. If therefore thine eye is sound, thy whole body will be bright.
“Iji ibsaa dhagnaa ti. Iji kee fayyaa taanaan, dhagni kee guutuun ifaan guutama.
23 But if thine eye is bad, thy whole body will be dark. If therefore the light that is in thee is darkness, how great is the darkness!
Yoo iji kee fayyaa hin taʼin garuu, dhagni kee guutuun ni dukkanaaʼa. Erga ifni si keessa jiru sun dukkanaaʼee, dukkanni sun hammam haa jabaatu ree!
24 No man can serve two masters, for either he will hate the one, and love the other, or he will hold to one, and disparage the other. Ye cannot serve God and mammon.
“Namni gooftota lama tajaajiluu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. Isa tokko jibbitee isa kaan jaallattaatii; yookaan isa tokkoof of kennitee isa kaan immoo tuffatta. Isinis Waaqaa fi Maallaqa tajaajiluu hin dandeessan.
25 Because of this I say to you, be not anxious about your life, what ye may eat, or what ye may drink, nor yet for your body, what ye may wear. Is not the life more than the food, and the body than the clothing?
“Kanaafuu ani isinittin hima; ‘Maal nyaanna yookaan maal dhugna?’ jettanii waaʼee jireenya keessanii hin yaaddaʼinaa; yookaan ‘maal uffanna?’ jettanii waaʼee dhagna keessanii hin yaaddaʼinaa. Jireenyi nyaata hin caaluu? Dhagnis uffata hin caaluu?
26 Look to the birds of the sky, because they sow not, nor do they reap, nor gather into barns, and your heavenly Father feeds them. Are ye not more valuable then they?
Mee simbirroota samii ilaalaa; isaan hin facaafatan yookaan hin haammatan yookaan gombisaatti hin galfatan; taʼus Abbaan keessan inni samii irraa isaan soora. Isin immoo isaan caalaa gatii guddaa qabdu mitii?
27 And which man of you by being anxious can add one cubit to his life span?
Isin keessaa namni yaaddaʼuudhaan hojjaa isaa irratti dhundhuma tokko dabalachuu dandaʼuu eenyu?
28 And why are ye anxious about clothing? Consider the lilies of the field, how they grow. They toil not, nor do they spin,
“Isin maaliif waaʼee uffataa yaaddoftu? Daraaraawwan dirree akkamitti akka guddatan mee ilaalaa. Isaan hin dhamaʼan yookaan hin foʼan.
29 yet I say to you, that not even Solomon in all his glory was arrayed like one of these.
Ani garuu isinittin hima; Solomoon iyyuu ulfina isaa hunda keessatti, akka tokkoo isaaniitti hin uffanne.
30 And if God so clothes the grass of the field, which today is, and tomorrow is cast into an oven, will he not much more you, O ye of little faith?
Isin yaa warra amantii xinnoo nana. Waaqni erga marga dirree kan harʼa jiruu fi kan bor immoo ibiddatti naqamutti iyyuu akkasitti uffisee, isinitti immoo guddaa caalchisee hin uffisuu ree?
31 Be not therefore anxious, saying, What may we eat? or, What may we drink? or, What may we wear?
Kanaafuu, ‘Maal nyaanna?’ yookaan ‘Maal dhugna?’ yookaan ‘Maal uffanna?’ jettanii hin yaaddaʼinaa.
32 For the Gentiles seek after all these things, for your heavenly Father knows that ye need all these things.
Kana hunda ormoonni iyyuu ni barbaaduutii; Abbaan keessan inni samii irraas akka wanni kun hundinuu isin barbaachisu ni beeka.
33 But seek ye first the kingdom of God and his righteousness, and all these things will be added to you.
Garuu duraan dursaatii mootummaa isaatii fi qajeelummaa isaa barbaadaa; wanni kun hundinuu akkasuma isiniif kennama.
34 Be not therefore anxious for the morrow, for the morrow will be anxious about things of itself. Sufficient for the day is the evil of it.
Kanaafuu waaʼee boriitiif hin yaaddaʼinaa; bor ofii isaatiif ni yaaddaʼaatii. Hamminni guyyaa sanaa mataan isaa guyyicha ni gaʼa.