< Job 28 >

1 Surely there is a mine for silver, and a place for gold which they refine.
Dhugumaan iddoon meetiin keessaa qotamu, lafti warqeen itti baafamee qulqulleeffamu jira.
2 Iron is taken out of the earth, and copper is molten out of the stone.
Sibiilli lafa keessaa baafama; sibiilli diimaan immoo dhagaa albuudaa irraa baqfama.
3 Man sets an end to darkness, and searches out to the furthest bound the stones of obscurity and of thick darkness.
Namni hamma dhuma dukkanaatti deema; moggaa akka malee fagoo dhaqees, dukkana hamaa keessa dhagaa albuudaa barbaada.
4 He breaks open a shaft away from where men sojourn, paths forgotten by the foot. They hang afar from men; they swing to and fro.
Inni lafa namoonni jiraatan irraa fagaatee iddoo miilli namaa ejjetee hin beeknetti boolla qota; namoota irraa fagaatee ni rarraʼa; asii fi achis ni raafama.
5 As for the earth, out of it comes bread, and underneath it is turned up as it were by fire.
Lafa irraa garuu nyaatatu argama; jala isheetiin immoo akka waan ibidda taateetti geeddaramti;
6 The stones of it are the place of sapphires, and it has dust of gold.
dhagaan isaa burqaa sanpeerii ti; biyyoon isaas warqee qaba.
7 No bird of prey knows that path, nor has the falcon's eye seen it.
Allaattiin tokko iyyuu karaa dhokfame sana hin beeku; iji culullees karaa sana hin argine.
8 The proud beasts have not trodden it, nor has the fierce lion passed thereby.
Bineensonni sodaachisoon irra hin ejjenne; leencis karaa sana hin darbine.
9 He puts forth his hand upon the flinty rock. He overturns the mountains by the roots.
Harki namaa dhagaa jabaa cabsa; hundee tulluuwwanii immoo ni gaggaragalcha.
10 He cuts out channels among the rocks, and his eye sees every precious thing.
Inni kattaa keessaan karaa baasa; iji isaas waan gatii guddaa hunda arga.
11 He binds the streams that they not trickle. And the thing that is hid he brings forth to light.
Madda lageenii ni sakattaʼa; waan dhokfames ifatti ni baasa.
12 But where shall wisdom be found? And where is the place of understanding?
Ogummaan garuu eessaa argamti? Hubannaanis eessa jiraata?
13 Man does not know the price of it, nor is it found in the land of the living.
Namni gatii isaa hin beeku; inni biyya jiraattotaa keessatti hin argamu.
14 The deep says, It is not in me. And the sea says, It is not with me.
Tujubni, “Inni na keessa hin jiru” jedha; galaannis, “Inni na bira hin jiru” jedha.
15 It cannot be gotten for gold, nor shall silver be weighed for the price of it.
Warqeen qulqulluun isa bituu hin dandaʼu; gatiin isaas meetiidhaan hin madaalamu.
16 It cannot be valued with the gold of Ophir, with the precious onyx, or the sapphire.
Warqee Oofiiriitti, dhagaa gatii guddaa sardooniksiitti yookaan sanpeeriitti hin tilmaamamu.
17 Gold and glass cannot equal it, nor shall it be exchanged for jewels of fine gold.
Warqee fi dhagaan akka bilillee calaqqisu ittiin hin qixxaatu; inni faaya warqee qulqulluutiin hin geeddaramu.
18 No mention shall be made of coral or of crystal. Yea, the price of wisdom is above rubies.
Elellaanii fi dooqni akka waan gatii qabaniitti hin hedaman; gatiin ogummaa lula diimaa caala.
19 The topaz of Ethiopia shall not equal it, nor shall it be valued with pure gold.
Tophaaziyooniin Itoophiyaa itti qixxaatu; warqee qulqulluudhaanis bitamuu hin dandaʼu.
20 Where then does wisdom come from? And where is the place of understanding?
Yoos ogummaan eessaa dhufti ree? Hubannaanis eessa jiraatti?
21 Since it is hid from the eyes of all living, and kept closed from the birds of the heavens.
Isheen ija uumama hundaa jalaa dhokatteerti; simbirroota samii jalaas baddeerti.
22 Destruction and Death say, We have heard a rumor of it with our ears.
Badiisnii fi Duuti, “Nu oduu ishee qofa gurra keenyaan dhageenye” jedhu.
23 God understands the way of it, and he knows the place of it.
Waaqa qofatu daandii gara ishee geessu hubatee, lafa inni jiraatus beeka;
24 For he looks to the ends of the earth, and sees under the whole heaven,
inni handaara lafaa ni ilaala; waan samii jala jiru hunda ni argaatii.
25 to make a weight for the wind. Yea, he distributes the waters by measure.
Inni yommuu bubbeedhaaf humna kennee bishaanota safaretti,
26 When he made a decree for the rain, and a way for the lightning of the thunder,
yommuu bokkaadhaaf seera dhaabee bakakkaaf immoo daandii baasetti,
27 then he saw it, and declared it. He established it, yea, and searched it out.
inni ogummaa ilaalee madaale; jabeessee dhaabee ishee qorate.
28 And to man he said, Behold, the fear of the Lord, that is wisdom, and to depart from evil is understanding.
Ergasii ilmaan namaatiin, “Gooftaa sodaachuun ogummaa; waan hamaa irraa fagaachuunis hubannaa dha” jedhe.

< Job 28 >