< Ezekiel 3 >

1 And he said to me, Son of man, eat that which thou find. Eat this roll, and go, speak to the house of Israel.
Innis, “Yaa ilma namaa waan fuula kee dura jiru nyaadhu; kitaaba maramaa kana nyaadhu; ergasii dhaqiitii mana Israaʼelitti himi” naan jedhe.
2 So I opened my mouth, and he caused me to eat the roll.
Kanaafuu ani afaan koon banadhe; innis akka ani nyaadhuuf kitaaba maramaa sana naa kenne.
3 And he said to me, Son of man, cause thy belly to eat, and fill thy bowels with this roll that I give thee. Then I ate it, and it was in my mouth as honey for sweetness.
Innis, “Yaa ilma namaa, kitaaba maramaa ani siif kennu kana nyaadhu; garaa kees ittiin guuttadhu” naan jedhe. Anis nan nyaadhe; afaan koo keessattis akka dammaa natti miʼaawe.
4 And he said to me, Son of man, go, get thee to the house of Israel, and speak to them with my words.
Ergasii immoo akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, amma gara mana Israaʼel dhaqiitii dubbii koo isaanitti himi.
5 For thou are not sent to a people of a strange speech and of a hard language, but to the house of Israel,
Ati gara mana Israaʼelitti malee gara uummata haasaan isaa namaa hin gallee fi afaan isaa nama rakkisuutti hin ergamne;
6 not to many peoples of a strange speech, and of a hard language, whose words thou cannot understand. Surely, if I sent thee to them, they would hearken to thee.
ati gara uummata haasaan isaanii namaa hin gallee fi afaan isaanii nama rakkisu kan ati dubbii isaanii illee hubachuu hin dandeenyeetti hin ergamne. Dhugumaan utuu ani isaanitti si ergee jiraadhee silaa isaan si dhaggeeffatu ture.
7 But the house of Israel will not hearken to thee, for they will not hearken to me. For all the house of Israel are of a hard forehead and of a stiff heart.
Manni Israaʼel garuu sababii ana dhagaʼuu hin feeneef siinis dhagaʼuu hin fedhan; manni Israaʼel hundi didaa fi mata jabeeyyiidhaatii.
8 Behold, I have made thy face hard against their faces, and thy forehead hard against their foreheads.
Kunoo, ani fuula kee fuula isaaniitti jabeesseera; adda kee illee adda isaatiin jabeesseera.
9 As an adamant, harder than flint, I have made thy forehead. Fear them not, nor be dismayed at their looks, though they are a rebellious house.
Adda kee akka dhagaa akka malee jabaa kan dhagaa baalcii caalaa jabaatuu nan godha. Isaan mana fincilaa taʼan iyyuu ati isaan hin sodaatin yookaan isaan si hin rifachiisin.”
10 Moreover he said to me, Son of man, all my words that I shall speak to thee, receive in thy heart, and hear with thine ears.
Innis akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, waan ani sitti dubbadhu hunda sirriitti dhagaʼiitii garaatti qabadhu.
11 And go, get thee to those of the captivity, to the sons of thy people, and speak to them, and tell them, Thus says the lord Jehovah, whether they will hear, or whether they will forbear.
Amma gara saba kee warra boojiʼaman sanaa dhaqiitii isaanitti dubbadhu. Isaan dhagaʼanis dhagaʼuu baatanis, ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha’ jedhiin.”
12 Then the Spirit lifted me up, and I heard behind me the voice of a great rushing, saying, Blessed be the glory of Jehovah from his place.
Ergasiis Hafuurri ol na kaase; anis sagalee guddaa gigigsu kan, “Ulfinni Waaqayyoo iddoo jireenya isaatti haa eebbifamu!” jedhu tokko of duubaan nan dhagaʼe.
13 And I heard the noise of the wings of the living creatures as they touched each other, and the noise of the wheels beside them, even the noise of a great rushing.
Sagaleen kunis sagalee guddaa gigigsu kan yeroo qoochoowwan uumamawwan jiraatoo sanaa wal riganii fi sagaleen geengoowwan isaan cina jiran dhageessisan ture.
14 So the Spirit lifted me up, and took me away. And I went in bitterness, in the heat of my spirit, and the hand of Jehovah was strong upon me.
Hafuurris ol na kaasee na fudhatee deeme; anis hadheeffadhee utuma hafuurri koo aaree gubatuu nan deeme; harki Waaqayyoo jabaan sunis ana irra ture.
15 Then I came to those of the captivity at Tel-abib, who dwelt by the river Chebar, and to where they dwelt. And I sat there overwhelmed among them seven days.
Anis gara boojiʼamtoota Teel Abiib keessa Laga Kebaar bira jiraatan sanaan dhufe. Achittis waanan godhu wallaalee guyyaa torba isaan gidduu nan taaʼe.
16 And it came to pass at the end of seven days, that the word of Jehovah came to me, saying,
Dhuma guyyaa torbaffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
17 Son of man, I have made thee a watchman to the house of Israel. Therefore hear the word at my mouth, and give them warning from me.
“Yaa ilma namaa, ani mana Israaʼeliitiif eegduu si godheera; kanaafuu dubbii ani dubbadhu dhagaʼiitii akeekkachiisa na biraa baʼu isaaniif kenni.
18 When I say to a wicked man, Thou shall surely die, and thou give him no warning, nor speak to warn the wicked man from his wicked way, to save his life, the same wicked man shall die in his iniquity, but I will require his blood at thy hand.
Yeroo ani nama hamaa tokkoon, ‘Ati dhugumaan ni duuta’ jedhutti, yoo ati isa akeekkachiisuu yookaan akka inni karaa isaa hamaa irraa deebiʼee lubbuu isaa oolfatu itti himuu baatte, namichi hamaan sun sababii cubbuu isaatiin ni duʼa; dhiiga isaa garuu ani harka kee irraa nan barbaada.
19 Yet if thou warn the wicked man, and he does not turn from his wickedness, nor from his wicked way, he shall die in his iniquity, but thou have delivered thy soul.
Garuu yoo ati nama hamaa sana akeekkachiiftee inni immoo hammina isaa irraa yookaan karaa isaa isa hamaa sana irraa deebiʼuu baate, inni cubbuu isaatiin ni duʼa; ati garuu lubbuu kee ni oolfatta.
20 Again, when a righteous man turns from his righteousness, and commits iniquity, and I lay a stumbling block before him, he shall die. Because thou have not given him warning, he shall die in his sin, and his righteous deeds which he has done shall not be remembered, but I will require his blood at thy hand.
“Amma illee yoo namni qajeelaan tokko qajeelummaa isaa irraa jalʼatee hammina hojjete, ani fuula isaa dura gufuu nan kaaʼa; innis ni duʼa. Waan ati isa hin akeekkachiisiniif inni cubbuu isaatiin ni duʼa; wanni qajeelaan inni hojjete sunis isaaf hin herregamu; anis dhiiga isaatiif sin gaafadha.
21 Nevertheless if thou warn the righteous man, that the righteous man not sin, and he does not sin, he shall surely live, because he took warning, and thou have delivered thy soul.
Garuu yoo ati nama qajeelaa sana akka inni cubbuu hin hojjenneef isa akeekkachiiftee innis cubbuu hojjechuu baate, inni sababii akeekkachiisa sana fudhateef dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata; atis lubbuu kee ni oolfatta.”
22 And the hand of Jehovah was there upon me, and he said to me, Arise, go forth into the plain, and I will talk with thee there.
Achittis harki Waaqayyoo narra ture; innis, “Kaʼiitii gara dirreetti baʼi; anis achitti sitti nan dubbadhaa” naan jedhe.
23 Then I arose, and went forth into the plain. And, behold, the glory of Jehovah stood there, as the glory which I saw by the river Chebar, and I fell on my face.
Kanaafuu ani kaʼee gara dirreetti nan baʼe. Ulfinni Waaqayyoos achi dhaabatee ture; innis ulfina ani Laga Kebaar biratti argee ture sana fakkaata; anis adda kootiin lafatti nan gombifame.
24 Then the Spirit entered into me, and set me upon my feet. And he spoke with me, and said to me, Go, shut thyself within thy house.
Ergasii Hafuurri anatti seenee miilla kootiin na dhaabachiise. Innis akkana jedhee natti dubbate: “Mana keetti galiitii ofitti cufi.
25 But thou, son of man, behold, they shall lay bands upon thee, and shall bind thee with them, and thou shall not escape from them.
Yaa ilma namaa, isaan funyoodhaan si hidhu; ati akka uummata gidduu deemuu hin dandeenyeef ni hidhamta.
26 And I will make thy tongue cling to the roof of thy mouth, that thou shall be mute, and shall not be a reprover to them, for they are a rebellious house.
Isaan mana fincilaa taʼan iyyuu, ani akka ati hin dubbannee fi isaanitti dheekkamuu hin dandeenyeef arraba kee laagaa keetti nan maxxansa.
27 But when I speak with thee, I will open thy mouth, and thou shall say to them, Thus says the lord Jehovah. He who hears, let him hear, and he who forbears, let him forbear, for they are a rebellious house.
Ani yeroon sitti dubbadhutti garuu afaan kee siifan bana; atis, ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha’ isaaniin jetta. Namni dhagaʼuu barbaadu kam iyyuu haa dhagaʼu; namni dhagaʼuu hin barbaanne kam iyyuu dhagaʼuu haa dhiisu; isaan mana fincilaadhaatii.

< Ezekiel 3 >