< 2 Samuel 20 >
1 And there happened to be there a base fellow whose name was Sheba, the son of Bichri, a Benjamite. And he blew the trumpet, and said, We have no portion in David, neither have we inheritance in the son of Jesse. Every man to his tents, O Israel.
Yeroo kanatti namichi dabaan Shebaa jedhamu, ilmi Biikrii namicha gosa Beniyaam tokko achi ture. Innis malakata afuufee sagalee guddaan akkana jedhee iyye; “Nu Daawit irraa qooda hin qabnu; ilma Isseey irraa dhaala tokko illee hin qabnu! Yaa Israaʼel, tokkoon tokkoon namaa gara dunkaana isaatti!”
2 So all the men of Israel went up from following David, and followed Sheba the son of Bichri, but the men of Judah clung to their king, from the Jordan even to Jerusalem.
Kanaafuu namoonni Israaʼel hundinuu Shebaa ilma Biikrii sana duukaa buʼuuf jedhanii Daawit irraa garagalan. Namoonni Yihuudaa garuu Yordaanosii hamma Yerusaalemitti mootii isaanii wajjin deeman.
3 And David came to his house at Jerusalem. And the king took the ten women his concubines, whom he had left to keep the house, and put them in ward, and provided them with sustenance, but did not go in to them. So they were shut up to the day of their death, living in widowhood.
Daawitis yommuu masaraa isaa kan Yerusaalem keessaatti deebiʼetti, saajjatoowwan isaa kurnan akka isaan masaraa eeganiif dhiisee biraa deeme sana fuudhee mana tokkotti galchee akka isaan eegaman godhe. Inni waan isaan nyaatan kenneef malee isaan wajjin hin ciifne. Isaanis hamma gaafa duʼaniitti akka niitota dhirsoonni irraa duʼaniitti kophaa jiraatan.
4 Then the king said to Amasa, Call the men of Judah together to me within three days, and be thou here present.
Ergasiis mootichi Amaasaadhaan, “Namoota Yihuudaa guyyaa sadii keessatti walitti naa qabi; atis asitti argami” jedhe.
5 So Amasa went to call the men of Judah together, but he delayed longer than the set time which he had appointed him.
Amaasaan garuu yommuu namoota Yihuudaa waamuu deemetti yeroo mootichi isaaf kenne caalaa ture.
6 And David said to Abishai, Now will Sheba the son of Bichri do us more harm than did Absalom. Take thou thy lord's servants, and pursue after him, lest he get him fortified cities, and escape out of our sight.
Daawitis Abiishaayidhaan, “Shebaan ilmi Biikrii miidhaa Abesaaloom nu miidhe sana caalaa nu miidha. Ati namoota gooftaa keetii fudhadhuutii isa ariʼi; yoo kanaa achii inni magaalaa daʼannoo qabu argatee nu jalaa miliqa” jedhe.
7 And there went out after him Joab's men, and the Cherethites and the Pelethites, and all the mighty men. And they went out of Jerusalem, to pursue after Sheba the son of Bichri.
Kanaafuu namoonni Yooʼaabii fi Kereetonni, Pheletonnii fi namoonni waraanaa jajjaboon hundi ajaja Abiishaayi jalatti hiriiranii qajeelan. Isaanis Yerusaalemii kaʼanii Shebaa ilma Biikrii sana ariʼuuf qajeelan.
8 When they were at the great stone which is in Gibeon, Amasa came to meet them. And Joab was girded with his apparel of war that he had put on, and on it was a belt with a sword fastened upon his loins in the sheath of it. And as he went forth it fell out.
Utuma isaan Gibeʼoon keessa kattaa guddaa bira jiranuu Amaasaan isaan simachuuf dhufe. Yooʼaab uffata isaa kan waraanaa uffate; qalqalli goraadeen isaa keessa jirus sabbataan mudhii isaatti hidhamee ture. Akkuma inni gara fuula duraatti tarkaanfateenis goraadichi qalqala isaa keessaa lafa buʼe.
9 And Joab said to Amasa, Is it well with thee, my brother? And Joab took Amasa by the beard with his right hand to kiss him.
Yooʼaabis Amaasaan, “Yaa obboleessoo, akkam jirta?” jedhe. Kana irratti Yooʼaab isa dhungachuuf harka isaa mirgaatiin hareeda Amesaay qabate.
10 But Amasa took no heed to the sword that was in Joab's hand. So he smote him with it in the body, and shed out his bowels to the ground, and struck him not again, and he died. And Joab and Abishai his brother pursued after Sheba the son of Bichri.
Amesaay akka Yooʼaab goraadee harkaa qabu hin hubanne ture; kanaafuu Yooʼaab goraadee sana garaa isaatti dire; marʼumaan isaas lafatti jige. Amaasaanis utuu lammata hin waraanamin duʼe. Ergasii immoo Yooʼaabii fi obboleessi isaa Abiishaayi Shebaa ilma Biikrii sana ariʼan.
11 And there stood by him one of Joab's young men, and said, He who favors Joab, and he who is for David, let him follow Joab.
Namoota Yooʼaab keessaa inni tokko Amesaay bira dhaabatee, “Namni Yooʼaabin jaallatu, kan garee Daawit taʼe hundi Yooʼaabin duukaa haa buʼu!” jedhe.
12 And Amasa lay wallowing in his blood in the midst of the highway. And when the man saw that all the people stood still, he carried Amasa out of the highway into the field, and cast a garment over him, when he saw that everyone who came by him stood still.
Yeroo kanatti reeffi Amaasaa dhiigaan faalamee karaa irra ciisa ture; namichi tokkos akka loltoonni hundi achi dhadhaabatan arge. Innis yommuu akka warri gara Amesaay dhufan hundi dhadhaabatan argetti karaa irraa gara lafa qotiisaatti isa harkisee wayyaa irra buuse.
13 When he was removed out of the highway, all the people went on after Joab to pursue after Sheba the son of Bichri.
Erga reeffi Amesaay karaa irraa kaafamee booddee namoonni hundinuu Shebaa ilma Biikrii sana ariʼuuf Yooʼaab faana qajeelan.
14 And he went through all the tribes of Israel to Abel, and to Beth-maacah, and all the Berites. And they were gathered together, and also went after him.
Saabeʼeenis gosoota Israaʼel hunda keessa darbee gara Abeel Beet Maʼaakaatii fi gara biyya Beeriit hundaa dhaqe; namoonni Beeriitis walitti qabamanii isa duukaa buʼan.
15 And they came and besieged him in Abel of Beth-maacah, and they cast up a mound against the city, and it stood against the rampart. And all the people who were with Joab battered the wall, to throw it down.
Loltoonni Yooʼaab wajjin turan hundinuus dhufanii Abeel Beet Maʼaakaatti Saabeʼee marsan. Isaanis hamma karra magaalaa sanaatti naannessanii biyyoo tuulan; yommuu dallaa magaalaa sanaa jigsuuf tumaa turanittis,
16 Then a wise woman out of the city cried out, Hear, hear. Say, I pray you, to Joab, Come near here, that I may speak with thee.
dubartiin ogeettiin tokko magaalattiidhaa isaan waamtee, “Dhagaʼaa! Dhagaʼaa! Akka ani waa isatti himuu dandaʼuuf Yooʼaab as haa dhufu itti himaa” jette.
17 And he came near to her, and the woman said, Are thou Joab? And he answered, I am. Then she said to him, Hear the words of thy handmaid. And he answered, I do hear.
Inni gara ishee dhaqe; isheenis, “Ati Yooʼaabii?” jettee gaafatte. Innis, “Ani isuma” jedhee deebise. Isheen immoo, “Waan tajaajiltuun kee dubbattu dhagaʼi” jette. Innis, “Ani dhagaʼaan jira.”
18 Then she spoke, saying, They were accustomed to speak in old time, saying, They shall surely ask counsel at Abel, and so they ended the matter.
Isheenis itti fuftee akkana jette; “Bara durii namoonni, ‘Gara Abeel dhaqaa gorsa gaafadhaa’ jedhu ture; akkasiinis dubbiin ni dhuma ture.
19 I am of those who are peaceable and faithful in Israel. Thou seek to destroy a city and a mother in Israel. Why will thou swallow up the inheritance of Jehovah?
Ani warra Israaʼel keessa nagaa fi amanamummaan jiraatan keessaa tokkoo dha. Ati magaalaa Israaʼel keessatti haadha taate tokko balleessuuf yaadaa jirta. Ati maaliif dhaala Waaqayyoo liqimsuu barbaadda?”
20 And Joab answered and said, Far be it, far be it from me that I should swallow up or destroy.
Yooʼaab immoo akkana jedhee deebise; “Wanni kun narraa haa fagaatu! Magaalattii balleessuun yookaan liqimsuun narraa haa fagaatu!
21 The matter is not so, but a man of the hill-country of Ephraim, Sheba the son of Bichri by name, has lifted up his hand against the king, even against David. Deliver him only, and I will depart from the city. And the woman said to Joab, Behold, his head shall be thrown to thee over the wall.
Wanni kun akkana miti. Namichi Shebaa jedhamu ilmi Biikrii kan biyya gaaraa Efreem sun mootiitti, Daawititti harka isaa ol fudhateera. Namicha tokkicha kana dabarsaa kennaa; anis magaalaa kana gad dhiisee nan baʼa.” Dubartiin sunis Yooʼaabiin, “Mataan namicha sanaa dallaa irraan gad siif darbatama” jette.
22 Then the woman went to all the people in her wisdom. And they cut off the head of Sheba the son of Bichri, and threw it out to Joab. And he blew the trumpet, and they were dispersed from the city, every man to his tent. And Joab returned to Jerusalem to the king.
Ergasii dubartiin sun gorsa ishee kan ogummaan guutame sanaan namoota hunda bira dhaqxe; isaanis mataa Shebaa ilma Biikrii sanaa kutanii Yooʼaabiif gad darbatan. Kanaafuu inni malakata afuufe; namoonni isaa magaalattii dhiisanii tokkoon tokkoon namaa mana ofii isaatti gale. Yooʼaab immoo gara Yerusaalem mooticha biratti deebiʼe.
23 Now Joab was over all the army of Israel, and Benaiah the son of Jehoiada was over the Cherethites and over the Pelethites,
Yooʼaab loltoota Israaʼel hunda irratti, Benaayaa ilmi Yehooyaadaa immoo Kereetotaa fi Pheletota irratti ajajaa taʼe;
24 and Adoram was over the men subject to task work, and Jehoshaphat the son of Ahilud was the recorder,
Adooraam namoota hojii humnaa hojjetan irratti muudame; Yehooshaafaax ilmi Ahiiluud immoo galmeessaa taʼe;
25 and Sheva was scribe, and Zadok and Abiathar were priests,
Shewwaan barreessaa, Zaadoqii fi Abiyaataar immoo luboota turan;
26 and also Ira the Jairite was chief minister to David.
akkasumas Iiraas namichi gosa Yaaʼiri sun luba Daawit ture.