< 2 Samuel 2 >

1 And it came to pass after this, that David inquired of Jehovah, saying, Shall I go up into any of the cities of Judah? And Jehovah said to him, Go up. And David said, Where shall I go up? And he said, To Hebron.
Kana booddee Daawit, “Magaalaawwan Yihuudaa keessaa gara isa tokkootti ol baʼuu?” jedhee Waaqayyoon gaafate. Waaqayyos, “Baʼi” jedheen. Daawit immoo, “Gara isa kamiittin ol baʼa?” jedhee gaafate. Waaqayyos, “Gara Kebroonitti” jedhee deebiseef.
2 So David went up there, and his two wives also, Ahinoam the Jezreelitess, and Abigail the wife of Nabal the Carmelite.
Kanaafuu Daawit niitota isaa lamaan jechuunis Ahiinooʼam Yizriʼeelittii sanaa fi Abiigayiil kan Naabaal namichi Qarmeloos sun irraa duʼe wajjin ol baʼe.
3 And David brought up his men who were with him, every man with his household, and they dwelt in the cities of Hebron.
Daawit namoota isa wajjin turan tokkoo tokkoo isaanii maatii isaanii wajjin fudhate; isaanis magaalaawwan Kebroon keessa qubatan.
4 And the men of Judah came, and there they anointed David king over the house of Judah. And they told David, saying, The men of Jabesh-gilead were those who buried Saul.
Ergasiis namoonni Yihuudaa gara Kebroon dhufanii mana Yihuudaa irratti Daawitin mootii godhanii diban. Yeroo akka namoonni Yaabeesh Giliʼaad Saaʼolin awwaalan Daawititti himametti,
5 And David sent messengers to the men of Jabesh-gilead, and said to them, Blessed be ye of Jehovah, that ye have shown this kindness to your lord, even to Saul, and have buried him.
inni akkana jedhee gara namoota Yaabeesh Giliʼaaditti ergamoota erge; “Sababii isin isa awwaaluudhaan Saaʼol gooftaa keessaniif arjummaa akkasii gootaniif Waaqayyo isin haa eebbisu.
6 And now Jehovah show loving kindness and truth to you. And I also will reward you this kindness because ye have done this thing.
Ammas Waaqayyo jaalala isaa kan hin geeddaramnee fi amanamummaa isaa isiniif haa kennu; ani waan isin akkas gootaniif akkasuma waan gaarii isiniif nan godha.
7 Now therefore let your hands be strong, and be ye valiant, for Saul your lord is dead, and also the house of Judah have anointed me king over them.
Egaa amma jabaadhaa; cimaa; Saaʼol gooftaan keessan duʼeeraatii; namoonni Yihuudaa immoo mootii godhatanii of irratti na dibaniiru.”
8 Now Abner the son of Ner, captain of Saul's army, had taken Ish-bosheth the son of Saul, and brought him over to Mahanaim.
Yeroo sanatti Abneer ilmi Neer ajajaan waraanaa Saaʼol Iish-Booshet ilma Saaʼol fuudhee gara Mahanayiimitti dabarse.
9 And he made him king over Gilead, and over the Ashurites, and over Jezreel, and over Ephraim, and over Benjamin, and over all Israel.
Innis Giliʼaad, Ashuur, Yizriʼeel, Efreemii fi Beniyaam, akkasumas guutummaa Israaʼel irratti isa moosise.
10 Ish-bosheth, Saul's son, was forty years old when he began to reign over Israel, and he reigned two years. But the house of Judah followed David.
Iish-Booshet ilmi Saaʼol yeroo Israaʼel irratti mootii taʼetti umuriin isaa waggaa afurtama ture; innis waggaa lama moʼe. Taʼus manni Yihuudaa Daawit duukaa buʼe.
11 And the time that David was king in Hebron over the house of Judah was seven years and six months.
Daawitis Kebroonitti mana Yihuudaa irratti waggaa torbaa fi jiʼa jaʼa mootii taʼe.
12 And Abner the son of Ner, and the servants of Ish-bosheth the son of Saul, went out from Mahanaim to Gibeon.
Abneer ilmi Neer namoota Iish-Booshet ilma Saaʼol sana wajjin Mahanayiimii kaʼanii gara Gibeʼoon dhaqan.
13 And Joab the son of Zeruiah, and the servants of David, went out, and met them by the pool of Gibeon. And they sat down, the one on the one side of the pool, and the other on the other side of the pool.
Yooʼaab ilmi Zeruuyaa fi namoonni Daawit isaan simachuuf baʼanii haroo Gibeʼoon biratti itti dhufan. Gareen tokko gama tokkoon, gareen kaan immoo gama kaaniin haroo sana bira tataaʼan.
14 And Abner said to Joab, Let the young men, I pray thee, arise and play before us. And Joab said, Let them arise.
Abneeris Yooʼaabiin, “Mee dargaggoonni kaʼanii fuula keenya duratti wal haa tuman” jedhe. Yooʼaabis, “Haa taʼu; wal haa tuman” jedhe.
15 Then they arose and went over by number: twelve for Benjamin, and for Ish-bosheth the son of Saul, and twelve of the servants of David.
Kanaafuu Beniyaam irraa namoonni kudha lama Iish-Booshet ilma Saaʼoliif, namoonni kudha lama immoo kaʼanii Daawitiif lakkaaʼaman.
16 And each man caught his fellow by the head, and thrust his sword in his fellow's side, so they fell down together. Therefore that place was called Helkath-hazzurim, which is in Gibeon.
Tokkoon tokkoon namaas mormituu isaa mataa qabee cinaacha isaatti goraadee diree wal qabatanii kukkufan. Kanaafuu iddoon sun Gibeʼoon keessatti lafa goraadee jedhamee waamame.
17 And the battle was very severe that day. And Abner was beaten, and the men of Israel, before the servants of David.
Lolli gaafa sanaa akka malee jabaa ture; Abneerii fi namoonni Israaʼelis namoota Daawitiin moʼataman.
18 And the three sons of Zeruiah were there, Joab, and Abishai, and Asahel. And Asahel was as light of foot as a wild roe.
Ilmaan Zeruuyaa sadan jechuunis Yooʼaab, Abiishaayii fi Asaaheel achi turan. Asaaheel akkuma kuruphee bosonaa fiigichatti nama jabaa ture.
19 And Asahel pursued after Abner, and in going he turned not to the right hand nor to the left from following Abner.
Innis utuu mirgatti yookaan bitaatti hin gorin faana buʼee Abneerin ariʼe.
20 Then Abner looked behind him, and said, Is it thou, Asahel? And he answered, It is I.
Abneeris of irra garagalee, “Ati Asaaheelii?” jedhee gaafate. Innis, “Eeyyee anuma” jedhee deebise.
21 And Abner said to him, Turn thee aside to thy right hand or to thy left, and lay hold on one of the young men, and take his armor. But Asahel would not turn aside from following him.
Ergasiis Abneer, “Gara mirgaatti yookaan bitaatti garagaliitii dargaggeessa tokko qabii miʼa lolaa isaa irraa fudhadhu” jedheen. Asaaheel garuu isa ariʼuu hin dhiifne.
22 And Abner said again to Asahel, Turn thee aside from following me. Why should I smite thee to the ground? How then would I hold up my face to Joab thy brother?
Abneer ammas Asaaheelin, “Na hin ariʼin! Ani maaliifan si galaafadha? Ani akkamittin fuula koo ol fudhadhee obboleessa kee Yooʼaabin ilaala?” jedhe.
23 However he refused to turn aside. Therefore Abner with the hinder end of the spear smote him in the body, so that the spear came out behind him. And he fell down there, and died in the same place. And it came to pass, that as many as came to the place where Asahel fell down and died stood still.
Asaaheel garuu isa ariʼuu hin dhiifne; kanaafuu Abneer qara eeboo isaatiin garaa isaa waraane; eeboon sunis keessa fullaʼee dugda isaatiin baʼe. Asaaheelis achitti kufee yommuu suma duʼe. Namni hundis iddoo Asaaheel itti kufee duʼe sana gaʼee dhaabata ture.
24 But Joab and Abishai pursued after Abner. And the sun went down when they came to the hill of Ammah that lies before Giah by the way of the wilderness of Gibeon.
Yooʼaabii fi Abiishaayi garuu Abneerin ariʼan; isaanis yeroo aduun dhiʼetti gaara Amaa kan karaa gammoojjii Gibeʼoonitti geessu irra Giiyaatti garagalee argamu sana gaʼan.
25 And the sons of Benjamin gathered themselves together after Abner, and became one band, and stood on the top of a hill.
Namoonni Beniyaamis Abneer biratti walitti qabaman. Isaanis gareedhaan walgurmeessanii gaara Amaa gubbaatti hiriiran.
26 Then Abner called to Joab, and said, Shall the sword devour for ever? Know thou not that it will be bitterness in the latter end? How long shall it be then, before thou bid the people return from following their brothers?
Abneeris iyyee Yooʼaabin waamee, “Goraadeen kun bara baraan waa galaafachuu qabaa? Akka dhumni waan kanaa hadhaaʼaa taʼe ati wallaalteetii? Ati hamma yoomiitti akka namoonni kee obboloota isaanii ariʼuu dhiisan itti hin himtu?” jedhe.
27 And Joab said, As God lives unless thou had spoken, surely then in the morning the people would have gone up every man from following his brother.
Yooʼaab immoo deebisee, “Dhugaa Waaqa jiraataa, utuu ati waan kana jechuu baattee silaa namoonni hamma lafti bariʼutti obboloota isaanii ariʼuu irraa hin deebiʼan ture” jedhe.
28 So Joab blew the trumpet. And all the people stood still, and pursued after Israel no more, neither did they fight any more.
Kanaafuu Yooʼaab malakata afuufe; namoonni hundis Israaʼeloota ariʼuu dhiisan; lammatas waraanni isaan gidduutti hin kaane.
29 And Abner and his men went all that night through the Arabah, and they passed over the Jordan, and went through all Bithron, and came to Mahanaim.
Abneerii fi namoonni isaa halkan sana guutuu Arabbaa keessa yaaʼanii darban. Isaanis Laga Yordaanos ceʼanii guutummaa Biitroon keessa darbanii gara Mahanayiim dhufan.
30 And Joab returned from following Abner. And when he had gathered all the people together, there lacked of David's servants nineteen men and Asahel.
Ergasiis Yooʼaab Abneerin ariʼuu dhiisee namoota isaa hunda walitti qabe. Yeroo sanattis akka namoota Daawit keessaa Asaaheelin malee namoonni kudha sagal badan beekame.
31 But the servants of David had smitten of Benjamin, and of Abner's men, so that three hundred and sixty men died.
Namoonni Daawit garuu namoota Beniyaam keessaa warra Abneer wajjin turan dhibba sadii fi jaatama ajjeesan.
32 And they took up Asahel, and buried him in the sepulcher of his father, which was in Bethlehem. And Joab and his men went all night, and the day broke upon them at Hebron.
Isaanis reeffa Asaaheel fudhatanii Beetlihemitti iddoo awwaala abbaa isaatti awwaalan. Yooʼaabii fi namoonni isaa halkan guutuu deemaa bulanii barii obboroo Kebroon gaʼan.

< 2 Samuel 2 >