< Rapar Mar Chik 27 >

1 Musa kod jodong Israel duto ne ochiko oganda niya, “Rituru chikegi ma amiyou kawuono
Musee fi maanguddoonni Israaʼel akkana jedhanii saba ajajan; “Ajajawwan ani harʼa isiniif kennu kanneen hunda eegaa.
2 Ka usengʼado aora Jordan ma uchopo e piny ma Jehova Nyasaye ma Nyasachu miyou, keturu kite moko kendo uwirgi maber.
Erga biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennutti galuuf Yordaanos ceetanii booddee dhagoota gurguddaa dhaabiitii nooraa dibi.
3 Ndikuru kuomgi weche duto manie chike ka usengʼado ma uchopo e piny ma Jehova Nyasaye ma Nyasachu miyou ma en piny mopongʼ gi chak kod mor kich, mana kaka Jehova Nyasaye ma Nyasach kwereu nosingonu.
Yommuu akkuma Waaqayyo Waaqni abbootii keetii si abdachiisetti biyya aannanii fi dammi keessaa burqu kan Waaqayyo Waaqni kee siif kennutti galuuf ceetutti dubbiiwwan seera kanaa hunda dhagoota irratti barreessi.
4 Ka usengʼado aora Jordan, chunguru kitegi e Got Ebal mana kaka achikou kawuono ka uwirogi maber.
Ati erga Yordaanos ceetee booddee akkuma ani harʼa si ajajutti dhagoota kanneen Tulluu Eebaal irra dhaabii nooraa dibi.
5 Geruru kendo mar misango ne Jehova Nyasaye ma Nyasachu, ma en kendo mar misango molos gi kite. Kitego kik paa gi chuma.
Achittis Waaqayyo Waaqa keetiif iddoo aarsaa kan dhagaa irraa hojjetame dhaabi; miʼa sibiilaa tokko iyyuu hin fayyadamin.
6 Geruru kendo mar misango mar Jehova Nyasaye ma Nyasachu gi kite ma ok opa, kendo utim misango miwangʼo pep kanyo ne Jehova Nyasaye ma Nyasachu.
Iddoo aarsaa Waaqayyoo Waaqa keetii dhagaa hin soofaminiin hojjedhu; achi irrattis Waaqayyo Waaqa keetiif aarsaa gubamu dhiʼeessi.
7 Timuru misengini mag lalruok kanyo, ka uchiemo kendo ubedo gi mor e nyim Jehova Nyasaye ma Nyasachu.
Achittis aarsaa nagaa qalii nyaadhuutii fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti gammadi.
8 Kendo ndikuru weche duto mag chikni mochanore e kite ma usechungono.”
Dhagoota irratti dubbiiwwan seera kanaa hunda ibsii barreessi.”
9 Eka Musa kod jodolo ma gin jo-Lawi nowachone jo-Israel duto niya, “Lingʼuru, yaye Israel, bende chikuru itu! Koro usebedo jo-Jehova Nyasaye ma Nyasachu.
Musee fi Lewwonni luboota taʼan Israaʼeloota hundaan akkana jedhan; “Yaa Israaʼel, calʼisii dhagaʼi! Ati harʼa saba Waaqayyo Waaqa keetii taateerta.
10 Luor Jehova Nyasaye ma Nyasachi kendo mondo iluw chikene kod buchene ma amiyi kawuono.”
Waaqayyo Waaqa keetiif ajajamiitii ajajawwan isaatii fi qajeelchawwan ani harʼa siif kennu dhagaʼi.”
11 E odiechiengʼ onogono Musa nochiko oganda kowachonegi niya,
Museenis gaafasuma akkana jedhee saba ajaje:
12 Ka usengʼado aora Jordan, to dhoudigi nobi e Got Gerizim mondo gigwedh ji: Simeon, Lawi, Juda, Isakar, Josef kod Benjamin.
Yommuu isin Yordaanosin ceetanitti gosoonni Simiʼoon, Lewwii, Yihuudaa, Yisaakor, Yoosefii fi kan Beniyaam saba eebbisuuf gaara Gerziim irra haa dhaabatan.
13 Kendo dhoudigi nochungʼ e Got Ebal ka gihulo weche mag kwongʼ: Reuben, Gad, Asher, Zebulun, Dan kod Naftali.
Gosoonni Ruubeen, Gaad, Aasheer, Zebuuloon, Daanii fi Niftaalem immoo abaaruuf Tulluu Eebaal irra haa dhaabatan.
14 Jo-Lawi biro somone jo-Israel gi dwol maduongʼ niya,
Lewwonni sagalee isaanii ol fudhatanii akkana jedhanii saba Israaʼel hundatti haa labsan:
15 “Okwongʼ ngʼat moloso kido milamo, kata nyiseche mopa, ma en gima mono e nyim Jehova Nyasaye, tij lwedo mar japecho kendo mochungi kama opondo.” Eka ji duto nodwok niya, “Amin!”
“Namni fakkii soofu yookaan baqsee Waaqa tolfamaa jechuunis waan fuula Waaqayyoo duratti balfamaa taʼe hojjetu kan waan ogummaa harkaatiin hojjetame dhoksee ol dhaabu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
16 “Okwongʼ ngʼat ma ok oluoro wuon kata min.” Eka ji duto nodwok niya, “Amin!”
“Namni abbaa isaa yookaan haadha isaa qaanessu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
17 “Okwongʼ ngʼat masudo tongʼ mar jakiepe.” Eka ji duto nodwok niya, “Amin!”
“Namni dhagaa daarii ollaa isaa dhiibu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
18 “Okwongʼ ngʼat ma wito muofu e yo.” Eka ji duto nodwok niya, “Amin!”
“Namni nama jaamaa karaa irraa jalʼisu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
19 “Okwongʼ ngʼat maketho buch japiny moro, nyathi kich kod dhako ma chwore otho.” Eka ji duto nodwok niya, “Amin!”
“Namni murtii alagaa, ijoollee abbaa hin qabneetii fi niitota dhirsoonni isaanii irraa duʼanii jalʼisu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
20 “Okwongʼ ngʼat ma terore gi chi wuon, nimar odwanyo kitanda wuon.” Eka ji duto nodwok niya, “Amin!”
“Namni niitii abbaa isaa wajjin ciisu haa abaaramu; inni siree abbaa isaa xureesseeraatii.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
21 “Okwongʼ ngʼat ma oterore gi chiayo.” Eka ji duto nodwok niya, “Amin!”
“Namni horii kam iyyuu wajjin wal bira gaʼu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
22 “Okwongʼ ngʼat ma terore gi nyamin kata nyar wuon kata nyar min mare.” Eka ji duto nodwok niya, “Amin!”
“Namni obboleettii isaa intala abbaa isaa yookaan intala haadha isaa wajjin ciisu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
23 “Okwongʼ ngʼat ma oterore gi mar-mare.” Eka ji duto nodwok niya, “Amin!”
“Namni haadha niitii isaa wajjin ciisu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
24 “Okwongʼ ngʼat ma onego nyawadgi lingʼ-lingʼ.” Eka ji duto nodwok niya, “Amin!”
“Namni dhoksaadhaan ollaa isaa ajjeesu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
25 “Okwongʼ ngʼat ma okawo asoya mondo oneg ngʼat maonge ketho.” Eka ji duto nodwok niya, “Amin!”
“Namni nama qulqulluu ajjeesuuf jedhee mattaʼaa fudhatu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
26 “Okwongʼ ngʼat ma ok orito weche mag chikni kata luwogi ka ojiwogi.” Eka ji duto nodwok niya, “Amin!”
“Namni dubbiiwwan seera kanaa eeguudhaan jabaatee hin dhaabanne haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.

< Rapar Mar Chik 27 >