< 2 Samuel 10 >

1 Bangʼ kinde moko ruodh jo-Amon notho, mi Hanun wuode nobedo ruoth kare.
Ergasiis mootiin Amoonotaa ni duʼe; ilmi isaa Haanuunis iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
2 Daudi noparo niya, “Abiro timo maber ni Hanun wuod Nahash, mana kaka wuon-gi bende notimona tim ngʼwono.” Omiyo Daudi nooro joote mondo odhi ogone mos makende kuom tho mar wuon-gi. Kane joote Daudi ochopo e piny jo-Amon,
Daawitis, “Akkuma abbaan isaa naa arjoome sana anis Haanuun ilma Naahaashiif nan arjooma” jedhee yaade. Kanaafuu Daawit gadda waaʼee abbaa isaatiif itti dhagaʼame isaa ibsuuf Haanuunitti ergamoota ni erge. Yommuu namoonni Daawit gara biyya Amoonotaa dhaqanitti,
3 jotelo mag jo-Amon nowachone Hanun ma ruodhgi niya, “Iparo ni Daudi miyo wuonu duongʼ ka ooro ji iri mondo ogoni mos? Donge Daudi oorogi mana mondo gibi ginon dala maduongʼ mondo oyud kaka dokawe?”
qondaaltonni Amoonotaa Haanuun gooftaa isaaniitiin, “Ati sababii Daawit akka isaan dhaamsa gaddaa sitti himaniif namoota sitti ergeef inni waan abbaa keetiif ulfina kenne seetaa? Daawit akka isaan magaalattii qoratanii, basaasanii fi qabataniif gara kee isaan erge mitii?” jedhan.
4 Omiyo Hanun nomako joote Daudi molielo bath yie tik moro ka moro nyakonchiel; nongʼado lepgi e diere tir chakre e nungogi nyaka piny, moriembogi gidhi.
Kanaafuu Haanuun namoota Daawit sana qaqqabee tokkoo tokkoo isaanii irraa hareeda gama tokkoo haadee wayyaa isaanii illee teessuma irratti cicciree of irraa isaan erge.
5 Kane onyis Daudi wachni, nooro joote mondo odhi orom ni jogo, nikech nokuod wigi marach. Ruoth nowachonegi niya, “Beduru Jeriko nyaka yie tiku ti, eka uduogi.”
Daawit yommuu wanni kun isatti himametti sababii isaan akka malee qaanaʼaniif namoota sanatti ergamoota erge. Mootichis, “Isin hamma areedni keessan isinii guddatutti Yerikoo turaatii ergasii deebiʼaa kottaa” jedheen.
6 Kane jo-Amon oneno ka gisechido chuny Daudi, negichulo jo-Aram mondo omigi jolweny mawuotho gi tiendgi ji alufu piero ariyo moa Beth Rehob gi Zoba, to gi ruodh Maaka bende nomiyogi jolweny alufu achiel to gi jolweny alufu apar gariyo moa Tob.
Amoononni yommuu akka Daawit isaan xireeffate hubatanitti, Beet Rehoobii fi Suubaadhaa loltoota lafoo kan Sooriyaa kuma digdama, mootii Maʼakaa namoota kuma tokko wajjin akkasumas Xoob irraa namoota kuma kudha lama qaxaratan.
7 Ka Daudi nowinjo mano nooro Joab gi jolweny duto ma jokedo.
Daawit yommuu waan kana dhagaʼetti Yooʼaabii fi guutummaa loltootaa ni erge.
8 Jo-Amon nobiro mi giriedo ne lweny e dhoranga dalagi maduongʼ, ka jo-Aram moa Zoba gi Rehob gi jo-Tob gi Maaka ne nikendgi e pap oko.
Amoononni immoo baʼanii karra magaalaa sanaa irratti waraanaaf hiriiran; namoonni Sooriyaa warri Suubaa fi Rehoob, akkasumas namoonni Xoobiitii fi Maʼakaa immoo kophaa isaanii dirree irra turan.
9 Joab noneno ni wasigu ni yo ka nyime gi yo katoke; omiyo noyiero jolweny mabeyo moloyo ei Israel, moketogi mondo giked gi jo-Aram.
Yooʼaabis akka fuula isaa duraa fi dugda isaa duubaan waraanni jiru ni arge; kanaafuu loltoota Israaʼel keessaa namoota bebeekamoo filatee adda loltoonni Sooriyaa jiranitti bobbaase.
10 To joma odongʼ duto noketo e bwo Abishai mowadgi mondo oked gi jo-Amon.
Namoota hafan immoo ajaja obboleessa isaa Abiishaayi jalatti hiriirsee Amoonotatti isaan duulchise.
11 Joab nowacho niya, “Ka jo-Aram tek moloya, to ubi ukonya, to ka jo-Amon tek moloyou, to anabi mondo akonyi.
Yooʼaabis akkana jedhe; “Yoo warri Sooriyaa natti jabaatan ati dhuftee na gargaarta; yoo Amoononni sitti jabaatan immoo ani dhufee sin gargaara.
12 Beduru motegno mondo waked gi chir ni jowa kendo ni mier madongo mag Nyasachwa. Jehova Nyasaye biro timo gima oneno ni ber e nyim wangʼe.”
Jabaadhu; saba keenyaa fi magaalaawwan Waaqa keenyaatiif garaa kutannaadhaan haa lollu. Waaqayyos waan fuula isaa duratti gaarii taʼe ni godha.”
13 Eka Joab gi jolweny mane ni kode nodhi mondo oked gi jo-Aram, kendo negiringo e nyimgi.
Ergasii Yooʼaabii fi loltoonni isa wajjin turan warra Sooriyaa waraanuuf fuul duratti ni qajeelan; jarris fuula isaa duraa baqatan.
14 Kane jo-Amon oneno ka jo-Aram ringo tony, gin bende negiringo ka gitony e nyim Abishai mi gidonjo e dala maduongʼ. Omiyo Joab noweyo kedo gi jo-Amon modok Jerusalem.
Amoononni yommuu akka namoonni Sooriyaa baqatan arganitti isaanis Abiishaayi duraa baqatanii magaalaa seenan. Akkasiin Yooʼaab Amoonota waraanuu dhiisee Yerusaalemitti deebiʼe.
15 Bangʼ kane jo-Aram oneno ni jo-Israel oseloyogi, negichokore kendo.
Namoonni Sooriyaa yommuu akka Israaʼeloonni isaan moʼatan arganitti lammata walitti qabaman.
16 Hadadezer nooro wach mondo okel jo-Aram man loka Aora Yufrate kendo gidhi Helam ka Shobak ma en jatend jolweny mag Hadadezer, otelonegi.
Hadaadezeris ergamoota ergee namoota Sooriyaa kanneen Laga Efraaxiisiitiin gamaa fichisiise; isaanis hoogganummaa ajajaa waraana Hadaadezer kan Shoobak jedhamuun gara Heelaam deeman.
17 Kane owach ni Daudi wachno, nochoko jo-Israel duto, mongʼado aora Jordan modhi Helam. Jo-Aram nochanore ni lweny mondo girad gi Daudi kendo negikedo kode.
Daawitis yommuu wanni kun isatti himametti, Israaʼeloota hunda walitti qabatee Yordaanos ceʼee Heelaam dhaqe. Warri Sooriyaas waraanaaf Daawititti hiriiranii isa lolan.
18 To jo-Israel noloyogi mi giringo, kendo Daudi nonego joidh gechegi mag farese mia abiriyo kod jolweny mag-gi mawuotho gi tielo alufu piero angʼwen. Nochwowo Shobak jatend jolweny, motho kanyo.
Isaan garuu Israaʼeloota duraa baqatan; Daawitis namoota gaarii waraanaa oofan dhibba torbaa fi loltoota lafoo kuma afurtama fixe. Ajajaa loltoota isaanii Shoobak illee madeesse; innis achumatti duʼe.
19 Kane ruodhi duto mane ni e bwo loch Hadadezer oneno ni jo-Israel oseloyogi, negiloso kwe e kindgi gi jo-Israel mi gibedo e bwo lochgi. Omiyo jo-Aram nobedo maluor mar konyo jo-Amon kendo.
Mootonni Hadaadezerin tajaajilaa turan hundi yommuu akka Israaʼelootaan moʼataman arganitti, Israaʼeloota wajjin nagaa uumanii isa jalatti bulan. Kanaafuu namoonni Sooriyaa ergasii Amoonota gargaaruu sodaatan.

< 2 Samuel 10 >