< 2 Weche Mag Ndalo 22 >

1 Jo-Jerusalem noketo Ahazia wuod Jehoram ma chogo nobedo ruoth kare nikech joma nomonjogi kaachiel gi jo-Arabu manobiro e lwenyno nosenego yawuot Jehoram madongo duto. Omiyo Ahazia wuod Jehoram ruodh Juda nochako rito loch.
Sababii Saamtonni Araboota wajjin qubata loltootaa seenan sun ilmaan isaa hangafoota hunda fixaniif namoonni Yerusaalem Ahaaziyaa ilma Yehooraam sana iddoo isaa buusanii mootii godhan. Kanaafuu Ahaaziyaa ilmi Yehooraam mooticha Yihuudaa sun mootii taʼee bulchuu ni jalqabe.
2 Ahazia ne ja-higni piero ariyo gariyo kane obedo ruoth kendo norito piny kuom higa achiel kodak Jerusalem. Min mare ne nyinge Athalia ma nyakwar Omri.
Ahaaziyaa yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa tokko ni bulche. Maqaan haadha isaa Ataaliyaa dha; isheenis intala ilma Omrii turte.
3 En bende noluwo timbe mag od Ahab nimar min mare nojiwe mondo otim timbe maricho.
Innis sababii haati isaa akka inni dogoggora hojjetu isa jajjabeessaa turteef karaa mana Ahaab duukaa buʼe.
4 Notimo timbe mamono e nyim Jehova Nyasaye mana kaka jood Ahab nosetimo nikech bangʼ tho wuon mare gin ema ne gingʼadone rieko marach mane okethe.
Sababii manni Ahaab erga abbaan isaa duʼee booddee gorsitoota isaa taʼuudhaan gara yakka hojjechuutti isa oofaniif, innis akkuma manni Ahaab godhe sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete.
5 Bende noluwo puonjgi kane oriwore gi Joram wuod Ahab ruodh Israel mondo giked kod Hazael ruodh Aram e piny Ramoth Gilead. Jo-Aram nohinyo Joram;
Inni yeroo Yehooraam ilma Ahaab mooticha Israaʼel wajjin Raamooti Giliʼaaditti Hazaaʼeel mooticha Arraam loluudhaaf duuletti gorsuma isaanii duukaa buʼe. Warri Arraamis Yooraamin ni madeessan;
6 omiyo nodok Jezreel mondo ochangi kuom hinyruok manoyudo Ramoth ka nokedo gi Hazael ruodh Aram. Eka Ahazia wuod Jehoram ruodh Juda nodhi Jezreel mondo one Joram wuod Ahab nikech nohinye.
kanaafuu inni madaa isaan yeroo inni Raamaat keessatti Hazaaʼeel mooticha Arraam wajjin wal loletti isa madeessan sana fayyuuf jedhee Yizriʼeelitti deebiʼe. Kana irratti Ahaaziyaan ilmi Yooraam mootichi Yihuudaa sababii inni madaaʼee tureef Yehooraam ilma Ahaab arguuf gara Yizriʼeelitti gad buʼe.
7 To Nyasaye nosechano mondo otiek Ahazia kodhi limo Joram. Kane Ahazia ochopo negidhi gi Joram mondo girom gi Jehu wuod Nimshi mane Jehova Nyasaye osewiro mondo otiek dhood Ahab.
Sababii inni Yehooraamin gaafachuu dhaqeef Waaqni Ahaaziyaatti badiisa fide. Ahaaziyaan yommuu achi gaʼetti Yehuu ilma Nimshii sana simachuuf Yooraam wajjin gad baʼe. Yehuun immoo nama Waaqayyo akka inni mana Ahaab balleessuuf dibee dha.
8 Kane Jehu ngʼado bura ni dhood Ahab, nonwangʼo yawuot ruoth moa e dhood ruodhi mag Juda kaachiel gi yawuot wede Ahazia mane osebedo katiyone kendo nonegogi.
Yehuun utuu mana Ahaabitti muraa jiruu qondaaltota Yihuudaa fi ilmaan firoota Ahaaziyaa kanneen Ahaaziyaa tajaajilaa turan argee isaan ni galaafate.
9 Bangʼe nodhi mondo omany Ahazia kendo joge nonwangʼe kopondo Samaria. Nokele ne Jehu mine onege. Ne giike kagiwacho niya, “Ne en wuod Jehoshafat manoluwo Jehova Nyasaye gi chunye duto.” Omiyo ne onge ngʼato moro amora motegno e od Ahazia mane nyalo rito piny.
Ergasii immoo inni Ahaaziyaa barbaacha ni deeme; namoonni Yehuus Samaariyaadhaa iddoo inni itti dhokatee turee qabanii Yehuutti fidanii isa ni ajjeesan. Isaanis, “Inni ilma Yehooshaafaax namicha garaa guutuudhaan Waaqayyoon barbaade sanaa ti” jedhanii isa ni awwaalan. Kanaafuu mana Ahaaziyaa keessaa namni aangoo mootummaa qabachuu dandaʼu tokko illee hin turre.
10 Kane Athalia min Ahazia noneno ni wuode osetho, nodhi mondo otiek anywola mar joka ruoth mar Juda duto.
Ataaliyaan haati Ahaaziyaa yommuu akka ilmi ishee duʼe argitetti kaatee maatii mana mootii Yihuudaa guutumaan guutuutti balleessite.
11 To Jehosheba nyar ruoth Jehoram nokawo Joash wuod Ahazia kendo nokwale lingʼ-lingʼ kuom nyithi ruoth mane idwaro nego mopande e od nindo kaachiel gi japite. Nikech Jehosheba nyar ruoth Jehoram mane chi Jehoyada jadolo ne nyamin Ahazia, nopando nyathino ne Athalia mondo kik onege.
Yehooshebaati intalli Yehooraam Mootichaa garuu ilmaan moototaa kanneen ajjeefamuuf turan keessaa Yooʼaash ilma Ahaaziyaa hattee fudhachuudhaan guddiftuu isaa wajjin dinqatti ni dhoksite. Yoshabeti intalli Iyyooraam Mootichaa, niitiin Yehooyaadaa lubichaa sun obboleettii Ahaaziyaa turte; isheenis akka Ataaliyaan isa hin ajjeefneef mucaa sana dhoksite.
12 Nodongʼ kopande ei hekalu mar Nyasaye kuom higni auchiel e kinde loch Athalia.
Innis bara Ataaliyaan biyya bulchaa turte hunda isaan wajjin mana qulqullummaa Waaqaa keessatti dhokfamee waggaa jaʼa jiraate.

< 2 Weche Mag Ndalo 22 >