< 1 Samuel 30 >

1 Daudi kod joge nochopo Ziklag chiengʼ mar adek. Koro jo-Amalek noyudo osemonjo Negev gi Ziklag. Negipeyo Ziklag mi giwangʼe,
Daawitii fi namoonni isaa guyyaa sadaffaatti Xiiqlaag gaʼan. Yeroo sanattis Amaaleqoonni Negeebii fi Siiqlaagin weeraranii turan. Isaanis Xiiqlaagin dhaʼanii ibiddaan guban;
2 kendo gimako mon kod ji duto mane ni kanyo, jomatindo kod jomadongo ma giteroe twech. To ne ok ginego ngʼato kuomgi, to ne gikawogi ma gidhi kodgi.
dubartootaa fi warra achi keessa turan hunda, dargaggeeyyii fi jaarsolii boojiʼan. Hunda isaanii fudhatanii deeman malee nama tokko illee hin ajjeefne.
3 Kane Daudi gi joge ochopo Ziklag, negiyudo ka osewangʼe gi mach kendo mondgi, yawuotgi gi nyigi nosemaki oter e twech.
Yommuu Daawitii fi namoonni isaa Siiqlaag dhufanitti magaalattiin ibiddaan gubamtee niitonni isaanii, ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii hundinuu boojiʼamanii turan.
4 Daudi gi joge noywak matek ma tekregi norumo makoro ok ginyal ywak.
Kana irratti Daawitii fi namoonni isa wajjin turan hamma booʼuu dadhabanitti iyyanii booʼan.
5 Mond Daudi ariyo bende ne osemaki ma gin Ahinoam nyar Jezreel gi Abigael ma dhako ma chwore otho mane jaod Nabal ja-Karmel.
Niitonni Daawit lamaanuu jechuunis Ahiinooʼam Yizriʼeelittiinii fi Abiigayiil niitiin Naabaal namichi Qarmeloos sun irraa duʼe qabamanii turan.
6 Daudi ne chunye ool nikech jogo ne wacho ni mondo ochiele gi kite; ka moro ka moro ne winjo lit nikech yawuote gi nyige. Daudi to noyudo teko moa kuom Jehova Nyasaye ma Nyasache.
Daawit waan namoonni dhagaadhaan isa tumuuf mariʼachaa turaniif akka malee yaaddaʼe; tokkoon tokkoon namaa sababii ilmaanii fi intallan isaatiif garaan isaa gubatee ture. Daawit garuu Waaqayyo Waaqa isaatiin jabina argate.
7 Eka Daudi nowachone Abiathar jadolo, ma wuod Ahimelek niya, “Kelna law mayom mar dolo miluongo ni efod.” Abiathar nokelone,
Daawitis Abiyaataar lubicha ilma Ahiimelekiin, “Dirata sana naa fidi” jedhe. Abiyaataaris ni fideef;
8 mi Daudi nopenjo Jehova Nyasaye wach ni, “Bende dalaw joma osepeyowagi. Bende dajukgi?” Nodwoke niya, “Lawgi. Chutho inijukgi mi inires jogi duto.”
Daawitis, “Ani garee weerartootaa kana duukaa buʼuu? Ani isaan qaqqabuu nan dandaʼaa?” jedhee Waaqayyoon gaafate. Innis deebisee, “Isaan duukaa buʼaa; ni qaqqabdaatii; boojuu illee dhugumaan irraa buufatta” jedheen.
9 Daudi gi joge mia auchiel nochopo e Holo mar Besor, joge moko nodongʼ kanyo,
Daawitii fi namoonni isa wajjin turan dhibbi jaʼan gara Laga Besoor dhufan; gartokkeen isaaniis achitti hafan.
10 nimar ji mia ariyo nool ahinya mane ok ginyal ngʼado holono. To Daudi gi ji mia angʼwen nodhi nyime gi lepo.
Namoonni dhibba lama waan akka malee dadhabaniif laga Besoor ceʼuu hin dandeenye. Daawitii fi namoonni dhibba afur garuu ittuma fufanii duukaa buʼan.
11 Negiyudo ja-Misri moro e pap mi gikele ir Daudi. Negimiye pi mondo omodhi gi chiemo mondo ocham
Isaanis namicha Gibxi tokko dirree irratti arganii Daawititti fidanii bishaan inni dhuguu fi waan inni nyaatu kennaniif.
12 nus mar kek molos gi olemb ngʼowu to gi kek molos gi resin. Nochiemo ma chunye noduogo nikech noyudo pok ochiemo kata modho pi kuom odiechienge adek gi otieno bende.
Akkasumas bixxillee harbuu cabaa tokkoo fi bixxillee ija wayinii lama kennaniif. Innis nyaatee lubbuun itti deebite; inni guyyaa sadii fi halkan sadii homaa hin nyaanne, bishaanis hin dhugne tureetii.
13 Daudi nopenje niya, “In ngʼat ngʼa? To in jakanye?” Nowacho niya, “An ja-Misri ma misumba ja-Amalek. Ruodha nojwangʼa moweya, ka tuo nogoya ndalo adek mokadho.
Daawitis, “Ati kan eenyuu ti? Eessaa dhufte?” jedhee isa gaafate. Namichis akkana jedhe; “Ani nama biyya Gibxi; garbicha Amaaleqicha tokkoo ti. Gooftaan koo guyyaa sadiin dura ani fayyaa dhabnaan na gatee deeme.
14 Ne wapeyo Negev mar jo-Kereth kod gwengʼ Juda to gi Negev ma piny Kaleb mine wawangʼo Ziklag.”
Nus Negeeb kan Kereetotaa, kutaa Yihuudaatii fi Negeeb Kaaleb weerarree Siiqlaagin ibiddaan gubne.”
15 Daudi nopenje niya, “Bende inyalo tera ir jopechogi?” Nodwoke niya, “Kwongʼrina e nyim Nyasaye ni ok ninega kata dwoka e lwet ruodha, to abiro teri irgi.”
Daawitis, “Iddoo gareen weerartuu kanaa jirutti na geessuu ni dandeessaa?” jedheen. Innis deebisee, “Akka na hin ajjeefne yookaan akka dabarsitee gooftaa kootti na hin kennine fuula Waaqaa duratti naa kakadhu; anis iddoo isaan jiranitti sin geessaa” jedhe.
16 Notelo ni Daudi ka gilor mwalo, kendo ne giyudogi ka gike e pap, ka gichiemo kendo metho ka gin gimor maduongʼ nikech gik mane gipeyo e piny jo-Filistia gi piny Juda ne thoth ahinya.
Yommuu namichi sun iddoo isaan jiranitti Daawitin geessetti, Amaaleqoonni sababii boojuu guddaa biyya Filisxeemii fi Yihuudaatii fudhatan sanaatiif baadiyyaa keessa faffacaʼanii nyaachaa, dhugaa, sirbaas turan.
17 Daudi nokedo kodgi chakre yuso piny nyaka kinyne godhiambo. Kendo ne onge ngʼat mane otony modhi makmana yawuowi mia angʼwen mane oidho ngamia kende ema noringo otony.
Daawitis galgala sanaa jalqabee hamma galgala guyyaa itti aanuutti isaan waraane; dargaggeeyyii dhibba afur kanneen gaalawwan yaabbatanii baqatan malee isaan keessaa namni tokko iyyuu hin miliqne.
18 Daudi noreso gik moko duto mane jo-Amalek osepeyo kaachiel gi monde ariyo.
Daawit waan Amaaleqoonni boojiʼan hunda harkaa buufate; niitota isaa lamaanis ni deebifate.
19 Onge gimoro amora mane olal bed ni en ngʼama tin kata ngʼama duongʼ, wuowi kata nyako, gik mane ope kata gik mane gikawo, Daudi nodwoko gik moko duto.
Wanni tokko iyyuu hin hirʼanne; jechuunis dargaggeessi yookaan jaarsi, dhiirri yookaan durbi, wanni saamame yookaan wanni isaan fudhatan tokko iyyuu hin hirʼanne. Daawit waan hunda harkaa buufatee fide.
20 Nokawo kweth mag jamni kod mag dhok mi joge nosembogi e nyim kweth mag jamni mamoko kowacho niya, “Magi gin gik ma Daudi opeyo.”
Innis bushaayee fi loon isaanii hunda fudhate; namoonni isaas, “Kun boojuu Daawit” jechaa fuula horii kaanii dura isaan oofan.
21 Eka Daudi noduogo e Holo mar Besor kama ji mia ariyo mane ool mane ok nyal dhi kode nodongʼie. Negibiro mondo girom ni Daudi gi ji mane ni kode. Ka Daudi gi joge nosudo machiegni nomosogi.
Daawit gara namoota dhibba lamaan akka malee dadhabanii isa duukaa buʼuu hin dandaʼin kanneen Laga Besoor biratti duubatti hafan sanaa dhufe. Isaanis Daawitii fi namoota isaa simachuu gad buʼan. Daawitis yeroo namoota sanatti dhiʼaatetti nagaa isaan gaafate.
22 To joricho duto gi joma acheje mane ni ei joma luwo Daudi nowacho niya, “Nikech ne ok gidhi kodwa, ok wabi pogo kodgi gik mope ma wadwoko. To kata kamano ngʼato ka ngʼato okaw chiege gi nyithinde mondo odhigo.”
Garuu namoonni hamoonii fi warri rakkina uuman kanneen duukaa buutota Daawit wajjin turan hundi, “Waan isaan nu wajjin hin duuliniif nu boojuu deebifanne kana isaan wajjin hin qooddannu. Taʼus tokkoon tokkoon isaanii niitii fi ijoollee isaanii fudhatanii haa deeman” jedhan.
23 Daudi nodwoko niya, “Ooyo owetena, ok onego utim kamano gi gik ma Jehova Nyasaye osemiyowa. Oseritowa mi ochiwonwa joma nomonjowa.
Daawit immoo akkana jedhee deebise; “Lakkisaa, yaa obboloota ko, isin waan Waaqayyo nuuf kenne irratti waan akkanaa gochuu hin qabdan. Inni nu eegee waraana nutti dhufe illee dabarsee harka keenyatti kenneera.
24 Ngʼama biro winjo wachu? Pok mar joma nodongʼ karito gigewa biro bedo marom gi pok ngʼat mane odhi e lweny. Ji duto biro yudo maromre.”
Eenyutu waan isin jettan kana dhagaʼa? Qoodni namicha miʼa eeguu, qooda namicha duula dhaqeetiin tokkuma. Isaan hundi haaluma tokkoon qooddatu.”
25 Daudi noketo ma obedo chik e Israel chakre chiengʼno nyaka chil kawuono.
Daawitis gaafasii jalqabee hamma harʼaatti waan kana seeraa fi sirna godhee saba Israaʼeliif dhaabe.
26 Ka Daudi nochopo Ziklag nooro joote gi gik mope ne jodong Juda mosiepene, kowacho niya, “Ero aoronu mich kuom gik mope mag jowasik Jehova Nyasaye.”
Daawit yommuu Siiqlaag gaʼetti, “Kun kennaa boojuu diinota Waaqayyoo keessaa isinii kennamee dha” jedhee maanguddoota Yihuudaa kanneen michoota isaa turaniif boojuu sana irraa erge.
27 Noorgi ni joma ne ni Bethel, Ramoth Negev gi Jatir,
Boojuu sanas warra Beetʼeelitti argamaniif, warra Raamoot Negeebii fi Yatiir turaniif,
28 gi joma ni Aroer, Sifmoth gi Eshtemoa,
warra Aroʼeer, warra Siifmoot, Eshtimoʼaa,
29 gi Rakal; gi jogo mane ni e mier matindo mag jo-Jeramel gi jo-Keni,
warra Raakaal akkasumas warra magaalaa Yeramiʼeelotaatii fi magaalaa Qeenotaa keessa jiraataniif,
30 to gi joma ni Horma, Bor Ashan gi Athak
warra Hormaa, warra Boor Aashaan, warra Ataak,
31 kod Hebron; to mago man e kuonde duto ma Daudi gi joge nosebedo kadhiye.
warra Kebroon akkasumas iddoowwan Daawitii fi namoonni isaa keessa nanaannaʼan hunda jiraataniif erge.

< 1 Samuel 30 >