< 1 Samuel 28 >
1 E ndalogo jo-Filistia nochoko jolwenjgi mondo oked gi Israel. Akish nowacho ni Daudi niya, “Nyaka ingʼe ni in gi jogi udhi koda e lweny.”
Bara sana keessa Filisxeemonni Israaʼeloota loluuf humna isaanii walitti qabatan. Aakiishis Daawitiin, “Akka atii fi namoonni kee na wajjin duuluu qabdan beeki” jedhe.
2 Daudi nowachone niya, “To koro inine gi wangʼi gima jatiji nyalo timo.” Akish nodwoke niya, “Mano ber, abiro keti jaritna e ndalo duto mar ngimana.”
Daawitis, “Waan garbichi kee hojjechuu dandaʼu ati iyyuu yeroo sana ni argita” jedhe. Aakiish deebisee, “Baayʼee gaarii dha; ani bara jireenya koo guutuu waardiyyaa koo sin godhadha” jedhe.
3 Samuel nosetho kendo Israel duto noywage mine giike e dalane man Rama. Saulo noseriembo ajuoke, gi jo-nyakalondo oa e piny.
Bara sana Saamuʼeel duʼee Israaʼeloonni hundi booʼaniifii magaalaa isaa Raamaatti isa awwaalan. Saaʼolis ilaaltotaa fi eker dubbiftoota biyyaa baasee ture.
4 Jo-Filistia nochokore mobiro mojot e Shunem, ka Saulo bende nochoko jo-Israel duto modhi ojot Gilboa.
Filisxeemonni wal gaʼanii Suunamin qubatan; Saaʼol immoo Israaʼeloota hunda walitti qabee Gilboʼaa keessa qubate.
5 Ka Saulo noneno jolwenj jo-Filistia luoro gi kihondko nomake.
Saaʼol yeroo qubata Filisxeemotaa argetti ni naʼe; garaan isaas sodaan raafame.
6 Nopenjo Jehova Nyasaye wach, to Jehova Nyasaye ne ok odwoke e yor lek kata gi Urim kata gi dho jonabi.
Innis Waaqayyoon gaafate; Waaqayyo garuu abjuudhaan yookaan Uriimiidhaan yookaan raajotaan deebii hin kennineef.
7 Eka Saulo nowachone joma tiyone niya, “Dwarnauru dhako ma ja-nyakalondo, mondo adhi apenje wach.” Negidwoke niya, “Nitie moro Endor.”
Kana irratti Saaʼol tajaajiltoota isaatiin, “Akka ani dhaqee ishee gaafadhuuf dubartii eker dubbiftuu naaf barbaadaa” jedhe. Isaanis, “Kunoo dubartiin ekeraa dubbiftu tokko Eendoor jirti” jedhan.
8 Mi Saulo notemo loko nenruokne korwako lewni mopogore opogore, eka en gi ji ariyo moko negidhi ir dhako ma ja-nyakalondo gotieno. Nowacho niya, “Penjna wach kuom chuny ngʼat motho kendo ikelna ngʼatno mabiro nyisi nyinge.”
Kanaafuu Saaʼol wayyaa biraa uffatee bifa geeddarachuudhaan tajaajiltoota isaa lama wajjin halkaniin gara dubartii ekeraa dubbiftuu sanaa dhaqe. Innis, “Ekeraa naaf dubbisiitii nama ani maqaa isaa sitti himu ol naaf baasi” jedhe.
9 Eka dhakono nowachone niya, “Chutho ingʼeyo gima Saulo nosetimo. Osetieko jo-nyakalondo gi ajuoke e piny. Angʼo momiyo ichiko obadho ne ngimana, mondo okelna tho?”
Dubartiin sun garuu, “Ati waan Saaʼol hojjete dhugumaan beekta. Inni ilaaltotaa fi eker dubbiftoota lafa irraa fixeera. Egaa maaliif lubbuu koo kiyyoo duʼaa keessa galchita ree?” jetteen.
10 Saulo nokwongʼore gi nying Jehova Nyasaye niya, “Akwongʼora gi nying Jehova Nyasaye mangima ni ok nokumi kuom timo ma.”
Saaʼolis maqaa Waaqayyootiin isheef kakatee, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, ati waan kanaaf hin adabamtu” jedhe.
11 Eka dhakoni nopenje niya, “En ngʼa ma idwaro mondo agolni?” Nowachne niya, “Golna Samuel.”
Dubartittiin sunis, “Ani eenyun ol siif baasu ree?” jettee gaafatte. Innis, “Saamuʼeelin ol naaf baasi” jedhe.
12 Kane dhakono oneno Samuel noywak gi dwol maduongʼ mowachone Saulo niya, “Angʼo momiyo isewuonda? In Saulo!”
Dubartiin sunis yommuu Saamuʼeelin argitetti guddiftee iyyite. Saaʼoliin, “Maaliif na gowwoomsite? Ati Saaʼolii dha!” jette.
13 Ruoth nowachone niya, “Kik ibed maluor. Angʼo ma ineno?” To dhakono nowachone niya, “Aneno chuny ngʼama nosetho kawuok e lowo.”
Mootichis, “Hin sodaatin. Ati maal argaa jirta?” isheen jedhe. Dubartiin sunis, “Ani hafuura lafa keessaa ol baʼaa jiru tokko nan arga” jette.
14 To nopenje niya, “Ochalo nadi?” Nowachone niya, “Jaduongʼ moti morwako law abola ema wuok.” Eka Saulo nongʼeyo ni en Samuel, mi nokulore nyaka e lowo monindo piny e lowo auma.
Saaʼolis, “Inni maal fakkaata?” jedhee gaafate. Isheenis, “Jaarsi wayyaa dheeraa uffate tokko ol baʼaa jira” jette. Saaʼolis akka namni sun Saamuʼeel taʼe beeke; gad jedhees addaan lafatti gombifamee sagade.
15 Samuel nowachone Saulo niya, “Angʼo momiyo ichanda kimiyo awuok oko?” Saulo nodwoke niya, “An gi midhiero maduongʼ. Jo-Filistia osemonja kendo kedo koda, Nyasaye bende oseweya. Tinde ok odwoka, gi dwond jonabi kata e yor lek. Mano emomiyo aluongi ni mondo iwachna gima onego atim?”
Saamuʼeelis Saaʼoliin, “Ati maaliif ol na baasuudhaan na jeeqxa?” jedhe. Saaʼolis akkana jedheen, “Ani baayʼee dhiphadheera; Filisxeemonni na lolaa jiru; Waaqnis narraa garagaleera. Inni raajotaan yookaan abjuudhaan deebii naa hin kennu. Kanaafuu akka ati waan ani gochuu qabu natti himtuufan si waammadhe.”
16 Samuel nowacho niya, “Angʼo momiyo ipenja wach ka Jehova Nyasaye oseweyi mobedo jasiki?
Saamuʼeelis akkana jedhe; “Ati erga Waaqayyo sirraa garagalee diina sitti taʼee maaliif na waamta?
17 Jehova Nyasaye osetimo mana gima nakoroni. Jehova Nyasaye osegolo loch e lweti mi omiye achiel kuom jobathi ma en Daudi.
Waaqayyo waanuma duraan dursee karaa kootiin dubbate sana fiixaan baase. Waaqayyo mootummaa harka kee keessaa butee ollaa kee keessaa nama tokkoof jechuunis Daawitiif kenneera.
18 Nikech nidagi winjo Jehova Nyasaye kendo timo kaka nochiki mondo itim ne jo-Amalek mane en-go gi mirima maduongʼ, mano emomiyo Jehova Nyasaye osetimoni gini kawuono.
Sababii ati Waaqayyoof hin ajajaminiif yookaan dheekkamsa isaa sodaachisaa sana Amaaleqoota irratti hin raawwatiniif Waaqayyo harʼa waan kana sitti fideera.
19 Jehova Nyasaye dhi chiwo jo-Israel kaachiel kodi ni jo-Filistia, kendo kiny in kod yawuoti unubed koda. Jehova Nyasaye biro chiwo jolweny mag Israel ni jo-Filistia.”
Israaʼelii fi siʼi illee Waaqayyo dabarsee harka Filisxeemotaatti ni kenna; atii fi ilmaan kee bori gara koo dhuftu. Waaqayyos loltoota Israaʼel dabarsee Filisxeemotatti ni kenna.”
20 To gisano Saulo nogore moriere piny ka luoro omake nikech weche Samuel. Tekre norumo nikech ne pok ochiemo odiechiengʼ ngima gi otieno.
Saaʼol waan dubbii Saamuʼeeliin akka malee sodaateef yeruma sana hojjaa isaa guutuudhaan kufe. Inni waan halkanii fi guyyaa sana guutuu homaa hin nyaatiniif humna dhabee ture.
21 Kane dhakono obiro ir Saulo moneno kaka nobwok malich, nowacho niya, “Ne, jatichni madhako osetimo gima ne ichike. Ne akawo ngimana ka nono kane atimo gima ne iwacho ni atim.
Dubartittiinis yommuu gara Saaʼol dhuftee akka inni akka malee sodaate argitetti akkana jette; “Kunoo tajaajiltuun kee siif ajajamteerti. Ani lubbuu kootti murteessee waan ati jette godheera.
22 Koro yie iwinj jatichni mondo iyiena amiyi chiemo moro minyalo chamo mondo iyud teko mar dok.”
Ammas maaloo tajaajiltuu kee dhagaʼi; ani nyaata xinnoo siifan kenna; atis nyaattee jabaattee karaa kee qajeelta.”
23 Nodagi mowacho niya, “Ok nachiem.” To joge noriwore gi dhakono kamedo kwaye, mi nowinjogi. Noa malo e lowo mobet e kom.
Inni immoo, “Hin nyaadhu” jedhee dide. Taʼus namoonni isaa dubartittii wajjin isa jajjabeessinaan inni isaan dhagaʼe. Lafaa kaʼees siree irra taaʼe.
24 Dhakono ne nigi nyarwath machwe e ode, mine oyangʼe mapiyo piyo. Nokawo mogo, modwalo motedogo makati ma ok oketie thowi.
Dubartiin sunis dibicha gabbifame tokko manaa qabdi turte; isheenis yeroodhuma sana qalte. Daakuu xinnoo fuutee sukkuumtee buddeena raacitii hin qabne tolchite.
25 Eka noketo chiemo e nyim Saulo gi joge mine gichiemo. Bangʼe ne giwuok gotienono mi gidhi.
Isheenis Saaʼolii fi namoota isaatiif dhiʼeessite; isaanis ni nyaatan. Halkanuma sanas achii kaʼanii deeman.