< Aabenbaringen 17 >
1 Og en af de syv Engle, som havde de syv Skåle, kom og talte med mig og sagde: Kom! jeg vil vise dig Dommen over den store Skøge, som sidder over mange Vande,
Ergamoota torban waciitiiwwan torba qaban keessaa inni tokko gara koo dhufee akkana naan jedhe; “Kottu! Adaba sagaagaltittii guddittii ishee bishaanota baayʼee irra teessu sana irratti raawwatamuuf jiru sittin argisiisaa.
2 med hvem Jordens Konger have bolet, og de, som bo på Jorden, ere blevne drukne af hendes Utugts Vin.
Mootonni lafaa ishee wajjin sagaagalaniiru; warri lafa irra jiraatanis daadhii wayinii sagaagala isheetiin machaaʼaniiru.”
3 Og han førte mig i Ånden ud i en Ørken; og jeg så en Kvinde siddende på et skarlagenfarvet Dyr, som var fuldt af Bespottelsens Navne; det havde syv Hoveder og ti Hor1m.
Ergamaan Waaqaa sunis Hafuura Qulqulluudhaan na fuudhee gammoojjiitti na geesse. Achittis dubartii bineensa bildiimaa maqaa arrabsootiin guutame tokko irra teessu nan arge; bineensichis mataa torbaa fi gaanfa kudhan qaba ture.
4 Og Kvinden var klædt i Purpur og Skarlagen og strålede af Guld og Ædelsten og Perler; hun havde et Guldbæger i sin Hånd, fuldt af Vederstyggeligheder og hendes Utugts Urenheder.
Dubartittiinis uffata dhiilgee fi bildiimaa uffattee warqeen, dhagaa gatii guddaatii fi lulaan miidhagfamtee turte. Harka isheettis xoofoo warqee kan waan jibbisiisaa fi xuraaʼummaa sagaagala isheetiin guutame qabattee turte.
5 Og på hendes Pande var skrevet et Navn, en Hemmelighed: Babylon den store, Moderen til Jordens Skøger og Vederstyggeligheder.
Adda ishee irrattis maqaan icciitii kan akkana jedhu tokko barreeffamee ture: Baabilon Guddittii, Haadha Sagaagaltootaa fi, Haadha waan Jibbisiisaa Lafaa.
6 Og jeg så Kvinden, drukken af de helliges Blod og af Jesu Vidners Blod; og jeg undrede mig i stor Forundring, da jeg så hende.
Akka dubartittiin dhiiga qulqullootaatii fi dhiiga warra Yesuusiif dhugaa baʼaniitiin machoofte nan arge. Anis yommuu ishee argetti baayʼeen dinqifadhe.
7 Og Engelen sagde til mig: Hvorfor undrede du dig? Jeg vil sige dig Hemmeligheden med Kvinden og med Dyret, som bærer hende, og som har de syv Hoveder og de ti Horn.
Ergamichis akkana naan jedhe; “Ati maaliif dinqifatta? Icciitii dubartittii fi icciitii bineensicha ishee baatu kan mataa torbaa fi gaanfa kudhan qabu sanaa sitti nan hima.
8 Dyret, som du så, har været og er ikke, og det skal stige op af Afgrunden og gå bort til Fortabelse; og de, som bo på Jorden, skulle undre sig, de, hvis Navne ikke ere skrevne i Livets Bog fra Verdens Grundlæggelse, når de se, at Dyret var og er ikke og skal komme. (Abyssos )
Bineensi ati argite sun dur ture; amma garuu hin jiru; booddee garuu Boolla Qilee keessaa ol baʼee gara badiisa isaa ni dhaqa. Warri lafa irra jiraatan kanneen maqaan isaanii uumama addunyaatii jalqabee kitaaba jireenyaa keessatti hin galmeeffamin yommuu bineensicha arganitti ni dinqisiifatu; sababiin isaas bineensichi dur ture; amma garuu hin jiru; booddee garuu ni dhufa. (Abyssos )
9 Her gælder det den Forstand, som har Visdom. De syv Hoveder ere syv Bjerge, på hvilke Kvinden sidder,
“Kunis sammuu ogummaa qabu gaafata. Mataawwan torban sunis tulluuwwan torban dubartittiin irra teessuu dha.
10 og de ere syv Konger. De fem ere faldne, den ene er der, den anden er endnu ikke kommen, og når han kommer, skal han blive en liden Tid.
Akkasumas mataawwan torban sun mootota torba. Isaan keessaas shan kufaniiru; inni tokko jira; inni kaan immoo amma illee hin dhufne; yommuu dhufutti garuu yeroo gabaabaaf turuu qaba.
11 Og Dyret, som var og er ikke, er både selv en ottende og er en af de syv og farer bort til Fortabelse.
Bineensichi duraan turee amma immoo hin jirre sun mootii saddeettaffaa dha. Inni mootota torban keessaa tokkoo dha; gara badiisa isaas ni dhaqa.
12 Og de ti Horn, som du så, ere ti Konger, som endnu ikke have fået Rige, men få Magt som Konger een Time sammen med Dyret.
“Gaanfawwan kurnan ati argite sun mootota kurnan warra amma illee mootummaa hin argatinii dha; taʼus isaan bineensicha wajjin saʼaatii tokko akka moototaatti moʼuuf taayitaa ni fudhatu.
13 Disse have eet Sind, og deres Kraft og Magt give de til Dyret.
Isaanis yaaduma tokko qabu; humna isaaniitii fi taayitaa isaaniis dabarsanii bineensichaaf ni kennu.
14 Disse skulle føre Krig med Lammet, og Lammet skal sejre over dem - fordi det er Herrers Herre og Kongers Konge - og de: som ere med det, de kaldede og udvalgte og trofaste.
Isaanis Hoolichatti lola ni kaasu; Hoolichi garuu waan Gooftaa gooftotaatii fi Mootii moototaa taʼeef isaan moʼata; warri isa wajjin jiranis warra isaaf waamaman, warra isaaf filatamanii fi warra isaaf amanamanii dha.”
15 Og han sagde til mig: De Vande, som du så, der hvor Skøgen sidder, ere Folk og Skarer og Folkeslag og Tungemål.
Ergamaan sunis akkana naan jedhe; “Bishaanonni ati argite kanneen sagaagaltittiin irra teessu sun saboota, namoota, sanyiiwwanii fi afaanota.
16 Og de ti Horn, som du så, og Dyret, disse ville hade Skøgen og gøre hende øde og nøgen og æde hendes Kød og opbrænde hende med Ild.
Bineensichii fi gaanfawwan kurnan ati argite sun sagaagaltittii ni jibbu. Isaanis ishee onsanii qullaa ishee hambisu; foon ishee ni nyaatu; ibiddaanis ishee gubu.
17 Thi Gud har indgivet dem i deres Hjerte at gøre efter hans Sind og at handle af eet Sind og at give Dyret deres Kongemagt, indtil Guds Ord blive fuldbyrdede.
Isaanis hamma dubbiin Waaqaa fiixaan baʼutti walii galuudhaan taayitaa isaanii dabarsanii bineensichaaf kennuudhaan akka kaayyoo Waaqaa raawwataniif Waaqni yaada kana garaa isaanii keessa kaaʼeeraatii.
18 Og Kvinden, som du så, er den store Stad, som har Herredømme over Jordens Konger.
Dubartittiin ati argite sun magaalattii guddoo mootota lafaa bulchituu dha.”