< Matthæus 20 >

1 Thi Himmeriges Rige ligner en Husbond, som gik ud tidligt om Morgenen for at leje Arbejdere til sin Vingård.
“Mootummaan samiis abbaa lafaa kan iddoo dhaabaa wayinii isaatti hojjettoota qacarachuuf jedhee barii obboroo manaa baʼe tokko fakkaata.
2 Og da han var bleven enig med Arbejderne om en Denar om Dagen, sendte han dem til sin Vingård.
Innis guyyaatti diinaariitokko tokko isaanii kaffaluuf hojjettoota sanaan walii galee gara iddoo dhaabaa wayinii isaatti isaan erge.
3 Og han gik ud ved den tredje Time og så andre stå ledige på Torvet,
“Namichi sunis gara saʼaatii sadiitti gad baʼee namoota hojii malee iddoo gabaa dhadhaabatan kanneen biraa arge.
4 og han sagde til dem: Går også I hen i Vingården, og jeg vil give eder, hvad som ret er. Og de gik derhen.
‘Isinis dhaqaatii iddoo dhaabaa wayinii kootii keessa hojjedhaa; anis waan isiniif malu isiniifin kaffalaa’ jedheen.
5 Han gik atter ud ved den sjette og niende Time og gjorde ligeså.
Isaanis ni dhaqan. “Ammas gara saʼaatii jaʼaa fi gara saʼaatii sagaliitti gad baʼee akkasuma godhe.
6 Og ved den ellevte Time gik han ud og fandt andre stående der, og han siger til dem: Hvorfor stå I her ledige hele Dagen?
Naannoo saʼaatii kudha tokkoottis gad baʼee namoota hojii malee dhadhaabatan biraa argee, ‘Isin maaliif guyyaa guutuu hojii malee as dhadhaabattu?’ jedhee isaan gaafate.
7 De sige til ham: Fordi ingen lejede os. Han siger til dem: Går også I hen i Vingården!
“Isaanis, ‘Sababii namni tokko illee nu hin qacaratiniif’ jedhanii deebisan. “Inni immoo, ‘Isinis dhaqaatii iddoo dhaabaa wayinii kootii keessa hojjedhaa’ jedheen.
8 Men da det var blevet Aften, siger Vingårdens Herre til sin Foged: Kald på Arbejderne, og betal dem deres Løn, idet du begynder med de sidste og ender med de første!
“Yommuu galgalaaʼetti abbaan iddoo dhaabaa wayinii sanaa hoogganaa hojii isaatiin, ‘Hojjettoota waami; warra gara dhumaatti qacaramanii jalqabii hamma warra dura qacaramaniitti mindaa isaanii kaffaliif’ jedheen.
9 Og de, som vare lejede ved den ellevte Time, kom og fik hver en Denar.
“Warri gara saʼaatii kudha tokkootti qacaraman sunis dhufanii tokkoon tokkoon isaanii diinaarii tokko tokko fudhatan.
10 Men da de første kom, mente de, at de skulde få mere; og også de fik hver en Denar.
Warri jalqabatti qacaraman yommuu dhufanitti waan warra kaan caalaa argatan seʼan. Garuu tokkoon tokkoon isaanii diinaarii tokko tokko fudhatan.
11 Men da de fik den, knurrede de imod Husbonden og sagde:
Isaan yommuu diinaarii sana fudhatanitti abbaa lafaa sanatti guunguman.
12 Disse sidste have kun arbejdet een Time, og du har gjort dem lige med os, som have båret Dagens Byrde og Hede.
Isaanis, ‘Warri gara dhumaatti qacaraman kunneen saʼaatii tokko qofa hojjetan; ati garuu nu warra dadhabbii hojichaatii fi hoʼa guyyaa obsine isaaniin wal qixxeessite’ jedhaniin.
13 Men han svarede og sagde til en af dem: Ven! jeg gør dig ikke Uret; er du ikke bleven enig med mig om en Denar?
“Inni garuu hojjettoota sana keessaa isa tokkoon, ‘Yaa michuu ko, ani waan tokkoon illee si hin miine. Ati diinaarii tokkoon naan walii hin gallee?
14 Tag dit og gå! Men jeg vil give denne sidste ligesom dig.
Qooda kee fudhadhuu deemi; ani namicha isa gara dhumaa kanaafis hammuma siif kenne sana kennuufii nan barbaada.
15 Eller har jeg ikke Lov at gøre med mit, hvad jeg vil? Eller er dit Øje ondt, fordi jeg er god?
Ani qarshii kootiin waan barbaade gochuuf mirga hin qabuu? Yookaan sababii ani arjaa taʼeef hinaaftaa?’ jedhe.
16 Således skulle de sidste blive de første, og de første de sidste; thi mange ere kaldede, men få ere udvalgte."
“Akkasuma warri dhumaa warra jalqabaa ni taʼu; warri jalqabaa immoo warra dhumaa ni taʼu.”
17 Og da Jesus drog op til Jerusalem, tog han de tolv Disciple til Side og sagde til dem på Vejen:
Yesuus utuu Yerusaalemitti ol baʼaa jiruu barattoota kudha lamaan kophaatti baasee akkana jedheen:
18 "Se, vi drage op til Jerusalem, og Menneskesønnen skal overgives til Ypperstepræsterne og de skriftkloge; og de skulle dømme ham til Døden
“Kunoo nu Yerusaalemitti ol baʼaa jirra; Ilmi Namaas dabarfamee luboota hangafootattii fi barsiistota seeraatti ni kennama. Isaanis duʼa itti muru;
19 og overgive ham til Hedningerne til at spottes og hudstryges og korsfæstes; og på den tredje Dag skal han opstå."
akka isaan itti qoosaniif, isa garafanii fi isa fannisaniifis dabarsanii Namoota Ormaatti isa kennu. Innis guyyaa sadaffaatti duʼaa ni kaafama!”
20 Da gik Zebedæus's Sønners Moder til ham med sine Sønner og faldt ned for ham og vilde bede ham om noget.
Ergasiis haati ilmaan Zabdewoos ilmaan ishee wajjin gara Yesuus dhuftee jilbeenfattee waa isa kadhatte.
21 Men han sagde til hende: "Hvad vil du?" Hun siger til ham: "Sig, at disse mine to Sønner skulle i dit Rige sidde den ene ved din højre, den anden ved din venstre Side."
Yesuusis, “Ati maal barbaadda?” jedheen. Isheenis, “Akka ilmaan koo kunneen lamaan mootummaa kee keessatti inni tokko mirga keetiin, inni kaan immoo bitaa keetiin taaʼu naa godhi” jetteen.
22 Men Jesus svarede og sagde: "I vide ikke, hvad I bede om. Kunne I drikke den Kalk, som jeg skal drikke?" De sige til ham: "Det kunne vi."
Yesuus immoo, “Isin waan kadhattan hin beektan; xoofoo ani dhuguuf jiru dhuguu ni dandeessuu?” jedheen. Isaanis, “Ni dandeenya” jedhanii deebisan.
23 Han siger til dem: "Min Kalk skulle I vel drikke; men det at sidde ved min højre og ved min venstre Side tilkommer det ikke mig at give; men det gives til dem, hvem det er beredt af min Fader."
Yesuusis, “Dhugumaan xoofoo koo irraa illee ni dhugdu; garuu mirga kootii fi bitaa kootiin taaʼuu kan kennu ana miti. Iddoon kun kan warra Abbaan koo isaaniif qopheesse sanaa ti” jedheen.
24 Og da de ti hørte dette, bleve de vrede på de to Brødre.
Warri kurnan yommuu waan kana dhagaʼanitti obboloota lamaanitti aaran.
25 Men Jesus kaldte dem til sig og sagde: "I vide, at Folkenes Fyrster herske over dem, og de store bruge Myndighed over dem.
Yesuusis walitti isaan waamee akkana jedhe; “Isin akka bulchitoonni Namoota Ormaa isaan irratti gooftummaa mulʼisan, gurguddoonni isaaniis akka isaan irratti taayitaa argisiisan ni beektu.
26 Således skal det ikke være iblandt eder; men den, som vil blive stor iblandt eder, han skal være eders Tjener;
Isin biratti akkas miti. Qooda kanaa namni isin keessaa nama guddaa taʼuu barbaadu kam iyyuu tajaajilaa keessan taʼuu qaba;
27 og den, som vil være den ypperste iblandt eder, han skal være eders Træl.
namni nama jalqabaa taʼuu barbaadu kam iyyuu garbicha keessan taʼuu qaba;
28 Ligesom Menneskesønnen ikke er kommen for at lade sig tjene, men for at tjene og give sit Liv til en Genløsning for mange."
Ilmi Namaa iyyuu tajaajiluu fi lubbuu isaa immoo namoota baayʼeedhaaf furii godhee kennuuf dhufe malee tajaajilamuuf hin dhufneetii.”
29 Og da de gik ud af Jeriko, fulgte en stor Folkeskare ham.
Utuu Yesuusii fi barattoonni isaa Yerikoodhaa baʼaa jiranuu, tuunni namootaa guddaan isa duukaa buʼe.
30 Og se, to blinde sade ved Vejen, og da de hørte, at Jesus gik forbi, råbte de og sagde: "Herre, forbarm dig over os, du Davids Søn!"
Kunoo, jaamonni lama qarqara karaa tataaʼaa turan; isaanis yommuu akka Yesuus achiin darbaa jiru dhagaʼanitti iyyanii, “Gooftaa, yaa Ilma Daawit nu maari!” jedhan.
31 Men Skaren truede dem, at de skulde tie; men de råbte endnu stærkere og sagde: "Herre, forbarm dig over os, du Davids Søn!"
Tuunni sunis akka isaan calʼisaniif isaan ifate; isaan garuu, “Yaa Gooftaa, yaa Ilma Daawit nu maari!” jedhanii ittuma caalchisanii iyyan.
32 Og Jesus stod stille og kaldte på dem og sagde: "Hvad ville I, at jeg skal gøre for eder?"
Yesuusis dhaabatee isaan waamee, “Akka ani maal isinii godhu barbaaddu?” jedhee isaan gaafate.
33 De sige til ham: "Herre! at vore Øjne måtte oplades."
Isaan immoo, “Yaa Gooftaa, akka iji keenya nuuf banamu barbaanna” jedhanii deebisan.
34 Og Jesus ynkedes inderligt og rørte ved deres Øjne. Og straks bleve de seende, og de fulgte ham.
Yesuusis garaa laafeefii ija isaanii qaqqabe. Isaanis yeruma sana arganii isa duukaa buʼan.

< Matthæus 20 >