< Josua 18 >
1 Hele Israeliternes Menighed kom sammen i Silo, og de rejste Åbenbaringsteltet der, da de nu havde underlagt sig Landet.
Guutummaan waldaa Israaʼel Shiilootti walitti qabamee dunkaana wal gaʼii achitti dhaabate. Biyyattiin harka isaanii jala galte;
2 Men der var endnu syv Stammer tilbage af Israeliterne, som ikke havde fået deres Arvelod tildelt.
taʼus amma illee gosoonni Israaʼel torba dhaala isaanii hin fudhanne ture.
3 Josua sagde derfor til Israeliterne: "Hvor længe vil I endnu nøle med at drage hen og tage det Land i Besiddelse, som HERREN, eders Fædres Gud, har givet eder?
Kanaafuu Iyyaasuun Israaʼelootaan akkana jedhe; “Isin utuu biyya Waaqayyo Waaqni abbootii keessanii isinii kenne kana hin fudhatin hamma yoomiitti turtu?
4 Udse eder tre Mænd af hver Stamme, som jeg kan udsende; de skal gøre sig rede og drage Landet rundt og affatte en Beskrivelse derover til Brug ved Fastsættelsen af deres Arvelod og så komme tilbage til mig.
Tokkoo tokkoo gosaa keessaa nama sadii sadii kennadhaa. Anis akka isaan biyya sana ilaalanii akkuma dhaala gosa hundaatti waaʼee ishee barreessaniif isaan nan erga. Isaanis ergasii gara kootti deebiʼu.
5 De skal dele det i syv Dele; Juda skal beholde sit Område mod Syd og Josefs Slægt sit mod Nord.
Isin biyya sana iddoo torbatti qoodu qabdu. Yihuudaan biyya karaa Kibbaa keessatti hafee manni Yoosef immoo biyya karaa kaabaatti hafuu qaba.
6 Og I skal så affatte en Beskrivelse over Landet, delt i syv Dele, og bringe mig den; så vil jeg kaste Lod for eder her for HERREN vor Guds Åsyn.
Isin erga waaʼee biyya iddoo torbatti qoodamte sanaa barreessitanii booddee gabaasa natti fidaa; anis fuula Waaqayyo Waaqa keenyaa duratti ixaa isinii buusa.
7 Thi Leviterne får ingen Del iblandt eder, da HERRENs Præstedømme er deres Arvelod; og Gad, Ruben og Manasses halve Stamme har på Jordans Østside fået deres Arvelod, som HERRENs Tjener Moses gav dem!"
Gosti Lewwii garuu gidduu keessanitti qooda lafaa hin argatu; sababiin isaas tajaajilli lubummaa kan isaan Waaqayyoof kennan sun dhaala isaanii ti. Gosti Gaad, kan Ruubeenii fi walakkaan gosa Minaasee duraanuu karaa baʼa Yordaanosiin qooda isaanii argatanii jiru. Museen garbichi Waaqayyoo sun isaaniif kennee ture.”
8 Da begav Mændene sig på Vej; og Josua bød de bortdragende affatte en Beskrivelse over Landet, idet han sagde: "Drag Landet rundt, affat en Beskrivelse over det og kom så tilbage til mig; så vil jeg kaste Lod for eder her for HERRENs Åsyn i Silo!"
Kanaafuu jarri karaa isaanii qabatanii qajeelan; Iyyaasuunis warra haala biyyattii barreessuu dhaqaniin akkana jedhe; “Dhaqaatii biyya sana sakattaʼaatii waaʼee ishee galmeessaa. Ergasii immoo gara koo kottaa; anis asuma Shiilootti fuula Waaqayyoo duratti ixaa isiniif nan buusa.”
9 Så begav, Mændene sig på Vej og drog igennem Landet og affattede en Beskrivelse derover, By for By, i syv Dele; og derpå kom de tilbage til Josua i Lejren ved Silo.
Kanaafuu namoonni sun kaʼanii biyya sana keessa dedeemanii waaʼee haala ishees magaalaa magaalaadhaan iddoo torbatti qoodanii kitaaba maramaa irratti barreessanii qubata Shiilootti gara Iyyaasuutti deebiʼan.
10 Men Josua kastede Lod for dem i Silo for HERRENs Åsyn og udskiftede der Landet til Israeliterne, Afdeling, for Afdeling.
Iyyaasuun ergasii Shiiloo keessatti fuula Waaqayyoo duratti ixaa buuseef; akkuma qooda gosa isaaniittis Israaʼelootaaf biyyattii hire.
11 Da faldt Loddet for Benjaminiternes Stamme efter deres Slægter; og det Område, der blev deres Lod, kom til at ligge mellem Judas og Josefs Sønner.
Ixaan jalqabaa akkuma balbala balbala isaaniitti gosa Beniyaamiif baʼe. Biyyi isaan ixaadhaan argatanis gosa Yihuudaatii fi gosa Yoosef gidduutti argama.
12 Deres Nordgrænse begynder ved Jordan, og Grænsen strækker sig op til Bjergryggen norden for Jeriko og mod Vest op i Bjerglandet, så den ender i Bet-Avens Ørken;
Karaa kaabaatiin daariin isaanii Yordaanosii kaʼee kaaba tabba Yerikoo irra darbuudhaan karaa lixaatiin biyya gaaraatti gad buʼee gammoojjii Beet Aawweniitiin baʼa.
13 derfra går Grænsen videre til Luz, til Bjergryggen sønden for Luz, det er Betel, og strækker sig ned til Atarot-Addar over Bjerget sønden for Nedre-Bet-Horon.
Achii kaʼee kibba tabba Luuzitti jechuunis Beetʼeelitti darbee gara Axaaroti Adaar kan gaara kibba Beet Horoon isa gadii sanaatti gad buʼa.
14 Derpå bøjer Grænsen om og løber som Vestgrænse sydpå fra Bjerget lige sønden for Bet-Horon og ender ved Kirjat-Ba'al, det er den judæiske By Kirjat-Jearim; det er Vestgrænsen.
Daariin sunis karaa kibbaatiin gaara Beet Horoonitti garagalee jiru sanaa kaʼee karaa lixaatiin gara kibbaatti goree magaalaa ilmaan Yihuudaa kan Kiriyaati Baʼaal jechuunis Kiriyaati Yeʼaariim gaʼa. Kunis daangaa lixaa ti.
15 Sydgrænsen begynder ved Udkanten af Kirjat-Ba'al, og Grænsen går til Neftoas Vandkilde;
Daangaan kibbaa karaa lixaatiin qarqara Kiriyaati Yeʼaariimiitii jalqaba; daangaan isaa immoo gara bishaan Neftooʼaatti gad buʼa.
16 derpå strækker den sig ned til Randen af Bjerget lige over for Hinnoms Søns dal norden for Refaimdalen og videre til Hinnoms Dal sønden om Jebusiternes Bjergryg og til Rogelkilden;
Daangaan sunis karaa kaaba Sulula Refaayimiitiin gara gaara Sulula Ben Hinoomitti garagalutti gad buʼa. Innis tabba kibba magaalaa Yebuusotaa biraan gara Sulula Hinoomitti itti fufee gara Een Roogeelitti gad buʼa.
17 så drejer den nordpå og fortsætter til Sjemesjkilden og videre til Gelilot lige over for Adummimpasset, derpå ned til Rubens Søn Bohans Sten
Ergasii gara kaabaatti goree Een Shemesh dhaqa; achii kaʼees gara Geliiloot kan Malkaa Adumiimitti gara galtee jirtu sanaa itti fufee hamma Dhagaa Boohan ilma Ruubeen sanaatti gad buʼa.
18 og går så videre til Bjergryggen norden for Bet-Araba og ned i Arabalavningen;
Ammas gara tabba kaaba Arabbaatti itti fufee gara Arabbaatti gad buʼa.
19 så går den videre til bjergryggen norden for Bet-Hogla og ender norden for Salthavets Bugt ved Jordans Udløb; det er Sydgrænsen.
Ergasii tabba kaaba Beet Hoglaatti qajeelee karaa kaaba galoo Galaana Soogiddaa kan karaa kibbaatiin afaan Yordaanositti argamtuutiin baʼa. Kun daarii karaa kibbaa ti.
20 Mod Øst danner Jordan Grænse. Det er Benjaminiternes Arvelod med dens Grænser efter deres Slægter.
Lagni Yordaanosis karaa baʼaatiin daarii taʼa. Isaan kunneen daariiwwan dhaala ilmaan Beniyaamiitiif karaa hundaan dhaabamanii dha.
21 Og Benjaminiternes Stammes Byer efter deres Slægter er følgende: Jeriko, Bet-Hogla, Emek-Keziz,
Magaalaawwan gosti Beniyaam akkuma maatii maatii isaaniitti argatan kanneenii dha: Yerikoo, Beet Hoglaa, Eemeqi Qaziizi,
22 Bet-Araba, Zemarajim, Betel,
Beet Arabbaa, Zemaaraayim, Beetʼeel,
24 Kefar-Ammoni, Ofni og Geba; tilsammen tolv Byer med Landsbyer.
Kefar Aamoonaay, Ofnii fi Gebaa dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii kudha lama turan.
25 Gibeon, Rama, Be'erot,
Gibeʼoon, Raamaa, Biʼeerooti,
Miisphaa, Kefiiraa, Moozaa,
27 Rekem, Jirpe'el, Tar'ala,
Reqem, Yirphiʼeel, Taraalaa,
28 Zela, Elef, Jebus, det er Jerusalem, Gibeat og Kirjat-Jearim; tilsammen fjorten Byer med Landsbyer. Det er Benjaminiternes Arvelod efter deres Slægter.
Zeelaa, Haaʼelef, magaalaa Yebuusotaa jechuunis Yerusaalem, Gibeʼaa fi Qiiriyaati; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii kudha afur turan. Dhaalli gosti Beniyaam balbala balbalaan argate kana ture.