< Salme 37 >

1 Af David. Græm dig ikke over Ugerningsmænd, misund ikke dem, der gør Uret!
Faarfannaa Daawit. Ati sababii namoota hamootiif jettee hin aarin yookaan warra jalʼina hojjetanitti hin hinaafin.
2 Thi hastigt svides de af som Græsset, visner som det friske Grønne.
Isaan akkuma margaa dafanii coollagu; akkuma biqiltuu misee dafanii gogu.
3 Stol paa HERREN og gør det gode, bo i Landet og læg Vind paa Troskab,
Waaqayyoon amanadhu; waan gaariis hojjedhu; biyyattii keessa jiraadhu; nagaas qabaadhu.
4 da skal du have din Fryd i HERREN, og han skal give dig, hvad dit Hjerte attraar.
Waaqayyotti gammadi; innis hawwii garaa keetii siif guuta.
5 Vælt din Vej paa HERREN, stol paa ham, saa griber han ind
Karaa kee Waaqayyotti kennadhu; isa amanadhu; inni siif milkeessa.
6 og fører din Retfærdighed frem som Lyset, din Ret som den klare Dag.
Inni qajeelummaa kee akka aduu ganamaatti, murtii kee immoo akka aduu saafaatti ibsa.
7 Vær stille for HERREN og bi paa ham, græm dig ej over den, der har Held, over den, der farer med Rænker.
Waaqayyo duratti calʼisi; obsaanis isa eeggadhu; nama karaan isaa qajeeleefitti, kan hammina hojjetuttis hin hinaafin.
8 Tæm din Harme, lad Vreden fare, græm dig ikke, det volder kun Harm.
Aarii irraa of eegi; dheekkamsa irraas deebiʼi; hin aarin; aariin hammina qofatti nama geessaatii.
9 Thi Ugerningsmænd skal ryddes ud, men de, der bier paa HERREN, skal arve Landet.
Namoonni hamoon ni balleeffamuutii; warri Waaqayyoon abdatan garuu lafa dhaalu.
10 En liden Stund, og den gudløse er ikke mere; ser du hen til hans Sted, saa er han der ikke.
Namoonni hamoon yeroo xinnoodhaaf malee siʼachi hin jiraatan; yoo ati isaan barbaadde illee hin argaman.
11 Men de sagtmodige skal arve Landet, de fryder sig ved megen Fred.
Garraamonni garuu lafa ni dhaalu; nagaa guddaadhaanis ni gammadu.
12 Den gudløse vil den retfærdige ilde og skærer Tænder imod ham;
Namoonni hamoon nama qajeelaatti mariʼatu; ilkaan isaaniis isatti qaratu;
13 men Herren, han ler ad ham, thi han ser hans Time komme.
Gooftaan hamootatti ni kolfa; inni akka guyyaan isaanii dhiʼaate ni beekaatii.
14 De gudløse drager Sværdet og spænder Buen for at fælde arm og fattig, for at nedslagte dem, der vandrer ret;
Namoonni hamoon hiyyeeyyii fi rakkattoota lafaan dhaʼuudhaaf, warra karaan isaanii qajeelaa taʼe immoo gorraʼuudhaaf, goraadee isaanii luqqifatu; iddaa isaaniis ni dabsatu.
15 men Sværdet rammer dem selv i Hjertet, og Buerne brydes sønder og sammen.
Goraadeen isaanii garuu garaadhuma isaanii waraana; iddaan isaaniis ni caccaba.
16 Det lidt, en retfærdig har, er bedre end mange gudløses Rigdom;
Badhaadhummaa hamoonni baayʼeen qaban irra, waan xinnoo namni qajeelaan qabu wayya;
17 thi de gudløses Arme skal brydes, men HERREN støtter de retfærdige;
humni hamootaa ni cabaatii; Waaqayyo garuu qajeeltota jabeessee ni dhaaba.
18 HERREN kender de uskyldiges Dage, deres Arvelod bliver evindelig;
Waaqayyo bara tolootaa ni beeka; dhaalli isaaniis bara baraan jiraata.
19 de beskæmmes ikke i onde Tider, de mættes i Hungerens Dage.
Isaan bara hamaa keessa hin qaanaʼan; bara beelaa keessas ni quufu.
20 Thi de gudløse gaar til Grunde, som Engenes Pragt er HERRENS Fjender, de svinder, de svinder som Røg.
Namoonni hamoon garuu ni barbadaaʼu; diinonni Waaqayyoos akkuma miidhagina daraaraa dirree ti; isaan ni badu; akkuma aaraa ni badu.
21 Den gudløse laaner og bliver i Gælden, den retfærdige ynkes og giver;
Namoonni hamoon ni liqeeffatu; garuu deebisanii of irraa hin baasan; qajeeltonni garuu arjummaadhaan kennu;
22 de, han velsigner, skal arve Landet, de, han forbander, udryddes.
warri Waaqayyo eebbisu lafa ni dhaalu; warri inni abaaru garuu ni balleeffamu.
23 Af HERREN stadfæstes Mandens Skridt, naar han har Behag i hans Vej;
Adeemsi nama Waaqayyo biraa ajajama; inni karaa namicha sanaatti ni gammada.
24 om end han snubler, falder han ikke, thi HERREN støtter hans Haand.
Inni yoo gufate illee lafa hin gaʼu; Waaqayyo harka isaatiin qabee isa dhaabaatii.
25 Ung har jeg været, og nu er jeg gammel, men aldrig saa jeg en retfærdig forladt eller hans Afkom tigge sit Brød;
Ani dargaggeessan ture; amma immoo dulloomeera; garuu qajeeltonni gatamuu isaanii yookaan ijoolleen isaaniis buddeena kadhachuu isaanii hin argine.
26 han ynkes altid og laaner ud, og hans Afkom er til Velsignelse.
Qajeeltonni yeroo hundumaa ni arjoomu; ni liqeessus; ijoolleen isaaniis ni eebbifamu.
27 Vig fra ondt og øv godt, saa bliver du boende evindelig;
Waan hamaa irraa deebiʼiitii waan gaarii hojjedhu; yoos ati bara baraan ni jiraatta.
28 thi HERREN elsker Ret og svigter ej sine fromme. De onde udslettes for evigt, de gudløses Afkom udryddes;
Waaqayyo murtii qajeelaa jaallataatii; warra isaaf amanamanis hin gatu. Isaanis bara baraan ni eegamu; sanyiin hamootaa garuu ni balleeffama.
29 de retfærdige arver Landet og skal bo der til evig Tid.
Qajeeltonni lafa ni dhaalu; bara baraanis ishee irra ni jiraatu.
30 Den retfærdiges Mund taler Visdom; hans Tunge siger, hvad ret er;
Afaan nama qajeelaa ogummaa dubbata; arrabni isaas murtii qajeelaa labsa.
31 sin Guds Lov har han i Hjertet, ikke vakler hans Skridt.
Seerri Waaqa isaa garaa isaa keessa jira; miilli isaas hin mucucaatu.
32 Den gudløse lurer paa den retfærdige og staar ham efter Livet,
Namoonni hamoon qajeeltota gaadu; isaan ajjeesuus ni barbaadu;
33 men HERREN giver ham ej i hans Haand og lader ham ikke dømmes for Retten.
Waaqayyo garuu harka isaaniitti jara hin dhiisu yookaan yommuu isaan murtiitti dhiʼeeffamanitti, akka isaanitti murteeffamu hin eeyyamu.
34 Bi paa HERREN og bliv paa hans Vej, saa skal han ophøje dig til at arve Landet; du skal skue de gudløses Undergang.
Waaqayyoon eeggadhu; karaa isaas eegi. Inni akka ati lafa dhaaltuuf ulfina siif kenna; atis badiisa hamootaa ni argita.
35 Jeg har set en gudløs trodse, bryste sig som en Libanons Ceder —
Nama hamaa fi gara jabeessa, isaa akkuma muka iddoon isaa itti tolee jiru nan arge.
36 men se, da jeg gik der forbi, var han borte; da jeg søgte ham, fandtes han ikke.
Ergasiis achiin nan darbe; inni garuu achi hin turre; ani cimsee isa nan barbaade; inni garuu hin argamne.
37 Vogt paa Uskyld, læg Vind paa Oprigtighed, thi Fredens Mand har en Fremtid;
Nama mudaa hin qabne yaadatti qabadhu; tolootas ilaali; sanyiin nama nagaa hin baduutii.
38 men Overtræderne udryddes til Hobe, de gudløses Fremtid gaar tabt.
Cubbamoonni hundinuu garuu ni barbadeeffamu; galgalli nama hamaas hin tolu.
39 De retfærdiges Frelse kommer fra HERREN, deres Tilflugt i Nødens Stund;
Fayyinni qajeeltotaa Waaqayyo biraa dhufa; inni yeroo rakkinaatti daʼoo isaanii ti.
40 HERREN hjælper og frier dem, fra de gudløse frier og frelser han dem; thi hos ham har de søgt deres Tilflugt.
Waaqayyo isaan gargaara; isaan oolchas; harka namoota hamoo jalaa isaan baasa; isaan baraaras; isaan isatti kooluu galaniiruutii.

< Salme 37 >